Ayyaanni Fiichee Cambalaalaa ayyaana tokkummaafi obbolummaa ta’uun ibsame

Finfinnee: Ayyaanni Fiichee Cambalaalaa duudhaalee tokkummaa, jaalalaafi obbolummaa waan ta’eef kan ummata Sidaamaa qofa osoo hintaane kan Itoophiyaanota maraa ta’uun ibsame.

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Ledaamoo Kabaja ayyaanicharratti, ayyaanni Fiichee Cambalaalaa duudhaalee waljaallachuu, walkabajuufi waldanda’uu waan calaqqisiisuuf ayyaana ummata Sidaamaa qofa osoo hintaane kan Itoophiyaanota maraati, jedhaniiru.

Jilasaanii waliin kabaja ayyaanichaarratti kan argaman Pirezidaantiin Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa gamasaaniin, Itoophiyaan ida’ama Ummattotaa, sabootaafi sablammoota hundaa ta’uusheen aadaafi duudhaan ummata hundaa kan Itoophiyaanota hundaa ta’uu ibsanii, ummattoota aadaa boonsaafi duudhaa nageenyaafi jaalalaa cimaa qaban keessaa tokko ummata Sidaamaa akka ta’es himaniiru.

Ummanni Sidaamaa ummata Oromoo waliin hariiroo bara dheeraafi obbolummaa gaarii ummata qabu ta’uu himanii, ummatni kun ummata qabeenyaafi beekumsa cimaa qabaachuun dhahaa mataasaa qabu akka ta’es eeraniiru.

Ummata miliyoona tokkotti tilmaamamu Ayyaana Fiichee Cambalaalaa baranaarra hirmaaterraa galii qarshii miliyoon 100 walitti qabuuf karoorfachuu kan beeksise ammoo Biiroo Aadaa, Turizimiifi Ispoortii Naannichaati.

Hogganaa Ittaanaan biirichaa Obbo Abbabaa Maarimuu Dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, daawwattoota ayyaana jijjiirama bara haaraa (Fiichee Cambalaalaa) baranaarraa galii qarshii miliyoona 100tu eegama.

Ayyaanni Fiichee Cambalaalaan ummatni Sidaamaa dhaha yeroo mataasaatti fayyadamuu waggaa moofaarra gara haaraatti ce’uu akka labsu himanii, waldhabdeen yoo jiraate osoo guyyaan ayyaanaa hinga’in araarri akka bu’uufi maatiin gadda keessa jiru gaddasaa hamma guyyaa jijjiirraa bara haaraatti xumuruun ayyaanicha akka ayyaaneffatu akka taasifamu ibsu.

Guyyaan duraa jala bulii ayyaanaa (guyyaa xumuraa bara moofaa)fi guyyaa lammaffaan guyyaa jalqaba bara haaraa (cambalaalaa) jedhamuun sirna ho’aan guyyoota lamaaf kabajameera. Guyyoota kanarratti ummatni Sidaamaa, sabootaafi sablammootni garaagaraa hirmaataniiru.

Ayyaanni Fiichee Cambalaalaa erga hambaalee kiliyaa ta’ee dhaabbata mootummoota gamtoomanii ‘UNESCOtti, galmaa’een asi wiirtuu qorannoofi qo’annoo ta’uu ibsanii; ammaan tana daawwattoota idil addunyaa harkisuun madda galiirratti shoora guddaa taphachaa akka jirus ibsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Ebla 14 Bara 2015

Recommended For You

20 Comments to “ Ayyaanni Fiichee Cambalaalaa ayyaana tokkummaafi obbolummaa ta’uun ibsame”

  1. Pingback: Jaxx Liberty
  2. buy dapoxetine online [url=https://priligymaxpharm.com/#]buy dapoxetine online[/url] priligy maxpharm

  3. can we buy amoxcillin 500mg on ebay without prescription [url=http://amoxilcompharm.com/#]amoxil com pharm[/url] buying amoxicillin online

  4. buying prednisone [url=http://prednisoneraypharm.com/#]generic Prednisone[/url] prednisone canada pharmacy

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *