Dorgommiin shaampiyoonaa fageenyawwan adda addaa adeemsifamaa jira

Finfinnee: Shaampiyoonaan gabaabaa, jiddugaleessaa, meetira kuma sadii, gufachiisa tarkaanfiifi sochii dirree Itoophiyaa Akkaadaamii Ispoortii Itoophiyaatti dheengaddarraa kaasee boru xumuramu adeemsifamaa jira.

Daarektarri teekniikaa federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Obbo Asfaawu Daanyee akka jedhanitti, kaayyoon shaampiyoonichaa atileetotaaf carraa dorgommii uumuu akkasumas atileetonni naannolee, bulchiinsonni magaalaa, kilaboonniifi dhaabbileen dandeettiisaanii kan ittiin madaalan gochuudha jedhaniiru.

Atileetonni kilabootaafi dhaabbilee 19 irraa babahan 600 ol hirmaataa jiraachuu ibsaniiru.

Baniinsa shaampiyoonaa kanarratti dorgommiiwwan xumuraa dubartootaan meetira kuma sadii gufachiisaa, utaalchoo dheerinaa dubartootaafi dhiiraan darbannaan diskasii taasifamaniiru.

Dorgommiiwwan xumuraa alattis dorgommiiwwan calaluu kanneen biroo nitaasifamu.

Shaampiyoonaan gabaabaa, jiddugaleessaa, meetira kuma sadii gufachiisaa tarkaanfiifi sochii dirree Itiyoophiyaa erga jalqabamee waggaa 20 ol ta’uu odeeffannoowwan ni eeru jechuun TOIn gabaaseera.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 16 Bara 2015

Recommended For You

2 Comments to “ Dorgommiin shaampiyoonaa fageenyawwan adda addaa adeemsifamaa jira”

  1. Pingback: Pretty Gaming
  2. Pingback: Naga Games

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *