Gibira amanamummaan kanfaluu, guddina biyyaa dhugoomsuuf

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Dilbata darbe Muuziyeemii Saayinsiitti kanfaltoota gibiraaf beekamtiifi sirna galateeffannaa mataduree, “Gibira kabaja biyyaaf” jedhuun akkasumas, jalqabsiisa sagantaa sosochii kanfaltoota gibiraa eegalchiiseera. Saganticharratti kanfaltoonni gibiraa amanamoon magaalattii 300, beekamtii kan argatan yoo ta’u, kanneen keessaa 78 dubartoota.

Hogganaan Biiroo Galiiwwan Magaalaa Finfinnee Obbo Adam Nuurii, haasawa sirnicharratti taasisaniin akka jedhanitti, sagantichi kaayyoowwan lama qaba. Kunneenis guddinaafi badhaadhina magaalattii dhugoomsuuf yaalii taasifamu keessatti namoota fedhasaaniitiin gibira kanfaluun shoora olaanaa qabaniifi qaamolee deggaraniif beekamtii kennuu yoo ta’u, inni lammataammoo galiifi gibira guddina magaalattiif murteessaa ta’e karaa sirriifi ammayyaawaatiin caalmaatti sassaabuu haala dandeesisu mijeessuufi.

Qaamolee gibira fedhaafi amanamummaan kanfalaniif beekamtiifi galata kennuun kan barbaachises, aadaa gibira fedha ofiin kanfaluu guddisuuf, lakkoofsa kanfaltoota gibiraa seeraan kanfalanii dabaluuf, kanfaltoota gidduutti miira waldorgommii uumuufi kanneen gibirasaanii amanamummaan kanfalaniif fakkeenya akka ta’an gochuuf ta’uu ibsu.

Misoomawwan magaalittiitti eegalaman dhugoomsuun kan danda’amu beekumsa, qabeenyaafi muuxannoo jiru qindeessanii yoo ittifayyadamuufi seera gibiraatiif abboomamuun danda’ame ta’uu himanii, kana jechuun hawaasni gibira kanfaluu galmaa’uun, ibsamawwan herregaa bifa guutuu ta’een dhiheessuufi dirqama gibiraa yeroosaa eeggatee kanfaluun wantoota seeraan ka’aman fedhaan ba’achuu yommuu danda’amu ta’uu himu.

Biiricha jalatti namoonni kuma 56fi 745 galiisaanii galmee herregaa kanfaltoota gibiraarraatti beeksisan jiraachuu himanii, ragaa kanneen bu’uura godhachuun sadarkaadhaan kaa’uun hordoffiin kan taasifamu yoo ta’u, kanfaltoota gibiraa marsaa kanaas ulaagaawwan teessoo bakkeewwan daldalaasaanii sirriitti kan ibsan, kanneen lakkoofsa herrega baankiisaanii sirnaan beeksisan, akaakuuwwan taaksii itti galmaa’an hunda yeroodhaan kan beeksisan, adeemsa kanfaltii keessatti turanii kanfaluutiin adabbii tokkollee kan hinqabne, waggaa waggaadhaan gibira olaanaa kanneen kanfalan, gibira kallattii kanfaluun kanneen beekamaniifi kkf ta’uu kaasu.

Akkasumas gibira waliindhahuufi dhoksuu irraa bilisa ta’aniifi kanneen meeshaa galmeessa galii sirnaan fayyadamaniifi naga’ee kennan ta’uu eeru. Kanfaltoota gibiraa haala kanaan kanfalanii beekamtiifi galanni kennameef kunneen kaardii ittiin tajaajila dursaa argatanis kan qophaa’eef ta’uu eeru.

Dandeettiin galii sassaabuu magaalattii kan guddate ta’us, fedhii misoomaa jiruufi humna jiruun yommuu walmadaalu gadaanaa ta’uu kan himan Obbo Adam, “loomii shantamni nama tokkoof ba’aa, nama shanatamaaf miidhagina akkuma jedhamu kutaan hawaasaa gibira kanfalu bu’uura seera taa’een hundi akka kanfalu dhaamu. Bara baajataa kanattis yeroo muraasa hafetti hamma karoorfame ol sassaabuuf ambaasaaddaroota moggaasuun sosochiin kan eegalamu ta’us ni eeru. Hojii hubannoo uumuu bal’inaan hojjechuunis karoora qabamedha jedhu.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee gamasaaniitiin, gibirri biyya tokkoof akka qilleensaa ta’uufi fayyadamummaan lammilee haqaqabeessaan kan itti mirkanaa’u ta’uu eeranii, biyyi gibira malee nageenyishee eegamuu, ummannishee kabajamuufi badhaadhinnishee dhugoomuu takka akka hin danda’aamne himu. Kanaaf kan Itoophiyaa Itoophiyaaf, kan Finfinnee Finfinneef kennuun kanfaltoonni gibiraa dirqama isaanirraa eegamu ba’achuu qabu kan jedhamuuf jedhu.

Kanfaltoota gibiraa baay’ee biyyattiin qabdu keessaa muraasaaf beekamtiin kan kennamu ta’uu eeranii, sosochiin eegalamu garuu kanfaltoonni gibiraa harka caalu gara amanamummaan gibira kanfalutti akka dhufan kan isaan taasisu ta’uu himu. Biyyiikoo ykn magaalaankoo maal naaf goote jedhanii gaafachuu qofa osoo hintaane, gaaffii bu’uuraalee misoomaakoo akka naaf deebi’aniif animmoo magaalaakoof maaliin kenne jedhanii gaafachuun barbaachisaa ta’uu dubbatu.

Seenaa dhaloota dhufuutti himamurratti ofeeggannoo taasisuun akka barbaachisu kan kaasan Aadde Adaanach, dhalootaaf waan murteessaa maal keenyee darbuuf jenna isa jedhu yaaduun kan barbaachisu ammarratti ta’uu himu. Kanarratti of gaafachuufi itti yaaduu qofa osoo hintaane qaama furmaataa ta’aanii yaaduun barbaachisaa ta’uufi hunduu cirracha harkaa qabu darbachuun boolla hiyyummaa gadi fagoo biyyattii duuchuuf ittigaafatamasaa ba’aachuu akka qabu hubachiisu.

Akka Aadde Adaanach jedhanitti, gibira yeroodhaan kanfaluufi hamma barbaadamu kanfaluun mallattoo ashaaraa harkoota amanamooti. Namoota akkanaa galateeffachuufi beekamtii kennuufiin ammoo warri kaan gara amanamummaatti dhufuun gibira akka kanfalan taasisa; sagantaan kunis qaamuma kanaati. Gibira kanfalamaa jiruun magaalattiin gaaffilee bu’uuraalee misoomaa hedduu deebisaa kan jirtu ashaaraa kanfaltootaatiini. Kanaaf namni hundi sabbata aayyoorraa osoo hinhatiin amanamummaadhaan gibira kanfaluun guddina biyyaa mirkaneessuu qaba.

Sirnicharratti haasawaa kan taasisan Ministirri Muummee Ittaanaafi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnon akka jedhanitti, magaalaan Finfinnee hawaasni kutaa addaddaa kan keessa jiraatuufi sochiilee garagaraa keessatti raawwatudha. Akkasumas teessoo dhaabbilee biyyaalessaa garagaraa ta’uusheetiin yaa’ii Gamtaa Afrikaa wagga waggaan taasifamu dabalatee walga’iiwwaniifi konfiransiiwwan garagaraa ni adeemsifti.

Akka ibsasaaniitti, magaalaan teessoo Afrikaa taate tun sadarkaa jedhameen biyya waa hundaan mijattu akka taatuuf rakkoolee bu’uuraalee misoomaa hiikuu, tajaajila geejjibaa, dhaabbilee fayyaafi barnootaa sadarkaasaa eeggate waliin ga’uu gaafata.

Waggoota darbanis gama kanaan hojiilee jajjabeessoon hojjetamanis fedhii ummataafi hamma guddummaa magaalittii waliin kan walsimu hinturre. Magaalittiin caalaatti misoomuufi guddachuutu irraa eegama. Kana gochuuf ammoo hamma galii magaalattii fooyyessuun misooma ittifufiinsa qabu mirkaneessuun daran barbaachisaadha.

Jiraattonni magaalattiii dameewwan garagaraarratti bobba’anii galii argatanirraa seerri sirnaan gibira kanfaluuf isaan dandeessisu cimee ittifufuu akka qabu kaasanii, ta’us akkuma “garaan haadhaa burreedha” jedhamu gama kanaan rakkooleen hedduu kan mul’atan ta’uu himu.

Gama tokkoon namoonni gibira kanfaluu dirqamaasaaniifi madda gammachuusaanii godhachuudhaan ittigaafatamasaanii ba’an kan jiran yoo ta’u, gama biraatiin ammoo galii irraa eegamu yeroofi hammaan qulqulleessanii kan hinkanfalle akka jiran kan mul’atu ta’uu ibsu.

“Warra buburree keessaa kanneen biroo haalli sassaabbii gibiraa keenya jalqabbii gaarii ta’us caalaatti ammayyaa’uufi sirrachuun irra jiraata. Kana keessatti kanneen mootummaa bakka bu’anii warra cimoo jajjabeessufi gara sadarkaa biraatti akka ce’an akkasumas, warra hanqina qaban sirreessaa deemuun osoo irra jiru ittigaafatama isaanirra jiru cinaatti dhiisuun ofiin murtoo hinmalle kennaa sirni sassaabbii galii rakkoo akka godhatuufi galiin mootummaaf seenuu qabu sirnaan akka hinseenne kanneen taasisan ni jiru. Kanneen sirnaan kanfalanirratti dhiibbaa geesisaa jaarsummaadhaan kan waliigalaniifi raawwattoonni hanqina baay’ee qaban ni jiru

Qaamolee kanneen to’achuuf hojmaata keenya ammayyeessuun teknolojiidhaan akka deggaramu taasisuufi sirni sassaabbii gibiraa ifaa ta’ee akka jiraatuuf caalaatti ittigaafatama ofii ba’achuu akka barbaachisu kaasanii, kanneen gibira yeroodhaan hinkanfalle barsiisuufi sirreessuun gara daandii sirriitti akka dhufan taasisuun dirqama ta’uu himu. Namoota amanamummaadhaan gibirasaanii kanfalan ammoo 300 irraa kumaatamatti akka ce’an hojjechuufi jajjabeessuun dirqama ta’uu eeru.

Yoo kana ta’e magaalattiitti sirna jireenyaafi dinagdee haqaqabeessi akka jiraatuufi, haalli fedhii yeroo yerootti guddachuu biyyaafi lammilee akka guutamuuf taasisuu akka danda’amu kan himan Obbo Dammaqaan, sagantaan soora barattootaa magaalattiitti eegalame, haaromsi manneen harka qalleeyyii, qaala’insa jireenyaa dandamachuufi deggarsaawwan addaddaa kennaman cimee akka ittifufuuf sirna galii sassaabuu ammayyeessuufi ittigaafatama ofii ba’achuu kan gaafatu ta’uu dubbatu.

“Dhimma kanarratti qaamoleen hundi ittigaafatamasaanii yoo ba’aatan malee, tattaaffii mootummaan taasisu qofaan bu’aan hin argamu. Gama kanaan hojii bulchiinsi magaalichaa hojjetaa jiru jajjabeessaa ta’uusaatiin cimee itti fufuu qaba. Abbootiin qabeenyaa amanamummaadhaan gibirasaanii kanfalanis ambaasaddaroota ta’uusaaniifi fuuldurattis caalaatti cimanii hojjechuufi warreen kaan barsiisuu qabu” jedhu.

Kanfaltoonni gibiraa tokko tokko yaada kennaniin gibira yeroofi amanamummaadhaan kanfaluun dirqama ofii ba’achuu yoo ta’u, namni dirqamasaa ba’ate ammoo mirgasaa gaafachuuf sodaa tokkollee hinqabaatu jedhu.

Akkasumas bilisummaadhaan socho’uufi tajaajila kamiyyuu mootummaarraa argachuuf karra saaqa. Gaaffiin bu’uuraalee misoomaas hawwii qofaadhaan kan guutuu osoo hintaane galii kanfaltoota gibiraa irraa walitti qabamuun waan ta’eef hunduu ittigaafatamummaadhaan gibira irraa eegamu akka kanfalu dhaamu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 16 Bara 2015

Recommended For You

3 Comments to “ Gibira amanamummaan kanfaluu, guddina biyyaa dhugoomsuuf”

  1. Pingback: https://vhnbio.com

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *