Tiraanisfoormeeshinii qonnaa Oromiyaa mirkaneessuuf inisheetiiviiwwan haaraan 13 ifa ta’an

Finfinnee: Tiraanisfoormeeshinii misooma qonnaa naannichaa mirkaneessuuf inisheetiivii haaraa 13 bara 2015tti hojiirra oolchuuf adda ba’uu Manni Marii Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Oromiyaa ifoomse. Marii marsaa 2ffaan mana marichaa kaleessa adeemsifame.

Pirezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa maricharratti argamuun haasawa taasisaniin, tiraansifoormeeshinii qonna Oromiyaa dhugoomsuuf dinagdeen qonnaa saayinsiin hogganamuu qaba jedhan.

Manni maree tiraanisfoormeeshinii ogeessa, qorattoota yunivarsitootaafi hoggansa waliin ta’uun inisheetivoota raawwataman raawwachaa gara fuulduraatti kanneen hojjetamaniif of qopheessaa akka deemamuuf murteessaa ta’uus eeraniiru.

Jijjiirama qonnaa sadarkaa biyyaatti mul’achaa jiruuf utubaawwan tiraanisfoormeeshini hayyootaan qoratamanii adda ba’an bu’uura godhachuun naannichati hojii hojjetame akka ta’e ibsaniiru.

Beekumsi sadarkaa kilaastariitti rakkoo naannawaa bu’uura godhachuun furmaata akka fidu jijjiiramni inisheetivoota eegalamanirraa mul’achaa jiraachuus himanii, utubaawwan tiraanisfoormeeshinii bu’uura godhachuun inisheetiivota 13 haaraa ifa ta’an dabalatee galmaan ga’uuf ogeessi, ummati, hoggansifi manni marichaa tumsuu qabu jedhaniiru.

Sadarkaa pirezdaantii ittaanaatti qindeessaan kilaastarii misooma baadiyyaa Oromiyaa obbo Abdurahamaan Abdallaa haasawa taasisanin, tiraanisfoormeeshinii qonna naannichaa dhugoomsuuf utubaawwan tiraansfoormeeshinii sagal hayyotaan qoratamanii adda baasuun Mana Maree Tiraanisformeeshinii qonnaa hundeessuun hojjetamaa jira jedhan.

Tiraanisfoormeeshinicha galmaan ga’uuf haala qilleensasaafi dandeettii omishaasaa kutaalee naannichaa bu’uura godhachuun kilaastaroota torbatti qoodamuun hojii keessa galameera. Hojiilee hamma ammaatti hojjetameen bu’aa abdachiisaan galmaa’aa jiraachuus ibsaniiru.

Walgahiin mana marichaa raawwii tiraanisfoormeshinii, rakkolee mudatan addaa baasuun bara 2015 inisheetivota haaraa hojiirra oolan hubachuun tumsa gochuuf shoora olaanaa qaba jedhaniiru.

Marsaa jalqabaatti utubaaleen tiraansformeeshinii saglanirraa inishetivoonni 15 madduu eeranii wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu, omisha alaa galu kan biyya keessan bakka buusuu, omisha alergiifi carraa hojii umuu mirkaneessuuf qabeenyafi beekumsa bittinnaa walitti qindeessuun misooma waloof oolchuuf hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Maricharraa Biiroon Qonnaa Oromiyaa lafa heektaara miliyoona 11 qotamuufi kitaastaroonni akka qoodamanitti gosaafi hamma omishan omishuu qabanii ifa ta’e hubachuun danda’meera.

Qindeessaan tiraanisfoormeeshinii qonnaa Oromiyaa Doktar Saamu’eel Tufaa raawwiifi karoora bara 2015 mana marichaaf wayita dhiyeessanitti akka jedhanitti, tiraansfoormeshinii eegalame ariitii, baayyinafi qulqullinaan omishuun tiraansfoormeshinicha dhugoomsuuf gargaara jedhaniiru.

Bara omishaa ittaanutti Inisheetivota marsaa jalqabaa 15 jiranirraatti inisheetivota haaraa 13 dabalamuu eeranii karoora bara 2015 kilaastaroonni torbanitti akaakuu midhaan omishanii, baayyina omishaa waliigala lafa heekitaara miliyoona 11 sanyiidhaan uwwisuun callaa miliyoona 100 ol ta’u omishuuf karoorfamuus ibsaniiru.

Waltajjicharratti kan argaman ministirri Qonnaa Doktar Girmaa Amantees muuxannoon damee qonnaatti Oromiyaatti argame sadarkaa biyyaatti akka babal’atuuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Ebla 28 Bara 2015

Recommended For You

5 Comments to “ Tiraanisfoormeeshinii qonnaa Oromiyaa mirkaneessuuf inisheetiiviiwwan haaraan 13 ifa ta’an”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *