Finfinnee: Qophii qonnaa bara 2015/16f mootummaan hirpha bittaa xaa’ootiif qarshii biliyoona 21 ramaduu Ministeerri Qonnaa beeksise. Hirphi taasifames dhiyeessii xaa’oo saffisiisuufi qaala’iinsa gatii fooyyessuu keessatti shoora olaanaa qaba jedhameera.
Ministirri Ministeera Qonnaa Doktar Girmaa Amantee qophii qonna arfaasaafi ganna baranaa ilaalchisuun ibsa dheengadda gaazexessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, mootummaan omishaafi omishtummaa guddisuuf bittaa xaa’oo hirphuuf qarshii biliyoona 21 baasii taasiseera. Hirphi taasifames qonnaan bulaan guddistuu callaa yeroon qaqqabsiisu bira darbee gatiin xaa’oo kuntaala tokkotti qarshii kuma tokkoofi 566tti kan gadi buusuudha.
Yeroo ammaa bittaan xaa’oo kuntaala miliyoona 12fi kuma 800 raawwatamuus ibsanii, kunis kan bara darbeen walmadaalaa ta’uu eeraniiru. Bittaan gaggeeffame qonna arfaasaa, jallisiifi gannaaf giddugaleeffachuun kan gaggeeffame ta’uufi xaa’oon bara darberraa hafe mankuusaa keessa jiru miliyona lama dabalatee waliigalaan xaa’oon kuntaalli miliyoonni 15 bara kanaaf qophaa’ee raabsamaa jiraachuu dubbataniiru.
Xaa’oo bitame keessaa kuntaalli miliyona afuriifi kuma 400 (%30) buufata doonii Jibuutii ga’eera kan jedhan Doktar Girmaan, kanneen keessaa kuntaalli miliyoonni afurii kuma 50 mankuusaa xaa’oo naannolee ga’ee, miliyoonni lama mankuusa xaa’oo waldaalee gamtaa qaqqabuu ibsaniiru.
Xaa’oon barana biyya seeneefi kan bara darbee kuntaalli miliyoona shanii ol qonna arfaasaafi jallisii marsaa lammaffaaf fayyadamaniif raabsamaa jiras jedhan.
Hojii bittaafi dhiyeessii hanga gandaatti jiru waldaalee hojii gamataa waliin qindoominaan hojjetamuun baatii Guraandhalaarraa eegalee hanga jalqaba Bitootessaatti xaa’oon dhiyaate jajjabeessaa ta’uu kan eeran Doktar Girmaan, kan hafe yeroodhaan qaqqabsiisuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Haaluma walfakkaatuun, sanyii filatamaa akaakuu midhaan garagaraa kuntaala miliyoona tokkoofi kuma 500 akkasumas, farra aramaafi ilbiisotaa (agrochemical) liitira miliyoona tokkoofi kuma 500 dhiyeessuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu kan himan ministirichi, hanga ammaatti hojii hojjetameen farra aramaafi ilbiisotaa arfaasaafi gannaaf barbaachisu liitira kuma 970 karaa dhaabbilee misoomaafi federeeshinii waldaalee hojii gamtaan alarraa biyyatti galuu ibsaniiru.
Weerara koviid-19fi waraana Raashiyaafi Yuukireeniin walqabatee harkifannaan dhiyeessii xaa’oofi qaala’ina gatii furuuf mootummaan hirpha qarshii biliyoona 15 taasisuus Doktar Girmaan yaadachiisaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 9 Bara 2015
6 Comments to “ Mootummaan bittaa xaa’oo hirphuuf qarshii biliyoona 21 ramade”