Atileetonni Itoophiyaa dorgommiiwwan maraatoonii biyyoota garaa garaarratti injifannoo galmeessan

Finfinnee: Torban kun Atileetota Itoophiyaa dorgommiiwwan maaraatoonii guutuufi walakkaa biyyoota garagaraa keessatti taasifamaa jirurratti hirmaataniif torban injifannoo ta’uunsaa bu’aaleen galmaa’an ni mul’isu.

Dorgommii daandii Chaayinaa magaalaa Wuhaanitti adeemsifameen Atileet Tigist Taaddasaa sadarkaa 2ffaan yemmuu xumurtu, achuma Chaayinaa magaalaa ‘Zhingkey’ tti dorgommii maraatonii dhiirotaatiin immoo Atleetootni Itoophiyaa Tafarraa Addisuu, Galataa Sintaayyoofi Warquu Dirasee wal duraa duubaan sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaatti bahaniiru.

Magaalaa Chaayinaa ishee biraa Yuwengtti dorgommii maaraatoonii taasifameenis gama dhiirotaan Atileet Fiqaaduu Yeshxilaa sadarkaa 1ffaan yemmuu xumuru, dubartootaan immoo kololee Makaashuufi Saamraawiit Naggaa 1ffaafi 2ffaa bahuudhaan xumuraniiru.

Gama biraatiin immoo dorgommii maraatoonii biyya Nezarlaand magaalaa Amistardaamitti adeemsifameen dhiirotaan Atileet Daawwit Woldee sadarkaa 4ffaafi Atileet Caalaa Raggaasaa sadarkaa 5ffaan yemmuu xumuran, dubartootaan immoo Atileet Tiikii Galaanaa sadarkaa 6ffaan xumurteetti.

Dorgommii poolaand magaalaa Pinzaaniitti adeemsifameen gama dhiirotaatiin Atileet Habtaamuu Gabrasilassee, Salamoon Barrihuufi Hizqiyas Taammiraat 1ffaa hanga 3ffaatti xumuraniiru.

Achuma Poolandiitti dorgommii dubartootaatiin immoo Asmaraworqi Olqabaa yemmuu injifattu, Atleet Liqna Ambaw immoo sadarkaa 3ffaan kan xumurte ta’uu ragaan federeeshiinii Atileetiksii Itoophiyaarraa arganne ni mul’isa.

Akka ragaan federeeshiinichaa ibsutti, dorgommii Xaaliyaan magaalaa Torinootti gaggeeffamee tureen gama dhiirotaan Atileet Hayiluu Itichaa sadarkaa 2ffaan kan injifate yemmuu ta’u, dorgommii walakkaa maraatonii Faransaayitti adeemsifameen immoo Atileet Kuubaa Alamuu sadarkaa walfakkaataa 2ffaadhaan dorgommicha xumureera.

Dorgommii Araboota Gamtoomanitti gaggeeffameen immoo dhiirotaan Atileet Xahaa Guddatoo sadarkaa 1ffaan yemmuu injifatu, dubartootaanis Atileet Immawayish Bihonenyi sadarkaa 1ffaadhaan dorgommicha injifachuu ragaan federeeshinicharraa arganne ni mul’isa.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 14 Bara 2015

Recommended For You

3 Comments to “ Atileetonni Itoophiyaa dorgommiiwwan maraatoonii biyyoota garaa garaarratti injifannoo galmeessan

  1. Pingback: kawali farms
  2. Pingback: iTunes gift card
  3. Pingback: ufa191

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *