Rakkoolee dargaggoota yeroo ammaa akka biyyatti qoraa jiran keessaa hojidhabdummaan isa tokko yoo ta’u, jireenya mo’achuuf biyyasaa keessatti kan taattaafatu akkuma jiru biyyaa ba’uun of jijjiiruuf godaansa seeraan alaa taasisuun lubbuunsaa karaatti kan ba’us hedduudha.
Biyyasaa keessatti hojjetee dinagdeen of humneessuu osoo danda’uu ilaalcha yoo biyyaa bahan namaaf darba jedhuun dargaggoonni karaa seeraan alaa biyyaa bahuuf yaalii taasisaniin hiraarsaa, sarbama mirgaafi galaanaan nyaataman hedduudha.
Godaansi seeraan alaa kun akka hafuufi dargaggoonni biyyasaanii keessatti kabajamanii hojjetanii dinagdeen akka of humneessaniif kan ittin eebbifamaniin hojii uummachuu yoo hindandeenye leenjii gaggabaabaa fudhachuun ykn of amansiisuun hojii tuffachuu dhiisanii of kennanii hojjechuun of jijjiiruu ni danda’u.
Rakkoo hojdhabdummaa dargaggootaa tattaaffii mootummaan taasisaa jiru qofaan furamuu waan hindandeenyeef hirmaannaan dhabbilee dhuunfaafi abbootiin qabeenyaa taasisanis furmaata ijoo dargaggootatti abdii horuudha.
Tarkaanfiileen gama mootummaan fudhatamaa jiran keessaa karaa IMX dargaggoota hojidhabeeyyii ta’an gurmeessuun jiruuf jireenyasaanii fooyyessuuf sochii taasifamaa tureen ofirra darbanii warreen biroof carraa hojii kan uuman akkasumas gara damee manufaakcheriingiittillee kan guddatan jiru.
Karaa dhaabbilee miti mootummaas dargaggoonni dhaabbilee barnoota olaanaa gara garaarraa eebbifamanii carraa hojii uummachuu dhaban hojiilee yeroofi dhaabbiin dhabbilee gara garaa keessatti qacaramuun eeggattummaa jalaa akka bahan haalli mijataa uumamaa kan ture yoo ta’u, gama kanaanis dargaggoonni kumaatamaan lakkaa’aman carraa hojii akka argatan taasifameera.
Hudhaa dargaggoota qoraa jiru kana furuuf sochiin gama mootummaafi dhabbilee miti mootummaan taasifamaa jiru ga’aa wan hintaaneef dhaabbileen mootummaa tokko tokkos qaamota dhimmisaa ilaaallatu waliin haalota gara garaa mijeessuufi hidhata uumuun hojidhabeeyyii harka qalleeyyii ta’aniif carraan hojii akka uumamuuf leenjii gaggabaabboo tolaan kennaa jiru.
Tibbanas Ejensiin Geejjibaa Oromiyaa dargaggoota harkaqalleeyyii dhaabbilee barnoota olaanaafi kolleejjoota gara garaarraa eebbifamanii carraa hojii dhaban 840 leenjii konkolaachisummaa deddeebisa geejjibaa akka argatan taasisuun hojii jajjabeessaa hojjeteera. Dargaggoonni kunniin sadarkaa barnootaa gara garaan eebbifamanii carraa hojii argachuu kan hindandeenyeefi harka qalleeyyii yoo ta’an, sadarkaa Oromiyaatti filatamanii leenjii konkolaachisummaa fudhachuun laaysensiin kennameeraafi.
Daariktarri Olaanaa Ejensichaa Obbo Jamaal Kadir turtii Gaazexaa Bariisaa waliin Roobii darbe taasisaniin akka jedhanitti, hojidhabdummaan akka Oromiyaatti dargaggoota qoraa jiruudha. Rakkoon kun tattaaffii mootummaan naannichaa taasisaa jiru qofaan kan furamu waan hintaaneef ejensichi Dhaabbilee Leenjistoota Konkolachisummaa gara garaa waliin hidhata uumuun dargaggoonni dhaabbilee barnoota olaanaarraa eebbifamanii hojidhabeeyyiifi harka qalleeyyii ta’an 840 sadarkaa Oromiyaatti filuun ogummaa konkolaachisummaan akka leenjii argatan taasiseera.
Haaluma kanaan deggarsa dhaabbileen leenjii konkolaachisummaa kennan taasisaniin leenjitoonni hojidhabeeyyiifi harkaqalleeyyii ta’an 840 eeyyama konkolaachisummaa tolaan kan argatan yoo ta’u, achi keessaa 540 shamarran 300 ammoo dargaggoota. Shamarraniifi dargaggoonni carraa leenjiifi eeyyama konkolaachisummaa argatan kunniin irri jireessisaanii dhaabbilee barnoota olaanafi kolleejjota gara garaarraa eebbifamanii hojidhabdummaan rakkachaa turaniifi harkaqalleeyyii ta’anidha.
Dargaggoota kana leenjisuu qofti gahaa akka hintaane kan himan daariktarichi, dhaabbilee leenjii konkolaachisummaa kennan kanarraa dabalataan maallaqa miliyoona 9.2 walitti qabuun bajaajota 27 bituun shamarran leenjii konkolaachisummaa argataniifi hojidhabeeyyii ta’an 52f arjoomeera.
Hudhaa dargaggootaa furuu keessatti gaheen dhaabbilee gara garaa ammallee cimuu kan qabu yoo ta’u, dargaggoonni dhaabbilee barnoota olaanaa gara garaafi kolleejjotarraa eebbifamanii lafa taa’an akkasumas harka qalleeyyii ta’an hedduun har’as rakkoo keessa jiru.
Tarkanfiin dargaggoota kana dinagdeen humneessuu akka Ejensii Geejjibaa Oromiyaatti fudhatamaa jiru eeggattummaa hambisuu keessatti shoora guddaa waan qabuuf dhaabbilee biroo birattis babal’achuu qaba. Dargaggoonni dhaabbilee barnoota olaanaarraa eebbifamanii callisanii ta’uun sirrii waan hintaaneef leenjii gaggabaaboo hojii uummachuuf gargaaran dabalataan fudhachuunis fala jireenya injifachuuf gargaaru keessaa isa tokkodha.
Aadaan hojii filachuufi tuffachuu dhaloota miidhaa jira. Kan baranne qofaan hojii barbaanna jedhanii taa’uunis hiyyummaa babal’isaa jira. Kanaafuu dargaggoonni leenjii gaggabaaboo dabalataan fudhachuun akkasumas, miira hojii tuffachuufi filachuu keessaa ba’anii dinagdeen of humneessuuf carraaquun murteessaadha.
Aadaa hojii ofii jijjiiruun dirqama ta’uu beeknee of kenninee hojjennaan eeggattummaa jalaa ba’uu dandeenya. Kanaaf ammoo dargaggoonni hojii xixiqqaarraa ka’anii sadarkaa manufaakcheriingiitti guddataniifi abbaa qabeenyaa ta’an fakkeenya gaarii nuuf ta’u.
Aadaan hojii uummachuu ammallee kan irratti hojjetamuu qabu yoo ta’u, dargaggoonni keenya kan itti leenji’an qofaan hojii argachuuf mootummaarraa ykn dhaabbilee gara garaarraa qofa eeguu qofti jijjiirama waan hinfinneef naannawaa jirrutti kallattii gara garaan bobba’uun eeggattummaa jalaa ba’uuf socho’uun barbaachisaadha.
Ejensiin Geejjibaa Oromiyaa aantummaa hudhaa dargaggootaa furuuf agarsiisaa jiruun hamma tokko hojii fakkeenya gaarii ta’u hojjetaa kan jiru yoo ta’u, dargaggoota hojidhabeeyyii ta’an kanatti miira ofitti amanamummaa akka qabaatan taasiseera. Dargaggoonni leenjii konkolaachisummaafi eeyyema argatan carraa kanatti fayyadamuun salphaatti dhaabbilee mootummaa, miti mootummaafi dhuunfaa keessatti hojii uummachuuf haalli mijataa uumameeraafi.
Irra jireessaan leenjitoonni carraa leenjii konkolaachisummaafi laayisensii argatan kunneen shamarran yoo ta’an, dhaabbilee barnoota olaanaafi kolleejjota gara garaarraa eebbifamanii harka qalleeyyiifi hojdhabeeyyii ta’aniidha. Carraa dargaggoonni kunneen argatan jireenyasaanii keessatti bu’uura jijjiiramaa ni dandeenya jedhu kan lafa qabsiisu ta’ee taajajila.
Leenjitoota kana keessaa 540 shamarran yoo ta’an lakkoofsisaanii akka baay’atuuf sababa kan ta’e indastirii geejjiba keessatti hirmaanna shamarranii guddisuuf kan kayyeffatedha.
Walumaagalatti, Ejensiin Geejjibaa Oromiyaa rakkoo hojdhabdummaa dargaggootaa furuuf tarkanfii inni fudhate daran kan nama onnachiisu yoo ta’u, dhaabbileen biroos fakkeenyummaa kana hordofuun dhaloota hafe yaadachuun hirkattummaafi eeggattummaa dargaggootaa hambisuurratti duuluun irra jiraata.
Dargaggoonni leenjicha fudhatan kunniin qacaramanii hojjechuun alatti manneen garajii banatanii hojiilee suphaa konkolaataallee banachuun of jijjiiruu akka danda’an leenjii fudhataniiru.
Dargaggeessi eeggattummaa jalatti kufuu jechuun biyyi kufuu jechuu waan ta’eef humna biyya ijaaruu danda’u kana humneessuun egeree biyyaaf abdii boruu dhabuu waan ta’eef faana dhaabachuun barbaachisaadha. Dargaggoonnis aadaa hojii tuffachuu dhiisanii aadaa hojii uummachuu gabbifachuun egeree dinagdeefi jireenyasaanii fooyyessanirratti xiyyeeffatanii hojjechuutu irraa eegama.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 14 Bara 2015
4 Comments to “ Dargaggoota hojidhabeeyyii ogummaa konkolaachisummaan leenji’an”