“Tigraayitti bulchiinsa yeroo seeraqabeessa hundeessuun waliigaltee nageenyaa sirnaan hojiirra oolchuuf gargaara” – Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaa

Finfinnee: Naannoo Tigraayitti bulchiinsi yeroo hundaa’uun waliigaltee nageenyaa sirnaan lafa qabsiisuufis ta’e hojii Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa naannichatti raawwatuuf tumsa olaanaa qabaachuu komishinarri Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaa beeksisan.

Ambaasaaddar Tashoomaan gaafdeebii kaleessa Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, erga ji’a Sadaasaa darbe waliigaltichi mallatteeffamee as Mootummaan Federaalaafi qaamoleen dhimmi ilaallatu waliigalticha hojiirra oolchuuf tattaaffiiwwan adda addaa taasisaniiru.

Haa ta’u malee, gama waliigalticha haala guutuu ta’eefi qabatamaadhaan lafa qabsiisuutiin bulchiinsi yeroo seeraqabeessi naannichatti hundaa’uun gumaacha olaanaa qabaata.

Keessumaa Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa isaan hogganaan hidhattoota duraanii hidhannoo hiiksisuufi gara jireenya nagaa duriitti akka deebi’aniif tattaaffiin taasisaa jiru bu’aaqabeessa ta’uuf waan guddaa akka gumaachu amanamas jedhaniiru.

Miidhaa namoomaafi barbadaa’insa qabeenyaa qaqqabaa ture dhaabsisuun kan danda’ameef mallatteessaa waliigaltichaa waan ta’eefi jedhanii; amma ammoo bulchiinsi yeroo waan hundaa’eef ummata naannichaatiifis ta’e hojii nuti hojjennuuf gama humna ta’uufi tajaajilawwan mootuummaa kennuutiin faayidaa olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Raayyaan ittisaa daangaa biyyaa, poolisiinis tasgabbii kabachiisuu yoo danda’ellee adeemsi naannichas ta’e ummata gara haala nagaatti deebisuun hojii mootummaa kan barbaaduudha kan jedhan komishinarichi; keessumaa tattaaffii biyyaalessaa naannawa waraanaan miidhame deebisanii ijaaruuf taasifamuuf hundaa’uun bulchiinsa yeroo qooda olaanaa akka qabu dubbaniiru.

Lammiilee waraanichaan miidhaman deebisanii dandamachiisuuf; qonnaan bulaa gara qonnaatti deebisuufi tajaajilawwwan bu’uuraa fayyaafi kaan sirnaan kennuuf jaarmiyaaleen federaalaa qofaasaanii bu’aaqabeeyyii ta’uu akka hindandeenyes eeranii; hundeeffamuu bulchiinsa yeroo hordofee biiroleen naannolee dhaabbilee federaalaa wajjin qindaa’anii akka hojjetaniif haala gaarii kan uumu ta’uus beeksisaniiru.

Akka ibsa Ambaasaaddar Tashoomaatti, waliigaltee Piriitooriyaa hordofee hidhattoota kanaan dura hidhatan hidhannoo hiiksisuun kan raawwatame ta’us hojichi sadarkaa biyyaalessaatti raawwatamuu akka qabuufi qaamni kana hogganu, Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa Mana Marii Ministirootaatiin dhiyeenyuma hundaa’ee hojiitti seenuu yaadachiiisaniiru.

Erga komishinichi hojiitti seennee booda adeemsi hidhannoo hiikkachiisuu marsaa sadaffaan raawwatamuus eeranii, Tigraayitti hawaasa waliin mari’achuun hojiilee onnachiisoo hojjechuus ibsaniiru.

Haala nageenyaa amma mul’atuun komishinichi naannicha keessa socho’ee hojjechuuf waanti isa danqu ni jira jedhee hin yaadu kan jedhan komishinarichi; keessumaa nagaan qabatamaan mirkanaa’uusaan hawaasni, hidhattoonni duraanii, bulchiinsi yeroofi mootummaan federaalaa dhimma sirnaan fedhan waan ta’eef hojiin Tigraay deebisanii ijaaruufi yaaddoo dhabiinsa tasgabbii keessaa baasuutti danqaa ta’u ni jira jedhanii akka hinamanne dubbataniiru.

Kana booda gareewwan Itoophiyaa keessatti hidhannoo kaasuu yaadan yoo jiraatan mariifi nageenyaaf carraa kennuu qofa akka qaban kan ibsan Ambaasaaddar Tashoomaan; waamicha nageenyaa mootummaan taasisu fudhachuunis irraa eegama jedhan.

Charinnat Hundeesaatiin

 BARIISAA SANBATAA Bitootessa 16 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to ““Tigraayitti bulchiinsa yeroo seeraqabeessa hundeessuun waliigaltee nageenyaa sirnaan hojiirra oolchuuf gargaara” – Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaa”

  1. Pingback: 카지노
  2. Pingback: sagame
  3. Pingback: slot true wallet

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *