Finfinnee: Hanqinni sharafa alaa kitaaba imaammata barnoota haaraa dhiyeessuurratti danqaa uumaa jiraachuu Biiroon Barnoota Oromiyaa ibse.
Ittigaafatamaan biirichaa Doktar Tolaa Bariisoo ibsa dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, biirichi imaammata barnootaa haaraa lafa qabsiisuuf hojiiwwan garagaraa hojjechaa jira. Leenjiin barsiisota imaammaticha lafa qabsiisanii, qophiin qajeelcha barsiisaa xumurameera.
Akka ibsa Doktar Tolaatti, rakkoo dhibee koronaafi waraana Raashaafi Yuukireeniin walqabatee bara darbe gatiin kitaabileen barnootaa ittiin maxxanfamanii waan qaala’eef biyya ittimaxxanfame Indirraa biyyatti galchanii raabsuun rakkoo ta’eera.
Ta’us humnaafi qabeenya jiruun kitaabilee barnootaa kutaa 1ffaa,3ffaa,5ffaa,7ffaa fi 8ffaa hojjiirra oolchuuf biirichi hojjii eegaluu kan ibsan Doktar Tolaan; rakkoo hanqina kitaabaa hanga ammaatti mudate furuuf teeleigiraamiifi marsariitii biirichaa irratti kitaabileen barbaachisan gad dhiisuusaaniifi kitaabilee maxxanfaman alarraa galchanii raabsuuf haqina sharafaarratti baankii biyyaalessaa waliin hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Imaammati darbe barumsa yaaddiddama qofarratti hundaa’e, beekumsa hawaasa biyya keessaa kan hin hammanneefi beekumsa jaarraan 21faan barbaadu waan hinqabneef kufatii barnootaa bara darbeef sababa ta’uu kan dubbatan Hoogganaan kun; Barataan barnoota sadarakaa tokkoffaan duraa dhabuumuu, barattoonni barumsaaf xiyyeeffanna gad aanaa qabaachuu, istaandardiin manneen barnootaa gad bu’aa ta’u, rakkoo hir’ina leeccalloo kitaabilee, xiyyeeffannaafi ga’umsi barsiisaa, deggersi maatiifi hoggansi barnootaa gad bu’aa ta’uun walitti ida’amee kufaatii barnoota fiduuS ibsaniiru.
Sababooti kunnneeniif manneen barnoota kuma tokkofi 351 keessaa manneen barnoota 133 barattootasaanii tokkollee qormaata akka hin dabarsine eeranii; ta’us waliigalaan garuu barattaoonni kuma ja’aa fi 414 qabxii darbiinsa dhibbentaa 50fi isaa ol fiduu danda’uusaanii hubachiisaniiru.
Barattoonni qabxii gadaanaa fidan saganataa rimeediyaalii argatan kumni 24 baatii afur barachuuf yunivarsitiitti ramadamaniiru kan jedhan Doktar Tolaan; baatii afur booda madaallii walittifufaafi qormaata walfakkaataa qoramuun kan dhibbeentaa 50 ol fidan barataa yunivarsitii jalqabaa ta’uun akka ittifufaniifi barattoonni gama lamaanuun hin milkoofne barumsa teekinikaafi ogummaan leenjii gaggabaabaa fudhachuun akkaataan hojii itti uummatanirratti Biiroon Hojii Umuufi Ogummaa Oromiyaa hojjechaa akka jirus himaniiru.
Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa duraa (mana barumsaa bu’uura boruu) waggaa sadii keessatti kuma 12 ijaaruuf hojii hojjetameen waggaa lama keessatti manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa duraa kuma sagal ijaaruun danda’ameera.
Gama biraan mana barumsa bultii addaa (mana barumsaa ifa boruu) barattoonni qabxii olaanaa fidan itti baratan 33 hundeeffan keessatti battaooti kuma shanii ol barachaa jiraachuun kufaatii barnootaa ni fooyyeessa jedhamee akka eegamus Doktar Tolaan eeraniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 16 Bara 2015
2 Comments to “ Hanqinni sharafa alaa kitaaba yeroon dhiyeessuuf rakkoo uumaa jiraachuun ibsame”