Aanaan Jiillee Dhummuugaa Godina Addaa Saba Oromoo keessatti kan argamtu yoo taatu, magaalaan ishee Sanbateedha. Gandoota gammoojjii aanichaa keessatti jallisiin qamadii omishuun takkaa yaalamuu miti yaadamee hinbeeku.
Duula hirkattummaafi eeggattummaa dhabamsiisuun dhaloota wabii midhaan nyaataatiin of danda’u horachuu mootummaadhaan eegalame milkeessuuf aanichi sochiilee gara garaa taasisaa tureera.
Keessumaa naannawa gammoojjii aanichaatti misooma qamadii babal’isuuf wayita sochiin taasifamaa turetti akkuma maal baasuuf dhama raasu jedhamu abdiin ummanni naanawichaa qabu gadaanaa ture.
Kanaafis sababiin naannawichi waan gammoojjii ta’eef qamadii misoomsuuf yaaduun akka dhama raasuutti fudhatamaa waan tureefi.
Haata’uutii miira kutannoo ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa Aanichaa Obbo Umar Mahaammad agarsiisaniifi tattaaffii ummataatiin mul’anni abjuu ta’ee ture dhugoomuu danda’eera.
Gammoojjii aanichaatti misooma jallisii qamadii kilaastaraan hojiirra oolchuuf kallattii kaa’ame hordofuun hedduun biddeena abjuu godhanii ilaalaa turuu kaasu. Kun akkamiin ta’a jedhamus miira kutannaafi hordoffii walirraa hincinne taasifameen biddeenni abjuu sun gara qabatamaatti dhiyaachuu dubbatu.
Misooma qamadii eegalameen yeroo ammaa dacheen magariisa uffatee abdiin qonnaan bultootaas laliseera jedhanii, barana qamadii gammoojjii jallisiitiin lafa heektaara 1,900 irratti misoomsuuf karoorfame keessaa, heektaara 1,200 irratti omishuun danda’amuu dubbatu.
Kanaanis miira gammoojjii jallisiidhaan misoomsuun hindanda’amu jedhamuun hawaasa muraasa keessa ture gara nidanda’maatti jijjirameera.
Hojiin misooma qamadii naannawa gammoojjiitti taasifamu tasumayyuu waan yaadamu ta’uu baatus qonnaan bultoota adda dureefi carraa jallisiin omishuu qaban waliin mari’achuun seenaan addaa hojjetamaa jira.
Milkaa’ina kanaafis sochii hojjettoonni misoomaa, geggeessitoonni sadarkaa godinaa hanga gandaatti argaman; koreewwan jallisii; dhaabbilee mootummaafi mitmootummaa qooda guddaa kan qaban yoo ta’u, miirri nidanda’amaas hawaasa keessatti babal’achuu danda’eera.
Injifannoon gama misooma qamadii jallisii kun qonnaan bulaa biratti kaka’umsa guddaa kan uume yoo ta’u, akka Godina Aaddaa Saba Oromootti rakkoo hammaataa nageenyaan walqabatee mudachaa ture dandamachuun bu’aa galmaa’e waan ta’eef kan nama onnachiisuudha.
Omishni qamadii tokko tokkos rakkoo nageenyaa mudachaa tureen jallisiin obaasuun addaan cituun yeroof misoomicha kan gufachiise ta’us deemsa keessa waan nagaan bu’eef bu’aa gaariin galmaa’uun ammas jijjiirama addaati.
Injifannoon jiru kan abdii namatti horu waan ta’eef qonnaan bulaan naannawa gammoojjii misooma qamadii jallisiidhaan omishuu kanatti akka galu hojii hojjetamaa jiruun fedhiin jiru olaanaadha.
Haata’uutii hudhaaleen gara garaa dhiyeessiiwwan qonnaan walqabatanii ka’an warraaqsa qonnaan bultoonni misoomichaaf qabatanii ka’an gufachiisaa waan jiruuf osoo furamanii bakkeewwan gammoojji birootiif fakkeenya gaariidhaan ka’uu danda’a.
Miira hindanda’amuutiin of sakaalanii hiyyummaa seenaa gochuun waan hindanda’amneef dachee lalisteefi biyya badhaate dhaloota egereef kaa’uuf kutannaan hojjechuun barbaachisaadha.
Tarkaanfiin gama kanaan akka Aanaa Jiillee Dhummuugaatti fudhatamaa jiruufi bu’aan galmaa’aa jiru kan nama onnachiisu waan ta’eef miira nidanda’amaatiin socho’uun, misooma qamadii jallisii kilaastaraan misoomsuun midhaan nyaataatiin of danda’uufi alergii eegalame cimsuuf amanamummaan socho’uun nurraa eegama jedha odeeffannoon Waajjira Kominikeeshii Aanaa Jiillee Dhummuugaarraa Bariisaaf ergame.
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 16 Bara 2015
5 Comments to “ Gammoojjii gogaa abdii lalisaa biqilche: Aanaa Jiillee Dhummuugaa”