Yunivarsiitiin Dambidolloo leenjii murteessummaa kubbaa miilaa kennaa jira

Finfinnee: Misooma Ispoortii Kubbaa Miilaa akka Oromiyaatti jiru cimsuuf sochiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Oromiyaa taasisaa jiru jajjabeessaadha.

Yeroo ammaattis taphattoota urjii ta’an biyyaaf arjoomuun maqaa waamsisaa kan jiru yoo ta’u, taphattoota misoomsuu cinaatti murteessitoota ispoortii kubbaa miilaan ga’umsa qaban horachuunis isa ijoo ta’ee irratti hojjetamaa jira.

Sochii gama kanaan taasifamu cimsuu keessatti Yunivarsiitiin Dambidoolloo shoora guddaa taphataa jira.

Bara 2014 irra kaasee piroojektii guddattootaa karaa saayinsaawaadhaan leenjisaa kan jiru yunivarsiitichi, guddina Federeeshinii Liigii Kubbaa Miilaa Oromiyaa deeggaruu keessatti qooda guddaa kan qabudha.

Kilabii Liigii Kubbaa Miilaa Oromiyaa keessatti hirmaannaa guddaa kan qabu yunivarsiitichi yeroo ammaattimmoo leenjii murteessummaa kennaa jiraachuu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Oromiyaa beeksiseera.

Federeeshinichi fuula marsaa hawaasaasaarratti akka eeretti, Yunivarsitiin Dambi Doolloo misooma kubbaa miilaa akka Oromiyaatti eegalame cimsuu keessatti hojii guddaa hojjetaa jira.

Yeroo ammaattis leenjii murteessummaa kubbaa miilaa sadarkaa 2ffaa ogeessota aanaaleerraa filatamaniif leenjicha kennaa jirachuu himameera.

Akka ibsa federeeshinichatti yunivarsiitichi ogeessota sadarkaa aanaatti filataman dhiira 35 fi dhalaa 5 simatee Murteessummaa Kubbaa Miilaan leenjisa jira.

Sochii guddina kubbaa miilaa akka naannootti eegalame milkeessuuf socho’uun daran jjjabeeffamuu kan qabu yoo ta’u ogummaa murteessitoonni kun qaban kara saayinsawaa akka utubamu taasisa jedhaniiru.

Leenjiin kana fakkaatu kanna duras yunivarsiiticha keessatti gaggeeffamaa kan ture yoo ta’u misooma ispoortii kubbaa miilaa fuulduratti kan tarkaanfachiisu akka ta’e himameera.

Hojiin gaariin yunivarsiitichatti eegalame kun yunivarsiitiiwwan Oromiyaa keessa jiran biroonis dhaalamuu akka qabus ibsameera.

Yunivarsiitiin Dambidoolloo tajaajila hawaasummaa gara garaa kennu cinatti misooma ispoortii kubbaa miilaa saayinsawaan deeggaruuf sochiin taasisaa jiru kan nama gammachiisuudhas jedhameera.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 16 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “ Yunivarsiitiin Dambidolloo leenjii murteessummaa kubbaa miilaa kennaa jira”

  1. Pingback: กงล้อ888
  2. Pingback: fox888
  3. Pingback: diyala uni
  4. Pingback: 먹튀검증

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *