(Qindeessituun Saamraawiit Girmaa)
Kutaa lammaffaa
Maxxansa torban darbeetiin hojiilee omishaafi omishtummaa dabaluuf ji’oottan ja’an darban Oromiyaatti hojjetamanii Pirezidaantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa Yaa’ii Arfaffaa, Waggaa lammaffaa, bara hojii Caffee ja’aaffaa tibbana Adaamaatti taa’amerratti gabaasa dhiheessan qindeessinee dhiheessuun keenya ni yaadatama. Torban kanas hojiilee ijoo dinagdee biyyaa cimsuuf hojjetaman kan isinii dhiheessinu ta’a.
Akkasaan jedhanitti, waldaaleen hojii gamtaa jiruufi jireenya hawaasa bal’aa jijjiiruu keessatti gahee olaanaa qabaniin, qisaasamaafi seeraan alummaa sadarkaan jiru hambisuun galma waldaaleen hojii gamtaa qabatanii gurmaa’an milkeessuuf inisheetiiviin rifoormii waldaalee hojii gamtaa itti fufinsaan hojjetamaa jira. Haaluma kanaan ji’oottan jahan darban keessatti walumaagalatti sadarkaa waldaalee hojii gamtaa bu’uuraatti namoota kuma 56fi 968 gara gaggeessummaatti fiduufi tarkaanfileen adda addaa akka fudhatamanis taasifameera.
Bifuma walfakkaatuun, waldaalee bu’uuraa haaraa 248 (%102) gurmeessuu, kaappitaala waldaalee qarshii biliyoona 1.02 (%117) dabaluufi miseensa haaraa kuma 405.5 (%74) dabalataan horachuun danda’ameera. Gama birootiin, waldaaleen hojii gamtaa qusannoofi liqii cimsuun rakkoo dhiyeessii faayinaansii hawaasni baadiyyaafi magaalaa qabu hiikuuf hojii hojjetamaa jiruun ji’oottan jahan darban keessatti qarshii miiliyoona 955 (%85) qusannaan kan walitti qabame yoo ta’u, miseensota kuma 276f liqii qarshii biliyoona l.1327 (%102) kennameen hojiiwwan investimeentii adda addaa keessatti akka hirmaatan taasisuun danda’ameera.
“Dhiibbaa jijjiiramni qilleensaa geessisaa jiru damdamachuuf hojiin bal’aan hojjetamaa kan jiru yommuu ta’u; ji’oottan jahan darban keessatti hojii eegumsa qabeenya bosonaa cimsuuf lafa hektaara kuma 142.6 (%96.6) irratti bosona adda baasuu, daangeessuufi kaartaa qopheessuun raawwatameera. To’annoofi hordoffii warshaalee, pirojektoota misoomaafi dhaabbilee tajaajilaa kuma sagaliifi 348 (%101.1) irratti raawwachuun kan danda’ame yommuu ta’u, kanneen keessaa jaarmiyaalee 252 irratti of-eeggannoo jalqabaa, 49 irratti of-eeggannoo dhumaa, saddeet kan cufamaniifi 6 of-sirreessuudhaan deebi’anii akka banaman taasifameera” jedhu.
Carraa hojii uumuu keessatti qabeenyi albuudaa ga’ee olaanaa kan qabu ta’uufi ji’oottaan jahan darban keessatti albuuda Sookoo kiiloogiraama kuma tokkoofi 561 (%57), albuuda kabajamoofi midhaginaa kiiloogiraama kuma afuriifi 810 (%57), albuuda ijaarsaa m3 miliyoona 11.1 (%85.9), albuuda sibilaa toonii kuma 43.9 (%109) fi albuuda industirii toonii mil.2.9 (%93.7) oomishuun danda’amuu himanii, misooma albuudaa gaggeeffamaa jiru irraa alergiirraa doolaara miliyoona 127.55 (%67.3)fi galii biyya keessaa qar. miliyoona 243.5 (%121.8) argamsiisuun danda’amuu ibsu.
Mootummaan naannoo Oromiyaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf pirojeektoota lafarra harkifachuun madda komii ummataa ta’an xumursiisuufi haaraa hojiitti galchuuf xiyyeeffannaan hojjetaa jiraachuu himanii, haaluma kanaan, waliin gahiinsa bishaan dhugaatii dhuma bara 2014tti %80.23 irra ture bara 2015tti %83.12 (Baadiyyaa %85.59 fi Magaalaa %80.65)tti guddisuuf hojii hojjetamaa jiruun, ji’oottan jahaan darban keessatti pirojektoota bishaan dhugaatii sagantaalee adda addaafi hirmaannaa ummataatiin waliigalaan ijaarsawwan bishaan dhugaatii kuma lamaafi 331 xumursiisuun ummata kuma 364fi 91 fayyadamaa bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuun uwwisa bishaan dhugaatii qulqulluus %80.45 (Baadiyyaa %80.34 fi magaalaa %81.01)tti guddisuun danda’amuu ibsu.. Hojii gama waliin gahiinsa inarjiitiin hojjetamaa jiruun, gemmoowwan qoraan qusatan kuma 294.2 (%83.9), soolaarii laantarnii kuma 16fi 141 (%97.8)fi soolaarii man-tokkee kuma torbaafi 696 (%64.5) raabsuun danda’amu himu.
“Magaaloonni gidduugala omishaa, daldalaafi bulchiinsi gaariin keessatti mirkanaa’e akka ta’an gochuun jiraattootaaf mijataa taasisuuf galma wabii nyaata mirakaneessuu, ogummaa dagaagsuu, qorqalbii biizinasii guddisuufi tajaajila fooyyeessuuf qabame milkeessuuf sochii bal’aan taasifamaa tureera. Haaluma kanaan dargaggoonni misooma gaggeeffamu keessatti hirmaataa akka ta’an gochuuf hojii hojjetamaa tureen ji’oottan jahan darban keessatti carraa hojii dhaabbii miliyoona 1.1 uumuuf karoorfamee miliyoona 1.05 (%95) uumuun danda’ameera. Kanneen bu’aa qabeessa gochuufis paakeejiiwwan deggarsaa addaddaa dhiheessuuf sochii taasifamaa tureen, lafa iddoo oomishaafi gurgurtaaf ta’u hektaara kuma 37.4 (%117)fi sheediiwwan turtii isaanii xumuran, kanneen seeraan ala qabamaniifi sheediiwwan haaraa waliigalaan kuma afuriif 731 waldaalee IMXtiif akka darban kan taasifame yommuu ta’u, walitti hidhamiinsi gabaa qar. biliyoona 8.67 (%120) argamsiisuu danda’us uumuun danda’ameera” jedhu.
Gama birootiin, hanqina kaappitaala ka’umsaa sochooftoota IMX qunnamu hiikuuf sochii taasifamaa tureen; liqii qarshii miliyoona 884.4 (%35.4) dhiyeessuun kan danda’ame ta’u kan kaasan pirezidaantiin kun, liqii haaraa bilchaate qarshii miliyoona 412.3 (%88.9)fi liqii ala bule qarshii miliyoona 68.7 (%23.4) deebisiisunis danda’ameera. Bifuma walfakkaatuun; intarpraayizoota 123 (%69) meeshaalee kaappitaalaa 307 (%57.5) qarshii miliyoona 150tti tilmaamamu dhiyeessuun danda’amuusaa ibsu. Dorgomtummaan intarpiraayizootaa akka guddatu gochuun oomisha qulqulluufi gahumsa qabu akka omishan taasisuufis qaawwa adda bahe irratti hundaa’uun intarpiraayizoota haaraafi buleeyyii kuma 434.8 (%125)f tajaajilli ekstenshinii industirii kennamuusaas ni kaasu. .
Akkasaan jedhanitti, lammii ogummaa qabu horachuun dandeetti carraa hojii uummachuu guddisuufi qorqalbii biizinasii dagaagsuufi aadaa hojii fooyyessuu irratti hojii hojjetamaa tureen; leenjifamtoota idilee kuma 66.9 (%91) simachuun kan danda’ameera. Leenjii gaggabaaboo ogummaawwan adda addaatiin namoota kuma 736.1 (%83.7) akkasumas; leenjii intarpirinarshippii kutaalee hawaasa adda addaa kuma 151.4 (%98.4)f kennuun danda’ameera.
Gama carraafi poteenshaala invastimantii naannoon Oromiyaa qabdu beeksiisuun pirojeektoota invastimantii haaraafi babal’ifannaa kuma lamaafi 822 (% 78.3) kaappitaala qarshii biliyoona 99 galmeessaniifi carraa hojii kuma 480.7 uumuu danda’an simatamanii murtee boordiif qophaa’anii jiru. Dinagdee gaggeeffamaa jiru kana keessatti hirmaannaa hawaasaa guddisuuf pirojektoota haaraa simataman keessaa %42.7 kan qonnaan/horsiisee bulaafi waldaalee hojii gamtaa yommuu ta’an %7.9 immoo kan IMX dha.
Gahumsaafi bu’aa qabeessummaa invastimantii dabaluuf hordoffiifi deggarsa taasifamaa tureen; pirojektonni 535 (%128.9) omishatti akka galan taasisuun, pirojeektootni 358 (%77.6) ijaarsi isaanii kan xumurameefi 236 (%52.4) ijaarsa akka jalqaban taasisuun danda’amuufi abbootii qabeenyaa akkaataa waliigalteetiin hojitti hingalle 57 waliigalteensaanii addaan cituu eeru. Industirii maanfaakcharingii babal’isuuf hojii hojjetamaa tureen deggarsa adda addaa gochuun industiriiwwan maanfaakcharingii haaraa xixiqqaa, gidduugaleessaafi gurguddaa 634 (%45) akka hundaa’an kan taasifame yommuu ta’u, indastiriiwwan maanfaakcharingii 829 (%24) Tajaajila Ekisteenshinii Industirii argachuu dubbatu.
Haaluma walfakkaatuun, ogummaa hawaasa bira jiru leenjiifi teknolojiidhaan dagaagsuun industiriiwwan godoo 387 hundeessuun danda’amuu himu. Industiriiwwan alergii irratti hirmaataniifis deggarsa adda addaa taasisuun omishaalee meetriik toonii kuma 64.1 (%93.5) gabaa biyya alaatiif dhiyeessuun galiin sharafa biyya alaa doolaara miliyoona 301.7 (%79.1) argamsiisuun danda’amuu himanii, seera qabeessummaa daldalaa mirkaneessuuf hojmaata ammayya’aa ta’e diriirsuun galmeessaa daldalaa haaraa kuma 58.8 (%80), eeyyamaa daldalaa haaraa kuma 70.1 (%78) akkasumas, eeyyama daldalaa kuma 385.9 (%72.3) haaressuun danda’amuu dubbatu. Kana keessaas tajaajilamtotni kuma 116.5 tajaajila toora irraa fayyadamuun qe’ee isaanii taa’anii tajaajila argachuu danda’uu himu.
“Seeraan alummaa sektara daldalaa keessatti mul’atu maqsuuf dhaabbilee daldalaa kuma 387 (%117.7) irratti to’annoo gaggeeffameen, daldaltoota seeraan alaa kuma 68.7 adda baasuun dhaabbilee daldalaa kuma 46.9 (%68) gara seeraatti deebisuun kan danda’ame yoo ta’u, daldala seeraan alaafi kontirobaandii ittisuun walqabatee barana karoora qindoominaa addatti qopheessuun to’annoo keellaafi keellaan alatti taasifameen omishaalee qonnaafi industirii qarshii miiyoona 261.7tti tilmaamamu to’achuun mootummaaf galii taasisuun danda’ameera” jedhu.
Qaala’iinsa jireenyaa yeroo ammaa mul’achaa jiru furuuf sochii taasifamaa tureen; midhaan kuntaala miliyoona 8.1fi kuduraafi muduraa toonii miliyoona 1.7 ta’u walitti hidhamiinsa gabaa uumuun kan danda’ame yommuu ta’u; milkaa’ina hojii kanaatiifis inisheetiiviin gabaa Dilbataa shoora olaana taphachaa kan jiru yommuu ta’u; gama meeshaalee bu’uuraatiinis fedhii jiru faana walsimuu baatus sukkaara kuntaala kuma 104.2fi zayitii nyaataa liitira miliyoona torba uummataaf dhiyeessuun gabaa tasgabbeessuuf yaaliin taasifamuu ibsu.
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 25 Bara 2015
3 Comments to “Hojiilee omishaafi omishtummaa dabaluuf ji’oota ja’an darban Oromiyaatti hojjetaman”