Qabsoo abbaa irraa dhaalee dhaloota dhaloota kan dhaalchise, gootota akka Jeneraal Waaqoo Guutuu, Huseen Buneefi Koloneel Adam Jiloo jalatti guddatee gootota hedduu kan horate ilmi qabsaa’aa hangafa Oromoo koloneel Haaj Adam Jiloo Obbo Abdurraazaaq Adam keessummaa bariisaa torbee kanaati.
Bariisaa: Dursinee mee wal haabarruu?
Obbo Abdurrazaaq: Hayyee, Abdurazaaq Aadam Jiloo jedhama. Kanan dhaladheefi guddadhe immoo Godina Baalee Aanaa Madda Walaabuutti. Haalli guddinaa kiyyaa irra jireessaan loon tiksaafi maatii gargaaraatiin guddadhe. Guddinni kiyya kan ijoollee biraa irraa wanti adda taasisu jira. Innis maali yoo jette, ijoolleen biraa hanga guguddatanii umuriinsaanii fuudhaaf gahutti jabbilee irraa eegalanii re’ootaafi loon tiksaatuma guddatu.
Naannawaan Madda Walaabuu garuu qabsoo sirna diddaa gabrummaa mootummoota Itoophiyaa irratti taasifamuun kan raafamtu waan taateef, ijoolleen xixiqqoon umurii loon tiksuu keessa jiranis osoo hinbarbaadin kallattiinis ta’ee al kallattiidhaan qabsoo sana keessatti hirmaachuuf dirqamu. Abbootaafi hangafootasaanii faana adeemuudhaan duula sirna diddaa gabrummaa sanaaf ergaawwan garaa garaa iddoo tokkoo fuudhanii gara iddoo biraatti geessuudhaan qabsoo abboonni gaggeessaniif haala mijataa uumaa guddanne.
Akkuma beekamu abbaan koo Koloneel Adam Jiloo qabsaa’ota hangafaa kanneen akka Jeneraal Waaqoo Guutuu, Huseen Bunee, Aliyyii Cirriifi kanneen biroo waliin ta’uun qabsoo sirna diddaa gabrummaa eegalchiisan keessaa nama tokko waan ta’aniif anis akkuman of beekeen isaan jalatti deeggarsa garaa garaa taasisaafii guddadhe jechuudha.
Bariisaa: Abbaan keessan (Kolonel Adam Jiloo) gara qabsootti haala kamiin, yoom makaman?
Obbo Abdurrazaaq: Jalqaba qabsoon sirna diddaa gabrummaa kan qabsoo qonnaan bultoota Baaleetiin mootummaa Hayilasillaasee irratti taasifamerraa gara qabsootti galan. Yeroo sanatti gibirri mootummaa giddu galeessaatiif akka hinguuramne qonnaan bultoota amansiisuudhaan, waraana mootichaa qonnaan bulaa dirqisiisuudhaaf dhufurratti immoo dhukaasa banuudhaan bara 1960moota keessatti qabsoo diddaa keessa galan jechuudha.
Boodarra humna cimaa ijaarrachuuf jecha gara Somaaliyaatti yeroo qabsaa’oonni gurguddoon kun adeemanitti anis isaanuma waliinin ture. Boodarratti garuu humni waraanaa isaan cimsatanii gara biyyaatti bobbaasan sun bara 1968tti humna mootummaa Hayilasillaaseetiin jalaa rukutameetii wanti araara fakkaatu tokko qabsaa’ota Baaleetiifi hoggantoota waraanaa mootummaa Itoophiyaa kanneen akka Jeneraal Jaagama Keelloo giddutti mariin gaggeeffame.
Marii araaraa waggoota shaniif waraana dhaabsisee tureen booda, mootummaan Dargii yemmuu gara aangootti dhufu ammallee qabsoon diddaa gabrummaa kun mootummaa Dargii irrattillee baname. Qabsoon mootummaa Dargii irratti taasifamaa ture immoo qonnaan bultoota qofaan osoo hintaane, kanneen sirnoota sana keessa taa’anii mootummoota kanaan mormanis hedduu turan.
Qabsoon qonnaan bultoota Baaleetiin eegale kun boodarratti keessattuu mootummaa Dargii keessatti gara naannolee Oromiyaa kanneen birootti babal’achuun wal hubannaan ummataa Oromoo giddutti uumamu dabalaa dhufe.
Bariisaa: Haalli barnoota keessanii hoo hangam takka laata?
Obbo Abdurrazaaq: Naannawaan Baalee mootummoota Hayilasilaaseetiifis ta’ee Dargiitiif yeroo tokkos gadi jedhanii bulanii hinbeekan. Mootummoota Itoophiyaa kanneen akka ambaatti ilaalu waan ta’eef sirnootni kunniinis ummata Baaleetiif mana barnootaa dhiisii bu’uraaleen misoomaatuu hinjiru.
Kun immoo yeroo nuti ijoollee turre dhiisii hanga yeroo dhihootti iddoowwan qabsoon diddaa gabrummaa keessatti biqilaniifi dagaagan kanneen akka Madda Walaabuu manneen barnootaa gahaa hinqaban. Kanaaf nutis barnoota bu’uraa darbee darbee muka jalatti baranneen alatti yeroo sana haalli ittiin baratan mijataa waan hinturreef barnoota idilee sirnaan hordofneerra jechuuf waan nama rakkisuudha.
Haa ta’uu malee, barnoota idilee sirnaan hordofuu baannuus isa gara amantii islaamaatiin jiru haala gaarii ta’een barannee quraana qofaa osoo hintaane, afaan arabaas barachuu dandeenyee jirra. Dabalataanis sosochii qabsoodhaaf biyyoota alaatti deddeebinurraa kan ka’e afaan Somaalee dabalatee afaanota biyyoota garaa garaa baruu dandeenyee jirra.
Bariisaa; Koloneel Adam Jiloo bara mootii Hayilasillaaseetti murtiin du’aa itti murtaa’ee akka ture ni beekama, haala kamiin murtii sana jalaa baraaraman?
Obbo Abdurrazaaq: Maal sitti fakkaate, falmiifi wal dura dhaabbannaan qabsaa’otni Baalee mootummaa Hayilasillaasee waliin taasisaa turan sadarkaa ijibaachisaa ta’erra yemmuu ga’u, qabsaa’ota ciccimoo ta’an qabanii ajjeessuun akka tarsiimoo jaraatti taa’ee ture haala kanaan, abbaan koo Koloneel Adam Jiloo qabsoo keessatti qabamee Magaalaa Yirgaalamitti hidhamee ture. Achumaan mootummaan Itoophiyaa murtii du’aatiin akka adabamuuf itti murteessee kan ture ta’us, osoo murtiin sun hinraawwatamiin jijjiiramni sirnaa waan dhufeef du’a sana jalaa hafuu danda’eera.
Waan garaa nama nyaatu bar dararriin sirnootni biyyattii tana hogganaa turan qabsaa’ota Oromoo irratti raawwachaa turan, isaan qofaaf osoo hintaane, maatiisaaniis kan dabalatu ture. Abbaan koo Koloneel Adam Jiloo erga mootummaan Dargiitiinis falmii eegalaniin booda waraana keessaa dhoksee karaa Mooyyaleetiin gara Keeniyaatti galchee ture.
Yeroo ani gara biyyaatti deebi’u garuu Mooyyalee irratti naqabanii waggaa tokkoof magaalaa Hawaasaatti na hidhanii dararaa garaa garaa keessa dabarse. Erga mootummaan dargii kufee Wayyaaneen dhufteen boodas adamfamuufi mana hidhaatti darbatamuun hammaataadhuma itti fufe.
Bara wayyaanee keessattis yeroo heddu hidhamaa rebamuun, dararamuuniifi jireenya tasgabbii dhabuun kun immoo carraa keenya qofaa osoo hintaane, kan ilmaan qabsaa’ota Oromoo hundaa ture. Boodarratti haalli ittiin tasgabbaa’anii biyyattii keessatti jireenya ofii gaggeeffatan dhibnaan anis biyyattii gadi lakkisee bahuudhaaf dirqame jechuudha.
Bariisaa: Abbaan keessan Ameerikaatti, Jeneraal Waaqoon immoo Keeniyaatti boqatan; reeffi lamaansaaniituu garuu kan awwaalame Madda Walaabuutti, maaliifi?
Obbo Abdurrazaaq: Gaaffii bareeda na gaafatte. Abbaan koo erga ani Mooyyaleerraan gara Keeniyaa baaseen booda, Keeniyaarraan gara Ameerikaatti galanii magaalaa Miniyaapolis jiraachaa turan. Obboleessi koo kan Mahaammad Amad Jiloo jedhamu tokkos achi jiraata waan ta’eef isaanuma waliin achi otuma jiraachaa jiranii achumatti boqatan.
Nama umuriisaa ijoollummaa irraa kaasee Oromoofi Oromiyaadhaaf qabsaa’aa tureefi umurii manguddummaatti gara Ameerikaa deemee achitti boqate tokko gara biyyasaatti galchanii awwaaluun aadaa baramaa ta’us, jarri lachuu (Jeneraal Waaqoo Guutuufi Adam Jiloos) eessattillee, qabsoo kamirrattillee yoo du’an awwaallisaanii iddoo tokko, Madda Walaabuutti akka raawwatamuuf gaafa lubbuudhaan jiran dhaammatanii turan.
Sababa kanaaf reeffii abbaakootii Ameerikaadhaa dhufee Madda Walaabuu iddoo itti dhalataniifi itti guddatan, iddoo qabsoo itti eegalaniifi diinaan falmanitti awwaalaman. Abbaan koo du’ee waggaa muraasa booda Jeneraal Waaqoo Guutuunis Naayiroobii keessatti boqatan. Isaanis akkuma abbaa keenyaa gaafa lubbuun darbe reeffisaanii Madda Walaabuutti akka awwaalamuuf dhaammatanii waan turaniif haaluma dhaammannaa isaaniitiin reeffiisaanii biyyatti galee kabajaadhaan reeffa abbaa kiyyaa cinatti awwaalamuu danda’eera jechuudha.
Yeroo sanatti garuu wanti hineeggamne tokko mootummaa Itoophiyaa bulchaa turerraa mudateera. Kunis maal yoo jette, sirni wayyaanee ilmaan qabsaa’otaa biyya keessa taa’uu dhorke sun gaafa abbootiin teenya boqatanii reeffisaanii biyyatti galu, kabaja olaanaadhaan bakka hoggantootni Naannoo Oromiyaa olaanoon argamanitti gaggeeffamuusaaniiti.
Gaafa reeffi abbaa kiyyaa Ameerikaadhaa galee Madda Walaabuutti awwaalamuuf galu Pirezidaantii naannoo Oromiyaa yeroosii kan turan Obbo Junaddiin Saaddoo kabaja olaanaadhaan reeffa simatanii hanga Madda Walaabuutti gaggeessanii awwaalchisuu danda’aniiru.
Akkasumas gaafa Jeneraal Waaqoo Guutuu Naayiroobitti boqatanii reeffisaanii gara biyyaatti galu Pirezidaantii naannoo Oromiyaa yommusii kan turan Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa kabajaafi ulfinaan simatanii hanga Madda Walaabuutti gaggeessanii awwalchisuu danda’anii turan.
Kanaaf, sirnuma ijoolleen qabsaa’otaa keessa jiraachuu dadhabanii irraa dheessaa turan keessatti abboonni qabsoo Oromoo immoo kabaja akkasiitiin gaggeeffamuunsaa gammachuu guddaa nutti horeera. DHDUO yeroo tuffatamtuufi akka ergamtuu wayyaaneetti ilaallamtu keessatti Pirezidaantootni naannoo Oromiyaa qabsaa’ota Oromoo hangafaatiif kabaja akkasii kennuunsaanii, jarattiin dhiibbaa qaama biraa jala waan jirtuuf malee Oromoodhaaf iddoo akka qabdu kan irratti calaqqise ture.
Bariisaa: Isin hoo yoom biyya gadi lakkiftanii baatan?
Obbo Abdurrazaaq: Roorroon natti hammaattee jireenya tasgabbii qabu dhabus, maatii hedduu asitti horadhe kana dhiisee biyyaa bahuun qormaata guddaa natti ta’ee ture. Dhiibbaa kallattii garaagaraatiin dhufu hamma ta’e dandamachuu danda’us, namtichi hogganaa waraana naannawa Baaleefi booranaa ture tokko yeroo hunda ‘ati biyya kana keessatti ajjeeffamuu qabda malee eessallee deemuu hindandeessu” jechaa natti kakachaa ture. Yeroo sanatti jeneraala guutuu hintaane maqaansaa Shambal Ergatu jedhama. Sababa kanaan bara 2004tti karaa Mooyyaleetiin gara Keeniyaatti baqadhe.
Bariisaa: Waan abbaan keessan qabsaa’aa tureef moo maaliif jireenya dhoorkamtan biyya keessatti?
Obbo Abdurrazaaq: Maal sitti fakkaate, ilmaan qabsaa’aa ta’uun mataansaatuu kan nama shakkisiisu ta’us, nuti immoo erga mootummaan Dargii dhufee ABOn hundaa’een booda isaan waliin gaaratti gallee qabsoo hidhannoo taasisaa turre.
Garuu yeroo qabsoo kana taasifnu jireenya idilees cinamaan gaggeeffachaa turre. Lafa qotachuun loon horachuufi maatii bulfachuunis qabsoodhuma cinaa adeemsifamaa ture jechuudha. Qabsoo kana immoo hanga nuuf danda’ametti bifa dhoksaa ta’een gaggeessaa turre waan ta’eef humni waraana mootummaa garuu hordofee yeroo nu argatutti nu hidhaafi dararaatuma jiraachaa turre.
Kanaaf, ilma qabsaa’aa ta’uun badii tokko yemmuu ta’u, ani immoo miseensa ABO ta’uun koo badii dachaa ta’ee jaratti waan mul’ateef akka ani tasgabbiidhaan maatii koo bulchadhu biyyattii keessatti naaf heeyyamuu didnaan biyya gadi dhiisee gara Keeniyaatti baqadhe jechuudha.
Biyyaa osoo hinbahin duratti iddoo jireenyaa jijjiiradhee Baalee Madda Walaabuu irraa gara magaalaa Nageellee Booranaatti gallee achi jiraachaa turre. Anis achumatti jaartii fuudhee ijoollee hanga 11 ta’anis achumatti erga uumadheen booda biyyattii gadi lakkisee baqadhe jechuudha.
Bariisaa: Erga roorroo biyya keessaa dheessitanii ala baataniin booda qabsoo siruma dhiiftan jechaadhaa?
Obbo Abdurrazaaq: Qabsoon bar kan yeroo siif mijatetti adeemsisaa yeroo siif dhibdetti dhiisan miti. Erga biyyaa baheen booda akka duriitti qabsoo hidhannootiin qabsaa’utu hafa malee, qabsoon bifa garagaraatiin taasifamu har’allee hindhaabbanne.
Abbootni keenya akkuma “gabrummaa hundeen buqqifna yoo dadhabne daa’imman itti guddifna” jedhanii mammaakanitti, qabsoon tan dhalootarraa dhalootatti darbitee waggaa shan har’aa aangoo siyaasa biyyattii harkatti galfatte san dhaltee jirti.
Yeroo qabsoon qeerroo biyya keessaa lafa sochoosaa turetti nuti immoo sagalee qabsaa’ota biyya keessaa ta’uudhaan hojii dippilomaasiifi advookeesii cimaa hojjachaa turre. Miidiyaan sagalee qabsoo qeerroo Oromoo ta’e akka hundeeffamuufi erga hundeeffameen boodas cimee sagalee mormii sirna wayyaanee irratti taasifamu akka deeggaruuf gargaarsa addaan hincitne taasisaafii turreerra.
Hojii gama kanaan biyya alaatti hojjatamaa tureefi qabsoo qeerroofi qarree biyya keessatti adeemsifamaa tureen sirni yeroo sana ummatatti roorrisaa ture kufuudhaan yeroo jalqabaatiif mootummaan ilmaan Oromootiin hogganamu aangoo siyaasa biyyattii qabachuu danda’eera.
Ana dabalatee diyaaspooraan waggoota hedduuf biyyasaa irra adda citee ture gara biyyaatti deebi’ee maatiifi hiriyyootasaa yeroo dheeraadhaaf dheebochaa ture qunnamuu danda’ee jira. Kana waan ta’eef, jijjiiramni siyaasaa waggoottan shanan har’aatti qabsoo qeerroofi qarreetiin akkasumas namoota mootummaa keessa taa’anii akka Oromoon gara aangootti dhufuuf qabsaa’aa turaniifi, isaan biyya alaatii dhiibbaan garaa garaa mootummaa yeroo sana biyyattii bulchaa turerratti akka uumamuufi humnisaa akka laamshatu taasisaa turaniin har’a akka barbaannetti biyyattitti deddeebi’uu dandeenyee jirra.
Bariisaa: Waggaa meeqa booda biyyatti deebitan isin?
Obbo Abdurrazaaq: Ani erga biyyaa bahee waggaa 18 booda ture kan qabsoo ilmaan Oromootiin biyyatti deebi’uu danda’e. Kankoo waggaa xiqqoodha; Obboleessikoo waggaa 30 osoo biyyatti hindeebi’iniifi maatii hinargiin ture. Kanneen waggoota dheeraadhaafis osoo biyyatti hindeebi’in turanii jijjiirama siyaasaa qabsoo ilmaan Oromootiin dhufeen gara biyyaatti deebi’anis hedduudha.
Bariisaa: Jijjiirama siyaasaa biyyattii keessatti dhufeen akkuma biyyatti dhuftanii maatii keessan ilaaluu dandeessanitti, waan alatti argattan biyyattii keessatti invasti gochuuf wanti yaaltan jiraa?
Obbo Abdurrazaaq: Akkuma jijjiiramni siyaasaa dhufeen nutis waggoota dheeraan booda gara biyyaatti deebineen namoota (diyaasporaa) hedduu waliin mari’annee qeerroofi qarree jijjiirama kana fidaniif carraa hojii banuudhaaf yaaliiwwan garaa garaa taasisaa turre. Kana keessaa inni tokko waldaadhaan gurmoofnee dhaabbata guddaa tokko hundeessuudhaan dargaggoota hedduuf akka carraa hojii baay’inaan uumamuuf piropozaala qopheessinee Biiroo Invastimantiifi Indaastirii akkasumas Waajjira Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa galchinee turre. Kanaaf xiqqoo harkifannaan waan jiruuf dafnee gara hojiitti galuu baannus milkaa’uunsaa garuu waan ooluu miti.
Bariisaa: Mariin tibbana kana mootummaaniifi ABO giddutti taasifamaa jiru kun diyaaspooraan hedduminaan gara biyyatti akka galuufi siyaasa biyyaa tasgabbeessuu keesatti qooda akkamii qabaata jettu?
Obbo Abdurrazaaq: Araarri kun milkoofnaan rakkoon Oromoofi biyya kanaas harki caalu akka hiikkametti fudhadha ani akka dhuunfaa kootitti. Waldhabdeen lubbuun darbuu Haacaaluu Hundeessaatiin booda siyaasa Oromoo keessatti uumamee ture akka Oromoofi Oromiyaatti qofaa osoo hintaane, biyyattiidhaafis rakkoo guddaa qabatee kan dhufeedha.
Haaluma uumamashee irraan kan ka’e Oromiyaan handhuura Itoophiyaa keessatti argamti. Kun immoo gaafa Oromoon nageenya dhabu jaalattus jibbitus Itoophiyaanis nagaa ni dhabdi, gaafa Oromoon tasgabbaa’ee nagaa argatu immoo Itoophiyaanis nagaa argatti.
Kana waan ta’eef, mariin araaraa qaamota lamaan giddutti taasifamu kun Oromoofi Itoophiyaadhaafis isa barbaachisaafi murteessaa ta’eedha.
Gama biraatiin yommuu ilaaltu immoo, ilmaan Oromoo gaafa bulchiinsa wayyaanee waliin ta’anii sirna sanarratti qabsaa’aa turan, erga injifannoon dhufeen booda walitti garagalanii wal waraanuun qaanii guddaadha. Garaagarteen siyaasaa qaama kamiyyuu gidduu jiru gara waldura dhaabbannaa qabsoo hidhannootti seenuu hinqabu. Kan Oromoo yoo ta’e immoo caalattuu ilmaan Oromoo garaagarummaa siyaasaa qabaatanis waraana walirratti banuun waan fudhatama hinqabneedha.
Kanarraa ka’uun ani akka yaada kiyyaatti, mariin araaraa kun inumaayyuu kan tureedha jedheen yaada. Oromoon osoo sirna garaagartee waliinii ittiin hiikkatu qabuu sadarkaa waraana walirratti banuu kana bira gahuu bira darbee hanga yoonaatti jaarsa araaraaf gidduu seenu dhabuun Oromoodhaaf ergaa guddaa qaba.
Innis maali yoo jette, Oromoon waliif fira yoo ta’e malee fira biraa akka hinqabneedha. Seenaa Itoophiyaa kamuu keessatti Oromoon moggatti dhiibbamee cunqurfamaa kan ture akka sabaatti injifatamee osoo hintaane, waliisaatii walirratti kaasanii isumaan isa cabsaa waan turaniifi. Kun immoo dhaloota kanarratti seenaa ta’uu qaba. Kana hubachuun Oromoon tokkomee, waliigalee qooda ijaarsa biyyaa keessatti qabu ba’achuu qaba.
Bariisaa: Yeroo nuu kennitaniif galatoomaa!
Obbo Abdurrazaaq: isinis galatoomaa!
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 21 Bara 2015
7 Comments to “ “Araarichi milkoofnaan, rakkoon Oromoo guutuutti, kan Itoophiyaa immoo walakkaa ol ni furama” – Obbo Abdurazaaq Adam Jiloo”