Aanaan Kokkossaa aanaalee Godina Arsii Lixaa keessaa isa tokko yommu ta’u, qabeenya uumamaafi iddoowwan seena qabeeyyii heddu qabaachuun beekama.
Iddoowwan seenaqabeessa aanichi qabu keessaa Gamoon Abbaa Amboo isa tokko. Gamoon kun Finfinneerraa kiiloo meetira 365, magaalaa guddoo godinichaa, Shaashamanneerraa, kiiloo meetira 116fi magaalaa aanichaarra kiiloo meetira 18 fagaatee Ganda Woyyoo Kombolchaatti argama.
Jiraattotni naannawichaa akka jedhanitti, sababni Abbaa Amboo jedhameefis namni beekamaan aadaa, safuu, duudhaa ittiin bulmaata Oromoo beekuufi hayyuu dubbii ambaa fixee araarsaa turerraa ta’uutu himama.
Abbaan Amboo kun namoota hunda ija tokkon ilaala. Hayyuun kun gosaan, balbalaan, sanyiidhaan nama hinqoodu ture. Kanarraa ka’uun nama biyyaati, ambaa hundaati jechuun Abbaa Amboo jedhanii yaamu malee ilmaansaa keessa namni maqaa Ambo jedhamu akka hinjirrefi maqaansaanii Shaanqullee Sibiloo akka ta’e maanguddootni ni ibsu.
Gamoo Abbaa Amboo dallaawwansaa mukkeen gara garaatiin marfamee kan argamuufi keessisaa iddoo kadhannaa ittigaggeessan, bakka urgooftuuwwan adda addaa itti aarsaniifi dhadhaa ittidiban qaba.
Iddoo bosonaan uwwifame kanatti sirnoota kadhannaa garagaraatu adeemsifama. Bakkichatti dubbii dhugaa qofa malee hammeenyi hindubbatamu.
Sirnoota kadhannaa bakkichaa
Gamoo Abbaa Ambootti sirnoota kadhannaa adda addaatu gaggeeffama. Keessumaa
hawaasni yommuu kadhannaaf gara gamichaa deemu:
“Ujubaan abbaa Amboo Gaaxaan irraa mul’ata”
“Waaqa nu uumetu nuu dubbata” jechaafaa jedhama.
Sirnootni kadhannaa kunneenis:
Kadhaa Roobaa: Yommuu bokkaan roobuu dhabee caamni hammaatee namaafi beeyladoota akka hinmiineef kadhatamuudha.
Kadhaa Nageenyaa: Kadhaan kun kan adeemsifamu yommuu rakkoon nageenyaa biyyattii qunnameefi waraanni hammaatetti.
Dubbii waldhabdee. Yommuu namoota dhuunfaa, gosoota gidduutti waldhabdeen uumamu iddoo kanatti araarri bu’a.
Dubbii Gumaa: Yommuu namni walajjeese Abbaan Amboo dhiiga liqimse jedhanii dubbii waliif fixatu jedhama. Araarris ni bu’a jedhama.
Dubartii dhabduu yookiin dhala hinqabneefi harkaqal’eessaaf kadhaannaan ni taasifama.
Yommuu beelli hammatu. Kadhannaan kun yommu caamni hammaatee loon namarraa dhumuuf jedhu, yommuu rakkoo jabaan ummatatti dhufte kan kadhatamuudha.
Yommuu kadhannaan kun taasifamus mukeen anshaafi garambaa jedhaman muruudhaan horii irratti gorra’anii dhiigasaa kallacha namaarratti qabuudhaan, facaasuun, buna qaluun, kadhannaan akka taasifamu maanguddootarraa odeeffanneerra.
“Killa feessee Rabbiiyyoo sitti dheesse”
“Killaan bahee Rabbiyyoo sirraa dahee”
“Killa guure Rabbiyyoo si nu uumee” jechuun yommuu Rabbiin kadhatan yerooma san wanti kadhatamu akka namaa raawwatamu himama.
Namoonni sirni kadhannaa taasifameef kunneen yommuu haajaan ykn dhimmi isaan barbaadan sun milkaa’eef waan akka gammachuutti ykn galataatti kennan qabu. Innis wareega jedhamee beekama.
Wareegni kunis “Killaan bahee Rabbiyyoo sirraa dahee”, jechuun kormaafi buna fidu jedhama. Abbaan Amboo yommuu lubbuun jiran akkas jedhamaa ture.
“Baddaan dirree taati”
“Bultiin Irree taati”
“karaan samiirra baasa”
“Garaa walitti kaasa”
Bara sana ani hinjiru jedhe jedhama.
Yoo gara Aanaa Kokkossaa dhuftan asumaan iddoo seenaqabeessa kana akka daaw’attan affeeraa; bakkawwan akkanaa kunuunsuun dhalootaaf akka darbu gochuun daran barbaachisaadha.
Maddi:Komunikeeshinii Godina Arsii Lixaa
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 30 Bara 2015
3 Comments to “Kokkossaatti Gamoo Abbaa Amboo”