Walwaraansa Kaaba Itoophiyaatti waggoota lamaa oliif mudataa tureen hawaasni hedduu qe’eef qabeenyasaarraa buqqa’uun eeggattummaa jalatti akka kufu godheera, qabeenyi hedduu gamlamaaniinuu barbadaa’eera, hawaasni dur walkeessa deemee daldalatee dinagdeen of humneessuuf socho’aa tures daanga’uun har’a hiyyumaaf saaxilameera.
Walwaraansa kanaaf gama lamaaniinuu qabeenya barbadaa’een alatti baasiin waraanicha gaggeessuuf ba’e dinagdee biyyattii daran booddeetti harkiseera. Waraanni dinagdee barbadeessa, hawaasa buqqisa, isa kanammoo mudannoowwan biyyoonni akka Sooriyaa, Sudaan, Afgaanistaanirraa barachuun ni danda’ama.
Walwaraansa Kaaba Itoophiyaatti mudachuun gaaga’ama dinagdeefi dhumatii lammiileef sababa ta’e kana karaa nagaa ilaafi ilaameen xumuruuf waliigalteen Piriitooriyaatti ta’e ija godhachuu eegaleera.
Qondaaltonni bulchiinsa yeroo Tigraay Obbo Getaachoo Raddaan Durfamaniifi mootummaan Itoophiyaa torban darbe Finfinnee, Paarkii Michoominaatti walarguun adeemsa turerratti haasa’aa taasisaniiru.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahimed waliigaltee Piriitooriyaa ilaalchisuun haasaa taasisaniin, waggaa lama wal waraanuurra, waggaa 20 mari’achuun kan filatamu ta’uu kaasaniiru. Kunimmoo diiguun salphaa ta’uu, ijaaruun ammoo yeroo dheeraa akka gaafatu kan ibsudha. Biyya ijaaruuf humni namaa, maallaqni, yeroofi baasiin gara garaa itti ba’u olaanaa yoo ta’u, waraana xiqqoon diigamuu danda’a.
Itoophiyaan seenaa waraanaa baay’ee qabdi, seenaa waraanaa kana har’a ofitti deebisuu ykn waraana babal’isuun dinagdeen quucaruu, dukkanaan nyaatamuu, lammiilee buqqisuu yoo ta’een alatti bu’aan argamu hinjiru jedhu.
Walwaraansa Kaaba Itoophiyatatti mudateen qabeenyi barbadaa’eera, miidhaan hedduu qaqqabeera, lammiileen buqqa’aniiru, kanarraa barannee karaa ammayyoomeen waldhabdee jiru ilaafi ilaameen xumuruun nurraa eegama jedhu Doktar Abiyyi.
Yeroo ammattis adeemsi nagaa buusuu jalqabame jajjabeessaa ta’uusaan namoota nagaa kana buusuuf hojjetaniif kennaa galataa kan laatan yoo ta’u, jalqabbin kun hojiitti hiikamee Itoophiyaa badhaate ijaaruuf hunduu tumsuu qaba jedhaniiru.
Dhaloonni barnootasaarraa addaan cite itti deebi’uu qaba, hawaasni qe’eef qabeenyasaarraa buqqa’e bakkatti deebi’uu qaba, kunimmoo ija akka godhatuuf Pirezidaantonni naannoolee biyyattii hundi kutannaan hojjechuu akka qaban kaasaniiru.
Wanti afaan qawweerraa ba’uufi jechi hamaan afaan namaarraa ba’u nama ajjeesa, nama buqqisa, dinagdee golgoleessa, kanaaf waraanni nugaha jedhee hunduu naga buusuuf hojjechuu qaba. Sochiin hawaasaa daanga’uun dinagdeen akka naafatu godha, ba’anii galuufi daldalanii buufachuun dinagdeen of ijaaruun akka hindanda’amne taasisa.
Walwaraansi kun dhaabatee dhaloonni nagaan bahee nagaan akka galu, hojjetee akka of jijjiiruf sochiin hawaasummaa bakka dur turetti deebi’uu qaba. Haadholiin hedduu boo’aa jiru, beela’aa jiru, hojiin keenya kana boodaa isaanirraa imimmaan haquufi humneessuuun seenaa waraanaa araaraan goolabuufi biyya badhaate ijaaruudha.
Walwaraansa Kaaba Itoophiyaan alattis akka Oromiyaatti waldhabdee ABO Shanee waliin mudataa jiruun hawaasni hojjetee of jijjiiruu dadhabeera, bahanii galuun rakkoo ta’eera, kaan qe’eef qabeenyasaaniirraa buqqa’aniiru, isa kana furuuf ammas waraana caalaa mariin furuuf hojjetamaa jira.
Waraana odeessuu keessaa baanee karaa ammayyoomeen mariin waldhabdee furree biyya badhateefi hundaa walqixa tajaajiltu ijaaruuf hunduu tumsa gochuu qabu. Mariin ABO Shanee waliin taasifamus Kibxata darberraa eegalee Taanzaaniyaatti akka gaggeeffamu himanii, kun uummatichaaf aaragalfii ta’a jedhaniiru.
Nagaan waan hundaadha, dinagdeedha, guddina, jijjiirama, misooma, dukkana ibsa kan jedhan Doktar Abiyyi, kana lafa qabsiisuuf waldhabdee yaadaa mariin furuufi biyya fulduratti tarkanfachiisuun barbaachisaadha jedhaniiru. Isa kanaaf hunduu tumsa gochuu akka qabu gamanumaa dhaamaniiru.
Pirezidaaantiin Yeroo Bulchiinsaa Mootummaa Nannoo Tigraay Obbo Getaachoo Raddaa gamasaniin akka jedhanitti, waraanni kaaba Itoophiyaa kun osoo hinmudanne ta’ee Itoophiyaan guddinaan ni fagaatti turte” Waldhabdee mudatee ture mariin furuu dhabuu keenyaaf lammiileen buqqa’anii eeggattummaaf saaxilamniiru. Maatii koo dabalatee hedduun har’a eeggttummaa jala jiru, haadholiin, daa’imman gatii hinmalle kaffalaniiru, qabeenyi hedduun barbadaa’eera. Kun Itoophiyaaf miidhaa guddaadha.
Barattoonni waggoota afuriif barnoota saaniirraa addaan citanii jiru, isaan kana deebisanii ijaaruun, warra buqqa’e deebisanii dhaabuun qonnaan bulaan qotee facaasee, aramatee oomishachuun gabaaf dhiyeessuu akka qabuuf hojjetamuu qaba.
Kan kaleessa omishee ofirra darbee gabaaf dhiyeessaa ture har’a eeggattummaa jalatti kufuun ulfaataadha kan jedhan Obbo Getaachoon, hawaasa kana deebisanii ijaaruuf tumsi barbaachisaa ta’uus kaasaniiru.
Hawaasni akka kaleessaa walkeessa deemee daldalatee of jijjiiruu qaba. Mariin nageenyaa jalqabe galma akka gahuuf ammallee hojjetamuu qaba. Kan qe’eesaarraa buqqa’e, qabeenyisaa barabadaa’e deebi’ee akka of ijaaruuf tattaaffiin eegalame cimuu qaba.
Geejjibni Finfinneerraa gara Tigraay geessu karaa Affaar eegalamuu kan isaan gammachiise ta’uu himanii, karaa naannoo Amaaraas haalli mijataan uumameefii sochiin jalqabuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Waraanni biyya diiga, dinagdee barbadeessa inni jedhu eenyuufuu ifadha. Itoophiyaa dinagdeen ijaaruuf hamma kaanetti nageenya waaraa fiduuf of kennanii garaarraa hojjechun barbaachisaadha.
Waraana Kaaba Itoophiyaan alatti nananoolee Oromiyaafi bakkeewwan birootti waldhabdeen jirachuu kan kaasan Obbo Getaaachoon, kunis karaa qaroomeen mariin furuun biyyattiif hiika guddaa qaba jedhu.
Itoophiyaan biyya nageenya ollaasheef wabii taatu malee sodaa taatu ta’uu hinmaltu kan jedhan Obbo Geetaachoon, walwaraansa dhaabuun mariin dubbii furanii nageenya waaraa mirkaneessuuun barbaachisaadha.
Nageenyi dhibuun qonnaan bulaan hojjetee akka of hinjijjiirre wabii midhaan nyaataan of danda’uusaa akka hinmirkaneeffanne taasisuun hirkattummaan akka babal’atu waan godhuuf gamanumaa waldhabdee nagaan furuuf sochiin eegalame cimuu qaba. Tarkaanfii mootummaan Itoophiyaa nageenya mirkaneessuufi waldhabdeen karaa nagaafi mariidhaan akka furamu taasisuuf raawwachaa jiru jajjabeessaadha. Dimmi mariin waldhabdee furuu qaroomina waan ta’eef cimee itti fufuu qaba jedhu Obbo Geetaachoon.
Itoophiyaan gatii waraanniifi nageenyi qabu argiteetti waan ta’eef kana booda fuulli lammiileeshee gara misoomaa dinagdeen of humneessuutti xiyyeeffachuu qaba kana jedhan ammoo Dura Taa’aa Gamtaa Afrikaa Muusaafaakii Mahaamaati.
Waraanni gatii hinmalle kaffalchiisuusaa hubachuun waldhabdee mariin furachuu danda’uun, Itoophiyaan imala jijjiiramaa guddaa taasisaa akka jirtu kanamalees dhimmi Afrikaa Afrikaanotaan furuu isa jedhu kan dhugoomsedha.
Tarkanfii Itoophiyan nageenya buusuuf fudhatte Afrikaanota biroof fakkeenya gaarii irraa baratamu qabu ta’uu himanii, waraanni dinagdee barbaadeessa, qorqalbii lammiilee jaamsa, kanaaf waldhabdee mariin furuun furmaata waaraa dinagdeefi hawaasummaa cimuudha jedhu.
Waraanni hiyyummaa fida, lammiilee buqqisa, kana jalaa of baraaruufi immoo mariin dubbii fixuun fala kan jedhan Ammoo Oliseegoon Obsanjoodha.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadis ta’an hooggantoonni Naannoo Tigraay mariifi araaraaf of kennanii asirra gahuunsaanii nama gammachiisa, nageenyarraa malee waraanarraa wanti bu’u hinjiru. Kanaafuu marii jalqabame kana itti fufsiisuun hariiroo hawasummaa lammiilee addaan cite ture bakkatti deebisuun biyya badhaate ijaaruun olla ofiif fakkeenya ta’uudha.
Kana booda maqaan Itoophiyaa waraanaan osoo hintaane biyya dinagdeen caaltee argamte taatee akka mul’attuuf hunduu tumsa eegale cimsee itti fufuu qaba ergaa jedhus dabarsaniiru.
Walumaagalatti walwaraansi akka biyyatti mudataa jiru dinagdee kan golgoleessu, hawaasummaafi sochii lammiilee kan daangessu, biyya kan kuffisu waan ta’eef waraana dhiisnee mariin nageenya buusuun Itoophiyaa dinagdeen badhaatee hunda tajaajiltu ijaaruuf ofkennanii kutannaan hojjechuun barbaachisaadha.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 21 Bara 2015
4 Comments to “ “Waraanni dinagdee mancaasa, lammiilee buqqisa, nagaaf dursa laanna” -Doktar Abiyyi Ahmad Walwaraansi kun osoo hinmudanne ta’ee Itoophiyaan dinagdeen ni fagaatti ture” -Obbo Getaachoo Raddaa”