Godinni Booranaa Godinaalee Oromiyaa balaa hongeef saaxilaman keessaa isa tokko. Balaan hongee kun erga godinicha mudatee bubbuleera. Sababa balaa kanaatiin beelladoonni hedduun dhumaniiru. Horsiisee bultoonni godinichaa hedduun rakkoo midhaan nyaataafi bishaan dhugaatiif saaxilamanii harka namaa eeggachaa jiru.
Abbootiin qabeenyaa, hoggantoonni mootummaa naannoleefi federaalaa, saboonniifi sablammoonni, aartistoonni, dhaabbileen mootummaafi miti mootummaa gara garaa lammiileen Itoophiyaa biyya keessaafi biyya alaa ummata Booranaaf deggarsa qarshii, midhaan nyaataa, bishaan dhugaatiifi kanneen biroo taasisuufiin ummata Booranaa bira dhaabachaa jiru.
Bulchiinsi magaalaa Finfinneefi jiraattonni magaalattii dhiyeenya kana marsaawwan lamaan qarshiifi deggarsa akaakuuwwan gara garaa qarshii miliyoona 268tti tilmaamamu ummata Booranaatiif taasisuunsaa ni yaadatama.
Jaarsoliin biyyaafi haadholiin ummata Booranaa bakka bu’an Kibxata darbe walga’ii Mana Marii Magaalaa Finfinneerratti argamuun deggarsa jiraattonniifi bulchiinsi Magaalaa Finfinnee ummata godinichaatiif taasisaniif galateeffataniiru. Tokko tokkoon miseensota mana marichaattis uffannaa aadaa Oromoo Booranaa uwwisaniiru.
Godina Booranaa, Magaalaa Yaa’a Bal’oorraa kan dhufan Maanguddoo Kiyyaa Garraadoo maanguddoota ummata godinichaa bakka bu’uun bulchiinsaafi jiraattota Magaalaa Finfinnee galateeffatan keessaa isaan tokko.
Akka isaan jedhanitti, ummanni Booranaa hawaasa nama jaalatuufi kabaju, loowwaniifi beelladoota biroo kenneefii galateeffata. Uffannaa aadaa uwwisuunis kabajaa guddaa qaba. Godinichi hongeen miidhamee loowwan hedduun waan dhumaniifi fageenyarraa waan dhufaniif bulchiinsaafi jiraattota magaalaa Finfinneef loowwan kennanii galateeffachuu hindandeenye.
Miseensonni Mana Marii Magaalaa Finfinnee jiraattota magaalattii waan bakka bu’aniif galanni keenya karaa miseensota mana marichaa jiraattota magaalattii ni ga’a jennee abdanna kan jedhan Maanguddoo Kiyyaan, bulchiinsaafi jiraattota Magaalaa Finfinnee qofa utuu hintaane, abbootii qabeenyaa biyya keessaafi biyya alaa, sabootaafi sablammoota biyyattii, hoggantoota bulchiinsa mootummaa federaalaafi naannolee akkasumas aartistoonniifi dhaabbilee mootummaafi miti mootummaa ummatichaaf deggarsa taasisan hunda guddaa galateeffanna jedhu.
Yeroo ammaa bokkaan godinichatti xiqqoo xiqqoo roobuu waan jalqabeef Waaqas ni galateeffanna kan jedhan maanguddoon kun, addunyaanis fuula nutti deebiftee guddoo nu gargaaraa jirti. Aadaan walgargaarsaa kun gara fuulduraattis cimee ittifufuu qaba. Deggarsi gama hundaan ummata godinichaa hongeen miidhameef taasifamaa jirus haala gaariin miidhamtoota bira ga’aa jira jedhan.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanechi Abeebee jaarsolii biyyaafi haadholii ummata Godina Booranaa bakka bu’uun daandii kiiloomeetira dheeraa imalanii dhufanii hoggantootaafi jiraattota Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee galateeffatan deebisanii galateeffataniiru.
Deggarsi Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee ummata Booranaatiif taasise daran xiqqoodha. Galatni ummanni Booranaa jiraattotaafi bulchiinsa Magaalaa Finfinneef dhiyeesse garuu guddaadha.
Uffanni aadaa bakka bu’oonni ummata Booranaa miseensota mana marii Magaalaa Finfinneetti uwwisan kabajaa guddaa agarsiisa. Booranni hangafa Oromooti waan ta’eef hangafummaa keessan magaalaa keenyaaf waan qooddaniif galatoomaa jechuun bakka bu’oota ummata Booranaa onneerraa galateeffataniiru.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee ummata Booranaa qofaaf utuu hintaane ummata naannolee Amaaraa, Affaar, Somaaleefi godinaalee Oromiyaa birootiif deggarsa taasisaa turuufi gara fuulduraattis kan taasisu ta’uu himanii, ummanni biyyattiis rakkoon naannoo tokkorra ga’e akka waan isarra gaheetti yaadee deggarsa barbaachisu taasisaa jira jedhan.
Balaa hongee Godina Booranaa mudate karaa waarawaa ta’een furuuf Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa hojiilee guguddoo jalqabuusaafi jiraattonniifi bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Booranaa dabalatee rakkoo hongee iddoowwan gara garaatti mudate karaa ittifufiinsa qabuun furuuf deggarsa barbaachisu kan taasisan ta’uu dubbataniiru.
Rakkoon hongee godinaalee biyyattii adda addaa mudate akka rakkoo numudateetti nutti dhaga’ama kan jedhan Aadde Adaanachi, guddinni naannolee biyyattii guddina Finfinneeti, rakkoon naannolee mudatus rakkoo Finfinneeti. Kanaafuu hundi keenya harka walqabannee waliin hojjennee waliin guddachuu qabna. Rakkinarrattis waliif birmachuun aadaa keenya cimee ittifufuu qabuudha jedhu.
Qabeenyi horsiisee bulaa beelladootasaarratti hundaa’a. Balaan hongee beelladootas ta’e horsiisee bultoota daran waan miidhuuf horsiisee bultoonni Booranaa kaleessa dheengadda sooressa turan har’a beelladoonni sababa balaa hongeetiin jalaa dhumanii hiyyoomanii harka namaa ilaalaa jiru.
Kanaafuu deggarsi godina Booranaa dabalatee horsiisee bultoota bakkeewwan adda addaatti balaa hongeef saaxilamaniif taasifamu gama hundaanuu cimee ittifufuu qaba. Bulchiinsonni mootummaa Federaalaafi naannolee rakkoo gama kanaan jiru karaa ittifufiinsa qabuun furuuf karoora yeroo dheeraafi gabaabaa baafatanii irratti hojjechuu akka qaban yaadachiifna jedhan.
Deggarsi qaamoleen gara garaa horsiisee bultoota balaa hongeef saaxilamaniif taasisan rakkoo har’aa qofa kan furu waan ta’eef rakkoo hongee karaa itti fufiinsa qabuun furuun qindoomina mootummaa federaalaafi naannolee gaafata. Balaa hongee kana karaa itti fuufiinsa qabuun furuuf naannawaawwan horsiisee bultoonni jiranitti hojii misooma jal’isii babal’isuun furmaata waaraa fiduu danda’a. Hojiin nyaata beelladootaa omishuu, bosona eeguufi kunuunsuus xiyyeeffannaa argachuu qaba.
Balaan hongee kun Godina Booranaa qofatti utuu hintaane aanaalee Naannoo Somaalee, Oromiyaa, Ummattoota Kibbaa adda addaa darbees biyyoota ollaa akka Keeniyaafi Somaaleefaatti mudachuu ragaaleen gara garaa ni mul’isu. Horsiisee bultoonni ammoo beelladootasaanii qarshii olitti jaalatu waan ta’ee deggarsi gama hundaan horsiisee bultoota bal’aa hongeef saaxilamaniif taasifamaa jiru cimee ittifufuu qaba.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 9 Bara 2015
3 Comments to “ “Uffanni aadaa bakka bu’oonni ummata Booranaa miseensota mana marii Magaalaa Finfinneetti uwwisan kabajaa guddaa agarsiisa” –Aadde Adaanach Abeebee”