“Dargaggoonni hojii osoo hintuffatiin hojjechuu Guddinaa Tumsaarraa barachuu qabu” -Aadde Leensaa Guddinaa Tumsaa

Waggaa 30ffaan Dhaabbata Tola Ooltummaa Guddinaa Tumsaa (Guddina Tumsa Foundation ‘GTF’) Bitootessa 28-30 bara 2015tti Finfinnee, Paarkii Michoomaa (Friendship Park)tti sagantaalee gara garaatiin kabajameera. Waltajjicharratti hojiilee faawundeeshinichi mul’ata Luba Guddina Tumsaa ittifufsiisuuf waggoota 30 darban keessa raawwate ibsamaniiru.

Gaafdeebii torban darbe kabaja waggaa 30ffaa faawundeeshinichaa sababeeffachuun Daarektara faawundeeshinichaa Aadde Leensaa Guddinaa Tumsaa waliin taasisne akka armaan gadiitti qindeessinee isiniif dhiyeessineerra.

Bariisaa: Faawundeeshiniin Guddinaa Tumsaa yoom, akkamitti, maaliif hundaa’e?

Aadde Leensaa: Faawundeeshiniin Guddinaa Tumsaa mul’ata Luba Guddinaa Tumsaa itti fufsiisuuf jecha A.L.A bara 1992 maatiifi hiriyoottansaatiin Finfinneetti hundaa’e. Faawundeeshinichi akkuma hundaa’een hanga waggaa 10tti dubartoota Finfinnee naannawaa Gullallee jiraataniifi qoraan funaananii gurguruun ittiin of bulchaa turaniif leenjii ogummaa adda addaa kennuufiin hojii dhuunfaasaanii ummatanii akka of danda’anii jiraatan taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa ture.

Faawundeeshinichi daa’imman, dubartootaafi dargaggoota fayyadamoo taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Daa’imman carraa barumsaafi soorata akka argatan taasisuun, humna dinagdee dubartootaa cimsuufi dargaggoonni ammoo carraa hojii akka uummatan taasisuun hojiiwwan ijoo faawundeeshinichi irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiruudha. Faawundeeshinichi keessumaa dargaggoota naannawaa Laga Xaafoo, Sulultaafi Arsii jiraatan hojii dhuunfaasaanii akka uummataniif haala mijeessuufiin ofiifi maatiisaanii akka bulchan taasiseera.

Hojiilee faawundeeshinichi waggoota 20 darban keessa gama barnootaa, eegumsa naannawaa, fayyaa namaafi beelladootaafi tajaajila liqiifi qusannaatiin Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Fantaalleetti raawwataa ture jireenya hawaasa Karrayyuu tikfatee bulu jijjiiruu keessatti gumaacha olaanaa taasiseera. Barattoonni mana barumsaa faawundeeshinichi ijaarettti baratanii sadarkaa guddaarra gahanis hedduudha.

Faawundeeshinichi naannoolee Oromiyaa, Affaar, Somaalee, Amaaraafi Kibbaatti manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa ijaaruun lammiileen hedduun carraa barnootaa akka argatan taasiseera. Hojiilee hunda galeessa faawundeeshinichi erga hundaa’ee as raawwachaa tureen hawaasni bal’aan fayyadamaa ta’eera.

Faawundeeshinichi waggoota 30 darbaniif naannolee Itoophiyaa gara garaa keessatti hojiilee misoomaafi tola ooltummaa gurguddoo mul’ata Luba Guddinaa ittifufsiisan hedduu raawwataa kan ture yoo ta’u, gara fuulduraattis hojiilee hunda galeessa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan hedduu raawwachuuf karoora bal’aa qabatee hojjechaa jira. Hojiilee faawundeeshinichi erga hundaa’e as raawwachaa tures kabaja waggaa 30ffaa faawundeeshinichaarratti agarsiisaaf dhiyeessuun dhaloonni har’aa akka irraa baratu taasifameera.

Bariisaa: Mul’anni Luba Guddinaa Tumsaa maal ture?

Aadde Leensaa: Mul’anni Luba Guddinaa baay’ee bal’aa ta’us bakka sadiitti qoodeen ibsuu yaala. Mul’anni isaa inni duraa Itoophiyaa hiyyummaa keessaa baasuu yoo ta’u, inni lammaffaan dhaabbilee amantii Itoophiyaa keessa jiran walitti fiduudhaan hojiilee misoomaa akka hojjetan taasisuudha. Dhaabbileen amantii yeroo sana Itoophiyaa keessa turan harka walqabatanii ummata Walloo beelaaf saaxilamee ture deggaraafi hojiilee misoomaa gara garaarratti hirmaataa turaniiru.

Lubni Guddinaan dhaabbilee amantii kiristaanaa qofa utuu hintaane geggeessitoota amantii Islaamaa waliinis mari’achuun mootummaa yeroo sanaa dhaabbilee amantiirratti duule dura waliin akka dhaabbatan taasisuudhaan amantiin Itoophiyaa keessaa akka hinbanneef nama hojjjechaafi qabsoo cimaa taasisaa turedha.

Mul’anni isaa inni sadaffaan Itoophiyaarra darbee waldaaleen amantii biyyoota Afrikaa ilaalcha ti’ooloojii kan ofiisaanii akka qabaatan taasisuudha. Lubni Guddinaan dhaabbilee Afrikaa bakka bu’an waliin ta’uun Afrikaan dhiibbaa biyyoota Lixaa jalaa bilisa akka baatuuf nama hojjechaafi qabsaa’aa tureedha.

Sadarkaa addunyaattis biyyoota lixaa waliin mari’achuun ilaalchaafi daandiisaanii dogoggoraarraa akka deebi’aniif hanga biyyasaaniitti deemee itti himaa ture. Biyyoota Afrikaafi biyyoota lixaa gidduutti walqixxummaan akka jiraatuufi mirgi namoomaa akka kabajamuuf nama qabsaa’aa turedha. Tajaajila hunda galeessa fooniifi lubbuu tajaajilu kennuufi rakkoolee Itoophiyaa keessa turan furuurratti xiyyeeffatee hojjechaa nama turedha.

Mootummaan yeroo sana ture ilaacha Waaqni hinjiru jedhu hordofaa waan tureef dhaabbilee amantii dhabamsiisuurratti duulaa ture. Lubni Guddinaan geggeessaa amantiifi mirga namaaf qabsaa’aa waan tureef mootummaa Dargiitiin si’a lama qabamee hidhamee erga ba’ee sadaffaarratti ukkaamfamee fudhatamuun eessa buuteensaa dhabamee waggaa 13 booda du’uusaa dhageenye.

Du’a Luba Guddinaaf sababni guddaan dhaabbilee amantii kiristaanaa walitti fiduudhaan tokkummaasaanii cimsuurratti hojjechuusaa, kaayyoofi yaada mootummaa Dargii hordofuu dhiisuufi waliin hojjechuuf eyyamamaa ta’uu dhabuusaati. Kana malees gaaffii Mootummaan Dargiin biyyaa akka ba’uuf dhiyeesseef didee “ Waldaa koo, amantoota koo, biyya koofi saba koo dhiisee hindeemu” jedhee waan deebiseef mootummaa Dargiitiin ukkaamfamee fudhatamuun ajjeefame.

Bariisaa: Dhaloonni ammaa seenaa Luba Guddinaa Tumsaarraa maal barata?

Aadde Leensaa: Dhaloonni amma jiru seenaa Guddinaa Tumsaarraa waan hedduu barachuu danda’a. Lubni Guddinaan ijjoollummaasaarraa kaasee nama wal’aansoo jireenyaa cimaa keessa injifannoodhaan darbeedha. Guddinaan waggaa 10tti manaa ba’ee qabsoo jireenyaa jalqabe. Waggaa kudhanii kaasee ittigaafatamummaa ofiisaa fudhachuun nama of danda’ee of bulchaa tureedha. Jireenyasaa yeroo ilaallu haalli gad nama qabuu akka hindandeenye, namni tattaafatee hojjetu haala hamaafi hiyyummaa hamaa keessaa ba’uu akka danda’u irraa barachuu dandeenya. Hiyyummaafi cunqursaan nama daangessuu akka hindandeenye bu’aa ba’iifi qabsoos irraa barachuu dandeenya.

Namni kamiyyuu hojiifi karoorasaarratti kutannoo qabaannaan haalli kamiyyuu isa daangessuu hindanda’u. Godina Wallagga Lixaa baadiyyaa iddoo Boojjii jedhamutti kan dhalate Guddinaa Tumsaa daangaawwan fuulasaa dhaabbatan caccabsee darbee deemuudhaan nama sadarkaa addunyaatti beekamtii guddaa argatedha. Lubni Guddinaan biyyoota Afrikaa keessa naanna’ee dhaabbilee amantii kakaasuun hirkattummaa jalaa akka ba’aniif nama kakaasaa tureefi warra Awurooppaa, Ameerikaafi lixarraa dhufan waliin falmuun “Akkaataa isin itti yaaddan sirrii miti” jedhee nama itti himaa tureedha.

Guddinaan bara mootummaa Hayilasillaasee sirni abbaa lafaa keessumaa qonnaan bulaarratti dhiibbaa guddaa qaqqabsiisaa waan tureef sirni kun jijjiiramuu qaba jedhee nama falmaafi gaaffii dhiyeessaa tureedha. Mootummaa Hayilasillaaseen booda sirni soshaalizimii mootummaan Dargii hordofaa tures mirga dhala namaa kan dhiibuufi dhiitu ta’uusaa sodaa tokko malee dura bu’ee nama falmaa tureedha. Lubni Guddinaan nama sabaafi ummatasaaf falmaafi dhaabbachaa akkasumas, Waldaa Makaana Yasuusii Itoophiyaa geggeessaa tureedha.

Bariisaa: Lubni Guddinaa Tumsaa hojiisaaniitiin nama amantiis nama siyaasaas ni fakkaatu? Asirratti maal jettu?

Aadde Leensaa: Lubni Guddinaa Tumsaa geggeessaa Waldaa Makaana Yasuusii Itoophiyaa waan tureef dhaaba siyaasaa kamiyyuu keessatti qooda fudhachaa hinturre. “Humni Wangeelaa cunqursaa siyaasaa, saamamuu dinagdeefi du’a bara baraarraa nama oolcha. Tajaajilli waldaan kiristaanaa kennitus kana hundumaa of keessatti kan haammate ta’uu qaba. Waaqayyo sodaatamaafi kabajamaadha. Namni ammoo bifaafi fakkeenya Waaqaatiin waan uumameef kabajamuu qaba” jechuun barsiisaafi mirga dhala namaa hundaaf falmaa waan tureef akka inni nama siyaasaa ta’ettis kan yaadan jiru.

Bariisaa: Dhaloonni ammaa seenaa Luba Guddinaa Tumsaa akka beekuuf maaltu hojjetamaa jira?

Aadde Leensaa: Faawundeeshiniin Guddinaa Tumsaa kitaabolee seenaa Luba Guddinaa Tumsaa Afaan Oromoo, Afaan Amaaraafi Afaan Ingiliziitiin maxxansee raabsuun dhaloonni har’aa akka irraa baratu taasiseera. Kana malees faawudeeshinichi waggoota 20 oliif siminaarotaafi waltajjii marii godinaalee biyyattii gara garaa keessatti qopheessuudhaan dhaloonni har’aa yaada, mul’ataafi seenaa Guddinaa Tumsaarraa akka baratu taasisaa tureera; taasisaas jira.

Bariisaa: Hojiilee Faawundeeshiniin Guddinaa Tumsaa hojjechaa jiru caalaatti babal’isuufi waanti karoorfame yoo jiraate?

Aadde Leensaa: Hojiilee faawundeeshinichi gama hundaan raawwachaa jiru sadarkaa biyyaarra darbee akka Afrikaatti akka babal’atuuf hojjetamaa tureera; hojjetamaas jira. Taanzaaniyaa waliin hariiroo uumuudhaan Seminaariin biyyootni Afrikaa biroonis irratti hirmaatan qophaa’ee ilaachi Guddinaa Tumsaa qabaachaa ture maali kan jedhu ‘Afaan Siwahiliitti’ hiikamee akka irratti mari’atamu ta’eera. Lubni Guddinaan yeroo Afrikaa Kibbaa sirna ‘Appaartaayidiin’ bulaa turte biyya sana deemee mirga nama gurraachaaf falmaa tureera.

Sirni Appaartaayidii Afrikaa Kibbaa keessaa caccabus Guddinaa Tumsaa mirga dhala namaaf falmaa waan tureef Siminaariin Keep Taawonitti adeemsifameera. Jarmanii, Siwiidiiniifi biyyoota biroottis Seminaarii qopheessuudhaan irratti mari’atamaa tureera. Biyya inni keessatti barate Ameerikaa, Miniisotaa deemuun yaadni Luba Guddinaa Tumsaa maal ture kan jedhuufi hawaasa Ameerikaa keessa jiruuf hiiika maalii qaba kan jedhurratti irra deddeebiin mari’atamaa tureera. Ummanni Miniisotaa jiraatus hojiifi mul’atasaaf beekamtii kenneera.

Bariisaa: Nama cimaa tokko duuba dubartii cimtuutu jira jedhamaa, haati warraa Luba Guddinaa (Aadde Tsahaay Tolasaa) ammoo nama akkamii turan?

Aadde Leensaa: Jechi jedhamu kun dhugaadha. Aadde Tsahaay haadha warraa Luba Guddinaa qofa utuu hintaane miiltoo hojiisaa turte. Lammansaanii hojiidhaanis mul’ataanis tokko waan turaniif waan hojjetan hundumaa waliin mari’atanii waliin murteessanii hojjechaa turan. Lubni Guddinaan ajjeefamnaan haati warraasaa ammoo qabamtee waggoo 10f hidhamte. Ji’a 13f mana hidhaa ‘Maa’ikalaawwiitti’ mana dukkanaa keessatti hidhamtee turte. Mana hidhaa Karchalleetti erga hidhamtee boodas waggoota sagaliif hidhamtoota dhiiraafi dubartootaaf tajaajila fayyaa kennaa turte. Mana hidhaa Karchallee keessatti daa’imman 56tu harkasheerratti dhalate.

Aadde Tsahaay hidhamtoota isaan waliin mana hidhaa Karchallee keessa turan hojiiwwan ogummaa gara garaa barsiisaafi kanneen ogummaa hojii gara garaa qaban ammoo gurmeessuudhaan hojii ogummaa akka hojjetan taasisaa turte. Hidhamtoota dhiiraafi dubartootaa gurmeessuudhaan hojii mukaa, shurraaba dhahuu, callee diruu, korojoofi waan lafarra afamu akka hojjetanii gurgurachuun galii akka argataniifi maatiisaaniillee akka gargaaran taasisaa turte.

Bariisaa: Haalli guddina ijoolleen Luba Guddinaafi Aadde Tsahaay akkam ture?

Aadde Leensaa: Ani yeroo abbaan koo loltoota mootummaa Dargiitiin ukkaamfamee fudhatame biyyuma keessan ture. Du’uusaa dhaga’uu baadhus ukkaamfamee fudhatamuusaa quban qaba. Yeroon waggaa 16 ture abbaa koo waliin hidhamee waanan tureef erga inni ukkaamfamee fedhatamee booda anis biyyaa ba’uuf dirqame. Obboleeyyan koos nadursanii waan biyyaa ba’aniif yeroo haati keenya hidhamtes ta’e hiikamte biyyuma alaa turre. Haati keenya mootummaan Dargii utuu hinkufiin yeroo muraasa dura mana hidhaatii hiikamtee biyyaa baatee nu bira dhufte. Yeroo mootummaan Dargii kufe ammoo hundi keenya walqabannee biyyatti deebine.

Aadde Tsahaay gara biyyaatti erga deebitee booda Finfinneetti Waldaa Amantoota Makaana Yasuus Biiftuu Boolee qe’eeshee keessatti hundeessite. Waldaan kun yeroo ammaa bakka tajaajilli waldaa kiristaanaa itti kennamu akkasumas, ijoolleen kaayyoo itti guddifaman taatee tajaajilaa jirti. Anis faana ishee bu’uudhaan waldattii keessatti baay’inaan tajaajila daa’immaniifi dargaggootaarrattan hojjechaa jira. Obboleeyyan kiyyas akkasumatti ana waliin hojii hafuuraa dabalatee hojiilee biroorrattis qooda fudhachaa jiru. Waldattiin tajaajila hafuuraa kennuurra dabartee namoota rakkatanii daandiirra ba’anis gargaaruudhaan qabeenya horatanii akka isaan of danda’anii jiraatan gochuurrattis xiyyeeffattee hojjechaa jirti.

Bariisaa: Waldaan Makaana Yasuus Biiftuu Boolee hojii amantiin cinaatti aadaafi Afaan Oromoo barsiisuurratti maal hojjeta?

Aadde Leensaa: Waldattiin aadaafi Afaan Oromoo guddisuurrattis xiyyeeffattee hojjechaa jirti. Namoonni baay’een Wangeelli faallaa aadaati jedhanii yaadu. Namoonni kaan ammoo kan aadaa ummataa balleesse Wangeela jedhu. Garuu kan akka Wangeelaatti aadaa ummataa haammatee qabu, dagaagsuufi babal’isuu hinjiru. Fakkeenyaaf gara Oromootti yoo deebine Afaan Oromootiin yeroo jalqabaaf kan barreesse nama Wangeelaa kan ta’e Onesmoos Nasibi. Onesmoos Macaafa Qulqulluu afaan alagaarraa gara Afaan Oromootti nama hiikedha. Utuu namni Wangeelaa kun Macaafa Qulqulluu Afaan Oromootti hiikee hinbarreessine ta’ee har’a sabni kun eessa jira jedhamee kan nama gaafachiisuudha.

Abbaan keenya akka jechaa turetti, Wangeelli saba tokkotti kan himamu afaansaafi akkaataa aadaasaatiin ta’uu qaba. Waldaan Amantoota Makaana Yasuusii Biiftuu Bolee kana bu’uura godhachuudhaan daa’imman, dargaggootaafi amantoonni Oromoo Afaan isaafi akkaataa aadaasaatiin Wangeela akka dhaga’u taasisuurratti xiyyeeffattee hojjechaa jirti. Waldattiin daa’immaniifi dargaggoonni Oromoo Afaan, aadaafi eenyummaasaanii beekanii akka guddataniifi itti jiraataniifi dinagdeen of danda’an taasisuurratti xiyyeeffattee barsiisaa turteetti ammas barsiisaa jirti. Waldattiin yeroo ammaa keessumaa Godinaalee Shawaa Bahaa, Shawaa Lixaa, Shawaa Kaabaa, Shawaa Kibbaa keessatti bufataalee lallabaa ijaaruudhaan tajaajila guutuu fooniifi hafuuraalu bal’inaan kennaa jirti.

Bariisaa: Akka maatiitti abbaafi haadha keessan irraa maal dhaaltan?

Aadde Leensaa: Abbaafi haadha keenyarraa waan hedduu dhaalleerra. Ummata gargaaruu, jaallachuufi saba ofiif jiraachuu, tajaajila guutummaa dhala nama hundumaaf kennuu kan jedhu waan maatii keenyarraa dhaallee irratti hojjechaa jirra. Waan maatii keenyarraa dhaalle kana ammoo ijjoolee keenyaafi dhaloota dhufutti dabarsuuf irratti hojjechaa jira. Wantoonni aniifi obboleeyyan koo Waldaa Amantoota Makaana Yasuusii Biiftuu Booleefi Faawundeeshinii Guddinaa Tumsaa keessaatti hojjechaa jirrus mul’ata abbaafi haadha keenyaa kan itti fufsiisaniidha.

Luba Guddinaa Tumsaa qofa utuu hintaane obboleeyyansaa Baaroo Tumsaa, Nagaasaa Tumsaafi obboleettiinsaa Dinagdee Tumsaa hundisaaniiyyuu wantoota hawaasa fayyadan hedduu raawwatanii darbaniiru. Maatiin warra Guddinaa Tumsaa ijoolleesaanii guddisuuf carraa waan hinarganneef kan obboleeyyansaa guddise hangafa isaanii kan ta’e Guddinaa Tumsaafi Tsahaay Tolasaati.

Bariisaa: Waggaa 30ffaa Faawundeeshinii Guddinaa Tumsaa kabajuun maaliif barbaachise?

Aadde Leensaa: Waggaa 30ffaan faawundeeshinichaa Bitootessa 28-30 bara 2015tti Finfinnee Paarkii Michoomaa (Friendship Park) tti kabajameera. Waltajjicharratti hojiilee faawundeeshinichi waggoota 30 darbaniif hojjetes agarsiisaaf dhiyaataniiru. Kaayyoo guddaan sagantichaa hojiilee faawundeeshinichaa beeksisuu utuu hintaane dhaloonni amma jiru keessumaa dargaggoonni seenaafi mul’ata Luba Guddinaa hubatee waan gaarii ummata tajaajilu hojjechuuf kaka’umsa akka horatuufi kutannoo akka qabaatu taasisuudha.

Bariisaa: Dargaggoota ammaaf dhaamsa ykn ergaa yoo qabaattan?

Aadde Leensaa: Dhaloonni ammaa keessumaa dargaggoonni harki caalaan yeroosaanii miidiyaa hawaasummaa ofiisaaniifi hawaasa isaanii hinfayyadnerratti dabarsaa jiraaniif haala kana keessaa ba’anii gara hojii ofiisaaniifi sabasaanii fayyadu hojjechuurratti deebi’uu qabu. Dargaggoonni dhibaa’ummaa, jibbaafi jal’ina keessaa ba’anii waan qajeelaafi gaarii ta’e hojjechuu qabu.

Dargaggoonni kan na gargaaru tokko ni dhufa jedhanii eeggachuurra jireenyasaanii geggeessuuf tattaafachuu qabu. Nama tattaafatee hojjetuuf yaadni ni dhufa; balballis ni banamaaf. Yaadni qabeenya guddaa namni qabudha. Yaadni ammoo callisnee taa’uudhaan utuu hintaane, yoo tattaafannee hojjenne dhufa. Namoonni akka Guddinaa Tumsaa deggarsa maatii, firaafi namoota biroo hinqabne tattaaffii cimaa taasisuudhaan hojiilee gurguddoo sadarkaa addunyaatti beekaman raawwatanii darbaniiru. Rakkoolee Guddinaa mudachaa turan keessaa tokko beela ykn nyaata dhabuudha. Guddinaan rakkoo kanaaf utuu harka hinkennin mana namaa deemee uffata miicuufi hojii qonnaa gargaaruudhaan tattaafatee hojjechaafi barachaa ture.

Dargaggoonni keenyas nama isaan gargaaruufi maallaqa isaaniif kennu eeggachuu dhiisanii hojii argatan hojjechuu qabu. Naannawaa qulqulleessuun hojii guddaadha. Dargaggoonni dhibaa’ummaafi hojii tuffachuu keessaa ba’anii hojii xiqqaa irraa jalqabanii babal’isaafi guddifachaa deemuu qabu. Utuu tattaafatanii hin hojjetiin jijjiiramni dhufu tokkoyyuu hinjiru. Karaa qaxxaamuraan duroomuuf yaaluun jireenya hinta’u; kanaafuu dargaggoonni keenya abjuu hamaa akkasii keessaa ba’uu qabu. Dargaggoonni dhibaa’ummaa, hojii tuffachuufi filachuu keessaa ba’anii hojjechuun ofiifi biyyasaanii jijjiiruurratti xiyyeeffatanii hojjechuu qabu.

Waanti dargaggoonni Guddinaa Tumsaarraa barachuu qaban hojii utuu hintuffatin hojjechuudha. Guddinaan uffata namaaf miicuun, hojii qonnaa nama gargaaruun, biqiltuu kunuunsuufi gara Naqamtee yeroo deemes Hospitaala Naqamtee qulqulleessuun of jiraachisuufi jijjiiruuf cimee hojjechaa, barachaafi dubbisaa ture. Hojii utuu hintuffatin hojjechuun daandii sadarkaa guddaatti nama geessudha. Kanaafuu dargaggoonni keenya hojii utuu hintuffatin ykn hinfilatiin hojjechuu qabu; barnootaafis xiyyeeffannaa addaa kennanii barachuufi dubbisuu qabu.

Abbaan keenya barnootaaf iddoo guddaa kennee hojjechaa ture. Nuti mul’atasaa itti fufsiisuuf hojjechaa waan jirruuf barnootaaf iddoo guddaa kenninee irratti hojjechaa jirra. Sammuu namaa bilisa baasuu kan danda’u barnoota. Barsiisaa tuffachuufi barnootatti dhibaa’uun abbichuma miidha waan ta’eef barumsatti jabaachuufi dubbisuun barbaachisaadha. Yeroo ammaa addunyaan teknolojiidhaan fagaattee waan jirtuuf barachuuf haalli mijataadha. Bilbila ‘Smart Phone’ harkatti baannee deemnu gargaaramuudhaan waan baay’ee barachuu, dubbisuuufi of barsiisuu dandeenya. Kanaafuu dargaggoonni wantoota waayii hinbaafneefi hinfayyadne dhiisanii waan isaan fayyadu dubbisuu qabu.

Utuu ofiif hinta’in biyyaafi sabaaf nan ta’a jedhanii yaaduun gowwummaadha. Nama of danda’etu sabasaafi biyyasaa gargaaruu danda’a. Namni of hindandeenye maatiifis sabaafis hinta’u. Kanaafuu dargaggoonni akka of danda’aniifi barumsa isaaniitti ciman taasisuurratti xiyyeeffatanii hojjechuun baay’ee barbaachisaadha.

Bariisaa: Baay’ee galatoomaa.

Aadde Leensaa: Isinis galatoomaa.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 7 Bara 2015

Recommended For You

3 Comments to “ “Dargaggoonni hojii osoo hintuffatiin hojjechuu Guddinaa Tumsaarraa barachuu qabu” -Aadde Leensaa Guddinaa Tumsaa

  1. Pingback: rca77

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *