“Meedaaliyaa naa kennuurra siidaan gootota hundaa akka ijaaramu yaada dhiheesseen siidaan addababa’ii Michummaa Kuubaa sun dhaabbate” – Goota kilaashii baatee fiixee siidichaarraa mul’atu Baqqalaa Gammachuu

Bayyanaa Ibraahimiin

Nama umrii daa’imummaatti miirri jaalala biyyaa keessasaatii dhikkisee yeroowwan hedduuf balbala hoomaa waraanaa isa rukuchiise. Goota weerara mootummaan Sumaaliyaa Itoophiyaarratti raawwaterratti hojii loltummaatiin qolachuu bira darbee loltoota biroo onnachiisuudhaan siidaansaa Finfinnee, naannawa Hospitaala Xiqur Anbassaatti dhaabbateef.

Nama yeroo jalqabaatiif siidaa magaalaa Adaamaatti hojjatame ogummaadhaan kalaqe, nama osoo ofisaarra biyyasaa dursuu har’a hunda duubatti hafee harka namaa ilaaluuf dirqame, loltuufi ogeessi ogummaawwan gara garaatiin biyyasaa gargaaraa ture Obbo Baqqalaa Gammachuu keessummaa Bariisaa maxxansa kanaati.

Gaaffiifi deebii isaan waliin taasifne akka armaan gadiitti dhiheessinerraa dubbisa gaarii.

Bariisaa: Mee eessatti dhalattanii guddatan?

Obbo Baqqalaa: Maqaa koollee nama hundatu beekaa waa maraafuu ani Baqqalaa Gammachuun jedhama. Kanin dhaladhe Godina Arsii, Aanaa Shirkaatti. Guddinni koos hangi tokko achuma, Arsii yemmuu ta’u, garuu erga xiqqoo turee lafa qonnaa bal’aa barbaachaaf jecha abbaankoo nu qabatee gara Baaleetti nuun godaanee ture. Kanaaf guddinni koo irra jireessaan Baaletti jechuudha.

Bariisaa: Haalli guddina keessanii hoo maal fakkaata? Barnoota hoo hangam barattan?

Obbo Baqqalaa: Haalli guddina kootii akka nama maatii qonnaan bulaafi hawaasa baadiyyaarraa dhalateetti daa’imummaatti jabbilee, ittaansuun immoo re’eefi loon tiksaan guddadhe. Akkuman umriidhaan dabalaa adeemeen immoo yeroo humna godhadhetti lafa qotuufi hojiiwwan maatiin ittiin bulan gara garaa deeggaraan ture.

Guddaa ta’uu baatus barnoota waa baradheera. Yeroo sana afaan Amaaraatiin qofa kan baratamu waan ta’eef ijoolleen baadiyyaa Oromiyaatii dhufan hedduunsaanii fedhii barnootaan baay’ee adeemuu akkuma hinqabne, anis hanga kutaa 6ffaa qofa baradhee barnoota koo addaan kute. Boodarratti garuu gara loltummaatti galee diina biyya qabachuuf dhufe gara qolachuutti gale jechuudha.

Bariisaa: Gara loltummaatti yoom galtan? Sababni yeroo sana gara loltummaatti akka makamtan isin taasisehoo maali laata?

Obbo Baqqalaa: Ani ijoollummaa kootii kaasee loltuu ta’uuf fedhii guddaa qaban ture. Ijoollee ta’ee yemmuun loltuu karaa adeemu argu miira gootummaafi quuqama biyyaatu natti dhagahamaa ture. Kanaaf anis gaafan guddadhe yeroo tokko gara loltummaa biyyaatti akkan dabalamu keessi koo ijoollummaarraa kaasee natti himaa ture.

Kanarraa ka’uudhaan akkuma umriinkoo gara dargaggummaatti ce’een carraa argame hundatti fayyadamee loltuu ta’uuf yaalaan ture. Keessattuu bara 1958tti fedhii kootiin kaampii waraanaa deemee, “Waanin loltuu ta’uu barbaaduuf na fudhadhaa“ jedhee iyyadhe. Jarris iyyannoo koo narraa fuudhanii qaama dhimmichi ilaalu erga mariisisaniin booda, “Umriin kee loltummaadhaaf hingeenye” jechuudhaan gaaffii koo kuffisan.

Anis na fudhachuu dhabuu jaraatti aaraafi boo’aa gara manaatti deebi’e. Akkuman siin jedhe fedhiin loltummaafi quuqama biyyaa daa’imummaadhaan keessa koo jiru deebii jaraatiin abdii kutachuu hindandeenye. Inumayyuu xiiqiidhaan carraawwan jiran hunda barbaadaa tattaaffii gara hoomaa waraanaatti makamuuf qabu cimsee ittifufe. Yaaliifi tattaaffii yeroo dheeraa booda garuu bara 1969tti fedhiin ani loltuu ta’uuf qabu guutamtee anis loltuu biyyaa ta’ee galmaa’e.

Bariisaa: Haalli bara 1969tti akka loltuu taataniif carraa isinii uume sun maalinni?

Obbo Baqqalaa: Bara sana maaltu uumame sitti fakkaata. Yeroon sun yeroo mootummaan Sumaaliyaa, Sayid Baarreedhaan hogganamu Itoophiyaarratti waraana baneefi lafa Itoophiyaa humnaan qabachuuf lola itti eegale ture. Sababa kanaan mootummaan Itoophiyaa wareertuu alaa lafa Itoophiyaa qabachuuf dhufte salphisee ofirra deebisuuf jecha aanaaleefi gandoota hunda keessatti dargaggoonni gara loltummaatti akka makamaniif waamicha dhiheessee ture. Animmoo durumayyuu carraa ittiin loltuu ta’u eeggachaa waanin tureef waamicha dhiyaate gammachuudhaan fudhadhee gara loltummaatti gale.

Nan yaadadha yeroo sana aanaa keenya keessaa ana waliin namoota 300 taanee loltummaadhaaf galmoofnee turre. Qormaataafi leenjii sadarkaalee gara garaatti kennamu darbuudhaan kan adda waraanaatti ergame garuu ana waliin namoota qubaan laakka’aman qofa.

Bariisaa: Loltummaa umrii ijoollummaatiin hawwaa turtan argachuun keessan maal isinitti uume? Turtii waraana Sumaaliyaa san akkamiin yaadattu?

Obbo Baqqalaa: maal na gaafatta sana. Waanin daa’imummaarraa kaasee hawwaa ture argachuu kootti gammachuun kiyya guddaa ture. Haa ta’uu malee haalli ani dura ala taa’ee itti yaadaa tureefi ergan loltummaa keessa galee booda qabatamaan arge hanga tokko garaa garummaa kan qabuudha. Miirri jaalala biyyaa garuu tokkuma ture.

Waraanni Sumaaliyaan yeroo sana lafa Itoophiyaa qabachuuf taasise akka namootni hedduun salphisanii ilaalan osoo hintaane, waraana hamaafi kan kaayyoo dhokataa hedduu of keessaa qabuudha. Gootummaafi kutannoon loltoota Itoophiyaa garuu hawwiifi fedhii hamaan sun abjuu ta’ee akka hafu taasiseera.

Osoo sochiin lafa babal’ifannaa mootummaa Sumaaliyaa gaafas fashalaa’uu baatee silaa har’a naannoleen biyyattii har’a ijaaramanii of bulchaa jiran kunniin hedduunsaanii hinjiraatan ture. Oromiyaanuu ishee hardhaa tana hinfakkaattu turte; osoo wareertuu sana deebisuun danda’amuu baatee.

Bariisaa: Naannoleen har’a jiran kunniin hinjiraataniiyyu jechuun kun maali?

Obbo Baqqalaa: Maal sitti fakkaate. Haalli weerara Sayid Baarree sun lafa Itoophiyaa bahaa irra caalaa qabachuudhaan kan ofiisaanii taasisuu ture. Hanga laga Awaashitti qabatanii turanii bar. Kana jechuun immoo bulchiinsa ammaa naannoo Sumaalee jedhamu kana guutummaatti, godinaalee Harargee bahaafi dhihaa guutummaatti, Arsii, Baaleefi iddoowwan hedduu to’achuuf ture.

Gama Affaariinis akkasuma jechuudha. Kanaaf osoo mootummaan soshaalistii Kuubaafi Yamanii ariitiidhaan Itoophiyaa deeggaruu baatanii kaartaan Itoophiyaas isa har’aa hinfakkaatu ture.

Haallitti goototni loltoota Itoophiyaa yeroo sanii humna wareertuu Sumaaliyaa sana tokkummaadhaan qolatan akkuma jirutti ta’ee, osoo Kuubaafi Yaman ariitiidhaan Itoophiyaadhaaf deeggarsa meeshaa waraanaafi loltuu taasisuu baataniitii jarattii akka salphaa sanatti ofirra deebisuun waan danda’amu natti hinfakkaatu.

Loltootni Yaman meeshaa waraanaa ammayyaa qabatanii magaalaa Harar, Jogol keessatti loltoota humna weerartuu hirriba dhorgaa turan. Humni waraanaa Kuubaa immoo taankii ammayyaatiin laga Haramaayaa mandheeffatanii waraana Sumaaliyaa bahaa gala dhorkuudhaan osoo itti hin yaadin dirqamee gara boodaatti akka deebi’u taasisaniiru.

Kanaaf biyyootni lamaan kunniin waraana Sayid Barreedhaan Itoophiyaa irratti banamee ture Itoophiyaan akka injifattu taasisuu keessatti warroota shoora olaanaa taphataniidha.

Bariisaa: Sababa waraana sanaatiin Siidaan keessan Finfinnee, addababa’ii Kuubaa keessatti dhaabbate haala kamiin ijaarame? Mee waansaa nuu ibsaa?

Obbo Baqqalaa: Maal sitti fakkate, waraanni Sumaaliyaan Itoophiyaarratti bantee turte sun kan yeroo gababaa keessatti qolatame ta’us, kan goototni hedduu itti wareegamaniifi jagnoonni hedduu immoo itti uumaman ture. Ani immoo jalqaba akkuma weerara Sumaaliyaa dhaabsisuuf gara dirreetti ergameen kallattiidhaan gara waraanaatti hingalle. Jalqaba ummata hospitaala mootummaan Jarman ijaare keessatti wal’aanamaa ture kan harka hinqabne’ Bishidiimoo’ jedhaman akka loltootni Sumaaliyaa hinajjeefneef eegaa ture.

Yeroo sanarraa kaasee hanga dirree waraanaa seenee lolutti ergama natti kennamu kamuu gootummaafi kutannoo olaanaadhaan dirqamakoo bahachaa ture. Loltummaadhaan cinatti alaabaa Itoophiyaa waantota gara garaarraa hojjachuudhaan loltootaaf raabsee akka jaalalli biyyaafi amanamummaan alaabaa sanaa keessasaaniitti uumamu taasisaan ture.

Ani yeroo waan akkasii hojjadhu garuu beekamuu barbaadee osoo hintaane, akka Itoophiyaan injifattu waanin barbaaduufi alaabaa Itoophiyaas garmalee waan jaaladhu qofaaf ture. Edaa anatu hinbeekne malee hojiin ani loltummaadhaa cinatti hojjachaa jiru sun jara mootummaa Dargii birattis dhagahamtee turte.

Sanarraa ka’uun erga loltootni keenya weerartuu Sumaaliyaa injifatanii booda namni mootummaa Dargii keessatti aangoo olaanaa qabu tokko natti dhufee, “Gootummaa loltummaafi loltoota biraa gootomsuu keessatti shoora habatteef maaltu akka sii ta’u barbaadda” jedhee nagaafate.

Anis ani gootummaa akka dhuunfaatti dhuunfaa kootiin agarsiise hinqabu. Kan injifannes akka biyyaatti tokkummaafi jaalala biyyaatiini. Kanaaf ani badhaasa meedaaliyaas ta’ee kan biraa kophaa kootti akka naaf kennitan hinbarbaadu. Kana waan ta’eef, waan goototni biyyattii waraanicharratti hirmaatan hunduu ittiin yaadatamuu danda’an siidaa guddaa tokko osoo ijaartanii wayyan jedheeni. Kanaaf siidaan addababa’ii michummaa Kuubaatti argamu sun haala kanaan ijaaramuu danda’e jechuudha.

Bariisaa: Siidaa sanarratti kan kilaashii harkatti baate sun isinii mii? Dubartiin isiniin gara mirgaatti mul’attu hoo eenyu laata?

Obbo Baqqalaa: Eeyyee, inni Kilaashii harkatti baatee hundarraa ol ta’ee dhaabbatu sun ana. Dubartiin suuraa kiyyaan harka mirgaarratti argamtu dubartii cimtuufi gootummaa guddaas qabduudha. Maqaan ishii Mambara Hayilee jedhamti. Waraana Sumaaliyaarratti gootummaadhaan osoo diina dura dhaabbattuu kan lukti ishii tokko fanjiidhaan irraa murameedha.

Kan biraas jirti siidicharra; garuu maqaashii amma dagadheera malee. Hanga yeroo dhiyootti Magaalaa Adaamaa keessa jiraachaa akka turte dhagaheen ture. Yeroo waraanaa sana garuu sirrittin ishii beekaayyu. Dubartii cimtuufi kutattuu turte. Waraanichuma keessatti ijjishii badee nama gargaaru dhabuudhaan magaalaa Adaamaa keessatti rakkachaa akka turte quba qaba.

Rakkoon biyya kana keessa jiru immoo gootota kunuunsuufi gaafa rakkoof saaxilame gargaaruu dhabuudha. Kunis goototni haaraan biyyaaf of kennanii gootummaadhaan biyyasaaniitiif akka hindhaabanne waan taasisuuf mootummaan namoota biyyaaf waan guguddaa hojjatan kanniin hordofee bakka isaan rakkatanitti cinaasaanii dhaabbachuu qaba.

Bariisaa: Siidaa Abbaa Gadaa, Addababa’ii Abbaagadaa Magaalaa Adaamaatti mul’atu Obbo Baqqalaatu ijaare jedhamaatii mee waa’ee kanaas nutti himaa? Yoo dhugaa ta’e haalli itti hojjatan akkam ture?

Obbo Baqqalaa: Eeyyee, anumatu hojjate. Hojjattoota humnaafi kanneen muraasa na gargaaran of jalatti gurmeessee anumatu hojjate. Siidaa sana achitti dhaabuun duratti, abbaan Gadaa tokko haalli uffannaasaa, maal harkatti baata, uffannaasaafi wantoota achirratti ibsamu hunda qo’achuudhaan kan hojjatameedha.

Waanti si ajaa’ibu yeroo sanatti nama abbaa Gadaa Booranaa ture tokko ‘amma maqaasaanii hin yaadadhu’ erga suuraasaanii guutuu kaafneen booda, akkuma jiruun siidaa goonee lafarratti dhaabuudhaan yeroo jalqabaatiif ummanni hedduu maalummaa abbaa Gadaa akka walgaafatu taasifne.

Yeroo sana magaalaa Adaamaa kan bulchaa turan kantiibaan Jamaal Abbaasoofi hogganaan mana qopheessaa immoo nama Dabboo Tunkaa jedhamaniidha. Jarri lachuu magaalattiin hafuura Oromummaa akka qabaattuuf fedhii guddaa waan qabaniif yeroo sanatti siidaan sun akka achitti dhaabbatu taasisan. Otoo sana qofaan hindhaabatin galmi Abbaa Gadaas yeroma sanarraa kaasee akka ijaaramuuf murtiin darbe seenaa Oromoo keessatti yoomiyyuu kan yaadatamuudha.

Bariisaa: Itoophiyaan yeroowwan garaa garaatti weerartoota adda addaa gootummaadhaan ofirraa deebisteerti. Injifannoon Adwaa dheengadda kabajame kanneen keessaa tokkoofi isa guddaadha. Mee dhimma kanarratti waa nuun jedhaa?

Obbo Baqqalaa: Itoophiyaan weerara mootummaa Sumaaliyaa akka qolattuuf hamilee guddaa kan ta’e injifannoo Aduwaa ture. Ilmaan Itoophiyaa bara dukkanaa sanatti wareertuu ardii Awurooppaa gootummaadhaan lolee ofirraa deebise sanarraa dhalanne immoo waraana Sumaaliyaan Itoophiyaarratti bante qaanessinee ofirraa deebisuu dandeenyeerra. Kanaaf injifannoon Adwaa seenaa Itoophiyaa keessatti seenaa injifannoo isa jalqabaafi isa guddaadha.

Seenaan Aduwaarratti galmaa’e kan Itoophiyaanotaa qofa osoo hintaane, kan gurraachota Afrikaafi Addunyaa hunda boonsuudha. Kana waan ta’eef biyyi yeroo sanatti biyya Awurooppaa qaroominaan fagaatte injifattee ofirraa deebifte sun, sanaan boodas yaaliifi hawwii biyyoota gara garaa Itoophiyaa qabachuuf taasisaa turan fashaleessaa har’a geesseerti.

Gaaffii guddaan jiru garuu, dhalootni ammaa kun seenaa injifannoo Itoophiyaa kana sirnaan hubatee itti fufsiisuuf murannoo qabaa laata kan jedhuudha.

Bariisaa: Maal shakkii qabdu moo dhaloota kanarraa? Gootummaa abbootasaa waan dhaale isinitti hinfakkaatuu?

Obbo Baqqalaa: Dhugaa dubbachuuf eyyeen dhaloota kana nin shakka. Waantonni akkan shakku na taasise immoo sababoota guguddoo heddutu jiru. Mee anuu si gaafadhaatii yeroo ammaa dargaggeessa sabasaatiif quuqamu malee kan biyyaaf quuqamu argaa jirtaa? Tokkummaan dur ummattoota Itoophiyaa gidduu ture sun har’a waan jiru sitti fakkaataa? Miirri waldeeggarsaafi walgargaarsaa biyyattii keessatti haphachaa hindhufnee? Akka ani ilaalaa jirutti garuu gaaffiileen olitti sii kaase hundi deebii gahaa kan barbaadu ta’ee natti mul’ata.

Walsobuun bu’aa hinqabu. Miirri tokkummaafi jaalala biyyaa yeroorraa yerootti hir’achaa dhufuudhaan namuu biyyaaf osoo hintaane gosa keessaa dhalate qofaaf akka yaadda’u taasisaa jira. Tokkummaafi obbolummaanis daran hir’ateera.

Kanaaf haala kana keessatti dhalootni boodanaa miira tokkummaafi gootummaa abboonnisaanii ittiin diinota Itoophiyaa injifachaa turan of keessaa qaba jedhee yaaduuf daran natti ulfaata.

Bariisaa: Miirri jaalala biyyaa, tokkummaafi gootummaa sun akka addaan hincitneef maaltu ta’uu qaba jetturee?

Obbo Baqqalaa: Wanti ta’uu qabu salphaadhaa bari. Diinota Itoophiyaa yeroo adda addaatti kajeelan ofirraa qolachuuf akka goototni kaleessaa sun itti waljaalatanitti waljaalachuun, akka isaan walkabajanitti walkabajuun, akka isaan itti tokkoomanitti tokkummaa horachuun daran barbaachisaadha. Bakka tokkummaa hinjirretti immoo diina humna xinnoos qabdu injifachuun akka hin danda’amne hubachuun barbaachisaadha.

Mootummaan Doktar Abiyyi kun garuu erga dhufee miira tokkummaafi jaalala biyyaa sana deebisuuf hamma tokko waan hojjachaa jiru natti fakkaata. Mootummoota hojii akkanaa kan dhaloota injifatoo ta’an ittifufsiisan deeggaruufi cinaasaa dhabbachuun jajjabeessuu qaba.

Dhalootni amma jiru immoo hunda caalaa seenaa abboonniifi akaakileensaanii biyyattii tursiisuun har’aan ga’aniin sirriitti dubbisee hubachuu qaba. Namni seenaa gootummaa abbaasaa hinbeekne goota ta’uu hindanda’u waan ta’eefi. Gama biraatiin immoo osoo har’a biyyattiin diinota alaatiin weeraramtee kan seenaan gaafatu dhaloota har’aati malee gootota kaleessaatii miti. Waan kana ta’eef dhalootni har’a jiru seenaa gootota kaleessaa itti fufsiisuuf cimee hojjachuu qaba.

Bariisaa: Yaada cimaa kana nuu qooduuf beellama yeroo gabaabaatiin waan nuu argamtaniif guddaa isin galateeffanna.

Obbo Baqqalaa: Isinis galatoomaa!

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 25 Bara 2015

Recommended For You

501 Comments to “ “Meedaaliyaa naa kennuurra siidaan gootota hundaa akka ijaaramu yaada dhiheesseen siidaan addababa’ii Michummaa Kuubaa sun dhaabbate” – Goota kilaashii baatee fiixee siidichaarraa mul’atu Baqqalaa Gammachuu

  1. Pingback: w69
  2. Pingback: sex hiep dam
  3. get clomid online [url=https://clomidrexpharm.com/#]clomid rex pharm[/url] cost clomid no prescription

  4. how can i get generic clomid without insurance [url=http://clomidrexpharm.com/#]generic clomid[/url] can i purchase generic clomid online

  5. Clopidogrel 75 MG price [url=https://plavixclo.com/#]buy Plavix Clo[/url] cheap plavix antiplatelet drug

  6. пин ап казино онлайн [url=http://pinup-kazi.kz/#]pin up казино[/url] пин ап казино

  7. пин ап казино [url=https://pinup-kazi.kz/#]пинап казино[/url] pinup kazi

  8. пин ап казино онлайн [url=https://pinup-kazi.kz/#]пин ап кз[/url] pinup kazi

  9. buy ed drugs [url=https://canadianpharm1st.com/#]canada pharmacy online[/url] buy canadian drugs

  10. best erectile dysfunction pills [url=https://canadianpharm1st.com/#]canadianpharm1st[/url] ed medicine online

  11. п»їbest mexican online pharmacies [url=http://mexicanpharmeasy.com/#]mexican pharmacy[/url] mexican pharmaceuticals online

  12. ed pills cheap [url=https://canadianpharm1st.com/#]canadianpharm1st.com[/url] buy prescription drugs without doctor

  13. best online pharmacies in mexico [url=https://mexicanpharmeasy.com/#]MexicanPharmEasy[/url] mexico pharmacies prescription drugs

  14. buying ed pills online [url=http://canadianpharm1st.com/#]canadian pharm 1st[/url] erection pills

  15. how to overcome ed naturally [url=https://canadianpharm1st.com/#]canadian pharmacy[/url] male ed drugs

  16. buy semaglutide online [url=http://semaglutidepharm.com/#]Buy compounded semaglutide online[/url] cheap Rybelsus 14 mg

  17. Ivermectin Pharm [url=https://ivermectinpharm.store/#]Ivermectin Pharm Store[/url] minocycline 50 mg tablet

  18. buy cipro online without prescription [url=https://ciprofloxacin.cheap/#]buy cipro no rx[/url] cipro ciprofloxacin

  19. zithromax online australia [url=http://azithromycinus.com/#]can you buy zithromax over the counter in australia[/url] zithromax over the counter

  20. where can i get cheap clomid [url=https://clomid.store/#]can i buy generic clomid without a prescription[/url] cost generic clomid without insurance

  21. ciprofloxacin generic [url=https://ciprofloxacin.cheap/#]buy cipro without rx[/url] ciprofloxacin order online

  22. can i order lisinopril online [url=https://lisinoprilus.com/#]lisinopril generic price comparison[/url] lisinopril prescription cost

  23. cipro [url=https://ciprofloxacin.cheap/#]ciprofloxacin over the counter[/url] buy cipro without rx

  24. lisinopril 40mg prescription cost [url=https://lisinoprilus.com/#]prinivil 20 mg cost[/url] lisinopril 20mg tablets cost

  25. where can i buy generic clomid now [url=https://clomid.store/#]can you buy generic clomid pills[/url] how can i get clomid without rx

  26. zithromax 500 tablet [url=http://azithromycinus.com/#]where can you buy zithromax[/url] zithromax price south africa

  27. cheap semaglutide pills [url=http://semaglutidetablets.store/#]generic rybelsus tabs[/url] semaglutide tablets

  28. en iyi bahis sitesi hangisi [url=https://casinositeleri2025.pro/#]en iyi iddaa sitesi[/url] en iyi kumar siteleri

  29. pinup 2025 [url=https://pinup2025.com/#]пин ап казино зеркало[/url] пинап казино

  30. sГјpernetin [url=http://casinositeleri2025.pro/#]en Г§ok kazandД±ran casino sitesi[/url] rcasino

  31. para bahis gГјncel giriЕџ [url=https://casinositeleri2025.pro/#]internet kumar oyunu[/url] gГјzel siteler

  32. пин ап [url=http://pinup2025.com/#]пин ап зеркало[/url] пин ап казино

  33. tГјrkiye casino siteleri [url=https://casinositeleri2025.pro/#]kumar oynama siteleri[/url] bet bahis giriЕџ

  34. пинап казино [url=http://pinup2025.com/#]пинап казино[/url] пин ап вход

  35. slot oyunlar? [url=https://slottr.top/#]slot tr online[/url] az parayla cok kazandiran slot oyunlar?

  36. en cok kazand?ran slot oyunlar? [url=http://slottr.top/#]slot oyunlar?[/url] az parayla cok kazandiran slot oyunlar?

  37. mexican drugstore online [url=http://mexicanpharmi.com/#]Online Mexican pharmacy[/url] medication from mexico pharmacy

  38. indianpharmacy com [url=http://indiapharmi.com/#]indian pharmacy[/url] indian pharmacies safe

  39. ed natural treatment [url=http://canadianpharmi.com/#]canadian pharmi[/url] cheapest ed pills

  40. mexican rx online [url=https://mexicanpharmi.com/#]mexican pharmacy[/url] mexican border pharmacies shipping to usa

  41. where to buy clomid online [url=https://clomidonpharm.com/#]where to buy clomid pill[/url] how can i get generic clomid price

  42. amoxicillin online without prescription [url=http://amoxstar.com/#]Amox Star[/url] amoxicillin 500 mg for sale

  43. cipro 500mg best prices [url=https://cipharmdelivery.com/#]CiPharmDelivery[/url] cipro ciprofloxacin

  44. buy cipro online canada [url=http://cipharmdelivery.com/#]ciprofloxacin[/url] ciprofloxacin 500mg buy online

  45. prednisone 50mg cost [url=http://prednibest.com/#]prednisone in mexico[/url] average cost of generic prednisone

  46. prednisone cost canada [url=http://prednibest.com/#]prednisone price south africa[/url] buy prednisone online paypal

  47. can you get clomid [url=https://clomidonpharm.com/#]clomidonpharm[/url] where to buy generic clomid without prescription

  48. cost of generic clomid [url=http://clomidonpharm.com/#]clomidonpharm[/url] can i buy generic clomid without a prescription

  49. buying generic clomid without a prescription [url=http://clomidonpharm.com/#]clomidonpharm[/url] cost cheap clomid without prescription

  50. where can i buy amoxicillin without prec [url=http://amoxstar.com/#]Amox Star[/url] order amoxicillin no prescription

  51. ciprofloxacin generic [url=http://cipharmdelivery.com/#]ciprofloxacin 500 mg tablet price[/url] antibiotics cipro

  52. pinup 2025 [url=https://gramster.ru/#]gramster.ru[/url] пин ап казино зеркало

  53. pinup 2025 [url=http://gramster.ru/#]gramster.ru[/url] пин ап казино официальный сайт

  54. pinup 2025 [url=https://gramster.ru/#]gramster.ru[/url] пин ап казино официальный сайт

  55. пин ап казино официальный сайт: Gramster – пин ап казино официальный сайт

  56. buying from online mexican pharmacy [url=http://mexicanpharmacy.store/#]medication from mexico pharmacy[/url] mexican pharmaceuticals online

  57. mexican pharmaceuticals online [url=https://mexicanpharmacy.store/#]medicine in mexico pharmacies[/url] best online pharmacies in mexico

  58. buying from online mexican pharmacy [url=https://mexicanpharmacy.store/#]best online pharmacies in mexico[/url] mexican pharmaceuticals online

  59. mexican mail order pharmacies [url=http://mexicanpharmacy.store/#]mexican pharmaceuticals online[/url] purple pharmacy mexico price list

  60. best online canadian pharmacy [url=http://canadianpharmacy.win/#]safe canadian pharmacy[/url] is canadian pharmacy legit

  61. Online medicine home delivery [url=http://indianpharmacy.win/#]world pharmacy india[/url] п»їlegitimate online pharmacies india

  62. Cheap Viagra 100mg [url=https://fastpillsformen.com/#]cheap viagra[/url] Cheap Viagra 100mg

  63. best price for viagra 100mg [url=http://fastpillsformen.com/#]Viagra generic over the counter[/url] Buy Viagra online cheap

  64. sildenafil over the counter [url=http://fastpillsformen.com/#]Fast Pills For Men[/url] Sildenafil Citrate Tablets 100mg

  65. Generic Cialis without a doctor prescription [url=http://maxpillsformen.com/#]Buy Tadalafil 20mg[/url] Buy Tadalafil 10mg

  66. sildenafil 50 mg price [url=https://fastpillsformen.com/#]cheap viagra[/url] buy viagra here

  67. ed medicine online [url=http://fastpillseasy.com/#]fast pills easy[/url] cheap ed treatment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *