Waldaan Intarpiriinaroota Shaggar kaayyoowwan adda addaa qabatee kan hojii jalqabe yoo ta’u, tibbana yaa’iisaa sadaffaa bakka Pirezidaantii BMNO Obbo Shimallis Abdiisaafi pirezidaantii duraanii Oromiyaa Obbo Juneyiddii Saaddoo dabalatee keessummoonni garagaraa argamanitti adeemsifateera.
Kaayyoowwan waldichaa ijoon qabeenyi beekumsarratti hundaa’e akka uumamu gochuu, jijjiirraa ilaalcha hawaasaa keessumaa intarpiriinariirratti fiduu, dandeettii intarpirinarummaa gabbisuu, walumaagalatti guddina dinagdee idileessuudha. Kana milkeessuufis leenjiilee adda addaa kennaa kan ture yoo ta’u, hanga ammaatti namoota kuma 35 leenjiseera.
Waldichi waltajjiisaa tibbanaatiin ijoollee fedhii umuriisaanii xiqqootti carraa hojii uummachuun yaadrimee intarpiriinarummaa qabatamaan agarsiisaa jiran sadi (dhiira tokkoofi shamarran lama) tattaaffiisaanii cimaa ilaaluun badhaaseera. Nutis guddattoota sadan keessaa turtii shamarran lamaaniifi maatiisaanii wajjin taasisne waan waltajjicharraa arganne ittidaballee akka ittaanutti qindeessinee dhiyeessineerra.
Mahaammad Muusaa Aanaa Haramaayaarraa abbaa ijoollee saddeetii (dhiira jahaafi shamarran lamaati). Kanneen keessaa ijoolleen jaha barumsarra jiru. Intallisaa afraffaan Fadiriyaa Mahaammad jedhamtu umuriinshii waggaa 10 yoo ta’u, barattuu kutaa 4ffaa badhaafamte fidanii dhufuu nutit himan.
Fadiriyaan hojii humnishii danda’urratti hirmaachuun ofis maatiishiis gargaaraa akka jirtuus eeranii, hojiin isheen irratti bobbaates Yunivarsitii Haramaayaa fuulduratti tajaajila madaalaa (miizana) kennuurratti bobbaatee hojjechuu ta’uu ibsu. Galii hojii kanarraa argattuunis qalamaafi dabtariishii danda’ataa jiraachuufi waan irraa hafe ammoo lafa kaa’ataa deemti jedhan. Hojii kanas ofumashiitiif eegalte. Amma hojichatti cimtee hojjetaa jirti jechuunis waa’ee intalasaanii nutti himaniiru.
“Hojichi akka barnootashiirratti dhiibbaa hinuumneef gaafa dabareen barnootashii ganama ta’e waaree booda, gaafa waaree booda ta’e ammoo saganteeffattee ganama hojicha hojjetti. Barnootashiirrattis jabduudha. Oggaa kutaa 3ffaa barattu sadarkaa 8ffaa baate. Kutaa 2ffaa ammoo 3ffaa baate. Kan baranaa semistara 1ffaatti qabxiinshii waan hinilaalleef malee sadarkaadhuma keessa akka jirtu abdanna. Ijoollee koo keessaa ishiitu cimtuudha” jedhu.
“Mootummaadhaan badhaafamuushiittis gammachuu guddaatu natti dhaga’ame. Dubbicha akka taphaa wayitti natti himte. Hojiidhuma ishiin irratti bobbaaterraa ka’uun waan namoonni badhaasichaaf ishii gaafatan sirriitti ibsuufiishiis natti himte. Kanumarraa ka’uun anis intala koo hojiirra irratti bobbaateen umurii kanatti badhaafamtu qabadhee Finfinnee dhufe” jedhan.
Fadiriyaa Mahaammad
Fadiriyaan Mahaammad Muusaa jiraattuu Godina Harargee Bahaa yoo taatu, guddattuu umuriishii 12tti hojii kalaqxeefi mul’ata cimaa qabduudha.
Guddattuu Fadiriyaan Magaalaa Baaxxee jedhamtuufi Finfinneerraa kiiloo meetira 500 fagaattee argamtutti hojii daldalaa hojjettuun beekamti. Naannawa isheen jiraattu kanatti akkuma iddoowwan Itoophiyaa biroo dhiyeessiin tajaajila fayyaafi hanqinni humna namaa ni mul’ata.
Fadiriyaan umuriishii xobbee kanatti hospitaala hawaasa naannawashii tajaajilu ijaaruu qofa otoo hintaane tajaajilicha kennuuf doktarii wal’aansaa ta’uu hawwiti.
Haa ta’u malee Fadiriyaan maatii harkaqal’eeyyii keessaa kan argamte waan taateef mul’annishii hospitaala ijaaruu milkeeffachuuf tattaaffii dabalataa ishii gaafata.
Milkooftuu ta’uufi abjuushii hawaasa fayyabuleessa arguu fiixaan baafachuuf Fadiriyaan daldalawwan xixiqqoodhaan galii uumuuf murteessite. Kanaanis daandiiwwan xixiqqoo magaalattiirratti ulfaatina namaa safartee maallaqa argachuuf madaaltuu (miizaana) bitatte.
Amma qarshii 50 guyyaatti argattu keessaa 20 haadhashiitti kennuun baasii guyyuu mana keessaa akka haguugduun taasiste. Fadiriyaan har’a karoorashii yeroo gabaabaafi dheeraatiin galiishii guddisuu yaaduun maallaqa xiqqaa ulfaatina namaa safartee argattu keessaa waa keewwachaa deemuu ittifufteetti.
Sochii daldalaa amma keessa jirtuun yeroo gabaabaa keessatti galiishii guddisuufi biyya keessatti dunkaana (suuqii) qabaachuuf madaaltuu guddaa bituun galii fooyya’aa kan argamsiisu yoo ta’u, dhumarrattis haadha qabeenyaa hospitaalaa ta’uu yaaddeetti.
Zamzam Kadiris guddattuu guyyicha badhaafamte yoo taatu, isheenis haadhashii Zaaruu Habiib jedhamtu wajjin saganticharratti argamte. Harmeenshii Zaaruun akka jettetti, intallishii umurii xiqqootti hojiirratti bobba’uun maqaashii kan waamsiste, Shaashamanneerraa qabattee Finfinneetti dhufte. Zamzam intalashii 6ffaadha. Kutaa 5ffaa barachaa jirti. “Oggaa dhimmi wayii na mudateefi ani dhukkubsadhu waanti haadha koo naa caalu hinjiru jechuun barnootashiirraa hafaa turte” jechuun waa’ee mucaashii nutti himte.
“Ammaan tana garuu barnootashiitiif xiyyeeffannaa kennitee hordofaa jirti. Kana maddiittis duraan hojii shonkoraa gurguruurratti bobbaatee turte. Shankooricha bakka ijoollee guguddoon shankooraa Wandoo Gannatii fidanii Shaashamanneetti buusanii fiddee gurguraa turte. Maandhaanshii (quxisuu) Safiyyaa jedhamtus jirti”.
“Ati shankoora kana naa gurguri. Haati keenya yeroo dheeraaf ibiddaan gubataa waan jirtuuf ani dhaqeen ishii gargaaraa jetteen. Haaluma kanaan hojjechaa oggaa sa’aatiin barnootaa ittigahu ni deemu. Oggaa deebi’anis hojii na gargaaru. Amma shankoora sana yeroo kaan gurguraa achii deebitee ammoo hojii na gargaarti” jechuu ibsiti haati Zamzam.
Haalatti intallishii badhaasichaaf kaadhimamte oggaa ibsitus, “Utuma kun kanaan jiruu namni wayii ijoollee haadhashii gargaartu barbaadna jedhee dhufe. Uumamumashiitiin callistuu waan taateef waa’ee hojii irratti bobbaatee sirriitti ibsuu hindandeenye”.
“Nama hojii ishiin irratti bobbaateefi haalashii sirriitti beekutu warra dhimma badhaasaa kana qindeessaniif ibse. Jarris akeekasaanii ibsanii tattaaffii ishiin hojii irratti bobbaateen taasisaa jirtuuf mootummaan badhaasuu akka barbaadu nutti himan”.
Kanaanis waan Zamzam shankooraa gurguruurraa kaatee mana shaayii banattee hojjechaa jirtuuf karaa Waldaa Intarpiriinaroota Shaggar filatamtee badhaafamuu dandeesse. Kana maddiittis tattaaffiifi fedhii ishiin haadhashii gargaaruuf qabdurraa ka’uun badhaasa kanaaf qaqqabde. Akeeknishii hanga haadhashiitiif mana ijaarruutti kan fulla’uudha jetti haati.
“Intalli koo xiqqoon tun haala kanaan badhaafamuushii daran na gammachiise. Mootummaa guddiseen galateeffadha. Mucaan koo haala kanaan namoota akkanaa wajjin dhaabattee hinbeektu. Ani gammachuu natti dhaga’amerraa ka’uun oggaa jaarsoliin biyyaa waltajjicharratti Pirezidaantii Mootumma Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa eebbisan anis jaarsolii wajjin dhaabadhee eebbisuuf jennaan, ‘Lakki nama hamma kanaa keessatti waa dogoggortaa hinbahiin’ jettee na dhorkite” jechuun waa’ee intalashii dubbatti.
Waan akka abjuutti ilaalaa turetu har’aa naa dhugoomee karaa intala koo mootummaadhaan badhaafame. Kanaaf ani daangaan gammachuu kootii hangam akka ta’e hinbeekne. Kanaafis Waaqaaf galanni haa ga’u, hundayyuu nan galateeffadha jechuun yaadashii goolabdi.
Zamzam mucaa waggaa 15ti. Waggaa lama booda haadhaafi obbolaasheetiif mana ijaara jettee abdachuun waanuma naannawasheetti argachuu dandeessurraa qofa galii argachuuf murteessite.
Zamzam Kadir
Shankoora mummureen gurguraa ture. Ergan hojii kanarratti bobba’ee waggaa ga’uufi. Haadhaafi obboloota koo gargaaruuf jechan hojii kanarratti bobba’e. Hojii kanaan haadha kootiif mana bareeda ijaaruun barbaada. Kana malees Shaashamanneetti hoteela beekamaa ijaaruudha kaayyoon koo. Barumsa koos ittifufee injiinarii ta’uun barbaada jetti.
Karoorashii yeroo dheeraatiin ammoo akkuma irranatti eeruuf yaalle waggaa 10 booda Shaashamannee keessatti hoteela qabaachuudha. Zamzam dubartummaashii qofaan qormaatonni mudatanillee sadarkaa guddatummaashii kanarraa eegaltee galii uumuufi hojiileeshii egereetiif muuxannoo ta’anii waan ishee tajaajilaniif qormaatawwan kanneeniitti ni gammaddi.
Utuma kun kanaan jiruu Zamzam gaaf tokko gurbaa shankooraa fe’ee gara gabaa deemaa ture agarte. Gurbicha deemaa jiru kana dhaabsisuufis murteessite. Shankoorichi eessaa akka argamus gaafatte.
Gurbaanis bakki shankoorichi itti argamu isheefi shamarran akkashiitiif ulfaataa ta’uu ittihime. Zamzam deebii argatteen abdii hinkutanne. Guyyaa ittaanu shankoora mummuramaa hanga afurii akka fiduufiif ittidhaammatte.
Kanaafis maallaqa barbaaduutti kaate. Deebiin namoota naannawashii akka qarshii ishiidhaa liqeessaniif gaafatte kennaniif abdii kutachiisaa ture.
Turtii torban tokkoo booda utuma ambaashaa gurguraa jirtuu gurbaa shankooraa dhiyeessuu bira dhaqxee shankoora afur bitte. Zamzam ganama ambaashaa; waaree booda ammoo shankooraa gurgurti.
Galiin guyyaa Zamzam yeroo gabaabaa keessatti dabaleera. Namoota naannawashiitti argaman 40 waliin qusannaa aadaa, uqqubii seenuuf murteessite. Ji’a lama booda qarshii kuma jaha uqqubicharraa walittiqabatte.
Haati Zamzam intallishii maal gochaa akka jirtu quba hinqabdu. Garuu waadaan ambaashaa gurguruuf seente raawwatamaa jiraachuu hubattee tasggabboofte.
Zamzam hojiishii fooyyessuu ittifufteetti. Daakuu kiiloogiraama 50; zayitii liitira 25fi mi’oota biroo bittee bomboliinoo hojjechuu eegalte.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 16 Bara 2015
4 Comments to “ Intarpiinarummaa daa’imummaatti qabatamaan eegalame”