Yeroo yoo kabajje yeroonis si kabaja

Yeroon qabeenya murtaa’aa dhala namaaf walqixa kennameedha. Yeroon fuulduratti deemuu malee amala duubatti deebi’uu ykn dhaabbatee eeguu hinqabu. Ofi jijjiiruufi sadarkaa gahuu barbaannurra gahuuf yeroo keenyatti sirriitti fayyadamuu qabna. Garaagarummaan nama hojiisaatti milkaa’eefi hinmilkoofne gidduu jiru yerootti sirriitti fayyadamuufi dhiisuurratti hundaa’a.

Namootni jireenyasaaniitti milkaa’aniifi jijjiiraman warra yeroosaaniitti sirriitti fayyadamaniidha. Yeroo keenya yoo kabajne yeroonis nu kabaja. Kanaafuu yeroo qabnutti sirriitti fayyadamuu qabna.

Faranjoonni “Yeroon Warqeedha, (Time is Gold)’’ jedhu. Jechamni kun yeroon qabeenya gatijabeessa ta’uu agarsiisa. Yeroon waan nuti baay’ee barbaannu, garuu ammoo sirriitti itti fayyadamaa hinjirreedha. Kaleessi darbeera, har’i harka keenya jira, bor ammoo dura keenya jira. Yeroo darbe deebinee argachuu waan hindandeenyeef har’a yeroo harka keenya jirutti sirnaan ittifayyadamuu qabna. Yeroo keenyatti sirnaan fayyadamuuf ammoo karoora baafannee hojjechuu qabna. Karoorri nama dhimmee hojjetu gara milkaaʼinaatti geessa waan ta’eef.

Yeroon maallaqa caalaa gatijabeessa. Maallaqa qisaasa’e bor deebinee argachuu dandeenya. Yeroo qisaasa’e garuu tasumaa deebinee argachuu hindandeenyu. Yeroo keenyatti sirritti fayyadamuun bu’aa dabalataa nuuf argamsiisa malee waan nu jalaa hir’isu hinqabu. Yeroo ofiitti sirriitti fayyadamuun salphaa akka hintaanes beekuu qabna. Kanaafuu karoora hojii baafannee yeroo keenyatti sirnaan fayyadamuuf of qopheessuu qabna. Karooraan hojjechuun yeroo keenyatti sirriitti fayyadamuufi bakka kamitti ejjennoo cimaa qabaachuufi eessatti jijjiirama gochuu akka qabnu nutti agarsiisa.

Yeroo keenyatti sirriitti fayyadamuuf yeroo hojii tokko malee dabarsine yaaduun yeroo keenya harka caalu wantoota bu’aa nuuf qabanirratti dabarsuuf kaka’umsa olaanaan hojjechuu qabna. Amaloota badaa yeroo keenya qisaasessan fakkeenyaaf kan akka fiilmii, ‘Facebook’ yeroo dheeraa ilaaluufi kan kana fakkaatanirraa fagaachaa ykn hir’isaa deemuu qabda.

Bakkaafi meeshaalee hojiif nu barbaachisan mijeessuufi qindeessuunis yeroo keenya akka qusannuuf baay’ee nu gargaaru. Hojiilee murteessoo ta’an yeroo humna qabnutti ykn sammuun keenya hojiif banaa ta’e hojjechuunis milkaa’ina hojii keenyaatiifis ta’e yeroo keenya qusachuuf nu gargaara. Jireenyi keenya haala itti fayyadama yeroo keenyaa fakkaata. Yeroo keenyatti sirnaan fayyadamnaan hojiin keenyas nuuf milkaa’a, jireenyi keenyas ni jijjiirama.

Yeroo keenya qusachuuf teknolojiitti fayyadamuunis barbaachisaadha. Teknolojiitti fayyadamuun yeroofi humna keenya qusachuun hojii yeroo dheeraa nugaafatu yeroo gabaabaa keessatti akka hojjechuuf nu gargaara.

Haala ittifayyadama yeroorratti addunyaarratti wantoonni barataman hedduun ni jiru. Namoonni hundinuu yeroo rafan, hojjetan, nyaataniifi bashannanan ni qabu. Haalli ittifayyadama yeroo keenyaa garuu garaa garummaa guddaa qaba. Yeroo keenya harka caalaa hirribaafi hojiirratti dabarsina.

Bakka yaadnuufi mul’ata keenya bira gahuuf yeroo keenya aarsaa goonee dadhabnee hojjechuu qabna. Yeroon keenya qabeenya daanga’aa qarshiidhaan hinbitamne waan ta’eef sirnaan itti fayyadamuun baay’ee barbaachisaadha. Qabeenya bade deebinee argachuu dandeenya yeroo darbe ykn bade garuu deebisnee argachuu hindandeenyu. Namoonni yeroosaaniitti sirriitti fayyadamuun milkaa’an waa’ee gatijabeessummaa yeroo sirriitti beeku. Namoonni yeroosaaniitti sirriitti fayyadamaa hinjirre garuu waa’ee gatijabeessummaa yeroo hinbeekani. Yoo har’a yeroo keenya kabajne bor yeroon nu kabaja.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 14 Bara 2015

Recommended For You

6 Comments to “ Yeroo yoo kabajje yeroonis si kabaja

  1. Pingback: naga356
  2. Pingback: dee88

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *