Hayyuu amantii dararaan mana hidhaa abdii isa hinkutachiifne. Dukkana keessa taa’ee ifa ilaalu, miilaan waraqaa eenyummaa malee biyyaa ba’ee beekumsaafi waraqaa biyya guddaatiin biyyatti deebi’e. Nama bilisummaa amantiitiif falmuusaatiin Magaalaa Finfinnee keessatti waggoota lamaaf hidhamee har’a dhaabbata amantii qabsaa’aa tureef hogganaa jiru.
Barnoota Qur’aanaa waggaa tokkoofi walakkaatti xumuree magaalota hedduu keessa naanna’uudhaan aalimoota guguddoo jalatti ilmii (beekumsa waliigalaa), fiqii (heera amantii)fi nawwii (seerluga afaan Arabaa) biyya kanatti baramu hunda xumuree akka baqataatti biyyaa ba’ee beekaa amantii guddaa ta’uun biyyatti deebi’ee yeroo ammaa dhaabbata dheebotaaf bishaan baasu, masjiidotaafi madrasoota ijaaruufi rakkataa gargaaru hundeessuudhaan biyyasaaniifi amantiisaaniif gumaachaa jiran namni ulfaataaniifi Pirezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee keessummaa Gaazexaa Bariisaa maxxansa kanaati.
Gaaffiifi deebii isaan wajjin dhimmoota ji’a Ramadaanaa, hidha haaromsaafi imala jijjiiramaa waggoota shanan darbaniirratti taasifne akka armaan gadiitti dhiheessineerra.
Bariisaa: Duraan dursinee yeroo nuu kennitaniif galatoomaa jechaa, mee dubbistoota keenyaan walbaraa. Gaaffii, Sheek Sulxaan eessatti dhalatan, guddatan jedhuun haa eegalluu?
Sheek Sulxaan: Tolekaa, osoon gara gaaffii keetiif deebii kennuutti hingaliin dura, Gaazexaan Bariisaa waan keessa jirru nu gaafatee hawaasa biraan nuu ga’uuf dhufuu keessaniif hedduu galatoomaa. Yommuun gara gaaffii keetti deebi’u, ani Sulxaan Amaan Eebbaan jedhama.
Kanin dhaladhe ganda magaalaa guddoo Godina Guraageerraa (Walqixxee) kiiloomeetira shan qofaa fagaattee argamtu, mandara Zabbimolaa jedhamtutti. Guddinni koos irra caalaan naannawuma sanatti jechuun ni danda’ama.
Bariisaa: Oromiyaan alatti dhalattanii akkamitti Afaan Oromoo akkanatti bareechitanii haasa’uu dandeessan?
Sheek Sulxaan: Ani Oromiyaan alatti haa dhaladhu malee eenyummaankoo Oromoodha. Maal sitti fakkaate? Akaakayyuu kiyyatu gosa Oromoo naannawa Walisoo keessaa Ulamaa barbaacha gara Godina Guraageetti godaanee ture. Kana jechuun akaakayyuun koo Walisoo ka’ee gara naannawa Walqixxeetti godaanuudhaan abbaakoo Haaji Amaaniin achitti godhate. Anis haaluma kanaan naannawa sanatti dhaladhe jechuudha.
Sababa barbaacha hayyoota barnoota amantii Islaamaatiif qe’ee Oromootii godaanee kan achi gale. Maatiinkoo garuu Oromummaasaa kan hindaganneefi dhaloota barsiisan waan ta’eef anis har’a afaan saba kiyyaa sirriitti dubbachuuf na gargaareera.
Gama haadhaatiin yoo ilaalte immoo haatikoo saba Qabeenaa jedhamuufi naannawa magaalaa Walqixxee jiraaturraa dhalatan.
Bariisaa: Ijoollummaan keessan hoo maal fakkaata ture? Gara barnoota amantii Islaamaatti hoo akkamiin galtan?
Sheek Sulxaan: Akkuman irranatti sii kaasuuf yaale kanin dhaladhe Godina Guraageetti. Bakki madda maatii keenyaa immoo naannawa Magaalaa Walisoo, iddoo Gooroo jedhamuudha. Kanaaf ani daa’imummaadhaan Guraageerraa gara bakka dhaloota akaakayyuu koo Goorootti dhufee achitti guddadhe. Boodarra garuu abbaankoo, Haaji Amaan barnoota Quraanaa asitti kan baratan waan ta’aniif ijoollee naannawa sanaa walitti qabanii barnoota amantii barsiisuu eegalan. Anis yeroon maatiikoo ilaaluuf Gooroorraa gara bakka dhalootakoo, Zabbimolaatti deebi’u abbaakoo ijoollee walitti qabanii barsiisan argee achumaan itti makame.
Yeroo waggaa lama hincaalle keessatti barnoota Quraanaa xumuruu danda’e. Ergan Quraana buuseen (fixeen) booda barnoota ilmiitiif iddoowwan gara garaa adeemuu eegale. Fakkeenyaaf naannawa Silxee, Jimmaafi Wallootti ilmii qara’ee xumure.
Kanaaf ergan barnoota amantii ilaalchisee Quraana yeroo gabaabaa keessatti buusee booda barnootawwan ilmii biyya kanatti kennaman hunda baradhee isa dhumaatiif aalimoota (beektota amantii islaamaa) Wallo jiran biratti xumure jechuudha.
Bariisaa: Erga Quraana buuftanii ilmiis qaraatanii booda hojii akkamii eegaltan?
Sheek Sulxaan: Akkuman barnootakoo ilmii Wallootti xumureen gara baqaatti ture kanin qajeele. Kunis karaa Sudaan miilumaan gara Sudaan seene. Yeroon sun immoo yeroo Dargiin itti ummata rakkisaa tureedha.
Kanaaf Jimmaafi Wallaggaa qaxxaamuree miilaan Sudaan seenuu danda’eera. Erga Sudaan seenee booda kanin barnoota Quraanaa sirriitti baradhe sanaan hojjachuu eegale jechuudha.
Sudaanitti akaakuuwwan barnootaa kanneen akka fiqii, ilmii, nawwiifi kanneen biroo barsiisaan ture. Osoo ani warra Sudaan barnoota amantii barsiisaa jiruu carraan barnootaa iskoolaarshiippiin Saawudiirraa naa dhufe.
Warri Sudaan waanin barsiisaa jiru waan sirriitti jaalataniif warra Saawudiitti waan himaniif carraan barnootaa argamuu danda’e. Haala kanaan yunivarsiitii Imaam Mohaammad jedhamutti carraa barnootaa argadhee achitti barachuu danda’e. Barnoota sadarkaa lammataafi digirii jalqabaa haala kanaan akaakuu barnootaa Afaan Arabaatiin digirii fudhadhe.
Saawudiitti jalqaba kanin barnoota eegale Magaalaa Madiinaatitti yemmuu ta’u, achitti waggoota sadiif barnoota hordofe. Ittaansee immoo gara magaalaa teessoo mootummaa biyyattii, Riyaaditti qajeele. Achittis waggoota shaniif baradhee digirii jalqabaa fudhadhe. Madiinaatti barnoota sadarkaa lammataa baradhe. Sana booda gara magaalaa Makkaatti imaluudhaan waa’ee Shari’aarratti digirii lammataa hojjadhe.
Gara Jiddaatti imalees waanin hanga yeroo sanaa baradheen mana barnootaa sadarkaa lammataa keessatti barattoota barsiisuu eegale. Hojii barsiisummaa cinaatti magaalaa Jiddaatti imaama masjiidaas ta’ee tajaajileera.
Haaluma kanaan ergan magaalaa Jiddaatti waggoota shaniif barsiisee booda, barnoota amantiifi ogummaa biyya sanatti horadheen tajaajiluuf jecha gara biyyaatti deebi’e. Yeroonitti gara biyyaatti deebi’e sun immoo yeroo mootummaan Dargii kufuuf waggaa lama qofti isa hafutti.
Bariisaa: Akka gara biyyaatti deebitaniin hojii akkamiirratti bobbaatan?
Sheek Sulxaan: Maal sitti fakkaate? Yeroon nuti itti gara biyyaatti galle sun yeroo mootummaan Dargii kufuuf qarreerra ga’e waan tureef haalichi xiqqoo rakkisaa ture. Haa ta’uu malee ani gaafa dura miilaan Sudaanirraan biyyaa bahu waan waraqaa ykn paaspoortii jedhamu hinqabu.
Garuu ergan Saawudii ga’ee booda waanin waraqaa argadheef mirga akka fedhetti socho’uu argadhetti fayyadamee gara biyyaatti galee hanqinoota gama barnoota amantii Islaamaatiin Itoophiyaa keessa turan duuchuuf hayyoota guguddoo kanneen akka Doktar Jeeylaan Kadirfaa wajjin mari’annee walumaan galle.
Akkuman gara biyyaatti deebi’eenis yeroo duraa naannoo kibbaarratti xiyyeeffachuudhaan madrasaafi masjiidota iddoowwan gara garaatti ijaaruu, miskiinota ykn namoota sababa adda addaatiin rakkoof saaxilaman gargaaruu, bishaan ummataa baasuufi hojiiwwan kanaan fafakkaatan hojjachuu ittifufe.
Sanatti aansuun naannoo Oromiyaa godinoota adda addaatti hojii ijaarsa masjiidotaafi deeggarsa miskiinotaa, bishaan baasuufi kanneen biroo bifa duulaatiin hojjachaa turreerra.
Hojiiwwan misoomaafi babal’ina masjiidotaafi madrasaa kanneen bifa qindaa’aa ta’een akka hojjatamu taasifne. Hojii kana cinatti dhaabbanni hawaasaa musliimaa hunda bakka bu’u, majliisni federaalaa akka hundaa’uuf qabsaa’uutti galle.
Haala kanaan qabsoon ummata musliimaa “Sagaleen keenya haa dhagahamtu” jedhamu sun ho’aa dhufuudhaan biyyattiitti waa’een gaaffii mirgaa hawaasichaafi jijjiirraan majliisaa ajandaa ta’uu danda’e.
Bariisaa: Gaaffiin hawaasa musliimaa yeroo sana ka’aa ture amma deebii argateeraa?
Sheek Sulxaan: Sirritti argateera. Akkamiin yoo jette, gaaffiilee jalqabarraa ka’aa turan keessaa tokko majliisni federaalaa akka dhaabbata mitmootummaatti akka galmaa’uufi socho’uu hinqabu. Akkuma caasaa mana amantii Ortodoksiifaa dhaabbata hawaasa musliimaa biyyattii bakka bu’ee socho’u malee akka dhaabbata mitmootummaa waggaa muraasa hojjattee badu takkaatti galmaa’uu hinqabu kan jedhu ture.
Kanaaf gaaffiin kun jijjiirama ammaa keessatti deebii argateera. Dhimmi biraa immoo qaamni majliisa hogganu giddu lixiinsa mootummaatiin ala qaama dhimmi ilaaluun akka filatamu taasisuunis gaaffiilee guguddoo hawaasa musliimaa kan yeroo dheeraa turan keessaa isa guddaadha.
Kanaaf akkuma namni kamuu beekutti dhimmi kunis giddu lixiinsa mootummaatiin ala hawaasni musliimaa hoggansa majliisa sadarkaadhaan jiranii yeroo itti filachuu jalqabe keessa jirra. Waan taaneef, mootummaa jijjiiramaa kanaan haalli gurmaa’inaafi hoggansa Mana Maree Dhimmoota Islaamummaas jijjiirama guddaa keessa jiraachuun waan walnama gaafachiisuu miti.
Bariisaa: Asumaan mee jijjiiramoota akka biyyaatti waggoota shanan as jiran akkamitti ilaaltu?
Sheek Sulxaan: Jijjiiramni yeroo ammaa akka Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa keessatti mul’achaa jiru kunuu bar jijjiirama biyyattiin waggoota shanan darbanitti agarsiisaa jirtuuf keessaa isa tokko. Gaaffii hawaasni karaawwan gara garaatiin kaasu osoo hintuffanne murtii itti kennuun wantoota sirnoota darbanirraa isa ammaa keessatti geeddaramaa dhufaniidha.
Mootummaa jijjiiramaa kanaan dura bar namni waa’ee mirga amantiisaafi dhuunfaasaa waan gaafateef mana hidhaatti dararamaa turee. Anuma akka fakkeenyaatti yoo fudhatte waa’eedhuma jijjiirama caasaa Mana Maree Islaamummaa kanarratti qabsoo karaa nagaa taasisuu qofaan namoota waggoota lamaaf mana hidhaatti dararamaa turan keessaa nama tokko.
Koree fala barbaadduu dhimma musliimotaa keessa waanin tureef namoota miseensa korichaa turan kanneen akka Ustaaz Ahmaddiin Jabal, Abubakar Ahmad, Kamiil Shamsuufaa waliin waa’eedhuma mirgi amantii akka kabajamu gaafachuu keenyaan mana hidhaatti dararamaa turre.
Gara jabummaa sirna yeroo sanaa immoo mana hidhaatti nu naqee nu dararuusaatiin qofa osoo hintaane, dhaabbata koo ani hiyyeessa nyaachisuufi dheebotaaf bishaan baasuun waggoota lamaan ani mana hidhaa turetti cufan.
Qabsoon yeroo sana adeemsifamaa ture kan deebii argateefi namootni yeroo sanatti gaaffii kana ifatti dhiheessuusaaniitiif mana hidhaatti darbatamanii turanis kan deebii argate mootummaa jijjiiramaa waggoota shanan darbaniif biyyattii hogganaa jiru kanaani.
Kanaaf jijjiirama akka biyyattii waggoota shanan darbanitti dhufe yoo nagaafatte deebiin koo fagoo osoo hindeemin ofumarraa ka’een sii deebisa jechuudha. Ani waggaa shan dura mana hidhaa ture har’a Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee hogganaa jira. Warri nuwaliin hidhaman hedduunis hoggansa sadarkaalee gara garaa keessa galaniiru. Kanneen miseensa mana maree bakka bu’oota ummataa ta’anis jiru.
Haala waliigalaatiin yemmuu ilaallu haalli siyaasaa biyyattii waggoota shanan kana keessatti bifa hedduun kan jijjiiramaa dhufe ta’us, jijjiiramni qabatamaan akka dhuunfaafi garee waliin gaaffii hawaasa musliimaa dhiheessaa turreetti argaa jirru calaqqee jijjiirama mootummaa yeroo ammaa biyyattii hogganaa jiruuti jennee amanna.
Yeroo jalqaba jijjiiramni siyaasaa kun dhufu gammachuufi abdiin ture har’as ittifufeera jechuun namatti ulfaata. Kunis rakkoo nageenyaafi waldura dhaabbannaa waraanaa uumuudhaan yeroo ammaa namni heddu rakkoo beelaatiif akka saaxilamu taasiseera.
Qaamoleen hidhannoodhaan mootummaa jijjiiramaa kana falman jiraachuunis nageenyi waaraan uumamee ummanni akka barbaadetti iddoo barbaadutti socho’ee akka hinjiraanneef gufuu ta’ee jira.
Rakkooleedhuma asiifi achitti darbaa darbaa uumaman kanneen keessattis taanaan mootummaan jijjiiramaa hojiiwwan hawaasa biyyattii fayyadan hedduu hojjachaa jira. Asuma iddoma jirrurraa yemmuu kaanu waggoota shan dura waan magaalaan Finfinnee fakkaachaa turteefi amma irra jirtu qabatamaan lafarraa mul’ata.
Bariisaa: Pirojektii guddicha biyyattii kan ta’e hidhi Abbayyaa yeroo waggaa 12ffaa ijaarsisaa itti eegalame kabajachuuf jedhutti dhibbantaa 90 irra ga’eera. Akka guututti xumuramuuf maal eenyuuf maal dhamatu?
Sheek Sulxaan: Ijaarsi hidhaa guddicha Itoophiyaa kun sadarkaa kanarra kan ga’e qormaatawwan guguddoo wajjin waldhaansoo walqabaati. Tattaaffiin Misir kanaan dura dhugaa Itoophiyaanotaa dhoksuuf taasisaa turte fashalaa’us har’as abdii kutattee hinteenye.
Nama dhugaa qabu immoo Rabbis waan gargaaruuf tattaaffiisheetiif gurra osoo hinkennine lammiileen biyyattii hundi ijaarsi hidhichaa hanga guutummaatti xumuramutti deeggarsa barameen ittuma fufuu qabu. Gaafa ijaarsi hidhichaa guutummaatti xumurametti rakkoon Itoophiyaa iddoo har’a jirutti kan hafu osoo hintaane, gama hedduun fooyya’iinsa guddaa fida jedhamee yaadama.
Mandaroota baadiyyaa biyyattii hunda ibsaa waliinga’uufi biyyoota ollaatti gurguranii sharafa alaa argachuuf xumuramuun hidhichaa shoora olaanaa qabaata. Kanaafuu, lammiileen biyyattii hundi karaa boondii hidhichaa bituunis ta’e deeggarsa haalota adda addaatiin taasifamu keessatti hirmaachuusaa addaan kutuu hinqabu.
Akkuma iyyiifi ololli Misir dabalaa dhufuun miirri abbummaa lammiilee Itoophiyaa biratti uumamaa jiruufi hidhicha deeggaruuf taasifamaa jirurraa ka’uudhaan hanga hojiin kun galma ga’utti lammiin Itoophiyaa boodatti jedhu waan jiraatu natti hinfakkaatu.
Bariisaa: Mee amma immoo gara Ramadaanaatti deebinaatii ji’a kana keessatti hordoftoota amantichaarraa maaltu eegama?
Sheek Sulxaan: Yeroo Ramadaanaa kanatti hordoftoota amantichaarraa maaltu eegama isa jedhu deebisuun dura jiini kun ji’a akkamiiti kan jedhu ilaaluun barbaachisaa natti fakkaata. Jiini ramadaanaa kun ji’oota waggaa keessaa ji’a filatamtuu Rabbi filatee itti Quraana buuseedha. Ji’a kadhaan dhalli namaa waaqa biratti fudhatama qabdu, ji’a sadaqaan miskiina tokkoof kennamu dacha hedduun namaaf laakka’amu ji’a raahmataati jechuudha.
Ji’a Ramadaanaa kana sababoota namni tokko akka soomu ykn osoo hin nyaatin garaa duwwaa akka oolu itti taasifameef keessaa inni guddaan beelli maal akka ta’e nama yaadachiisuufi nama beela’e nyaachisuu jechuun immoo hangam hojii eebbifamaa akka ta’e ilmaan namaa hubachiisuufi.
Ji’a rakkataafi qabaataan itti walqixxaatu, ji’a du’aayiin ykn kadhaan Rabbi itti baay’atuufi kadhaan sunis Rabbiin itti qeebalamtu ykn fudhatamtu, ji’a guddoo hangafa ji’ootaati jiini Ramadaanaa kun.
Kana waan ta’eef erga maalummaa ji’a Ramadaanaa hubannee ammoo ji’a milkii kana keessatti milkaa’uuf sadaqaa jiini kun gaafatu kennuu, beela’aa nyaachisuufi daaraa uffisuun, dhibamaa gaafachuufi kunuunsuun, hamii namaafi wantoota ji’a kanatti dhorkamanirraa fagaachuufi waan jiini kun qabu raawwachuun hojiilee guguddoo hordoftoota amantichaarraa eegamaniidha.
Toltuun ji’a Ramadaanaa kanatti hojjatan akkuma dachaa hedduun namaaf qabamu, hamtuun ykn badiin ji’a kana keessatti dalaganis dachaa hedduun kan ji’oota kaanii caala akka namarratti baay’atu hubatanii waan dhorkamaa ta’erraa fagaachuu qabu.
Nama guyyaa soomaan oole karaatti eeganii mana ofiitti gorsiisanii soomana lulluuqachiisuun ajrii guddaa akka qabu baranii, keessumaa harkaqal’eessa filatanii soomana lulluuqachiisuun ykn faxarsiisuun waan namtichi sun soomuusaatiin argatu akka irraa qoodamuutti kan namaa laakka’amuudha. Kanaaf ollaa ofiirraa eegaluudhaan yeroo kamuurra harkaqal’eessaafi dhukkubsataa gargaaruun kanitti cimu ta’uu qaba.
Bariisaa: Ani gama kootiin xumureera. Isin wanti hafe jettan yoo jiraate carraa isinii kenneera.
Sheek Sulxaan: Yeroo ammaa Itoophiyaa keessa sababa rakkoo uumamaafi namtolcheetiin lammiileen rakkoolee adda addaatiif saaxilaman hedduudha. Rabbii gaditti abdiin lammiilee kanneenii Itoophiyaanota. Kanaafuu, garaa garummaa sabaa, ilaalcha siyaasaafi amantiitiin osoo hindaangeeffamne lammiilee kanniiniif birmachuun dirqama lammii hundaa ta’uun hubatamuu qaba.
Nuti akka Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti torban kana ummata Booranaa ongeef saaxilameef gargaarsa midhaanii konkolaataa fe’umsaa guguddaa 17 ergineerra. Dhiheenyatti immoo ummata iddoowwan gara garaatii buqqa’ee magaalaa Dabra Birhaan jiruufi ummata Tigraay sababa waraanaatiin rakkoo saaxilameef gargaarsa dhiheessuuf qophiitti jirra.
Bariisaa: Heeyyamamoo taatanii yeroo kana hunda nu waliin turuu keessaniif galatoomaa!
Sheek Sulxaan: Isinis waan hojjachaa jirru fuutanii ummata biraan nuu ga’uu keessaniif galatoomaa.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 23 Bara 2015
4 Comments to “ “Jijjiiramoota waggoota shanan darbanitti Itoophiyaatti mul’ataniif gaaffiin hawaasa musliimaa deebii argachuun agarsiiftuu guddaadha” – Sheek Sulxaan Amaan Eebbaa”