Waraanni ni ga’a; Nageenya jabeeffachuu wayya

Miidhaa waraanni fidu Itoophiyaafi Itoophiyaanoota caalaa kan hubatu jira jechuun rakkisaadha. Sababnisaa seenaa biyyattii yeroo dheeraafi kan as dhihooti. Keessumaa waggoota lamaan darban waraana kaaba biyyattiitti adeemsifamaa tureen lammiileen kumaatamaan lakkaa’aman dhumaniiru, miidhaa garagaraafis saaxilamaniiru. Bu’uuraaleen misoomaa baay’eenis barbadaa’anii lammileen tajaajilawwan bishaanii, fayyaa, ibsaa, bilbilaa, barnootaafi kanneen biroo dhabuun dararamaniiru.

Kana malees Oromiyaa keessa sababa obbolaan lama qawwee walitti luqqifataniif lubbuun lammilee hedduu darbee, qabeenyi barbadaa’eefi dinagdeen laasha’ee ummanni gadadoo keessa jiraachuuf dirqameera. Godinaaleen dura omishaafi omishtummaan beekaman sababa nagaan hinturreef akka barbaadan omishuu hindandeenye. Lafti agabuu bulee, bunni mukarratti goggogeefi lafatti harca’ee qonnaan bulaaniifi ummanni naannawichaa rakkoo hamaaf saaxilameera.

Durumaayyuu kana hubachuun “Waraana hinwayyu, bu’uura yeroon gaafatuun mariifi waliigaltee wayya” jechuun Ministirri Muummee Itoophiyaa irra deddeebiin kadhachaafi gaafachaa turaniiru. Nagaa gadheefi waraanni gaariin waan hinjirreef itti dhiisnee waliin jiraachuu wayya jechuun carraa argame maraan qaamolee faallaa dhaabbataniif waamicha dabarsaa turan.

Kadhaan kun garuu kadhaa akkanumaan hafe hintaane; ifaajii yeroo dheeraan booda wayita ammaa fooliin nagaa biyyattii keessatti urgaa’uu eegaleera. Waraanni kaaba biyyattiitti ABUT waliin taasifamaa ture araaraan dhuma argateera. Waliigalteen nageenyaa mallatteeffamuun amma bakkeewwan miidhaman deebisanii dhaabuu, misoomawwan bu’uuraa ummataa babal’isuufi namoota miidhaman bayyaannachiisuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira.

Dilbata darbes sirni beekamtii qaamolee nagaa buusuu keessatti gumaachaniif kan taasifame yoo ta’u, ergasii as jiilli jaarsooliifi Abbootii Gadaa Oromootiin durfamu, akkasumas jiilli Pirezidaantii Ittaanaa Paartii Badhaadhinaa Adam Faaraahiin durfamuufi pirezidaantoota naannoolee, kantiiboota bulchiinsa magaalaafi aanga’oota olaanoo federaalaa qabate Maqalee deemuun dawwannaafi deggarsa taasiseera.

Taateen nageenyaa biraan hawwiidhaan eegamummoo bu’aa marii mootummaa Itoophiyaafi qaama hidhatee bosona jiru gidduutti Taanzaaniyaatti taasifamaa jiruudha. Marii kanaan gaaffiin ummata Wallaggaa, Gujii, Shawaafi guutuu Oromiyaa deebii ni argata jedhamee abdatama.

Waliigala, morma wal hudhuu obbolaawwaniitti ummanni rakkate dhihootti qilleensa nagaa baafata. Gurri nama baay’ee Taanzaaniyaatti qaaritee oduu simbirtuu dhaga’uuf hawwitee jirti. Lachuu waraana dhaabanii nageenyaa akka jabeeffataniif hundi uumaasaa kadhataa jira. Kana hubachuun qaamonni lamaan gaaffii ummataaf deebii hatattamaa kennuu qabu.

BARIISAA SANBATAA Ebla 21 Bara 2015

Recommended For You

8 Comments to “ Waraanni ni ga’a; Nageenya jabeeffachuu wayya”

  1. Pingback: advertising scam
  2. Pingback: xhxhgkt
  3. Pingback: my profile
  4. Pingback: go to my site

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *