Yaa’ii Mana Marii Ispoortii Oromiyaa 19ffaarratti murteewwan jajjaboo misooma ispoortii cimsan darban

Finfinnee: Ispoortiin hojii dabalataa osoo hintaane akka hojii ijootti xiyyeeffannoo argatee irratti hojjetamaa hinjiru. Kunimmoo dhaloonni duubaan dhufu sammuu, qaamaafi namusa gaariin ijaaramee akka hinbaane sababa ta’aa tureera. Damee ispoortiif xiyyeeffannoo cimaa kennanii kanneen hojjetan ofirra darbanii biyyasaanii maqaa waamsisaniiru; dinagdeenis humnaa’aa jiru.

Dhaloonni duubaan dhufu ga’umsa ispoortii gara garaan ijaaramee akka guddatuuf yaa’ii 19ffaa Manni Marii Ispoortii Oromiyaa tibbana bakka qondaltonni mootummaa naannoo Oromiyaa Pirezdaantii Ittaanaa Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii, Hoggantuun Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Saamiyaa Abdallaafi qaamonni dhimmichi ilaallatu argamanitti Magaalaa Adaamaatti kan gaggeeffame yoo ta’u, yaa’icharratti xiyyeeffannoon misooma ispoortiif taasifamu cimuu akka qabu murtaa’eera.

Yaa’ii Mana Maree Ispoortii Oromiyaa 19ffaan waggaa torba booda gaggeeffame sochii ispoortii Oromiyaa keessatti taasifaman kan cimsu ta’uunis himameera.

Yaa’iin waggoota torbaaf addaan citee kan ture kun ammaan booda mana maree ispoortii sadarkaa nannoorraa kaasee hanga aanaatti yeroosa eeggatee akka gaggeeffamu murtaa’eera.

Oromiyaa keessatti lakkoofsi dargaggootaa dhibbantaa 70 daa’imman manneen barnootaa keessa jiranimmoo miliyoona 11 yoo ta’an, isaan kunneen kan boru biyya bulchan waan ta’aniif sammuufi qaamaan akka guddataniif ispoortiin cimsuun barbaachisaadha jedhameera.

Ispoortiin hojii dabalataa osoo hintaane hojii ijoo dhaloonni ittiin ijaaramu waan ta’eef xiyyeeffaannoon kennameefii irratti hojjetamuu akka qabus yaa’icharratti eerameera.

Rakkooleen kilaboota ispoortii Oromiyaa sakaalan qorannaan adda bahan yeroo gabaabaa keessatti furuuf kan hojjetamu ta’uunis himameera. Kana malees ispoortiin manneen barnootaa keessatti gaggeeffamaa ture xiyyeeffannoo addaa argatee irratti hojjetamuu akka qabuuf kallattiin taa’eera.

Damee ispoortii kana baajataan deggaruuf Biiroon Galii Oromiyaa bifa qindaa’aa ta’een galii ispoortii funaanuu akka qabu, nagaheenis karaa mana maxxansaa Meelbaa qophaa’uu akka qabu hubachiisaniiru.

Bakkeewwan Oolmaa Ispoortii jiran hanga Waxabajjii 30tti ragaa abbummaa (Kaartaa) akka argatan ni taasifamu. Ijaarsaawwan oolmaa ispoortii harkifatanis yeroon xumuramuu akka qaban hordoffiifi deggarsi barbaachisu taasifamus kan cimu ta’uu eerameera.

Sochiin ispoortii hawaasaa bakkeewwan hundatti si’aayinaan gaggeeffamuun dorgomtoota hanga addunyaatti bu’aa galmeessisan horachuuf kan hojjetamu ta’uunis ibsameera.

Ya’iin ittaaanu ganna kana bifa hawwataa ta’een tapha ispoortiin deeggaramee akka gaggeeffamuuf gamanumaa qophiin kan taasifamu ta’uu Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaarraa odeeffanne.

Waasihun Takileetiin BARIISAA SANBATAA Ebla 21 Bar

Recommended For You

4 Comments to “Yaa’ii Mana Marii Ispoortii Oromiyaa 19ffaarratti murteewwan jajjaboo misooma ispoortii cimsan darban

  1. Pingback: useful reference
  2. Pingback: iTunes gift card

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *