“Olompikii Paarisitti Teekuwandootiin qabxii fooyya’aa galmeessisuuf qophiin taasifamaa jira” – Federeeshiinii Teekuwaandoo Itoophiyaa

Finfinnee: Taphoota Olompikii 33ffaa bara ittaanu Paarisitti gaggeeffamu irratti gama ispoortii teekuwaandootiin qabxii fooyya’aa galmeessisuuf gamanumaan qophiin taasifamuu eegaluu Federeeshiiniin Teekuwandoo Itoophiyaa beeksise.

Taphoota olompiikii 32ffaa Jaappaan Magaalaa Tookiyootti adeemsifamee turerratti Itoophiyaan gama ispoortii teekuwaandootiin ispoorteessaa tokko qofa hirmaachiftee qabxii gaarii ta’e galmeessisuushee kan yaadachiisu federeeshiinichi, isa bara ittaanu gaggeeffamurratti immoo qabxii caalaatti fooyya’aa ta’e galmeessisuuf qophii eegaluusaa ibseera.

Dorgommii taphoota olompiikii 32ffaa Tookiyootti adeemsifamee turerratti gama ispoortii Teekuwaandootiin kophaasaa Itoophiyaa bakka bu’ee kan dorgomee ture Atileet Salamoon Tufaa ta’uu kan yaadachiisan federeeshinichatti Ittigaafatamaan Waajjiraa Obbo Fiqiruu Taquwam, dorgommicha sadarkaa 7ffaadhaan xumuree biyyattiif Dimlomaa argamsiisuusaas ni ibsu.

Akka ibsasaaniitti, dorgommii fuulduratti adeemsifamuuf jedhurratti qabxii caalu galmeessisuuf qophiin taasifamaa jiru keessaa, haala filannoo ispoorteessitootaa, akkasumas isaan garee biyyooleessaatiif filatamaniif shaampiyoonaan olaantummaa dhuunfaa ji’a darbe adeemsifameera.

Filannoon ispoorteessitootaa gaggeeffame kun immoo garee beektotaafi guddattootaatiin yemmuu ta’u, gareewwan kun lameen biyyattii bakka bu’uudhaan dorgommii sadarkaa Afrikaatti adeemsifamus ta’e kan biyyaaleessaa biroorratti kan hirmaatan ta’u.

Keessattuu gareen beektotaa taphoota olompikii qofaaf kan kaadhimaman osoo hintaane, dorgommiiwwan biyyoota garaa garaatti gaggeeffamanirratti biyya bakka bu’uun kan hirmaatan ta’u.

Taphoota olompikii 33ffaa bara ittaanu Paarisitti gaggeeffamuuf jedhurratti biyyoota garaa garaarraa Teekuwandoodhaan dorgomtootni 128 ta’an kan hirmaatan ta’uu Koreen Olompikii Biyyaaleessaa ni ibsa.

Teekuwaandoon ispoortii olompikii keessatti haammatamuu kan eegale bara 2000tti yemmuu ta’u, kunis taphoota olompikii 27ffaa ta’uu kan gabaase TOI ti.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 7 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “ “Olompikii Paarisitti Teekuwandootiin qabxii fooyya’aa galmeessisuuf qophiin taasifamaa jira” – Federeeshiinii Teekuwaandoo Itoophiyaa

  1. Pingback: diyala uni

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *