Festivaaliin Sarkasii jalqabaa Finfinneetti adeemsifamuufi

Finfinnee: Qindoomina Waldaa Biyyaalessaa Sarkasii Itoophiyaa, Ministeera Aadaafi Ispoortiifi ‘Flawless Events’n kan qophaa’u Festivaaliin Sarkasii jalqabaa Ebla 27-29 bara 2015tti Finfinnee, Giddugala Aadaa Itoophiyaatti kan adeemsifamu ta’a.

Pirezdaantiin waldichaa Obbo Takiluu Ashaagiree festivaalicha ilaalchisuun ibsa kaleessa miidiyaaf kennaniin akka jedhanitti, fesitivaalichi aadaafi duudhaalee hawaasummaa Itoophiyaa addunyaatti beeksisuuf, qooda fudhattoota biyyoolessaatti agarsiisuun walitti hidhamiinsa gabaa uumuufi muuxannoo waljijjiiruuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.

Aartistoonni Sarkasii Itoophiyaa waltajjii addunyaarratti beekamaniifi gareewwan Sarkasii naannolee biyyattii torbarraa walitti babba’an 43 festivaalicharratti hirmaachuun agarsiisa isaanii kan dhiyeessan ta’uu himanii, festivaalicharratti mariin paanaaliifi dorgommiin sarkasiis kan adeemsifamu ta’uu himaniiru.

Festivaalichi sadarkaa biyyoolessaa haala eegeen akka qophaa’uuf ogeessota tekinikaa biyyoota gara garaa fichisiisuuf qophiirra jirachuu himanii, sarkasii guyyoota sadiif walitti aansee adeemsifamu kanarratti sarkasiin dinagdee, hawaasummaafi siyaasa keessatti faayidaa maalii akka qabu kan ibsamu ta’a. Festivaalicharratti daawwattoonni kuma 20 ol kan argaman ta’uus eeraniiru.

Waltajjicharratti artistoonniifi kubbaaniyaawwan Sarkasii hojiisaanii sadarkaa biyyoolessaatti akka beeksifataniif carraa gaarii kan uumu ta’uu himanii, akkasumas dhaabbatawwan Sarkasii adda addaa waliin akka wal arganiif carraa gaarii kan uumu ta’uus himaniiru

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 21 Bara 2015

Recommended For You

5 Comments to “ Festivaaliin Sarkasii jalqabaa Finfinneetti adeemsifamuufi

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *