“Injifannoon Gootota Itoophiyaa tokkummaadhaan ceesisuun akka danda’amu agarsiisa” – Pirezdaanti Saahilawarqi Zawudee

Finfinnee: Injifannoon Gootota tokkummaafi walta’uudhaan Itoophiyaa gara boqonnaa fooyya’aatti ceesisuun akka danda’amu barumsa kan kennu ta’uu Pirezdaantiin Itoophiyaa Saahilawarqi Zawudee ibsan. Dhaloonni amma jiru gootota Itoophiyaarraa tokkummaa barachuu akka qabuus hubachiisaniiru.

Guyyaan goototaa 82ffaa mataduree “Wajjummaa jabinaafi injifannoof” jedhuun kaleessa bakka Pireezdaanti Saahilawarqi dabalatee aangawoonni mootummaa olaanoo, gootonnifi maatiinsaanii, miseensoonni poolisii federaalaafi raayyaa ittisa biyyaa argamanitti kabajamee ooleera.

Pirezdaantiin Waldaa Gootota Duraanii Itoophiyaa Lij Daani’eel jootee Masfin gamasaaniin, abbootiin kan dhaalchisaniin diinaaf bitamuu dhabuu qofa osoo hintaane waltumsuufi walkabajuus ta’uu ibsaniiru. Dhaloonni ammaas kana ittifufsiisuufi tokkummaadhaan dhaabachuu dhaaluu qaba jedhaniiru.

Raayyaa Ittisa Biyyaa bakka bu’uun saganticharratti kan argaman Mejar Janaraal Indaalkaachoo Waldakidaanis raayyaan ittisa biyyaa goototarraa ogummaa biyya qormaatarraa oolchuu barachuu himuusaanii TOI irraa odeeffanne.

BARIISAA SANBATAA Ebla 28 Bara 2015

Recommended For You

5 Comments to “ “Injifannoon Gootota Itoophiyaa tokkummaadhaan ceesisuun akka danda’amu agarsiisa” – Pirezdaanti Saahilawarqi Zawudee

  1. Pingback: 누누티비
  2. Pingback: diyala research
  3. Pingback: sugar high gummies

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *