Itoophiyaan biyya sabaafi sablammoonni afaan, sirnoota, aadaa, duudhaafi eenyummaawwan gara garaa qaban heddumminaan keessatti argaman yoo taatu, aadaafi duudhaaleenshii madda galiifi miidhaginaa ta’uu osoo malanii gadi qabaa, cunqursaafi dhiittaa mirgaa sirnoonni darban qaqqabsiisaa turaniin akka laafuu ta’eera.
Akkuma ijji baddus bakki ijaa hinbaddu jedhamu qabsoo hadhaa’aa keessa ta’uun duudhaafi aadaan sabaafi sablammiilee hamma tokko baraarameera.
Keessumaa waggoota muraasaa as sabaafi sablammiileen aadaa, duudhaafi eenyummaasaanii cunqursitootaan dhokatee ture ofirraa qolachuu bira darbanii madda galii, mallattoo simboo ta’uu mul’isaa jiru.
Barreeffama keenya kana keessattis waadaa hiriyummaa dhugaa kan ta’e aadaa Loomee shamarran Walaayittaa isinii qoonna. Loomeen waadaa hiriyummaan dhugaa shamarran sabichaa umuriidhaan walgitan gidduutti taasifamuudha.
Waadaan kun loomii tokko lamatti ciniinuun kan gaggeeffamu yoo ta’u, iccitii eenyuttuu hinhimanne walitti himachuun alaa ormatti dabarsinee walhinhimnu. Iccitiinkoo iccitiikeeti, miidhamnikoo miidhama keeti, yeroo rakkinaatti waliin dhaabanna jechuun waadaa waliiseenu.
Aadaa kanaan dhoksaa maatiisaaniitti hinhimanne walii qoodu, dhimma dhuunfaa waliisaaniis ta’e dhoksaasaanii alatti baasanii odeessuun fafummaa waan ta’eef isa kanaaf loomii tokko lamatti ciniinuun waadaa ykn kakaa waliif galu jechuudha.
Guyyaa sanaa kaasee hiriyyoonni lameen maqaa Loomee jedhuun walwaamu, maqaa kanaan hiriyoota loomii tokko waliin ciniinan qofti kan walwaaman yoo ta’u, warri kaan garuu maqumasaanii ganamaatiin walwaamu.
Yeroo shamarran kunniin lamaan maqaa Loomee jedhanii walwaaman lamaansaaniiyyuu hiriyyaa iccitii waloo ta’uu salphaatti beeku. Adeemsa hiriyummaa shamarran Walaayittaa kana waanti hiriyyummaa kaanirraa adda taasisu shamarran umuriin walgitan, guyyaa loomii tokko ciniinuun hiriyummaa dhugaaf walfilatanii kaasee galmis bahumsisaaniis waliin ta’a jechuudha.
Dhiirri yoo hiriyummaaf tokkoosaaniif gaaffii dhiyeesse walmari’atu, walitti himu, kanamalees rakkoon adda ta’e kan baasanii maatii ofiitti hinhimanne yoo isaanirra gahe waliiqooduun furmaata waliif ta’u jechuudha. Hiriyummaan kun guyyaa waadaa waliigalanii kaasee hanga dullumaafi du’aatti maqaa Loomee jedhanii walwaamu.
Loomeen maqaa masoo hiriyyoonni shamarranii kun ittiin walwaaman yoo ta’u, maqaan ganamaa isaanii maatiin isaanii baaseef akkuma jirutti jechuudha. Maqaan kun shamarran Walaayittaa biratti daran beekamuudhas.
Loomee Loomee waliin jechuun walwaamu hiriyaa dhugakoo, dhoksaakoo, amanamtuukoo, hiriyummaan keenya hanga dullumaafi du’aatti hiika jedhu qaba.
Sirni hiriyummaa dhugaaf waadaa waliigaluu kun shamarran gidduutti kan gaggeeffamu ayyaanni jijjiirama bara haaraa ummata Walaayittaa, Gifaataan erga kabajamee nyaatanii dhuganii booda sirba Gaaziyaa dargaggoonni bilisumman itti dhiichisanirratti.
Guyyaa kanatti shamarran dabalatee dardarran gadi bahanii hiriyaasaanii waliin sirbaa, dhiichisaa gammachuusaanii akka ibsataniif maatiin eeyyama kennaaf jechuudha.
Dargaggoonni saalaan faallaa ta’anii gaa’elaaf walkaadhimmatan loomii walii kennuun hiriyummaa hanga gaa’elaatti isaan geessu kan itti eegalan yoo ta’u, shamarran immoo hiriyummaa dhugaaf waadaa walii galu jechuudha.
Dhaloonni haaraan keessumaa dargaggoonni kabajamuu aadaa, duudhaa, eenyummaafi afaansaaniif cichanii tattaafachaa jiru. Shamarranis aadichaaf bakka guddaa kennuun waggaa waggaan haala ho’aafi kabaja qabuun hojiirra oolchaa jiru.
Har’a dhiiraa dubartiin abbootiifi haadholiin duudhaa kaleessaa dhiibbaa jalaa miliqee as ga’e dabareesaanii dhaloota dhufuuf olkaa’uu danda’uun jijjiirama guddaadha.
Taateen akkanaa dargaggootaafi shamarran biratti aadeffatamuunsaa dhaloota dhufuufis akka oltaa’uuf waan gargaaruuf dardarraniifi shamarran eenyummaasaaniitti boonan, aadaafi duudhaansaanii miidhaagina ta’uu amanan, kanneen biyyaaf wabii ta’an akka horannu nugargaara.
Egaa akkuma hiriyaan garaa walhinbeekne malkaa ce’u hundatti walkaksiisa jedhamu kan iccitii walii eegu, gaddaafi gammachuutti waliin dhaabatu, dhoksaa hadhaafi abbaatti hinhimanne kan itti waliif qoonnu akka ta’uuf hiriyummaa dhugaan, Loomee shamarran Walaayittaa nurra haa bulu. Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Walaayittaarraa odeeffanne.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 16 Bara 2015
7 Comments to “ Loomee: Maqaa kakuu hiriyummaa dhugaa shamarran Walaayittaa”