Waraanni Itoophiyaa kaabaatti waggoota lamaa oliif adeemsifamaa ture erga waliigaltee araaraatiin goolabamee ji’oonni lakkaa’amaniiru.
Yeroowwan kanneenittis mootummaan federaalaas ta’e ABUT dhimmoota ijoo irratti waliigalan raawwachuuf tattaafataa turaniiru. Kanneen keessaa miseensota waraanaa duraanii hidhannoo hiiksisuun gara jireenya nagaatti deebisuun hojii jalqabaati.
Kana qabatamaan lafa qabsiisuun akka danda’amuufis mootummaan Komishinii Haaromsaa Biyyaalessaa hundeessee hojiitti seeneera.
Gaazexaan Bariisaas waraanicharratti baay’inaan hirmaachaa kan turan dargaggoota waan ta’eef lammiilee kanneen deebisanii dhaabuurratti komishinichi maal hojjetaa akka jiruufi dhimmoota biyyaalessaa kaanirratti Komishinara Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaa dubbiseera.
Bariisaa: Sababa komishinicha hundeessuuf barbaachiseef otoo nuu ibsitanii? Akeekaafi ergamawwansaas achumaan.
Ambaasaaddar Tashoomaa: Akkuma beekamu mootummaan Itoophiyaafi ABUT waliigaltee biyyattiitti nagaa waaraa buusuu dandeessisu mallatteessaniiru.
Waliigaltichi waantota baay’ee kan of keessaa qabu yoo ta’u, kanneen keessaas miseensota waraanaa ABUT duraanii hidhannoo hiiksisuu; gara jiddugaleessa tokkootti walittifiduufi leenjii kennuudhaan hawaasatti akka makaman gochuun isa tokko.
Kun kan taasifamuufis lammiileen kunniin jireenya nagaqabeessa, fayyaalessaafi omishataa akka geggeessan gochuufi.
Akkuma beekamu hojiin hidhannoo hiiksisuu kanaan dura yeroo lama adeemsifameera. Kan jidduu kanaa ammoo marsaa 3ffaadha. Hojiii kana keessatti dhaabbileen adda addaa kan qooda fudhatan ta’ullee qaamni hojicha sirriitti hogganu akka barbaachisu waan itti amanameef Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa bu’uura murtii Mana Marii Ministirootaatiin hundaa’eera.
Komishinichi ergamawwan adda addaa sadii qaba. tokkoffaa akkuman irranatti eere miseensonni waraanaa duraanii akka hawaasatti makamaniifi dandamatan gochuudha. Kana malees sirna akka isaan humna nagaa, dimokiraasiifi misoomaa ta’aniif gargaaru diriirsuun qooda hojii komishinichaaf kennameedha.
Kanaafis hunda dura hojiin hidhannoo hiiksisuu walduraa duubaan kan hojjetamu yoo ta’u, kana maddiittis hojiin gara wiirtuu tokkotti galchuus kan adeemsifamu ta’a.
Dubbii keenyarratti keenyas ta’e dhaabbilee biroo akka keenyaa kan hundaa’aniif rakkoo yeroo furuu qofaafi. Oggaa ergamasaanii raawwatan ni diigamu.
Nuufis umurii waggaa lamaatu kenname. Komishinichi kan hundaa’eef waliigaltee mootummaan ABUT wajjin taasise hordofee ta’ullee marii manni marii ministirootaa taasisuun naannawwan biyyattii kaanittis miseensonni waraanaa duraanii hidhannoo hiikkatan ykn sichi hiikkatan waan jiraataniif ergamni kan biyyaalessaa taasifameera.
Kana jechuun miseensonni waraanaa duraanii Naannoo Tigraay, Amaaraa, Affaar, Beenishaangul Gumus, Ummatoota Kibbaafi Gaambeellaatti ni argamu. Kanaafuu, erga hojiin kun hojjetammuu hinoollee naannoo tokko qofatti kan daangeffame otoo hintaane kan biyyaalessaa haa taasifamu jechuun mana marii ministirootaatiin waliigalteerra ga’ameera. Kanaafuu, ergamni komishinichaa biyyaalessaawaa ta’ee naannolee hunda kan haguuguudha.
Akka ijootti akka hojjetamu kan barbaadamu miseensonni waraanaa duraanii akka gara jireenya nageenyaatti deebi’an gochuudha. Kana gochuufis hojii jalqabaa ta’uu kan qabu dhimma hidhannoo hiiksisuuti.
Miseensonni waraanaa duraanii kun waraanicharratti hirmaataa waan turaniif dura hidhannoosaanii hiikkachuu qabu. Kun qaama waliigaltee Piriitoriyaati. Hojiin kun raayyaa ittisaatiin haala gaariidhaan hojjetamaa jira. Gareen Gamtaa Afrikaa dhimma kana hordofuufi to’atus jira.
Dhiyeenya wayitan Maqalee deemee turettis jeneraala dhimma kana hogganu wajjin walagarree akka mari’annetti hojichi haala gaariidhaan raawwatamaa jiraachuu; kanattis gammadaa ta’uu; hanga ammaatti gufuun guddaadha jedhamu akka isaan hinmudanne natti himaniiru. Yeroo ittaanutti miseensota waraanaa duraanii wiirtuu tokkotti galchinee leenjii kenninaaf.
Lammiileen kunniin hawaasatti makamanii nagaan akka jiraatan gochuuf mootummaan karaa komishinichaa deeggarsa walittiqabaa jira.
Gara fuulduraatti yoo adda addummaa siyaasaa akaakuu kamiiyyuu yoo jiraate akkasumas yoo rakkooleen uumaman haala qaroomina qabuufi karaa nagaqabeessaan mariidhaan furuun danda’amurratti leenjii kennina. Muuxannoo kanaaf ta’uu walittiqabaa jirra. Gaafficha gabaabinaan deebisuuf kaayyoon hundoofneef waan qaama waliigaltee nageenyaa ta’eefi.
Bariisaa: Imalli Maqaleetti taasistan akkam ture?
Ambaasaaddar Tashoomaa: Sababii ijoon Maqalee deemneef hojii hiidhannoo hiikkachiisuun deebisanii dhaabuu raawwachiisuufi. Sababinsaas miseensonni waraanaa duraanii iddoo biraarra achi baay’inaan waan jiraniif waan eegamu hedduun waan jiruufi.
Haaluma kanaan ajandaalee lama qabanneeti kan deemne. Tokkofffaa hidhannoo hikkachiisuu, kanarratti muuxannoon biyyootaa biroo maal akka fakkaatu agarsiisuudhaan biyya keenyattis faayidaa nageenya waaraarratti hubannoo qabsiisuufi.
Lammaffaa, hojiilee keenya ifa gochuufi. Waltajjicharratti mootummaa federaalaafi naannoleerraa qaamoleen dhimmi ilaallatu akka hirmaatan taasisneerra. Dhimmoota ummanni kaase keessaa ijoon miseensota waraanaa duraanii si’aayinaan hidhannoo hiikkachiisuun hawaasatti akka makaman gochuurratti kan xiyyeeffateedha.
Kana raawwachuuf akkuman duraan jedhe hanqinni dandeettii akka nu mudatuudha kan amanamu. Ta’us turtiin Maqaleetti taasisne waantota tokko tokko milkeesseera jedheen yaada. Tokkoffaa waliigalticha booda waltajjin biyya kessaa kan qophaa’e yeroo jalqabaatiifi. Kunis haalli sagantaaleen akkanaa Maqaleetti adeemsisuu dandeessisu akka jiru agarsiisuufi.
Lammaffaa, namoonni 200 caalan achi deemuun waltajjicha haala milkaa’aadhaan adeemsisuun keenya waliigalteen araaraa raawatamaa jiraachuusaatiif agarsiistuudha. Walamantaa dhabuun Mootummaa Federaalafi ABUT jidduu jiru cimaa jiiraachuusaa agarsiisa.
Hundaa ol ergaan miseensota waraanaa duraaniitiif dabarfamuudha. Innis yoo hidhannoo hiikkatanillee dhimmisaanii dhumateera jechuu miti. Akka isaan gara jireenya nagaqabeessaatti deebi’aniif mootummaan kutannoodhaan akka hojjetu ittihimameera. Waliigalaan akka karoora keenyaatti waltajjii milkaa’aa ture.
Bariisaa: Adeemsi miseensota waraanaa duraanii hidhannoo hiiksisuu hammam bu’aa qabeessa? Keessumaa haala yeroo kennameefiin oggaa ilaalamu?
Ambaasaaddar Tashoomaa: Akkuman irranatti eere hojii kana kan raawwatu raayyaa ittisa biyyaati. Gareen Gamtaa Afrikaa akka adeemsicha hordofuuf ittigaafatamummaan kennameefis jira. Akka odeeffannoon arganne ibsutti hojiin meeshaalee waraanaa guguddoo hidhanno hiiksisuu milkaa’inaan raawwatameera.
Erga kun raawwatamee booda Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa meeshaalee kanneen fudhateera. Meeshaalee matayyoota harka jiran hiiksisuun eegalameera. Innis haala gaariidhaan adeemsifamaa jira jechuun ni danda’ama.
Walgalteen nageenyichaa kana qofa otoo hintaane waantonni isa wajjin walqabatanii deemuu qaban danuu kan qabateedha.
Hunduu haaluma yeroo qabameefiin deemaa jira amantaa jedhu hinqabnu. Kanaafis sababoota danuuti jiru. Mootummaan Yeroo Naannoo Tigraayillee yeroo jedhame keessatti miti kan hundaa’e. Sababiinsaas waan marii bal’aa barbaaduufi.
Falmiiwwa danuunis turaniiru. Kanneen hunda keessa darbee waliigaltee waloorra gahuun mootummaa ce’umsaa hundeessuuf yeroo dheeraa fudhateera.
Kun waan hin eegamne miti. Akkuma beekamu dhimmichi waan laayyoo miti. Kanaafuu, haallitti yeroo jedhame keessatti akka yaadnetti ykn akka barbaadnetti hindeemne jira.
Fakkeenyaaf, erga hidhannoo hiiksisnee booda hojii wiirtuu tokkotti walittiqabuuf bulchiinsa achii wajjin hojjetamuu qaba. Namoonni raayyicha hogganaa turan jiru. Akka jaarmiyaatti gurmaa’aniiti kan hojjetaa turan. Kanaaf hojiin raayyicha gara wiirtuu tokkootti walittiqabuu qaama achi jiruufi dhaabbilee federaalaa keessumaa Raayyaa Ittisa Biyyaa wajjini.
Adeemsa kana keessatti haalonni akka si’aayinaan hindeemne nama danqan mudachuu malu. Kun biyyoota danuu mudateera. Fakkeenyaaf Sudaan yoo fudhanne yeroo dheeraa ittifudhate. Keenya reefu ji’a afur waan ta’eef hangas tureera jedhamee yoo fudhatamuu baate gaariidha. Sababiinsaas hudhaalee hedduutu jirukaa. Kanneen bira darbanii waliigaluun gara yaadaafi ilaalcha tokkootti dhufuu barbaachisa.
Maalumaafuu garuu, adeemsi hidhannoo hiiksisuu haala gaariidhaan raawwatamaa jira jechuu wayya. Kanaafuu hojiin gara wiirtuu tokkotti sassaabuu ittifufa. Ammumayyuu kanneen mooraawwan murtaa’ootti galan jiru. Yeroo Maqalee deemnetti gareen keenya argee isaan dubbiseera. Mootummaa ce’umsaa amma hundaa’e wajjin ta’uun raayyaa hidhannoo hinhiikkanne hiiksisuufi gara wiirtuutti galchuu ni hojjenna jechuun yaada isaanii nuuf heeraniiru.
Bariisaa: Naannawawwan waraanichaan miidhaman deebisanii ijaaruu, hawaasa fayyadamaa misoomaafi dimokiraasii gochuuf waan hojjetamaa jiru otoo nuu ibsitanii?
Ambaasaaddar Tashoomaa: Naannawwan waraanaan miidhaman deebisanii ijaaruu komishinichi qofaasaa kan bahatu miti. Dhaabbilee naannoleefi federaalaa dabalatee hirmaannaa hundaa kan gaafatuudha. Hojichi kan hogganamu mootummaadhaani. Komishinichis kanumaaf hundaa’e.
Qoodni keenya qindeessuudha. Hojiileen ofii hojjennus jiru. Akka jaarmiyaatti garuu qaamolee danuu wajjin hojjenna. Dhaabbilee dhuunfaa dabalatee hojicharratti hunduu hirmaachuu qaba. Sababiinsaas hundi keenyayyuu miidhamtoota waraanichaa waan taaneef. Nagaarraas kan fayyadamu numa waan taaneef.
Haalli amma keessa jirrus kan beekamaadha. Hojiileen deebisanii dhaabuu kan raawwatamu gargaarsa deeggartoota misoomaatiini. Muuxannoon keenya kanuma agarsiisa. Deeggarsa alaa oggaa jedhamu kan teknikii ta’uu danda’a. Fakkeenyaaf hojii gara wiirtuuti galchuu raawwachaa kan jirru Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii wajjini. Kanaaf deeggarsa teknikii nu barbaachisa.
Deebisanii dhaabuuf maallaqa olaanaas ni barbaachisa. Kanaafuu, akkuma sagantaalee misoomaa kamuu kunis akka milkaa’uuf deeggarsiifi hirmaannaan dhaabbilee arjoomtotaa murteessaadha.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 30 Bara 2015
8 Comments to “ “Hojiin deebisanii dhaabuu tumsa hundaa barbaada” – Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaa”