“Gochaafi yaadaan biyya diigaa wanti bilisummaa pireesii jedhamu hinjiru” – Gaazexeessaa Dammaqaa Nagaasaa

Finfinnee: Gochaafi yaadaan biyya diigaa qoosaan bilisummaa pireesii jedhamu biyya kamuu akka hinjirre gaazeexessaafi rogeessi miidiyaa Dammaqaa Nagaasaa ibse.

Koreen hojiraawwachiiftuu biyya kanaaf balaa guguddoo adda baase keessaa tokko da’oo bilisummaa pireesiitiin alseerummaa haala ibsannaa yaadaa biyyattiitti mul’achaa jiruudha.

Gaazexessaa Dammaqaan yaada addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kenneen akka jedhetti, yaada ofii bilisummaan ibsachuun mirga dimokraasiiti kan jedhamu mirga qaama biroo hanga hinsarbinetti qofa.

Yaadniifi gochi nageenya biyyaa balaarra buusu hundi madaala kamiinuu bilisummaa yaadaa hinta’u. Miidiyaalee biyyoota guddatanii yoo ilaallu fedhiifi dantaa biyyasaaniif dursuutti dabalee bu’uura seera biyyasaaniin hojjetu. Biyya keenyatti garuu aadaa, safuu, heeraafi seerri, mirgaafi dirqama wanti jedhamu hinjiru; dunuunfatanii ergaa fedhan dabarfachuu qofa.

Miidiyaafi namoota dhuunfaa ittigaafatamummaafi saalfii tokko malee gad ba’anii waan fedhan jechaa jiranitti luugamni godhamuu baannaan daandiin ida’amuu, misoomaafi dimokraasii eegalame gufachuun hinoolu kan jedhu Gaazexeessaa Dammaqaan; yeroo ammaa ololli jibbiinsaa leellistoota sirnoota darbaniin sirna federaalizimii sabdaneessaa ijaaramaa jirurratti taasifamuun gufannaan yeroodhaa gara yerootti hammaachaa jiru xiyyeeffannoo akka barbaadu dubbata.

Miidiyaalee biyya keessaafi alaa maallaqni itti dhangala’ee jibbaafi diigumsa labsaa oolan adda baasuun hojii dursaa ta’uu eeree, adda baasuu qofa osoo hintaane tarkaanfiin sirreeffamaa madaalawaafi barsiisaan fudhachuun balaa uumamuu malu akka hanbisu eera.

Kunis ololli miidiyaa biyyoota akka Ruwaandaafi kanneen birootti uume ulaa Itoophiyaarraa fagoo akka hintaanes ibseera.

Namootni dantaa dhuunfaafi olaantummaa gartuu tokkootiin machaa’an kunneen miidiyaa biyyattii dhuunfataniin luugama malee summii facaasaa jiru kan jedhe Gaazexeessaa Dammaqaan; waldhabdee tibba darbe amantiidhaan walqabatee uumameefi qaala’iinsa gatii Finfinneetti mudatee tureen walqabatee miidiyaa maqaa mootummaafi ummataatiin hundaa’e dabalatee akkaataa dhimmicha itti gabaasaa turan kan saba walficcisiisuufi rakkicha daran hammeessu ta’uu taajjabuus ibseera.

Haaluma walfakkaatuun, Wallaggatti kan miidhame lammiilee hunda ta’ee otoo jiruu shirri miidhanii iyyuu bal’inaan adeemsifamaa turuus yaadachiiseera.

Haa ta’u malee, Abbaan Taayitaa Dhaabbilee Sabqunnamtii Itoophiyaa rakkoo hamaa akkasii tarkaanfii sirreeffamaa tokko malee callisee bira darbuun sirrii akka hintaanes eeree, miidiyaan ergama addaa fudhachuun ilaalcha finxaalessummaa ijaarsa Itoophiyaa saboonniifi sablammootni hundi keessatti of arguu hawwan gufachiisuuf wixxirfatan sirreessuun gaheesaa ta’uus beeksiseera.

Akka ibsa Gaazexeessaa Dammaqaatti, ogeeyyiin miidiyaafi dhaabbileen miidiyaa mirgaafi dirqamasaanii eeganii haqummaafi ogummaan ijaarsa biyyaa ittifufsiisan gochuufi horachuun xiyyeeffannaa addaa fedha.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 16 Bara 2015

Recommended For You

6 Comments to “ “Gochaafi yaadaan biyya diigaa wanti bilisummaa pireesii jedhamu hinjiru” – Gaazexeessaa Dammaqaa Nagaasaa

  1. Pingback: fuck girldice
  2. Pingback: BAU iraq

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *