Finfinnee: Rifoormii taasifameen Itoophiyaan humna qilleensaa dirqama fedhe ga’uu raawwachuu danda’an horachuu ajajdoonni waraanaa olaanoon biyyattii ibsan.
Sagantaa eebba dokimantarii tibbana mata duree “Samichi keenya” jedhuun gaggeeffamerratti Shuumiin Itaamaajoorii Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildmaarshaal Biraanuu Juulaa akka jedhanitti, humni qilleensa Itoophiyaa weeraraafi aggaammii yeroo garagaraa irra deddeebiin biyyarratti yaalame ga’umsaan qolachuu danda’eera. Daandiin humna qilleensaa rifoormii taasiseen gootota haalaafi yeroo kamuu balaa ga’umsaan qolatan baay’inaafi qulqullinaan horateera. Maqaa gaarii dur qabus caalmaatti cululuqseera.
Humni qilleensa Itoophiyaa dhaabbata ibiddaan qoramee injifannoon galmeesse ta’uun ibsanii, biyya kan boonsuufi dhaabbilee biroof fakkeenya gaarii ta’uusaa himaniiru.
Humna qilleensaa sadarkaa biyyattii gituufi dhaloota boonsu ijaaruun biyya faajjii birmadummaafi walqixxummaa taate Itoophiyaa ummatni nagaan ba’ee galuufi olaantummaan seeraa hundeen lafa qabate taasisuun hojiin rifoormii kun xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jirus ibsaniiru.
Akka Fiildmaarshaal Biraanuun jedhanitti, humni qilleensa ijaaramaa jiru hidhannoon barbaachisu yoo miidhame suphuufi haaressuu hojmaatnisaa gara dijitaalaatti jijjiirameera. Dandeettiin dirqama raawwachuusaas haala addunyaa waliin dabalaa jira.
Haaluma walfakkaatuun Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensa Itoophiyaa Letenaal Jeneraan Yilmaa Mardaasaa gamasaaniin, humni qilleensa kun yeroo garagaraa dirqama garagaraarratti bu’aa olaanaa galmeessuu himanii, rifoormii taasifameen dhaabbaticha keessatti jijjiiramni guddaan akka mul’ate ibsaniiru.
Akkasaan jedhanitti, waggoottan darban humna namaa ga’oomsuu, hidhannoo ammayyoomsuu, bu’uuraalee humna qilleensaa ijaaruufi naannoo dhaabbatichaa hawwata gochuurratti bal’inaan hojjetamaa ture. Fiilmiin milkaa’inaafi hojiiwwan humni qilleensa hojjete ibsus qophaa’ee agarsiisaaf dhiyaateera. Hojiiwwan rifoormii kanaan bu’awwan qabatamoon dhalootaa dhalootatti darban hojjetaman olkaa’amaa adeemu.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 21 Bara 2015
9 Comments to “ Humni qilleensa dirqama kamuu ga’umsaan raawwatu ijaaramuun ibsame”