Tola ooluun of kennuu barbaada. Namoonni baay’een nama gargaaruuf fedha qabaatanis qabatamaadhaan hojiitti hiikuuf ni rakkatu. Keessumaa bifa qindaa’aa ta’een rakkoo hawaasaa hiikuun itti ulfaata. Namoonni tokko tokkommoo uumaadhumaan nama gargaaruufi haaloota namoonni itti gargaaraman mijeessuu ni danda’u. Yeroo, beekumsaafi maallaqasaanii aarsaa gochuun ummatasaanii gargaaruufis tattaafatu.
Keessummaan keenya maxxansa kanaas tola ooltuu biyya Ameerikaa jiraataniifi waggoota sadii as waggaa waggaadhaan deeggarsawwan garagaraa fiduun hawaasasaanii fayyadaa jiran, Aadde Aannee Ajjamaati. Nutis dhiheenya kana yommuu isaan deeggarsa marsaa sadaffaa fidanii dhufanitti dubbisnee akka ittaanutti dhiyeessineerra.
Bariisaa: Duraan dursa galatoomaa jechaa, dubbistoota keenyaan walbaraamee?
Aadde Aannee: Tole, ani Aannee Ajjamaan jedhama. Haadha ijoollee lamaati, Horan Bulaa (waggaa 18) fi Naasifaayii Bulaa (waggaa 17) jedhamu. Haadha manaadhas. Anaaf haadha ta’uutu ittiwaamama guddaadha. Kanin dhaladhee guddadhe Magaalaa Finfinnee, naannawa Birbirsa Gooroo (Araadaa Giyoorgiis) tti. Barnootakoo sadarkaa tokkoffaafi lammaffaas asumatti fixeen gara biyya alaa ba’e.
Barnoota olaanaas yunivarsiitii biyya hambaatti akkaawuntiingiifi Bulchiinsan baradhe. Hojiin koo tola ooltummaadha. Dhaabbata ‘Alight’ jedhamu keessan hojjedha. Akkasumas, dhaabbata tola ooltummaa mataakoo Numaan jedhamu hundeesseen gara biyyaatti deddeebi’aa jira.
Bariisaa: Erga biyyaa baatanii yeroo hammamii taataniittu? Akkamiinoo biyyaa baatan?
Aadde Aannee: Ergan biyyaa ba’ee gara waggoota 23ttin deemaa jira. Yeroon ba’es Oromoon baay’inaan biyya kanarraa yeroo dhiibamee ba’aa turetti yoo ta’u, anis baqannaadhaanin karaa biyya biraa biyyaa ba’ee Ameerikaa seene. Ergan biyyaa ba’ee boodan barnootakoo sadarkaa olaanaa baradhee, bultoo dhaabadhee, ijoollees godhadhe. Wayita ammaa kutaa biyyaa Mineesotaa keessan jiraachaa jira.
Bariisaa: Magaalaa Finfinneetti dhalattanii guddattanii, waggoota 20 biyya ambaa jiraattanii, Afaan Oromoo garuu akkuma nama bakka Afaan Oromoo dubbatamutti dhalatee guddateetti dubbattu. Kun akkamiin ta’e? Keessumaa yeroo rakkisaa sana waan beektaniif.
Aadde Aannee: Kun gaaffii namoota baay’eeti. Ani hiriyoota Oromoo ta’anii na waliin dhalatanii guddatanii hanga yoonaa Afaan Oromoo hinbeekne baay’een beeka. Anaan kan na fayyade maatiikooti. Mana keessatti Afaan Oromoo haasa’uun dirqama. Nan yaadadha adaadaankoo tokko Salaaleerraa dhuftee nu bira kan jiraattu Afaan Amaaraa waanum tokkollee hindandeessu. Kun daran na fayyadeera.
Kana malees, maatiin yommuu nu guddisan akka gadaantummaan nutti dhaga’amu godhanii miti. Darbees haalli jijjiiramee Addi Bilisummaa Oromoo biyya keessa seenuun akkan achi keessatti hirmaachaa waa babbareessu na taasisaa waan tureef akkan afaankoo jabeeffadhuuf carraa naaf ta’e. Ganna gannas baadiyyaatti ergamnee firoota keenya waliin dabarsina. Hunda caalaa garuu maatiin murteessaadha. Yeroo baay’ee yommuu ijoollee waa dhoksuu barbaadan Afaan Oromoo haasa’u malee ijoolleessaanitti itti hindubbatan.
Bariisaa: Isinoo ijoollee keessaniif dabarsitaniittuu?
Aadde Aannee: Biyya ambaatti rakkisaa ta’us ijoolleenkoo Afaan Oromootiin walii galuu ni danda’u. Mineesotaatti yommuu ijoollee guddistu namoonni achi jiran sabboonoo waan ta’aniif afaan barachuufis ta’e barsiisuu carraa ni qabda.
Bariisaa: Maatii keessaniif intala meeqaffaadha? Obbolaa meeqammoo qabdu?
Aadde Aannee: Haadhakoofi abbaakoof intala hangafaafi tokkittiidha. Abbaan koo ijoollee kan biraa qaba, asuma jiraatu. Haatikoo na bira jiraatti. Karaasheetiin obbolaa sadii, Dhiira tokkoofi durba lama, karaa abbaakoommoo durba sadiifi dhiira tokkon qaba.
Bariisaa: Mee gara hojii ittiin beekamtan, tola ooltummaatti haa deebinu. Jalqabuma hojii kanatti seenuuf maaltu isin kakaase?
Aadde Aannee: Tola ooltummaa hunda dura kennaadhaan qabaachuu qabda. Ani oggaa haatiikoo waanuma qabdu kennitu argaan guddadhe. Namaaf waa gochuuf ati sooressa ta’uun akka sirraa hineegamnen hubadhe. Nama gargaaruuf kan barbaachisummoo nama ta’uu qofa. Namni isa ati kennituufirra namummaakee barbaada. Akkaataa ati itti haasofsiistu, ati isa simattuutu itti tola. Kana ijoollummaakoorraa kaasee shaakalaan guddadhe.
Yommuun biyya ambaa deemummoo caalaatti saba keenyarratti hojjechuun jalqabe. Diyaaspooraa ta’ee dhuunfaadhaanis gareedhaanis waan gargaarsa fakkaatu kamuu keessatti qooda fudhachaan jiraadhe. Abbaan warraakoos, anis, akka maatiittis akkanaan jiraanna.
Isa bifa qindaa’een hojii eegaleef wanti na kakaasemmoo biyya kana turtii waggoota 18 olii booda gaafa jijjiiramni ta’e waggoota shan duran dhufe. Abbaan warraakoo ammoo waggoota 20 caala turee yeroo jalqabaaf ijoollee keenya fidannee A.L.A bara 2018 dhufne.
Yeroo sanammoo ni yaadatta taanaan Oromoo baay’een Somaaleerraa buqqa’ee Finfinneefi bakkoota garagaraa qubatee rakkoolee hedduuf saaxilamaa ture. Isaan deggaruufis dubartoota hedduu wajjin taanee deebisnee qubachiisuuf isteetiiwwan Ameerikaa ja’arraa akkasumas Kaanaadaafi Awurooppaaraa hirmaachisuun manneen 51 ijaarree xumuruun meeshaa guunnee itti galchine.
Hojii kana hojjechuufis koree Siinqee jedhamu asitti hundeessinee anis keessatti hirmaachuun hojjenne. Gaafan dhufe sana manneen 21 xumuramanii na eegan. Manneen dubartoota kanneeniif ijaaraman yommuu dabarsinee kenninu ijoolleessaaniin arge. Dubartii abbaan warraa irra hinjirreefii daa’imman abbaan irra hinjirre mana duwwaa kennitee dhiisuun rakkisaadha. Wantan arge kana deebi’ee dagachuu hindanda’u.
Inni biraa waanin Finfinneetti dhaladhee guddadheef rakkoo bishaanii argee hinbeeku. Yoodhuma dhibellee boonoon hindhabamu. Gaafan deebi’ee dhufu garuu baadiyyaa dhiisiiti magaalaadhuma kanaayyuu namni bitatee dhuga. Inni kun baay’ee na jeeqe.
Akkasumas baadiyyaa baay’ee keessa deemee rakkoo hojii dhabdummaa dargaggootaa argee nagaa na dhoowwe. Darbees yeroo sana qarreefi qeerroon jijjiirama fiduuf qabsaa’aa turan jijjiirama dhufeen haalan itti isaan gargaaru jiraa laata yaadni jedhu gaaffii natti ta’e.
Kanneen yommuun argu maaliifin dhaabbilee addaddaa hindhaabne jedheen murteesse. Ta’us akkan yaade naa hintaane. Deebi’ee akka dhuunfaatti maal gochuun danda’a isa jedhu yaaduun eegale. Ijoollittiin sammuukoo keessaa ba’uu hindandeenye.
Yoo wanta tokko guddisnee ilaalla ta’e namatti ulfaata. Garuu akka nama dhuunfaatti tokko tokkoon baastee yoo ilaalte akka hawaasaatti amantaa waa furuu dandeenya jedhuun qaba. Maallaqa guddaa qabaachuu yaaduu osoo hintaane xiqqoodhuma qabduun waan gochuu dandeessu gochuu qabda. Kanatti dabaleemmoo waanin dhaabbata tola ooltummaa idiladdunyaa keessa hojjedhuuf carraawwan garagaraa akkan argadhu na fayyadeera. Dhaabbatichi buqqaatota addunyaarra jiraniif hojii tola ooltummaa hojjeta.
Kanarraa ka’uun ergan gara waggaa tokkoo itti yaade booda rakkoolee jira keessaa kan shamarraniirraatti xiyyeeffadhee hojjechuun murteesse. Sababa moodeesii dhabuutiin shamarran lakkoofsisaanii hedduu barnoota akka addaan kutanin odeeffadhe.
Kun garuu namoota baay’eef hingalu. Animmoo akka haadhaafi akka dubartiitti naa gala. Kana booda dhaabbata dhimma kanarratti hojjetu tokko keessattin miseensa ta’e. Dhaabbatichi moodeesii miiccamuufi daran qulqulluu ta’e hojjechuun biyyoota hiyyeeyyii rakkoon kun baay’inaan keessatti argamuuf raabsa.
Akkasumas, dhaabbata biraa hojiilee tola ooltummaa xixiqqoo ati biyyakeerratti hojjechuu barbaaddu kan si deeggaru keessattin hirmaachuu eegale. Yommuu kana keessatti hirmaattu yerookee kennuu qofa osoo hintaane buusii buustullee ni qabda. Kanaaf yoon yaadakoo milkeeffachuu barbaade dhaabbata kana seenuun qaba jedheen aarsaa narraa barbaadamu kanfaluun itti seene.
Ergan kanneen hunda mijeeffadhee booda gara biyyaa dhufuun yaade. Yeroo kana garuu wantin dhaga’u biyya kana dhuftee waa tokko ariitiidhaan raawwatachuufi milkeeffachuu akka hindandeenyeedha. Sammuunkoo garuu naa fudhachuu hindandeenye.
Wantoota lama adda baafachuun barbaade. Tokkoffaa, hojjechuun ni danda’amamoo hindanda’amu isa jedhu. Lammaffaammoo anumti kun waanin hojjedhutti nan amanaa isa jedhu of qoruuf sagantaa guyyoota kudhanitti pirojektoota 10 jedhu waggaa lama dura qabadheen dhufe.
Guyyaa 15fin dhufe. Guyyaan lama dhufa, guyyaan lama deebiidha. Turtiinkoo ammoo guyyoota 10 jechuudha. Yeroos moodeesii miiccamu sana gara shaanxaa 10ni itti kaffaleen fidee dhufe. Maatiifi hiriyyootakoorraas fuudhee, ofiikoorrattis murteesseen fidee dhufe jechuudha. Kana malees qe’ee haatiikoo ittidhalatte, Salaalee bakka Faallee Koroftaa jedhamutti maatiidhuma keenya qindeesseen bishaan baasise.
Akka hojiin kun milkaa’uufis dhaabbata tola oolaa biyya keessatti hundaa’ee hojii walfakkaatu hojjetu waliinin qindoominaan hojjechuu eegale. Bakkammoo bishaan baasuu hindandeenye, naannawa tikfattee bultootaa kanneen akka Karrayyuutti ammoo calaltuu bishaanii hanga doolaara 50 baasu fideen raabseef.
Calaltuun kun %99 baakteeriyaa qulqulleessa. Haala kanaan deeggarsawwan garagaraa fiduun guyyaa 10 keessatti Salaaleerraa ka’ee, Dukam, Bishooftuu, Karrayyuu, Fantaallee, Calliyaa, Amboofi bakkeewwan biroo konkolaataafi konkalaachisaa kireeffadhee deemuun hojiin karoorfadhee dhufe raawwatadhe.
Bariisaa: Hojii kana yommuu hojjettan waa hundi mijataa hinta’uutii, mee akkamiin keessa dabartan?
Aadde Aannee: Rakkooleen addaddaa akka nama mudachuu danda’an duruma tilmaama keessa galchuufi isa keessa akkamiin akka darbamu yaaduu barbaachisa. Ani yommuun hojii kana hojjechuuf deemu baadiyyaa fagoo keessatti konkolaataan cabee, kan akka malee ta’e ni jira. Garuu Hojii tola ooltummaa keessatti waa hundi diriiraa siif hinta’u.
Warri adii biyya hinbeekne keessa deemanii rakkoo jiru dandamatanii hojjetu. Kunimmoo anaaf biyyakooti. Afaansaanii, aadaasaaniin beeka, lammiikoo sabakooti. Kanaaf rakkoo xixiqqoo sana haasa’uun hinbarbaachisu.
Bariisaa: Deggarsi keessan kan yeroo tokkoo qofaa miti. Waggaa waggaadhaan dhuftanii deggarsa taasisaa jirtu. Kana duruma karoorfattan moo, waan argitan irraa kaatanii itti fufsiistan?
Aadde Aannee: Yommuun hojii kana hojjedhee xumuree deebi’u ijoollee dubartoota hedduun arge. Mana barnootaafi yunivarsiitiiwwan addaddaa deemeen ilaale. Rakkoon jiru hamaadha. Inni dur dhaga’aafi dubbisaa ture rakkoo hammaataa ta’uu ijaan argeen hubadhe. Akkuman dura kaasemmoo hojii hojjechuun akka danda’amuufi aniyyuu hojichatti amanuukoo ittiin mirkaneeffadhe.
Biyyan waggaa 20 irraa fagaadhee turetti deebi’ee hojjechuu danda’uunkoo anaan na gammachiiseera. Ummanni biyyattii amma miliyoona 100 caale yommuun ani biyyaa ba’u miliyoona 50 hincaalu. Magaalaan Finfinnee amma bal’attee garri ittii socho’an dhabame, gaafan as ture Askoon baadiyyaa lafa qonnaa ture. Kanneen hundarratti murteessee dhufee itti galuunkoo dhuguma murteessuukoo of qoreen ilaale.
Akkuma siin jedhe yeroo sana dhaabbata asii hojjetu wajjin ta’een qofaakoo dhufe. Waanin hubadhe tokko hojii kana Aanneen dadhabnaan ni hafa. Hojii nama tokkoo ta’a jechuudha. Animmoo akka kun ta’u hinbarbaadu.
Nama dhuunfaarra darbee akka dhaabbata ta’uuf asii deemee dhaabbata tola ooltummaa hundeesse. Namoonni akka koo tola ooltummaa hojjechuu barbaadan baay’een jiru; karaa, haalaafi ni danda’amaasaa kan itti mul’isu dhaban malee.
Sababnisaas bara dheeraa siyaasuma dhaga’aa, waantota hunda siyaasaan akka hiikkattutu sammuu keenya keessa jira. Garuu namni hundi nama siyaasaa ta’uu hindanda’u. Kennaafi ogummaa addadda qabna. Sanaan waa gochuu akka dandeenyu inni kaanis arguu qaba amantaa jedhu waanin qabuuf miidiyaa hawaasummaa, feesbuukii fayyadamuun agarsiisuu eegale.
Namoonni baay’ee kana arganis ijisaanii banamee irratti qooda fudhachuu akka barbaadan na gaafachuu eegalan. Kanarraa ka’uun dhaabbata Numaan jedhu dhaabe. Numaan jechuun rakkoo keenya ofuma keenyaan, nu’iin furanna yaada jedhurraa madde.
Bariisaa: Tola ooluu jechuun maali? Deggarsa taasisuudhamoo waan ta’e tokko tola namaa hiruudha?
Aadde Aannee: Ani dhuunfaakootti waan tola namaa hiranitti hinamanu. Yommuu tola ooltummaa jedhamu namni baay’een waan ta’e tokko tola namaa hiruu itti fakkaata. Garuu hawaasa walgargaaree jireenya ofii jijjiiru qindeessuudha. Fakkeenyaaf manni barnootaa tokko yoo dulloomee diigame, hawaasuma naannawa sana jiru qindeessaniifi walgargaaranii ijaarsisuudha. Kanaaf anis aadaafi yaada walgargaarsaa sanaan bal’isuufi barsiisuu barbaada. Inni kun waanuma sirna Gadaa keessayyuu jiruudha.
Sammuu namaa keessa garuu dhaabbilee miti-mootummaatu deggarsa taasisa yommuu jedhamu, adiin tokko dhufee waa nuu kenna, nummoo ni fudhanna kan jedhudha. Kana jechuun isaan kennoodha, nutimmoo kadhattuudha. Ani ilaalcha sana keessaa namoonni akka ba’aniin barbaada. Gaafa adiin tokko dhufee waa godhuufi ani godhu tokko miti. Ana keessatti of, haadhasaa, obbooleettiifi firootasaa arga. Anis guddadhee bor akkanan ta’a jechaa guddata.
Bariisaa: Amma eenyufa’iif deggarsa taasisaa jirtu?
Aadde Aannee: Ijoollee buqqaatotaa sana 100 kanneen ta’an ittifufee Bishooftuutti deggaraa jirra. Barsiisuu, carraan gaarii isaan mudatee akka of gargaaran mijeessuu, akka hojii hojjetan taasisuuf haadha qabeenyaa ta’ee osoo hintaane akka haadhaafi obboleettiitti isaaniif dhimmuunin deeddeebi’a. Ijoolleen sun barnootasaaniirraa akka hingufanneef meeshaa barnootaa garagaraa nan deggaraan.
Jalqaba ijoollee kanneen sassaabeen Riizoortii Kurriiftuu geesse. Ijoolleen kunneen Kurriiftuurraa fagoo hinjiran garuu fagootti hawwu. Sana gochuunkoo sammuusaanii baay’ee jijjiireera. Isaanis akka waan guddaatti wanticha yaadataa hafu. Kana keessatti jireenyi har’a jiraatan boruusaanii akka hintaanellee itti agarsiisuuf fayyada.
Ani akka dhuunfaatti yoon kana gochuu danda’e, inni kaanis gochuu akka danda’u itti agarsiiseera. Diyaaspooraan gaafa alaa dhufan namuma shan ja’a utuu akkanatti deggaruu danda’anii Waaqnis nama eebbisa, dhaloonnis jijjiiramuu danda’a.
Dhaabbanni Numaan waa tokko qofarratti miti xiyyeefatee kan hojjetu. Bakka bishaan hinjirretti bishaan galchuu, rakkoon ibsaa akka furamu taasisuufi kkf hojjeta. Ibsaa soolaarii biyyoonni Afrikaa hedduu ittifayyadaman biyya keenyatti garuu jiraachuusaallee quba hinqaban. Soolaarii kana qonnaan bultoonni 60 ta’an akkan kennuuf kan na gaafatan yoo ta’u, anis bakkeewwan garagaraa akka ga’utti 225 fidee raabseera.
Kunis ampuuliifi paawuzaa guddaa kan qabudha. Qonnaan bultoonni keenya waan ibsaa hinqabneef bakka mobaayiliisaanii itti chaarjeffatanillee hinqaban; kanfalanii chaarjii godhatu. Paakeejiin ibsaa soolaarii sun kana fa’iif isaan fayyada.
Ibsaan kun ifa kennuu qofa osoo hintaane ijoolleen baadiyyaa halkan qo’achuu akka danda’an, baasii isaan chaarjiif baasan hambisuun, dhukkuba ijaa aara kurraaziitiin dhufu hambisuufi kanneen birootiin bu’aa olaanaa qaba. Kana bakkawwan hundaatti nan taasisaaf jechuu miti. Garuu ani yoon hamma humna koo taasise inni kaanis ittiin kaka’a.
Kan biraa wantoota hunda alaa hinfidu. Baay’eesaa asumaan bita. Sababnisaas yeroo alaa fiddu dinagdee biyyaa miita. Daldalaa asii waan sana qaburraa bituu osoo dandeenyuu alaa bilisa fidanii raabsuun bu’aasaarra miidhaasaatu caala.
Kanas namoota biroottillee himuun barbaada. Yoo gargaaruu barbaaddan maallaqichuma fidaa koottaa. Yoo kana ta’e isa irraa bittanis, biyyas dinagdeedhaan ni gargaartu jechuudha. Akkasumas, sammuu namaa waan gaariin alaa qofa dhufa jedhus ni jijjiira.
Ijoolleen gargaaru Finfinnee dhufanii hinbeekan. Anis hundasaanii fidee dhufee muuziyeemii saayinsii daawwachiiseen. Kanaan Finfinnee, handhuura keenya jennu dhufanii arguu danda’aniiru. Wanti daran namatti tolummoo balbalarraa simachuurraa kaasee hanga daaw’achiisuutti afaansaaniitiin tajaajilamaa turan. Wanti achi keessatti arganis baay’ee sammuusaanii jijjiira. Barattoota kanneeniif meeshaalee barnootaa barbaachisanis anatu guuta.
Barattoota kanneen meeshaa barnootaa guuteef haa baratan malee dhuguma barachaa jiraachuusaanii namni hordofu hinjiru. Maatiinsaanii baay’een kan baratan miti. Isa kanaaf akka Numaanitti sagantaa qo’achiisuufi gorsuu Bishooftuutti ji’oota ja’aaf eegalchiisuufi. Sagantaan kun ijoollee yunivarsiitiidhaa eebbifamanii ba’anii naannawa sana jiran shanis, ja’as mindeessinee, qarshii muraasa kanfaluufiin guyyoota lama sadii ijoollee kanneen walitti qabanii, yoo hojmanee qabaatan akka hojjechiisan, yoo barnootaan boodatti hafan akka isaan gargaaraniifi jajjabeessan akkasumas, barattoota shamarranii yoo rakkooleen garagaraa isaan mudate gorsuufi deggaruudha. Yoo barattoota yunivarsiitii hinargannu ta’emmoo barsiisotuma naannawa sanaan eegalchiisuuf yaadna. Bu’aaqabeessummaasaa ilaallees Oromiyaa, bakkeewwan addaddaatti kan babal’isnu ta’a.
Bariisaa: Hariiroon dhaabbanni keessan jaarmiyaalee tola ooltotaa akkasaa biroo wajjin qabuwoo maal fakkaata?
Aadde Aannee: Numaan dhaabbilee addaddaa wajjin ni hojjeta. Sababnisaas nuti fandii baay’ees hinqabnu. Yoo rakkoo xiqqoon tokko jiraate dhaabbilee hojii walfakkaataa hojjetan biyya kana jiran waliin hariiroo uumuun ni hojjeta. Akkasumas isaaniinillee dhaabbata addaddaa wajjii walqunnamsiisuurratti ni hojjeta.
Sandaafaafi Shaashamanneetti bishaan galchisiisuu yaadneerra. Kanas akka na deggaraniif dhaabbata miti-mootummaa tokko waliin hojjetaa jirra. Dhaabbatichi Numaan kan quunname yoo ta’u, nutimmoo dhaabbilee tola ooltoota biyya keessatti galmaa’anii hojjetan waliin hojjetaa jirra; dhihootti kan eegalu ta’a. Moodeesii miiccamuun walqabatees waggoota walitti aananiif deeddeebisaan jira. Kun biyya kanatti akka hojjetamu taasifamuu qaba. Dhaabbileen Finfinnee keessatti hojjechuu eegalanis jiru.
Dhufaatiikoo ammaatiinis Yunivarsiitii Amboo wajjin isa mallatteessuun dhufe. Yeroo dhumaatiif garuu moodeesii fidee dhufee, baadiyyaa Amboofi Gudaritti hireera. Kana booda garuu asumatti omishama jechuudha. Yoo akkas ta’e, dubartootaaf carraa hojii ni uumna, gatii xiqqaadhaan naannawa sanatti gurguranii shamarran baay’een akka fayyadaman ni taasifna.
Dhaabbanni keenya Numaan keessumaa dhaabbilee dubartoota Oromootiin dhaabbatan jajjabeessuu, sammuu kadhatummaa keessaa baanee hojjennee jijjiiramuu akka dandeenyu hubachiisuurratti hojjeta. Moodeelli keenya jaqaba ganda tokko fudhachuun rakkoo gandi sun qabu adda baasna. Fakkeenyaaf bishaan yoo ta’e, bishaan dhabuun rakkoo fayyaa, dinagdee, barnootaafi dubartootarratti fidu adda baasna.
Erga adda ba’een booda dhaabbilee garagaraa waliin ta’uun waan dandeenyu taasisna. Isa mootummaan hojjechuu qabu hamma bira ga’utti waan gochuufi dandeenyu sadarkaa sadarkaadhaan goonaaf.
Kana malees dubartoonni dinagdeedhaan akka of danda’aniif hojjechuu ni yaadna. Dubartii tokkoof sa’a tokko utuu laannee, sa’i dhaltee horti, aannansheerraa galii argachuu ni dandeessi, ijoolleesheefis kennuu dandeessi. Nama magaalaa keessa jiruuf maallaqa kennitee daldala jalqabi jechuu dandeessa, baadiyyaatti garuu pirojektii bu’aa qabu yaaduu qabda.
Mana barnootaa iddoowwan baay’eetti caccabee jirummoo ummatuma sana kakaastee yoo sammuu jijjiirte inniyyuu ijaarrachuu danda’a. Dhaabbanni tokko kaleessa dhufee achitti waa hojjeteeraaf taanaan, hawaasni naannawaas waan hinhojjenneef hinqabu. Wantoonni ijaarsaaf barbaachisan baay’een achi jiru.
Sammuu waa eeggachuufi hirkattummaa hawaasa keenya keessaa baasaa deemuu qabna. Kanaaf ammoo hundi keenya dirqama qabna. Yoo waan fedhe hafe qe’ee keessaa dhufne deebinee yoo mil’anne wanti furuu dandeenyu baay’eetu jira.
Adeemsa kana keessatti miseensoota boordii Numaaniifi namoota hojii keenyatti amananii nu deggaran hunda galateeffachuun barbaada. Akkasumas gaafan gara biyya kanaa dhufu namoota waa hundumaa keessatti na gargaaran hundaaf galannikoo guddaadha. Addatti garuu abbaa warraakoo baay’een galateeffachuu barbaada. Utuu inni na hinutubnee, waanin hojjedhuuttis hinamannee ijoolleefi warraa koo gatee boqonnaa fudhadhee as hindhufuun ture.
Bariisaa: Yommuu hojii kana hojjettan maaltu isin mudata. Moo waa hundi akka yaaddanitti isiniif deemaa ture?
Aadde Aannee: Deddeebi’unkoo wantoota baay’ee na barsiise. Yommuu tola ooltummaa hojjettu wanti hundi salphaadha jechuu miti. Fakkeenyaaf wanti hundi akkan yaadeetti seeraan naa deema isa jedhu sammuukee keessaa baasuu qabda. Bakka deemtutti rakkoo baay’eetu jira; garuu jireenyakee keessatti waan gaarii tokko arguudhaaf waan ta’eef isa ilaaltee dhiista.
Rakkoon jira jennee dhufuun keenya rakkoof furuuf ta’ee osoo jiruu, rakkoo kana furuuf rakkoo sanatu na dhaabe jechuun furmaata miti. Waan hunda obsaan dabarsanii rakkoof furmaata ta’uu barbaachisa.
Rakkoon hinjiru jechuu hindandeenyu, garuu miidiyaan hawaasaa arbeessee dhiheessa. Rakkoo haasa’uutu furmaatamoo, rakkoo sanaaf furmaata barbaaduutu furmaata isa jedhu ilaaluu barbaachisa. Ani uumaadhumaan namni rakkina tokko yoo natti hime sammuunkoo battaluma furmaatasaa yaada.
Inni biraa ani jecha “garuu” jedhamu dhaga’uu hinbarbaadu. Namoonni baay’ee gaafa ati yaada hirtuuf yaadakee deggaranii garuudhaan si jalaa kuffisu. Ani kanin jedhu jalqabi, yaali, yoo hindanda’amnemmoo dhiisiidha. Inni biraammoo walceepha’uutu baay’ata. Utuma nutu walceephaanuu alagaan nu caalaa jiru.
Itoophiyaan rakkoo dhaabbilee miti mootummaa hinqabdu; baay’eetu jira. Dhaabbanni ani keessa hojjedhu ‘Alight’illee bakka addaddaatti waajjira banee hojjetaa jira. Buqqaatootarratti waan hojjennuuf waajjira tokko Maqaleedhaa qabna. Akkuma dhaabbatichi biyya kana seeneen namoota 100 qacarre.
Inni kun utuu maatiidhaan baay’ifamee namoota baay’eetu fayyadame jechuudha. Dhaabbileen biyya alaa biroos ni jiru. Haala kanaan adiin tokko dhufee rakkoo hawaasakoo furuu yoo danda’e, ani Aanneen ammoo yoo xiqqaate bira taa’ee haasa’ee rakkoosaa yoon dhaggeeffadhe, akkam akka isaan gammachiisu argeera.
Hojii hojjetummoo qofaakee fiixaan baasuu hindandeessu. Namoonni si gargaaruu qabu. Ani gara jalqabaa didaan ture. Garuu hojichi kan qofaa hojjettu miti. Boodarra namoota na gargaaran galateeffachaafi beekamtii kennaa hojiikoo itti fufe jechuudha. Marsaa isa sadaffaa kana yommuun dhufe ijoolleen Mineesootaarraa natti dabalamanis ni jiru. Fuuldurattis namoonni baay’ee itti dabalamu jedheen yaada. Anaaf sana ture kaayyoonkoo.
Bariisaa: Diyaaspooraan kaan maal isinirraa barachuu qabu, ergaa akkamii dabarsituuf? Ergaa xumuraa osoo naa dabarsitanii?
Aadde Aannee: Dhuguma sabboonummaa qabaannee ummata keenya ni jaalanna taanaan karaan tokko qofa miti. Karaa baay’eetu jira. Dirqama dhaabbata miti mootummaas qabaachuu hinqabdu. Wanti gochuu dandeessu baay’eetu jira. Gaafa maatiikee dubbisuu dhuftu shaanxaadhuma tokko ollaakeetiif waa fidii kottu. Yookiin ammoo maallaqa ittiin bashannanuuf fidatanii dhufan waan rakkoo ummataa furu muraasa bitanii hiranii rakkoo tokko furanii deebi’uu danda’u jechuudha.
Diyaaspooraa keessa namni maatiisaa hingargaarre hinjiru. Isuma walitti fidanii isa rakkoo maatii furuuf yaalan kan hawaasaa akka furamu gochuudha. Rakkoo isa guddaa bira ga’anii furuuf isa xixiqqaa jalaa furaa deemuun barbaachisaadha.
Ani akka dhuunfaatti eenyuunuu hincaalu, eenyuunis gadi miti. Sabni Oromoos akkanuma saba kaminuu hincaalu, kamiinis gadi miti. Oromoo ta’ee dhalachuukootti baay’een boona. Oromoon waa hunda gochuu akka danda’us ittin amana. Kanaaf yommuu abalu kana narratti raawwate jettee haasoftu, inni sammuudhaan na caala jennee fudhanneerra jechuudha.
Diyaaspooraan nama barate baay’ee qaba. Wantoota ilaalee madaaluus ni danda’a. Kanaaf isa jedhamurra isan miidiyaa hawaasaarratti qoodu ilaalaa. Yoo namni yaada akkanaa qabate karaasaa itti agarsiisuuf ani qophiidha. Karaan isaa jira koottaa; kana jechuun waa hundi mijataafi diriiraadha jechuu miti. Ofiikeedhaan nama baay’ee bilbiltee, tokko yoo si jalaa dide tokkotti dabartee hojjechuu qabda. Kanaaf karoora bareedaa qopheeffachuu qabda. Waan baay’eekee ni dhiista. Ani fira baay’een Finfinneedhaa qaba. Garuu dhaqee isaan dubbisuu hindanda’u. Abbaakoo illee bakkan hojiif deemuun fudhadhee deema malee isa waliin taa’ee haasa’uuf yeroo hinqabu. Hirribni hinjiru. Namni akkakoo naaf haa ta’u jechuun waan hindanda’amneef sumatu carraaqqata.
Yommuu dhufan guyyaadhuma qaban irraa muraasa baadiyyaa deemanii ilaalanii waan tokko furuun sammuudhumaafuu namatti tola. Ummanni keenya waan baay’eellee sirraa hinbarbaadu, waan xiqqoo gootuufitti gammada. Rakkoo sana keessaa ba’uu barbaada. Atimmoo isa duubatti isa harkisu kana hubattee yoo gargaarte innuu ofumaan karaasaarra deema. Eebbii sabnikee si eebbisummoo waa hunda caala.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 9 Bara 2015
5 Comments to “ “Qe’ee keessaa dhufne deebinee yoo mil’anne wanti furuu dandeenyu baay’eetu jira” -Aadde Aannee Ajjamaa (Diyaaspooraa)”