Gareen Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa 2ffaa ganna 18fi 20 gadiirratti hirmaatan qophiitti jiru

Finfinnee: Zaambiyaan Shaampiyoonaan Atileetiksii Afrikaa umurii ganna 18fi 20 gadii yeroo lammaffaaf A.LA Eebla 23 hanga Caamsaa 3 bara 2023tti gaggeeffamuuf jiruuf dorgomtoota simachuuf gamanumaa qophii taasisaa jirti.

Dorgommiin Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa magaalaa guddoo Zaambiyaa Luusaakaatti taasifamuuf ture kun, bakka dorgommichaa jijjiiruun Luusaakaarraa kiilo meetira 350 kan fagaattu magaalaa Naadoolaatti kan adeemsifamu ta’uunis beeksifameera.

Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaas garee atileetota ol guddatoo ganna 18fi 20 gadii ga’umsa qaban filachuun kan qopheesse yoo ta’u, hoteelatti shaakallii taasisaa jiraachuus beeksiseera.

Akka ibsa federeeshinichaatti, koorniyaa lamaaniin atileetonni 30 ta’an gamanumaa filatamanii shaakallii taasisaa kan jiran yoo ta’u, injifannoo guddaas ni galmeessisu jedhamee eegama.

Atileetoonni yeroo ammaatti shaakalliitti jiran kunniin fiigicha meetira 800 hanga meetira kuma 10 rratti kan hirmaatan ta’uus beeksiseera.

Leenjistoonni 9 fi ogeessonni fayyaasaanii eegan afur jila atileetotaa kana waliin gara Zaambiyaatti imaluuf kan jiran yoo ta’u, ga’umsa atileetonni dorgommicharratti hirmaatan haala gaariirratti waan argamaniif injifannoo boonsaa ni galmeessisu jedhamanii eegamu akka federeeshinichi jedhutti.

Federeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa wantoota atileetotaaf barbaachisan guutuun shaakallii akka taasisan taasisaa kan jiru yoo ta’u, atileetonnis injifannoo eegamu galmeessisuuf qophii barbaachisu taasisaa jiru.

Itoophiyaan tiraakii akka garaatti shakalliif mijataa ta’e sadarkaa biyyaattis ta’e akka Finfinneetti kan hinqabne waan ta’eef, federeeshinichi qaamota dhimmisaa ilaallatu waliin ta’uun rakkinicha furaa jiraachuu ibseera.

Haaluma kanaan Shaampiyoonaa Atileetiksii guddattootaa yeroo 2ffaaf biyya Zaambiyaa magaalaa Naadolaatti gaggeeffamuuf jirurratti dorgomtoota hirmaatan filachuun koorniyaa lamaaniin shaakalli barbaachisu taasifamaa jiraachuus beeksiseera.

Qophii yeroo ammaa itti jiramuun injifannoon olaanaa galmaa’uu ni eegama kan jedhu federeeshinichi, leenjistoonniifi ogeessonni fayyaas deeggarsa barbaachisu taasisuufi waliin hiriiruun faajjii Itoophiyaa olkaasuuf kutannoon of qopheessaniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 7 Bara 2015

Recommended For You

6 Comments to “Gareen Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa 2ffaa ganna 18fi 20 gadiirratti hirmaatan qophiitti jiru”

  1. Pingback: hihuay
  2. Pingback: ไฮเบย์

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *