Ammaan tana biyya keenyattis ta’e kanneen akka keenya guddataa jiran biratti rakkoo guddaa ta’ee ka’aa jiru waa’ee carraa hojiiti. Dhimma kana kan hubatan mootummaan federaalaas ta’e kan naannolee rakkinicha furuuf maloota adda addaa dha’anii tattaaffii cimaa gochaa jiru.
Tattaaffii kana keessatti yeroo baay’ee irra deddeebiin ka’aa kan tureefi jiru waa’ee hojii filachuu ykn tuffachuuti. Waldaan Jawaar Kamaal Ahmaddiin Godina Jimmaa, Aannaa Limmuu Kossaatti dargaggoota shaniin ijaarameefi Gaazexaan Bariisaa dubbise garuu jaarmiyaa akka fakkeenyaatti eeramuudha.
Durataa’aan waldichaa Dargaggoo Jawaar Abbaaduulaa akka jedhetti, waldaansaanii namoota shan miseensummaan qabachuun bara 2014 hundaa’e. Qarshii kuma 300 qusachuun hojii jalqabe. Tokko tokkoon miseensaa qarshii kuma 60, 60 buuse. Kan gurmaa’anis hojii qonnaarratti bobba’uufi.
Miseensonni waldichaa barnootaatiin kanneen sadarkaalee adda addaarratti argaman ta’uus eeree; dargaggoonni shananuu otoo gurmaa’anii hojii kanatti hinseeniin hojii hinqabneefi taa’anii mari’atanii ijaaramuun hojiitti akka seenan dubbata.
Hojii qonnaarratti bobba’aniin kuduraafi muduraa, yeroo gannaa ammoo boqqolloo, xaafii; bona jallisiidhaan qamadiifi kkf omishu. Keessumaa qamadiin barana yeroo jalqabaatiif facaafame biqilee haala gaariirra jira jedha Jawaar.
Tiraaktara qonnaa qusannoofi liqii karaa Baankii Siinqeetiin mijaa’eefitti fayyadamuun fudhataniin omishasaanii guddisaa jiraachuus eeree, shan ta’anii tiraaktara tokko fudhachuu dubbata. Tiraaktara kanaan ofiifis qotatanii kireessanii ittifayyadamaa akka jiranis nutti himeera.
Qaamoleen mootummaa sadarkaan jiran nu gurmeessuurraa kaasee bareechanii nu gargaaraniiru kan jedhu Jawaar, hojiisaanii hordofuuudhaanis isaan jajjabeessaa jiraachuu dubbata. Waajjiraaleen Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa aanaafi godinaa sirnaan isaan onnachiisaa jiraachuu ibseera. Keessumaa ittigaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Aanaa Limmuu Kossaa Zakkiyyuu Abduu of kennee daran isaan gargaaruu dubbata.
Karoorrisaanii egeree liqii tiraaktarichaa waggaa lamatti ofirraa fixanii erga kan dhuunfaasaanii taasifatanii booda kuduraafi muduraa omishanii ofis ta’e biyyasaanii guddisuudha.
Kuduraafi muduraa hanga ammaatti omishaa jiran gabaaf dhiyeessuudhaan fayyadamaa jiraachuu kan eere durataa’aan waldichaa, miseensasaanii akka laafuu ta’es gorsaafi jajjabeeffachaa kan jiran ta’uu odeeffanneerra.
Ittifayyadama tiraaktaraarrattis leenjii fudhachuu kan eere Jawaar, ammaaf ogeessa miindessee hojjechiisaa jiraachuu dubbata.
Dargaggoo Jawaar dhaamsa dargaggoota akkasaatiif dabarseen, “Kan nama fooyyessuufi jijjiiru hojii waan ta’eef otoo hojii hinfilatiin akka fedhiifi kennaasaaniitti gurmaa’anii otoo hojiitti seenanii gaariidha. Barandaa taa’uu dhiisaatii hojiitti gala. Hojii malee waanti nama guddisu hinjiru. Hintaa’iinaatii gara misoomaatti gala” jedheera.
Aanaa Limmuu Kossaatti hojidhabdoota 12 hojiitti galchuuf karoorfannee hanga kurmaana 2ffaa kanaatti hojidhabdoota kuma sagal ol gurmeessinee calallee qabatamaan hojii dhaabbiitti galchineerra kan jedhan ammoo Ittigaafatamaa Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Aanichaa Obbo Zakkiyyuu Abduuti.
Dargaggoota hojiitti galchine kanneeniifis gama keenyaan deeggarsa sheedii abbaa balbala 21 Magaalaa Ambuyyeefi Baabbootti taasifameefii jirra. Dameeleen hojii isaan irratti bobba’anis, kanneen akka manufaakchariingii, konistiraakshinii, seektara beeladaafi qonnaa yoo ta’an keessumaa seektara qonnaarratti dargaggoota kuma jahaa oliif lafa hektaara 324 kennuun carraa hojii bal’aa uumneerra jedhan.
Waldaalee 34fi dargaggoota 230 ta’aniif tiraaktara kennuuf gurmeessinee hanga ammaatti tiraaktaroonni saddeet marsaa tokkoon kan galan ta’uufi tiraaktaroota hafan akka fudhataniif kallattiin gara waldaatti erguus ibsan.
Carraa tiraaktaraa kana kan argatanis ulaagaalee Baankiin Siinqee kaa’e guutuun ta’uu kan dubbatan Obbo Zakkiyyuun, tiraaktarri nuti barbaadaa turre abbaa humna 95 ta’us kan nuu dhufe garuu abbaa humna 75ti. Kunis nuu firamuu qaba jedhu.
“Ulaagaalee sadarkaalee hundatti barbaachisan mara guutuudhaan hojiitti galchineerra. Shamarran dhibbantaa 50fi dhiira dhibbantaa 50 hojiitti galchuuf karoorfannus harka caalu milkeessineerra. Liqii qarshii miliyoona 22 olis dhiyeessineerra. Karoora barana qabame keessaas dhibbantaa 87 milkeessineerra” jedhan.
Gandoota hundatti bifa walfakkaatuun carraa hojii uumuurratti hanqinni gandoonni hojiin keessatti hinuumamne kan hinjirre ta’uus ittigaafatamtichi ibsanii, waldaalee addaddaa keessatti gurmaa’uuf alkallattiin sochii taasisuu, erga gurmaa’anii booda waliigaltee dhabuufi dambii ittiin bulmaataatiin hogganamuu dhabuun danqaawwan isaan mudachaa turaan ta’uu himaniiru. Tattaaffii walittifufiinsaan taasifameenis danqaawwan kunneen hanga tokko akka furamanis dubbataniiru.
Akka isaan jedhanitti, dargaggoonni keenya dhaabbilee barnoota olaanaarraa eebbifamanis carraa mootummaan yeroo ammaa uumaa jirutti fayyadamuun gurmaa’anii yoo hojjatan jiruufi jireenya ofii jijjiiruurra darbanii biyyaafis bu’aa buusuu danda’u.
Ittigaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Godina Jimmaa Obbo Habtaamuu Kaasaayee gamasaaniin, kaayyoon waajjira kanaa inni jalqabaa carraa hojii bal’inaan uumuudha, 2ffaan qorqalbii ummanni aadaa hojiirratti qabu jijjiiruu, 3ffaan waldaaleen hojjatanii nyaatanii buluurra darbanii gara abbootii qabeenyaafi industiriitti akka ce’an gochuudha jedhan.
Ittigaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Godina Jimmaa Obbo Habtaamuu Kaasaa gamasaaniin, qoodni hojii waajjirasaanii lammiileef carraa hojii uumuufi qolqalbii dargaggootaa qopheessuudhaan aadaa hojii jijjiiruu ta’uu eeranii, ogummaa gonfachiisuurratti kan hojjetu ta’uu himan. Waldaaleen keenya nyaatanii buluu qofa otoo hintaane gara invastimantiitti akka ce’an taasisuudhas jedhan.
Akeekawwan kanneen jiddugala godhachuun ji’oota jahan darbanitti hojiilee milkaa’oo raawwachuu dubbatu. Kanaafis bardheengaddaa sadarkaa qophiitti hojii cimaan hojjetamuu eeranii, ciminaafi hanqina jiru ilaaluun hojii qabatamaatti seenamuu dubbatu. Keessumaa carraan hojii uumame lafarratti qabatamummaasaafi waan hawaasni ragaa bahuu danda’u maal of harkaa qabna, utuma carraa hojii uumnuu komii jiru maal akka fakkaatu otoo hojiitti hinseeniin duraafi erga hojiitti seenamee booda waan jiru ilaalleerra jedhan.
“Kanaanis hojiileen bara 2014 keessa hojjenne keessumaa inisheetiiviiwwan adda addaa akka Godina Jimmaatti kalaqamanii hojjetamaa jiran kanneen akka misooma muuzii, avokaadoo, baala shaayii Iluu Abbaa Boorirraa fidnee madaqsuuf tattaaffiin taasifame jira. ciminaafi hanqinni jiru ilaalamee barana akkamitti deemuu qabna, pooteenshiyaala dargaggoota hojiitti galchuu dandeessisu eessaa maal qabna jedhurratti bulchitoota aanaalee 22fi magaalota lamaan akkasumas caasaalee godinichaa wajjin marii bal’aa geggeessineerra.
Dargaggoota kuma 148 hojiitti galchina jennee karoorfannee hojjetaa jirra. Godinni Jimmaa akkuma Oromiyaattuu qabeenya guddaa qaba. Lafa bal’aa, lageen gannaa bona yaa’an, albuuda, dakaa cileerraa kaasee hanga dhagaa ijaarsaatti hedduu qabna.
Kilaastarota kanneen addaan baasne. Kilaastara gabbisa loonii, misooma midhaanii, dammaaf kkf jennee addaan baasne. Kanarratti dargaggoota ga’oomsinee hojiitti galchuu waan qabnuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jirra. Kanaafis kolleejiiwwan 15 qabnutti leenjii torban lamaa kennineerra. Hojii hanga ammaatti hojjetameenis bara bajatichaatti dargaggoota kuma 148 hojiitti galchina jennee keessaa hanga kurmaana lammaffaatti hanga sadarkaa kan waggaa xumuruu dandeenyutti kuma 146fi 370 hojiitti galchuu dandeenyeerra” jedhan.
Kun kan gurmeessine otoo hintaane kan qabatamaan aanaalee 22 keessatti hojiitti galchineedha. Kan hojiitti seenames dameelee qonnaa, ijaarsaa, manufaakchariingii, daldalaafi tajaajilaa jira. Kanas qabeenya qabnutti sirrumatti fayyadamneeti hojiitti galchaa kan jirruudha jechuun ibsan ittigaafatamtichi.
Qusannaas jajjabeessaa liqiidhaafis akka haalli mijatu gochuurratti hojjechaa jirra jedhanii; liqiin makaanaayizeeshinii fa’iif dhiyaatus jiraachuu eeru. Hanga ammaattis qarshii biliyoona 1.1 ol qusatamuu eeranii, akkuma godinaattuu liqiirratti komiin jiraachuu kaasu. Kunis ji’a tokkoo as haalonni mijaa’anii akka kennamu taasifamuu beeksisaniiru.
Kanaanis hanga ammaatti qarshii miliyoona 112 dargaggoota godinichaatiif kennamuu eeranii, tiraaktaroonni kudhanis dhiyaataniiru jedhan. Tiraaktaroonni 43 Shaashamanneerraa geejibsiifamaa jiraachuu dubbatanii, gatiin tokko tokkoo tiraaktaraa qarshii miliyoona 2.1 oli jedhan Obbo Habtaamuun.
“Tattaaffiin taasifamaa jiru aadaa hojii dargaggootaa jijjiiruu keessatti gumaachaa olaanaa qabaata. Namni akka kaleessaa qotiyyoodhaan qotuu keessaa bahee teknolojii akka fayyadamu gochaa aadaa hojii jijjiiruu qabna.
Dargaggoota qofa komachuu otoo hintaane waan dhiyaachuufii qabu ykn madaalu dhiyeessuufi qabna. Lafas barana ni dhiyeessina jedhee kan qabanne hektaara kuma afuriifi 700 yoo ta’u, hanga ammaatti kumni afuriifi 218 aanaalee hundatti dhiyaateera” jedhan.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 9 Bara 2015
7 Comments to “ Tattaaffii carraa hojii uumuu Godina Jimmaatti taasifamaa jiru”