Oromoon gaanfa Afrikaatti saba guddaa dinagdee, hawaasummaafi siyaasaan milkaa’ee jiraachaa kan ture ta’uu ragaaleen gara garaa ni agarsiisu. Milkaa’inootasaa keessaa sirna Gadaa bulchiinsa hundee dimokiraasii ofiif kalaqate akka fakkeenyaatti fudhachuun ni danda’ama.
Sirna ijaarrate kanaanis tokkummaasaa jabeessuu bira darbee saboota, sablammootaafi ummattoota biroo waliin hariiroo obbolummaa dhugaarratti bu’uureffame ijaarrachaa ture. Kanaanis saba guddaa ta’uusaa mirkaneesseera.
Haata’u malee, sirni gita bittaa qeenxummaa ijaaruufi leellisu imala sabdaneessa jabaa Oromoo obbolummaarratti ijaaramuun milkiif injifannoon guutame humna keessaafi alaa fayyadamuun erga humna qawweetiin cabsee waggoota 150 ol lakkoofsiseera.
Sirni gita bittaa qeenxeen kun seenessa afaan tokko, amantii tokkoofi saba tokko jedhuun hadoodee saba, sablammootaafi ummattoota biyyaattii waanjoo garbummaa hamaa jala galche. Kanaanis Oromoon barootaaf aangoo siyaasaa biyyattii isa guddicharraa gara moggaatti dhiibamee kan qabu hundas dhabee jiraachaa ture. Kana malees, haqnisaa dhokfamee, seenaansaa kuun gurraacheffamaa kaan ammoo jalaa hatuun qe’eesaa keessatti orma ta’ee akka jiraatu taasifame.
Maniin imala waggoota 150 oliif amantii tokko, afaan tokkoofi saba tokkoon biyyattii karaa mul’ataanis ta’e dhokataan Itoophiyaa ijaaraa ture kun Oromoonis ta’e saboonni biroo eenyummaasaanii dagachuun dibaabee finxaalessummaa hamaa jala jiraachisuudha.
Kanaanis waggoota hedduuf milkaa’ee barootaaf akka fedhiisaatti waantota hunda abboomaa ture. Kunis qabsoo Oromoo milkii dhabsiisaa gaaffiisaas duraa faffacaasaa maqaafi bifa gegeeddarachuun irratti walfuraa aadaafi afaansaa dhiibaa, qabeenyaafi lafasaa saamaa turan.
Dhiibbaa eenyummaa Oromoo duguugee balleessuurratti kiyyeeffameefi roorroo hammaataa kana ofirraa fonqolchuuf Oromoon keessaafi alaan walijaree wareegamoota guguddoo kaffalluudhaan qabsoo finiinsee bara 2010 mootummaan humna jijjiiramaatiin hogganamu akka as ba’u taasise.
Humni jijjiiramaa Oromoon hogganamu kunis imala finxaalessummaa hamaa obbolummaa balfu qabsoo sabaatiin buqqisuun Mooraa “Araat Kiiloo” saaqqatee seene. Duudhaafi safuu Oromoo ganamaatti deebi’uun sirni federaalizimii dhugaan sabdaneessummaarratti ijaarame akka hojiirra oolu taasise.
Kanaanis saboota, sablammootaafi ummatoota of bira hiriirsuun gaaffii ummata cunqurfamaaf daangaa tokko malee deebii kennuu eegale. Mooraa qabsoo jibbiinsaafi ajjeechaan guutame jijjiiruun dhiifamaafi araaraan sileessee obbolummaan utubee falaasama Ida’amuutiin fuulduratti tarkaanfachiise.
Warri bitanii baran garuu walqixxummaan gadaantummaa, obbolummaaf jaalalli salphina ittifakkaatee qe’een keenya fudhatameera jechuun hirriba dhabuu eegalan. Imala haaraa Itoophiyaa obbolummaa dhugaarratti ijaaruun eegalame gonkuma fudhachuu akka hindandeenye haalota gara garaatiin ibsachuu ittifufan.
Toftaafi hojmaata qabsoodhaan ibsachuu bira darbanii isin ga’eera “Aangoo gad nuudhisaa” jechuun qaanii malee afaanii baasanii gola mana maree aangoo mootummaa biyyattii isa dhumaa paarlaamaa (seera tumtuu) duratti gaafatan.
Sanaanis isaan hingeenye; hiriira mormii labsatanii ministira muummee maqaa dhahaanii ‘silxaan yilqaq’ jedhanii ajandaa burjaajessuufi jeequmsaan guutame labsan. Wacaafi iyyaan goolii kaasuun saboota biroo of cina hiriirsuun aangoo mootummaa hawwiin yaadan sagalee ummataatiin osoo hintaane fonqolchuuf yaalan.
Akka finxaalessitoonni ittiyaadanitti osoo hintaane aangoon kun kan saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa hundaati. ministirri muummeenis sabummaan Oromoo ta’us qabsoo ciniinsuu lammiilee Itoophiyaati.
Hoggansi saba, sablammootaafi ummattootaaf dhalate kun waggoota shan keessatti injifannoon argamee hinbeekamne akka milkaa’u taasisee imimmaan lammiilees qoorsee gola Itoophiyaanota gammachuun guute.
Waan ministirri muummeen Oromoo ta’eef waanti Oromoon addatti argate hinjiru. Rakkoonis ta’e qananiinsaa saboota hunda waliin walqixxeedha. Warreen Oromoo ija shakkiitiifi jibbaatiin ilaalan garuu akka waan Oromoon addatti fayyadamaa ta’eetti ibsuun saboota biroo irratti kakaasuu barbaadu.
Ajandaa maseenaa, sobaafi fakkeessaan guutamee finxaalessitootaan oofamu mormuun ummanni injifannoo waggoota shanan darban dhamdhame kan utubuufi jaalalaafi kabaja imala hoggansa Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) qabu deeggaruun hiriiraan bahee diinaafi firatti agarsiiseera.
Dhugaa kana keessumaa miidiyaaleefi kominikeeshiniin Itoophiyaa kan saboota lamaa qofaa osoo hintaane kan saboota, sablammootaafi ummattootashii maraa ta’uu irra deddebiin afaanota gara garaatiin balballoomsuun warreen ‘yoon si bite malee biyyii kun hinjiraatu’ jechuun tooftaalee hundaan ajandaa taasifatanii hojjechuun dhugaa ummataafi injifannichi kan saba bal’aa ta’uu sirriitti agarsiisuu qabu.
Ummanni bilisummaa gonfate gara waanjoo garbummaatti akka hindeebines hubachiisuun irraa eegama. Ummanni bal’aanis aantummaa hoggansasaatiif qabu haaluma eegaleen cimsee ittifufuu qaba.
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 30 Bara 2015
4 Comments to “ Ummanni bilisummaa gonfate gara waanjoo garbummaatti hindeebi’u”