Yommuu ayyaanootni waggaa dhufan lammilee harka qalleeyyii deggaruufi maaddii qooduun baratamaa dhufeera. Gochaan kun eebbifamaafi uumaan illee kan jaalatu ta’uu wal nama hingaafachiisu. Kennuun eebba namaaf dabala malee namarraa hinhir’isu. Kanas duudhaalee amantii ni barsiisu.
Gochaan kun taatee ayyaanaa qofa osoo hintaane kan guyyuu ta’ee baratamuu qaba. Inni qabuu isa hinqabneef qooduu yoo aadeeffate loomiin shantamni nama tokkotti ba’aa ta’e nama tokkoof miidhagina ta’a.
Ayyaana Faasikaa bor kabajamu ilaalchisuunis sagantaa maaddii qooduu bakka garagaraatti taasifamaa jira. Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD), Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee harka qalleeyyiif maaddii qoodaniiru.
Doktar Abiyyi hojjettoota waajjirasaanii galii gadaanaa qaban dabalatee, daa’imman buusii hojjettoota waajjirasaaniitiin gargaaraman, waliigala namoota 220 ayyaana Faasikaafi Iida torban dhufu sababeeffachuun deggarsa taasisaniiru.
Akka magaalaa Finfinneettis ayyaanoota Faasikaafi Iidii sababeeffachuun Kamisa darbe magaalaa Finfinneetti lammiilee harka qalleeyyii, abbootii oolmaa, maanguddootaafi galii gadaanaa qaban kuma 256 taa’anif maaddiin qoodameera. Manneen harka qalleeyyii 555s haareessuun dabarfamee kennameera.
Walumaagalatti sagantaan maaddii qooduu kun sadarkaa garagaraatti kan raawwatame yoo ta’u, hojii eebbifamaafi jajjabeeffamuu qabudha.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 7 Bara 2015
9 Comments to “Kennuun namarraa hinhir’isu”