Magaalonni Oromiyaa keessa jiran Oromoo akka fakkaataniif hojjetamaa jira

Finfinnee: Magaalonni Oromiyaa keessatti argaman Oromoo akka fakkaataniif hojjetamaa akka jiru Biiroon Misooma Magaalaa Oromiyaa beeksise.

Marii Gumii Balal marsaa 31ffaa kaleessa mata duree “Oromoofi Magaala” jedhurratti Hogganaan biirichaa Obbo Mahammad Guyyee haasaa taasisaniin akka jedhanitti, baroota dheeraaf Oromiyaa keessatti magaalonni yommuu hundeeffamanis ta’ee babal’atan lafasaa malee ummatni Oromoo achi keessatti hinbarbaadamu ture.

Haa ta’u malee, erga jijjiirramni kun dhufee Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa rakkina kana hundeerraa maqsuuf seerota haara fi tarsimoowwan bulchiinsa magaalaa baasuun hojjechaa jiraachuu eeranii, adeemsa rakkoo kana furuu keessattis jireenya ummata magaalaa fooyyeessuufi magaalota pilaaniidhaan hogganuun dhimma xiyyeeffannoo addaan irratti hojjetamaa jiru ta’uu ibsu.

Bartee kaleessaa keessaa ba’uun qorannoofi muuxannoo biyyoota biraa irraa fudhachuun haala yeroon barbaaduun magaalota beekumsaan hoogganun barbaachisaa ta’uu himu.

Kaantibaan Magaala Shaggar Doktar Tashoomaa Addunyaa gamasaanitiin, seenaa biyya Itoophiyaa keessatti magaalonni Oromiyaa keessa jiran Oromoo kan hinfakkaanne , ummata Oromoo kan dhiiban malee kan hin hammanne akka turan ibsaniiru.

Seena qofas osoo hintaane yeruma dhiyoo keessallee eenyummaa Oromoo dhabamsiisudhaaf bifa gurmaa’en hojiin seeraan ala mandara hundeessudhaaf hojjetame Magaala Shaggar keessatti mul’achuusaa kaasu. Kana furuufis bulchiinsi magaalichaa tarkaanfii seera qabeessa ta’e fudhatee jiraachus ni kaasu.

Magaalonni naannicha keessatti argaman foolii Oromummaa akka qabaataniif mootummaan naannichaa labsii misooma magaala fooyyeessee hojjechaa akka jiru himanii, hundeeffamni Magaala Shaggaris kana galmaan gahuuf tarkaanfilee fudhataman keessaa isa tokko ta’uu ibsu.

Misoomni magaalichaas eenyuuyyuu eenyuunu akka hinliqimfamne taasifamaa akka jiru ibsuun qonnaan bulaa magaalicha keessa jiru lafa qabsiisuf jireenya magaalaa akka shaakalu gochuun ragaan abbaa qabiyyummaa kennamaafii jira.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 28 Bara 2015

Recommended For You

5 Comments to “ Magaalonni Oromiyaa keessa jiran Oromoo akka fakkaataniif hojjetamaa jira”

  1. Pingback: incestuous sex
  2. Pingback: Jaxx Liberty

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *