Hojii bishaaniifi inarjii qaala’insa gatii meeshaaleen qoramaa jiru

Ministeerri Bishaaniifi Inarjii akkuma maqaasaarraa hubachuun danda’amutti qaama dhimmi bishaan qulqulluufi humna ibsaa kallattiidhaan isa ilaallatudha. Kanarraa ka’uun ministeerichi karoora yeroo dheeraafi gabaabaa qopheeffachuun hojiilee garagaraa hojjetaa jira. Bara kana keessa hojiiwwan gurguddoo sadii karooraan qabatee ka’e. Kunneenis; uwwisa bishaan dhugaatii dabaluu, waliinga’iinsa ibsaafi bulchiinsa qabeenya bishaaniirratti bishaan osoo hinmanca’iiniifi hinsummaa’in jiraachuu akka danda’u taasisudha.

Bu’uura kanaan bishaan waliin walqabatee raawwiin gaarii galmaa’us qaala’insi gatiifi rakkoon nageenyaa garuu hojii walgeettii ibsaarratti dhiibbaa uumuudha Ministirri Ministeerichaa Doktar Injinar Habtaamuu Ittafaa gaafdeebii waajjirasaaniitti torban darbe Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin kan ibsan.

Akkasaan jedhanitti, gama uwwisa bishaaniitiin bara kana namoota miiliyoona ja’aaf geesisuuf karoorfamee, hanga ji’oota sagaliitti gabaasa naannoolee utuu hindabalatiin miiliyoona 1.03f qaqqabsiisuu karoorfamee karooraa ol ummata miiliyoona 1.85 biraan ga’uun danda’ameera. Waqtiin hafe yeroo hojii bishaaniif mijataa ta’uusaatiin karoora qabame guutuutti milkeessuuf kan dandeesisu ta’uusaatiin lammileen baay’ee tajaajila bishaanii ni argatu.

Bara kana waan karoorfame haala qabameen akka hinmilkeessineef qaala’insi gatii meeshaaleefi daballiin sharafa alaa akkasumas rakkoon nageenyaa bakkeewwan addaddaatti mul’atu danqaa itti ta’uu eeranii, keessumaa gama walgeettii ibsaatiin akkaataa karoorfameen deemuun akka hindanda’amne kaasu. Gama kanaan namoota kuma 800f tajaajila haaraa kennuuf karoorfamee kuma 200f (%25) qofa kennamuusaa ibsu.

Tibba kana magaaloota gurguddoo dabalatee bakkeewwan tajaajilli ibsaa qaqqabeetti irra deeddeebiin addaan ciccituu ibsaa mul’atus ministeerichi kan beeku ta’u kan himan Doktar Habtaamuun, rakkinichi amma hatattamaan kan furamu osoo hintaane adeemsaan kan sirratu ta’uusaatiin fuuldurattis kan itti fufu ta’u himu.

Wayita ammaa humni ibsaa dabalataa omishaamaa jiraatus sararawwan diriiranii umurii dheeraa kan lakkoofsisan ta’uusaaniitin ciccitaafi jigaa jiraachuu himanii, bakkeewwan garagaraatti saamichi meeshaaleefi humnaa waan jiruuf rakkoo uumaa jiraachuu dubbatu. Kana malees jijjiirama qilleensaan walqabatee, darbee darbee bakkeewwan anniisaan maddisiifamutti kuusaawwan bishaanii hir’achuun, hawaasa biras beekamtii Tajaajila Humna Ibsaa malee humnaa ol sarara daddabarsanii fayyadamuun jiraachuun rakkinicha hammeessaa jiraachuu himu.

“Tajaajilli guutuutti fooyya’ee haala barbaadameen ummata bira ga’uu kan danda’u yoo sararawwan jiran jijjiiruufi haareessuun danda’ame, akkasumas humnuma jiru qusatanii fayyadamuun danda’amedha. Kunis adeemsaan furmaata argataa kan deemu waan ta’eef ummanni keenya akkuma barame obsaan eeggachuu qaba. Gama elektirifikeeshinii baadiyyaatiinis, hawaasni filannoowwan garagaraatiin annisaa ibsaa argataa jira. Kunneenis neetworkiin ala tajaajila ibsaa qaqqabsiisuufi mala aadaatiin baayoogaazii fayyadamuun abbootiin warraa annisaa akka maddisiifatan taasisuu yoo ta’u, kunis dhibbantaa 100 raawwatameera” jedhu.

Bara baajataa kanattis maatii kuma lamaafi 600f baayoogaazii dhiheessuuf karoorfamee karooraa ol kuma lamaafi 800f dhiheessuun danda’amuu kan kaasan ministirichi, fayyadama soolaariin walqabatee bakka tokko tokkotti namni utuu hingalmeesisiin bitee fayyadamaa waan jiruuf lakkaa’uuf rakkisaa ta’uus, bara kana haaraa bituu osoo hintaane kanneen jiran sistama keessa galchuun haalaan tajaajila akka kennan taasifamuu himu. Anniisaa aduu meegaawaatii kuma sadiifi 225 sassaabuun faayidaarra oolchuun danda’amuus ni eeru.

Inni biraan, hojii bal’aa baadiyyaatti hojjetame keessaa gemmii qoraan qusatu waliinga’uu ta’uufi kunis %75 qaqqabuusaafi bakkeewwan rakkoon nageenyaa jiranitti garuu haala barbaadamuun deemuu akka hindandeenye himu.

Ijaarsa hidha guddichaan walqabatee gumaacha ummataatiin bara darbe bishaan marsaa sadaffaa guutamuu kan himan Injinar Habtaamuun, baranas yeroo arfaffaa guutuuf qophiin taasifamaa jiraachuu himu. Ijaarsisaas itti fufee bara kana, yoo xiqqaate gara meetira 20 ol dabaluuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuufi hojjaan hidhichaa meetira 120 yoo ta’u, hanga Sadaasa darbeetti meetira 100 kan qaqqabe ta’uu eeru.

“Hidhichi sadarkaa yaadameen xumuramee humna barbaadamu akka maddisiisuufis hojiin kununsa naannawaa hojjetamu cimee itti fufuu qaba. Haala kanaan ministeerri keenya qindoomina ministeeroota Qonnaafi Eegumsa Naannawaa akkasumas naannoolee waliin hojii jajjabeessaa hojjetaa jira. Hojiin eegumsa naannawaas hanga hidhichi xumuramutti qofa osoo hintaane darbee umuriinsaa akka dheeratuuf maastarpilaaniidhaan hojjetamaa jira” jedhu.

Akka Doktar Habtaamuun jedhanitti, hojii ijoo biraan ministeerichi hojjetaa jiru pirojektoota hongee dandamatan hojjechuudha. Kunis baajata mootummaafi deggarsa Baankii Addunyaatiin kan hojjetamudha. Baay’eensaaniis gammoojjii naannawaa horsiisee bulaatti kan hojjetaman yoo ta’u, akka Oromiyaatti yoo ilaalame godinaalee Boorana, Baaleefi Harargee lamaaniitti bal’inaan akkasumas Arsii Lixaafi Shawaa Bahaa bakkeewwan muraasatti kan hojjetamanidha.

Pirojektichi kan hojjetamu yaada “Yoo maal hojjetame rakkoon bishaanii hiikama? jedhuun kan hojjetamu akka ta’ee himanii, keessumaa hongee Booranaafi Gujiitti barana mudateen walqabatee pirojektoonni gurguddoo hojjetamaa jiraachuu himu. Hongeen mudate kun kan baranaa qofa osoo hintaane waggoota arfan darban walitti fufiinsaan uumamaa kan dhufeefi ummatas miidhaa kan ture waan ta’eef xiyyeeffannaa addaatiin hojjetamaa jiraachuu ibsu.

“Kanaafis waan jiru qo’achuun hojiitti seenne. Boorana kan jiru qabeenya bishaan lafa keessaati. Kanaaf furmaata waaraa kennuuf karoora yeroo dheeraa qabannee hojjetaa jirra. Kanaafis dhaabbilee idil addunyaa addaddaarraa deggarsa argannee waan jirruuf hojiitti seenuuf qophii xumurree jirra. Yeroo gabaabaaf garuu jala jalaan hojiin hojjetamaa jira” jedhu.

Wayita pirojektoonniifi hojiileen gurguddoo hojjetamanis seektarichi maalaammaltummaaf saaxilamaa waan ta’eef sirna hordooffiifi to’annoo cimaan hojjetamaa kan jiru ta’uu eeranii, dhimmi xiyyeeffannaadhaan irratti hojjetames akkaataa hundeerraa furuun danda’amurratti ta’uu himu. Namni yommuu hatu ifatti osoo hintaane seera jiru jal’isee waan ta’eef ministeerichis kana hubachuun naannooleen seera bittaa mataasaanii qopheeffatanii, baajata ramadamuufiin bittaa akka bitan taasifamuu ibsu.

“Inni biraan adeemsi itti caalbaasiin raawwatamus fayyaa hinqabu ture. Kanaafis naannooleen pirojektii isaan barbaachisuuf iddoo adda baasanii nuuf dabarsu, caalbaasii sana kan raawwatu nu’i jechuudha. Inni kun jalqabbiirra jira. Isa kanarra darbe immoo iji ummataa waa hunda waan arguuf isaan hirmaachisuun hojjetamaa jira” jedhu.

Akka ibsa Injinar Habtaamuutti, hojii pirojektootaan walqabatee ammayyuu harkifannaa olaanaatu jira. Kunis sharafa alaa waliin kallattiidhaan kan walqabatudha. Meeshaaleen ijaarsaammoo hedduunsaanii alaa kan galan waan ta’eef, kana hiikuuf Baankii Daldala Itoophiyaa waliin hojjechaafi invastaroota alaa jajjabeessuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira. Isa kanarra darbe garuu ummataaf iftoomina uumuun hojjetamaa jira.

Akka waliigalaatti, ministeerichi hojiilee hojjetaman hunda bifa ammayyaawaatiin hojjechuuf wiirtuu daataa guddicha qopheessuu, humna namaa cimsuufi bittaafi gurgurtaa dijitaaleessuu waliin jalqabbiin gaarii jiraachuu kaasanii, ji’oota sadeen murteessoo hafanitti hojiileen eegalaman dafanii akka xumuramaniif deggaruu, horfoduufi to’achuurratti bu’ureeffatee hojjetaa jiraachuu himu.

Wanti yaadame akka milkaa’uuf ummanni haala mootummaan keessa tureefi jiru hubachuu akka qabuufi, yommuu pirojektoonni harkifatan walii obsuun, waa’ee beenyaa tasgabbeessanii ilaaluu, qusachuufi kununsuun qoodasaa ba’achuu akka qabu hubachiisu. Caasaaleen sadarkaan jiranis qindoominaan waldubbisanii hojjechuufi pirojektoota hojjetaman kan ummataati jedhanii fudhachuu akka barbaachisu himanii, miidiyaanis wantoota hojjetaman haaloota hojjetaman waliin ummata biraan ga’uu akka qaban kaasu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 14 Bara 2015

Recommended For You

189 Comments to “ Hojii bishaaniifi inarjii qaala’insa gatii meeshaaleen qoramaa jiru

  1. dunyan?n en iyi casino siteleri [url=https://1wintr.fun/#]dunyan?n en iyi casino siteleri[/url] casino sitesi

  2. пин ап вход [url=http://1winci.icu/#]пин ап официальный сайт[/url] пин ап зеркало

  3. ed causes and treatment [url=http://drugs1st.store/#]cheap medication online[/url] mens erection pills

  4. ed and diabetes [url=http://pharm24.pro/#]cheap drugs[/url] is it illegal to buy prescription drugs online

  5. buying from online mexican pharmacy [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]mexican drugs[/url] buying from online mexican pharmacy

  6. ed meds online canada [url=http://pharm24.pro/#]low cost pharmacy[/url] cheap pills online

  7. prescription without a doctor’s prescription [url=https://pharm24.pro/#]cheap drugs[/url] erectile dysfunction medicines

  8. buying prescription drugs in mexico online [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexico pharmacy[/url] п»їbest mexican online pharmacies

  9. top online pharmacy india [url=http://indianpharm24.pro/#]Pharmacies in India that ship to USA[/url] best online pharmacy india

  10. buy medicines online in india [url=http://indianpharm24.pro/#]Best online Indian pharmacy[/url] reputable indian pharmacies

  11. mexico pharmacies prescription drugs [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]mexican drugs[/url] mexico drug stores pharmacies

  12. india pharmacy [url=http://indianpharm24.pro/#]Indian pharmacy worldwide delivery[/url] online shopping pharmacy india

  13. guvenilir casino siteleri [url=http://casinositeleri.win/#]casino siteleri win[/url] Canl? Casino Siteleri

  14. deneme bonusu veren siteler betturkey betturkey.com [url=https://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler denemebonusu2026.com[/url] deneme bonusu veren siteler

  15. slot oyunlar? puf noktalar? [url=https://slot-tr.online/#]en cok kazand?ran slot oyunlar?[/url] slot tr online

  16. kamagra [url=http://kampharm.shop/#]buy kamagra oral jelly Kam Pharm[/url] buy kamagra oral jelly Kam Pharm

  17. Buy gabapentin for humans [url=https://gabapharm.com/#]gabapentin GabaPharm[/url] buy gabapentin online

  18. pharmacy website india [url=https://indianpharmacyeasy.com/#]Best Indian pharmacy[/url] indian pharmacy online

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *