Ciroo: Sanyii filatamaa baay’isuufi qulqullinasaa mirkaneessuun hanqina dhiyeessa sanyii filatamaarratti mul’atu furuun qonnaan bulaan sanyii haala qilleensa naannawaatiin wal bare, dhibee dandammatuufi omishaafi omishtummaa guddaa kennu dhiyeenyatti akka argatu taasisuun wabii nyaataa mirkaneessuufi galii sharafa alaa omisha qonnaarraa argamu guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Hojii qulqullina sanyii mirkaneessuu ammoo abbummaan hojjechaa kan jiru Abbaan Taayitaa To’annoo Galteewwaniifi Omisha Qonna Oromiyaati.
Gareen gaazexeessitootaa hoggantoota abbaa taayitichaatiin durfamu torban darbe sanyii qamadii Yunivarsitiin Odaa Bultum qonnaan bultoota waliin ta’uun misooma jallisiitiin Godina Harargee Lixaa, Aanaa Dobbaa, Araddaa Jaalalaatti misoomse daawwateera. Abbaan taayitichaa sanyii qamadii baay’ifamaa jiru maasaarraa eegalee hanga sadarkaa qulqullinasaa qorannoo laaboraatooriitiin mirkaneessutti to’atuufi hordoffii barbaachisu taasisaa kan jiru ta’uu beeksiseera.
Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa Aanaa Dobbaa, Obbo Huseen Ahmad akka Gaazexaa Bariisaatti himanitti, hojiin qamadii misooma jallisiitiin qotuu aanichatti erga jalqabamee waggaa sadii yoo ta’u, bara jalqabaa lafti heektaara 206, bara darbe lafti heektaara 600fi barana ammoo lafti heektaara kuma tokkoofi 500 qamadii jallisiitiin misoomeera. Omisha qamadii baranaa callaa kuntaala kuma 57 argachuufi kana keessaa kuntaala kuma 11 gabaa addunyaaf dhiyeessuuf karoorfatanii hojjechaa jiraachuus eeraniiru.
Barana Yunivarsitii Odaa Bultum wajjin ta’uun sanyii qamadii Dambaliifi Galaan jedhamu lafa heektaara 90 irratti baay’isaa jiraachuu himanii, hojiin qonna qamadii gandoota aanichaa shanitti jalqabame yeroo ammaa gandoota 15 keessatti babal’atee jira. Araddooni aanichaa kanaan dura qamadii qotanii hinbeekne yeroo ammaa qamadii misooma jallisiifi qonna arfaasaafi gannaatiin qotaa jiraachuus eeraniiru.
Sanyiin qamadii baay’ifamaa jiru hanqina dhiyeessa sanyii qamadiirratti mul’atu kana furuun qonnaan bulaan sanyii haala qilleensa naannawichaatiin walbare, dhibee dandammatuufi omisha fooyya’aa kennu dhiyeenyatti akka argatu taasisuun omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uus himanii, aanichatti qonni qamadii misooma jallisii aadaafi ammayyaatiin adeemsifamaa jiraachuus dubbataniiru.
Daariktarri Abbaa Taayitaa To’annoo Galteewwaniifi Omisha Qonnaa Oromiyaa Obbo Ahmad Sayid akka jedhanitti, abbaan taayitichaa qulqullina sanyii dhaabbilee adda addaatiin baay’ifamaa jiranii mirkaneessuuf maasaarraa eegalee hanga sadarkaa qulqullinasaa laaboraatooriidhaan mirkaneessutti to’annoofi hordoffii barbaachisu taasisaa jiru. Sanyiin qulqullinnisaa mirkanaa’e qonnaan bultoota bira akka ga’u taasisuun hojiilee labsiidhaan abbaa taayitichaaf kennaman keessaa isa duraati. Abbaan taayitichaa sanyiiwwan baay’ifaman qonnaan bulaa bira utuu hinga’in sadarkaa qulqullinasaanii laaboraatooriidhaan erga mirkaneessee booda kan darbu dabarsee, kan kufe hambisaa jiraachuu dubbatu.
Naannichatti barana lafti heektaara miliyoona tokkoo ol qamadii jallisiitiin misoomuusaa himanii, qulqullinni sanyii qamadii misooma jallisii baranaaf barbaachisus dursee laaboraatooriidhaan erga mirkanaa’ee booda qonnaan bulaa bira akka ga’u ta’eera kan jedhan Obbo Ahmad, abbaan taayitichaa sanyiiwwan qonna arfaasaafi ganna baranaa qulqullinasaanii eeganii yeroodhaan qonnaan bultoota bira akka ga’aniif dhaabbilee eyyama sanyii baay’isuu kenneef 85 waliin hojjechaa jira.
Abbaan taayitichaa samuuda sanyiiwwan baay’ifamanii fudhatamee laaboraatooriidhaan erga sadarkaan qulqullina, jiidhina, biqilummaafi fayyummaasaanii mirkaneessee booda qonnaan bulaa bira akka ga’an taasisaa kan jiru ta’uus eeraniiru.
Abbaan taayitichaa galteewwan qonnaa qulqullinasaanii eeganii qonnaan bultoota bira akka ga’aniif to’annoofi hordoffii barbaachisu taasisaa kan jiru ta’uu himanii, qaamolee galteewwan qonnaa qulqullinaan dhiyeessaa hinjire seeraan kan gaafatuufi eeyyamasaanii kan haqu ta’uus himaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 16 Bara 2015
4 Comments to “ Qulqullina sanyii mirkaneessuun omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gahee akkamii qaba?”