Finfinnee: Gareen jila Pirezdaantii Ittaanaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahiin durfamuufi Pirezdaantota naannoleefi kantiibota bulchiinsoota magaalaa Finfinneefi Dirre Dhawaa of keessatti hammatu, dheengadda Magaalaa Maqalee galuun haala ummanni Tigiraay keessa jiruufi warshaalee sababa waraanaatiin barbadaa’an daawwateera. Bulchiinsi Mootummaa Yeroo Tigiraayis jila kanaaf simannaa ho’aa taasiseera.
Marii nageenyaa mootummaa federaalaafi naannoo Tigiraay gidduutti jalqabame ittifufisiisuun, ummata Tigiraay sababa waraanaatiin miidhameefi buqqa’e gargaaruun, bu’uuraalee misoomaa barbadaa’an deebisanii suphuufi ijaaruun, obbolummaafi hariiroo ummata Tigiraayiifi naannolee caalaatti cimsuun kaayyoowwan gurguddaa daawwannichaati.
Garicha keessaa tokko kan ta’an Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa akka jedhanitti, daawwannaa kanaan cabiinsaafi rakkoo gama hundaa ummanni Tigraay keessa jiru kan huban ta’uufi mootummaan naannichaa hojii Tigraayiin deebisanii ijaaruu keessatti waan danda’u hundumaan deeggarsa ni taasisa. Mootummaan Naannoo Oromiyaa qonnaan bultoota Naannoo Tigraayiif dhiyeenyatti tiraaktaroota 30 kan kennu ta’uufi mana barnootaa sadarkaasaa eeggate tokko bakka barbaachisutti kan ijaaru ta’uu akkasumas, yeroo ittaanutti qarshii biiliyoona tokko ta’uun hojii misoomaa Naannoo Tigiraay keessatti hojjetamu deggaruun Bulchiinsa Yeroo Mootummaa Tigiraay cinaa kan dhaabbatu ta’uu ibsaniiru.
Pirezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraa Doktar Yiliqaal Kaffaalaa akka jedhanitti, nageenyaafi waliigalteen nu barbaachisa, rakkoolee karaa ammayyaawaan hiikuuf qophii ta’uufi Bulchiinsi yeroo Tigiraayiifi abbootiin amantii Naannoo Amaaraa, Magaalaa Baahiir Daar dhufanii akka mari’ataniifis waamicha dhiheessaniiru. Gara fuulduraattis bakka buutota ummata Amaaraa qabachuun gara naannolee Tigiraayiifi Affaar kan deeman ta’uus dubbataniiru.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee akka jedhanitti, bulchiinsi Magaalaa Finfinnee ummata Tigiraayiif deggersa yeroofi dhaabbiidhaan barbaachisu adda baasuun irratti hojjechaa jira. Daa’imman gara barnootaatti akka deebi’aniifi yaalii barbaachisu akka argataniif deggersa meeshaalee barnootaafi wal’aansa fayyaa taasisuuf walittiqabaa jira. Mana barnootaa tokkoofi buufata fayyaa tokkos ijaaruuf qophiin taasifamaa jira. Bulchiinsi magaalaa Finfinnee galii mootummaafi ummata magaalattii bu’uura godhachuudhaan marsaa duraatiin qarshii miliyoona 500 taasisuuf hojjechaa kan jiru ta’uu himaniiru.
Pirezdaantonni naannolee hundiifi Bulchiiinsi Magaalaa Dirree Dhawaas ummata isaanii waliin ta’uun ummata Tigiraayiin deggeruufi deebisanii ijaaruuf deggersa qarshiifi akaakuu adda addaa miliyoonaan lakkaa’amu kan taasisan ta’uufi gara fuulduraattis hanga ummanni Tigiraay jireenyasaa idileetti deebi’utti deggersa barbaachisu taasisuuf waadaa galaniiru.
Oduu biraadhaan jilli Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee, Abbootii Amantii Oromoon durfamu Wiixata darbe deggarsa midhaan nyaataa ummata Oromoorraa walitti qabameefi qarshii miiliyoona 45’tti tilmaamamu qabatee Magaalaa Maqalee dhaquun walitti bu’insa tureen rakkoo ummanni Tigiraay keessa jirus daawwateera.
Jila kana waliin gara Maqaleetti kan imalan Hogganaan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Obbo Huseen Fayyisoo akka jedhanitti, ummanni Oromoo duudhaa walgargaarsaa qabuun ummata obbolaa Tigraayiif deggarsa midhaan gosa adda addaa qarshii miliyoona 45tti tilmaamamu taasiseera.
Abbootiin Gadaafi Abbootiin Amantii Oromoo gamasaaniitiin akka jedhanitti, ummanni Oromoo ummata aadaa hammataa qabuufi yeroo rakkoon waraanaa tures dhalattoota Tigraay naannoo Oromiyaa keessa jiraatan ofitti qabee jiraachisuusaa himanii, ummanni Oromoo hanga ummanni Tigiraay jireenya isaa idileetti deebi’utti deggarsa barbaachisu kan taasisuuf ta’uuf marii nageenyaa kana milkeessuuf kan hojjetu ta’uu himaniiru. Oromoon obbolummaa sabaafi sablammootaa cimsuu har’a eegale osoo hintaane, jiruuf jireenya isaa taasifatee dagaagsaa har’a kan ga’e ta’uus eeraniiru.
Hoggansi Bulchiinsi Yeroo Mootummaa Tigiraayis garee jila kanaaf simannaa ho’aa taasisuufiin deggarsa ummanni Oromoo ummata naannichaaf taasises galateeffateera.
Jiraataan magaalaa Maqalee Obbo Birhaan Gabragoorgis Yaada Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, gargaarsi ummatni Oromoo ummata Tigiraayiif taasisaa jiru daran isaan gammachiiseera. Gargaarsichis Ummattoota lameen gidduu diinummaan akka hin jirre kan agarsiisuudha.
Ummatin Oromoo miira obbolummaa dhugaa Ummata Tigiraayiif qabu qabatamaatti agarsiisaa tureera, ammas agarsiisaa jira jedhanii, hariiroo qabbanna’ee tureefi wanti ta’aa jiru guyyaadhaa gara guyyaattii fooyya’aa akka jiruufi haalli nageenyaas qabatamaan fooyya’aa jiraachuu ibsaniiru.
Kutaa Qophiitiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 21 Bara 2015
2 Comments to “ Hojiin ummata Tigiraay gara jireenyasaa idileetti deebisuu ittifufiinsaan raawwatamaa jira”