Mootummaan hojiilee omishaafi omishtummaarratti hojjetaa jiruun milkaa’inoota garagaraa galmeessaa jira. Wayita ammaas biyyattiin qamadii dura sharafa alaa hedduu dhangalaasuun biyyatti galchaa turte dhaabdee, alattiyyuu erguu eegaluun ishee agarsiistuu tokko.
Kanaan ammoo naannoon Oromiyaa hojii boonsaa hojjechuunsaa yeroo addaddaatti ibsameera. Ji’oota ja’an darbanis omishaafi omishtummaa dabaluun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojii bu’aqabeessi hojjetamuudha Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Yaa’ii afraffaa, waggaa lammaffaa, bara hojii caffee ja’aaffaa tibbana taa’amerratti kan ibsan. Nutis gabaasa pirezidaantichaa akka gaazexaaf tolutti qindeessineerra.
Bara omishaa 2014/15tti qonna arfaasaatiin lafa hektaara kuma 932.2 (%96) midhaan gosa adda addaatiin uwwisuun callaa kuntaala miliyoona 17.2 argachuuf karoorfamee sababa hanqina rooba arfaasaa mudateen lafa hektaara kuma 428.5 (%46) qofa irraa omishni kuntaala miliyoona 9.01 (%52) argamuu ibsu.
Haaluma walfakaatuun, misooma qonnaa gannaa bara omishaa 2014/15tiin lafa hektaara miliyoona 6.45 misoomsuun omisha kuntaala miliyoona 218.1 argamsiisuuf karoorfamee; lafti hektaara miliyoona 6.66 (%102.5) midhaan gosa adda addaatiin uwwifameen tilmaama sabsii duraatiin callaan kuntaala miliyoona 205.45 (%94.2) ni argama jedhame kan eegamu ta’uu ibsu. Hanga gabaasichi qindaa’eettis omishni callaa kuntaala miliyoona 157.2 (% 76.5) argamuu eeru.
Inisheetivii qamadii rooba gannaa lafa hektaara miliyoona 1.7 misoomsuun oomisha kuntaala miliyoona 61.4 argachuuf karoorfamee hojii hojjetamaa tureen, lafa hektaara miliyoona 1.74 (%103) facaasuun, tilmaama sabsii duraa gaggeeffameen callaa kuntaala miliyoona 64.2 argachuuf kan eegamu yoo ta’u, gama inisheetivii misooma ruuziitiin poteenshaala naannoon Oromiyaa qabu sirnaan fayyadamuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf sochiin taasifamaa jiru jajjabeessaa ta’u himu.
Bara omishaa 2014/15 rooba gannaatiin lafa hektaara kuma 100.8 (%101) misoomsuun omisha kuntaala miliyoona 4.7 argachuuf karoorfamee tilmaama sabsii duraatiin hanga gabaasni kun qindaa’eetti kuntaala miliyoona 4.4 argachuun akka danda’amu tilmaamamuu addeessu.
“Milkaa’ina misooma qonnaa bara kana argameefis hojimaatni kilaastaraan misoomsuu gahee mataa isaa kan gumaachee jiru yoo ta’u, lafa waliigalaa bara kana omishaan uwwifame keessaa hektaara miliyoona 4.57 kilaastaraan facaasuuf karoorfamee, lafti hektaara miliyoona 4.54 (%99) kan misoomeefi yeroodhaa gara yerootti sochiin misooma kilaastaraa babal’achaa kan dhufeefi raawwiin isaas daran jajjabeessaa ta’uu hubachuun danda’ameera” jedhu.
Sochii gama makanaayizeeshiniitiin taasifamaa jiruun tiraakterootni 159 (% 68) haaraan kan dhiyaatan ta’uu kan eeran Obbo Shimallis, waliigala qonna arfaasaafi gannaa bara omishaa 2014/15 irratti tiraaktaroota kuma afuriifi 128 fayyadamuun lafa hektaara miliyoona 2.4 (% 102) qophiin lafaa taasifamuun danda’amuu himu. Bifuma walfakkaatuun, ji’oottan jahan darban kanatti kombaayinarri haaraan 15 kan dhiyaate yommuu ta’u, sassaabbii omishaa taasifame keessattis waliigalaan kombaayinara 469 ta’an fayyadamuun oomisha hektaara kuma 833.7 ta’u haamuuniifi dhahuun qisaasama xiqqeesuun danda’amuusaa kaasu.
Dhiyeessiifi ittifayyadama guddistuuwwan callaa qonnaa akaakuu adda addaa bara omishaa 2014/15 ilaalchisee, xaa’oo kuntaala miliyoona 8.41 dhiyeessuuf karoorfamee, xaa’oo mana kuusaa bule dabalatee kuntaala miliyoona 7.11 (% 84.5) dhiyaate keessaa kuntaala miliyoona 6.03 (% 84.8) fayyadamtootaaf raabsuun hojii irra akka oolu taasifamuusaas ni himu.
Akka pirezidaantichi jedhanitti, daballii gatiifi hanqina dhiyeessii xaa’oo akka addunyaatti muudate akkuma jiruutti ta’ee, qonnaan bultootni bal’inaan xaa’oo uumamaa qopheessuun akka itti fayyadamaniif hojii bal’aan hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, ji’oottan jahan darban keessatti kompoostii meetir kuubii miliyoona 67.4 (% 116) qophaa’uu danda’eera. Sanyii filatamaa akaakuu adda addaa dhaloota tokkoffaa (C1) kuntaala miliyoona 1.01 dhiyeessuuf karoorfamee kuntaalli kuma 568.11 (%60) dhiyaate keessaa kuntaala kuma 551.95 (%97.2) raabsameera; sanyii dhaloota lammaffaa (C2) kuntaala kuma 825.43 dabalataan fayyadamuun danda’ameera.
Bara kana inisheetiivii misooma jallisiidhaan lafa hektaara miliyoona tokko irratti qamadii bonaa facaasuun omisha kuntaala miliyoona 38.5 argamsiisuuf xiyyeeffannaan kennamee hojii hojjetamaa jiruun; hanga ammaatti lafa hektaara miliyoona 1.1 (%110) sanyiin uwwifamuusaas ni ibsu. . Akkasumas, jallisii idilee marsaa tokkoffaatiin lafa hektaara kuma 514.7 misoomu irraa omisha kuntaala miliyoona mil.84.9 argamsiisuuf karoorfamee hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, hanga ammaatti lafti hektaara kuma 466.3 (%90.6) sanyii akaakuu adda addaatiin uwwifamuus ni himu.
Gama birootiin, ji’oottan jahan darban kana keessatti baajata mootummaafi degarsaalee addaddaatiin paampiiwwan kuma 15fi 50 (%69) raabsuun kan danda’amee yoo ta’u, paampiiwwan miidhaman kuma shaniifi 767 (%93) suphisiisuunis danda’amuu ibsu.
Inisheetiivii Ashaaraa magariisaa lafa qabsiisuuf sosochii tasifamaa tureen, biqiltuuwwan biliyoona 4.16 (%93) lafa hektaara miliyoona 1.15 (%89) irratti ganna darbe dhaabbate kunuunsa taasisuun kan danda’ame ta’uu himanii, qorannoo marsaa dura gaggeeffameen latinsi biqiltuuwwaniis %92.5 irra kan jiruufi raawwiin kunis kan yeroo kamiinuu caalaa fooyya’insa kan agarsiisee ta’uu dubbatu..
Akka Obbo Shimallis jedhanitti, gama qophii dhaabbii biqiltuu bara 2015’tiif ji’oottan jahan darban keessatti sanyii kuntaala kuma 10fi 967 qophessuuf karoorfamee kuntaala kuma saddeetiifi 215 (%75) qophaa’eera. Waliigala bara kana biqiltuu biliyoona 4.9 dhaabamuuf hojii hojjetamaa jiruun biqiltuuwwan biliyoona 1.9 karoorfame keessaa biliyoonni 1.87(%98.4) qophaa’eera.
”Omishaafi omishtummaa bunaa dabaluuf kunuunsi bunaa murteessaa waan ta’eef bara kana lafa bunaan uwwifame hektaara mil. 2.45 (%96) kunuunsi kan taasifame yommuu ta’u, misooma bunaa ittifufinsaan gaggeeffamaa jiru milkeessuuf ji’oottan jahan darban keessatti sanyii bunaa kiiloogiraama kuma 537.9 (%99) qopheessuun akkasumas ganna fuulduraatti biqilaan bunaa bil.1.56 (%134) kununfamaa jira. Bara 2015 kana lafa bunaa omisha kennu hektaara mil. 1.3 irraa qorannoo omisha duraa gaggeeffameen omishnni bunaa kuntaala miliyoona 10.5 (%95.2) argamuu akka danda’u tilmaamamee jira” jedhu.
Akkasumas, hojii akka inisheetiviitti hojjetamaa jiru keessaa inni tokko omishaafi omishtummaa shaayii guddisuu ta’uu eeranii, ganna darbe biqilituun shaayii mil.1.41 (%61) lafa hektaara 83 irratti dhaabbate kunuunsi barbaachisu taasifamaa jiraachuu himu. Xiyyeeffannaa misooma muduraatiif kennamee hojjetamaa jiruunis ji’oottan jahan darban keessatti sanyii biqilaa muduraa Muuzii, Avokaadoofi Paappaayaa mil.4.7 (%130) qopheessuun akka danda’ame dubbatu.
”Ji’oottaan jahan darban keessatti tajaajila mala namaan loon diqaalomsuu milkeessuuf sanyii kormaa doozii kuma 714 (%106) dhiyaateen sa’a kuma 416.8 (%123) ta’aniif kennuun danda’ameera. Sanyii fooyya’aa kennameen saawwan kuma 191 (%103) ta’an rimaa kan qabatan yommuu ta’u; jabbileen kuma 128.6 (%89) dhalachuu danda’aniiru” jedhu.
Inisheetiivii misooma nyaata beeyladaatiin lafa hektaara kuma 106.7 irratti adda baasuu, daangeessuufi kunuunsuun kan raawwatamee yoo ta’u, ji’oottaan jahan darban keessattis lafa dheedumsaa micireen qabame hektaara kuma shaniifi 812 (%215.3) irraa ciruu, lafa dheedumsaa hektaara 281.5 (%52) jallisiin misoomsuufi gidduugaloota qorannoo qonnaa jiran keessatti lafa hektaara 91 (%98) irratti sanyii nyaata beeyladaa baay’isuun raawwatamuusaa addeessu.
Kana malees, ji’oottaan jahan darban keessatti waliigalaan cuucii sanyii fooniifi killee guyya tokkoo miliyoona 8.08 (%86) dhiyyeessuun rabsuun kan danda’ame yommuu ta’u; lukkuu diqaalaa sookkee mil.4.8 (%84) raabsuun danda’amuu kaasu.
Akka Obbo Shimallis jedhanitti, qabeenya misooma dammaa naannichaa sirnaan fayyadamuuf hojii hojjetamaa jiruun, sagantaa inisheetiiviifi idileetiin gaagura ammayyaa kuma 150.7 (%93) raabsuun kan danda’ame yoo ta’u, ji’oottan jahan darban kana keessattis omisha dammaa toonii kuma 45.1 (%130) omishuun danda’ameera. Qabeenyi beeyladaa guddaa akka biyyaafi naannootti jiraatuus omishaafi omishtummaa akkasumas ittifayyadamni aannanii, foon, killee, qurxummiifi dammi argamaa jiru kan biyyoota ollaa baha Afrikaa waliin walbira qabamee yoo ilaalamu baay’ee gadi aanaadha.
Rakkoowwan kunneen hubachuudhaan mootummaan sagantaan maaddii guutuu (Yelemaat Tirufaat) labsamee kan jalqabsiifame ta’uu eeranii, sagantaa kana qabatama gochuuf hanga caasaalee gadiitti hubannoon uumamee, karoorri qofaatti adda bahee irratti hojjetamaa jiraachuufi qonnaan/horsiisee bultoota sagantaa kana irratti hirmaatan adda baasuufi galmeen hirmaatootaa itti deemamaa jiraachuu kaasu.
Ittifufa
(Qindeessituun Saamraawiit Girmaa)
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 18 Bara 2015
6 Comments to “ Hojiilee omishaafi omishtummaa dabaluuf ji’oota ja’an darban Oromiyaatti hojjetaman”