Oromiyaan bakkewwan hawwatoo qabduun filannoo daawwattoota hedduu ta’uunshee ibsame

Finfinnee: Oromiyaan bakkewwan hawwata turizimii uumamaa hedduu qabdu beeksisuun walqabate filannoo dawwattoota biyya keessaafi alaa ta’aa dhufuushee Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa beeksise. Pirojektoonni Wancii-Dandiifi Holqa Soofumar ijaarsarra jiran hawwata turizimii naannichaa haalaan dabalas jedhameera.

Hogganaa Ittaanaan Biirichaa Obbo Hundee Kabbadaa ibsa Kibxata darbe addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, Oromiyaan bakkeewwan hawwata turizimii seena qabeessa uumamaafi namtolchee hedduu qabdi. Hojii bakkewwan kunneen misoomsuufi beeksisuun hojjetameen daawwatoota hedduuf filannoo adda duree taatee jirti.

Ji’oottan saglan darban qofa daawwattoota biyya alaa kumni 163 Oromiyaa daawwachuu kan ibsan hogganaa ittaanaan kun, daawwannaan aadaafi amantii bu’uureffate haala ajaa’ibsiisaa ta’ee Oromiyaa bakkewwan garagaraatti taasifamuus yaadachiisaniiru.

Akka Obbo Hundeen jedhanitti, ji’oottan saglan darban namootni biyya keessaafi alaa kabaja ayyaana irreechaa, Qullubbii Gabreeliifi Dabralibaanosifaarratti haala nama ajaa’ibsiisuun hirmaataniiru. Waamicha yeroo adda addaa akka biyyaatti diyasapooraaf taasifameefi kan gamtaa Afrikaa dabalatee walga’iin idl addunyaa taasifame dadammaqiinsa turizimii naannichaaf shoora mataasaa taphateera. Daawwattoota biyya alaarraa qarshiin biliyoona saddeeetiifi miliyoonni 800 yommuu argamu, kan biyya alaarraa ammoo qarshiin miliyoona 326 ol argameera.

Pirojektoonni sadarkaa biyyaafi naannootti hojjetamaa jiran wayita xumuraman Oromiyaa caalaattuu hawwattuu taasisuun alatti namoota hedduuf carraa hojii bal’aa akka uumu ibsu.

Holqi Soofumar kiilomeetira 15 ol dheerachuun tarii Afrikaa keessaa holqa jalqabaa ta’uu mala kan jedhan hogganaa ittaanaan kun; Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad galii akka naannichaatti gurgurtaa Kitaaba Dhaloota Ida’amuurraa argamu misooma holqa kanaaf oolchuuf lakkoofsi herregaa baankii banamerratti deggersi taasifamaa jiraachuu dubbataniiru. Daawwannaa holqichaaf haala mijeessuuf kallattii mootummaan kaa’een ijaarsi bu’uuraa misoomaa eegalamuus eeraniiru.

Mootummaan naannichaas xiyyeeffannaa damee turizimiif kenneen yeroo ammaa dhaabbata “Ijaa developers” jedhamu hundeessuun bakkewwan hawwata turizimii sulula qinxamaa keessatti argaman kanneen akka Hara Laangaanoo misoomsaa jiraachuu kan ibsan Obbo Hundeen, daawwatoota simachuuf kan gargaaran naannichatti hoteelotni abbaa urjii 66 kan jiran yoo ta’u kanneen dhiyeenya sadarkaasaanii eeggatanii ijaaramaniifis sadarkaa urjii kennuuf Ministeera Aadaafi Turizimii walta’uun hoteelota 44 irratti qorannoo jalqabaa taasisuusaaniis himaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 14 Bara 2015

Recommended For You

3 Comments to “ Oromiyaan bakkewwan hawwatoo qabduun filannoo daawwattoota hedduu ta’uunshee ibsame”

  1. Pingback: Apple gift card
  2. Pingback: PG Slot

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *