Manneen murtii aadaafi gumaachasaanii

Sirni Gadaa bu’uura sirna dimokraasii ammayyaa, duudhaa ittiin bulmaata Oromoo akkasumas bu’uura seenaafi eenyummaa ummata Oromooti. Akkasumas, calaqqee qaroominaafi agarsiistuu cimina xiinsammuu ummata Oromoofi mallattoo nageenyaati.

Gadaan qabeenya Oromoo qofa osoo hintaane kan biyyaa, Afrikaafi kan addunyaa ta’ee erga ‘UNESCO’tti galmaa’ees waggoonni muraasni lakkaa’amaniiru.

Sirnichi duudhaalee sirna dimokraasii addunyaa keessa hinjirre waan of keessaa qabuuf waliin kunuunsuun, irraa barachuun, guddisuufi dagaagsuun gahee lammii hundaati.

Yoo aadaafi Afaan Oromoo guddisuu barbaanne Sirna Gadaafi duudhaaleesaa guddisuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba. Sirni Gadaa sirna barnoota biyyattii keessa galee akka baratamu taasisuun sirnicha guddisuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf kun dhimma xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qabudha. Keessumaa erga sirni Gadaa qabeenya addunyaa ta’ee naannoo Oromiyaa qofatti daangeffamuu hinqabu.

Guddinni Afaan Oromoos guddina Sirna Gadaa hordofee waan deemuuf afaanichi afaan saayinsiifi industirii ta’uu qaba. sirni Gadaafi duudhaan isa keessa jiru kan ittiin ibsamu Afaan Oromoo Gaanfa Afrikaatti Afaan saba bal’aa Itoophiyaa qofatti utuu hintaane Keeniyaa, Yugaandaafi Somaaliyaa keessatti bal’inaan dubbatamu waan ta’eef haala guddinasaarratti hojjechuunis barbaachisaadha.

Bu’uura sirna dimokraasii addunyaa kan ta’e Sirna Gadaa Oromiyaa keessa ture sadarkaa addunyaatti sirna walqixxummaa sirna hammataa, dubartoota, ijoollee, bineensa, biqiloota kabajuufi sirna nagaa ta’uusaa addunyaan sirriitti akka hubatuufi bifa ammayyaa’een akka ittifayyadamu taasisuun barbaachisaadha.

Qaamuma kanaa kan ta’e manni murtii aadaa labsiidhaan hundaa’ee hojii keessa galeera. Kunis dhiibbaa manneen murtii idileerra ture hir’isaa akka jiruudha kan ibsamaa jiru.

Odeeffannoon Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa biraa argame akka mul’isutti Manneen Murtii Aadaa sobaa hambisuufi murtii haqaqabeessa kennisiisuu keessatti ga’ee olaanaa ba’achaa jiru. Ummanni Oromoo Aadaa boonsaa Sirna ittiin bulmaata Siyaas-dinagdeefi hawaasummaa jaarraa dheeraadhaaf dhimma itti bahaa ture kana kunuunsee sirnaan ittifayyadamuu qaba.

Aadaa kaleessa ummanni Oromoo ittiin bulaa ture keessaa sirni Gadaa isa tokko. Sirna jaarraawwan hedduuf ittiin bulaafi walbulchaa ture keessaa tokko Aadaa Murtii Sirna kenniinsa haqaati.

Aadaa sirna murtii haqaa Oromoon ittiin bulaafi walbulchaa asiin gahe kana sirnoota dabran keessa humnoonni gara garaa balleessuuf dhakaan isaan hinfonqolchine hinjiru.

Haata’u malee Mootummaan Naannoo Oromiyaa ummanni naannichaa aadaafi duudhaasaa ganamaatti deebi’uu qaba. Kanaaf ammoo murtii haqaa, murtii waloo tokko itti mo’uufi tokko itti mo’atamu osoo hintaane murtii aadaa Oromoo ganamaa haqa qabeessa; himataafi himatamaan walqixa murtii haqaafi amansiisaa haaloo bahannaa of keessaa hinqabneefi lameenuu itti injifatu; aadaafi duudhaasaa ganamaatti deebi’uuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa labsiidhaan murteesse.

Manni Murtii Aadaa Oromoo ganamaa sun guutuu Oromiyaatti akka deebi’uufi lafa qabatu taasiseera. Kun murtii seenaqabeessafi yoomiyyuu dagatamuu hindandeenyeedha.

Manni Murtii Aadaa Sadarkaa guutuu Oromiyaatti ijaarame kun Mana Murtii Calqabaa, Mana Murtii Oldabarfannaa yeroo gabaabaa keessatti erga hundaa’ee waggaa tokko hincaalu. Waggaa tokkoofi lamaan kana keessatti manneen murtii aadaa sadarkaa sadarkaan jiran kunniin murtoowwan ajaa’ibsiisoodha kan kennan.

Ummanni Oromoo gaaddisasaatiin mirgaaf falmata. Haqasaa ilaallata. Kan walajjeesellee gumaasaa kan ilaallatu akkaataa aadaafi duudhaa Oromoo ganamaatti gaaddisasaatiin xumurata. Erga manneen murtii aadaa sadarkaa Oromiyaatti hundaa’anii as bu’aawwan hedduun dhufaniiru.

Erga manneen murtii aadaa hundaa’anii as dharaan haqa walitti dabsuun, sobaan walirratti ragaa bahuufi walballeessuun sadarkaa ajaa’ibsiisaa ta’een hir’ateera.

Sirna mana murtii aadaa keessatti himataafi himatamaan sobuu hindanda’an. Sababnisaas sirna kenniinsa tajaajila murtii haqaa mana murtii aadaa keessatti namuu akka aadaatti alangeefi siiqqeedhaan kakata.

Kan himatus, kan himatamus kakatee dhugaa dubbata. Kanaafuu, murtii seenaqabeessa mootummaan naannoo Oromiyaa murteesseen Aadaafi Duudhaan Oromoo ganamaa iddootti akka deebi’u ta’eera.

Fuuldurattis ummanni Oromoo baldhaan mirgaafi haqasaa akkaataa aadaafi duudhaa ummatichaa ganamaatiin karaa mana murtii aadaa rakkoofi dhamaatii tokko malee akka argatuuf Biiroon Aadaafi Turiizimii Oromiyaa qaamolee qooda fudhattootaa wajjin sirna kenniisa tajaajila haqaa manneen murtii aadaa cimsuufi lafa qabsiisuuf kutannoon kan hojjetu ta’a.

Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Abdulhaakiim Muluu ummanni mana murtii aadaatiin waldhabdeesaa furachuun haqa mirkaneessuuf tumsuu akka qabu dhaaman.

Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti ijaaramuun Mana Murtii Aadaa bu’aawwan guguddaa lakkaa’amee dhumuu hindandeenye yeroo gabaabaa keessatti kan galmeessiseefi manneen murtii idilee mootummaarraa ba’aa guddaa hir’isuu danda’eera.

Bu’aawwan Manneen Murtii Mootummaa guutummaatti ni hanbisa jechuu baannus sadarkaa eegamuun ba’aafi rakkoo manneen murtii idilee akka hir’isuuf mootummaan naannichaa kutannoon nihojjeta.

Kanarratti ummanni aadaasaa ganamaatti yaadeebi’u hoggaa jedhamu sababa malee miti. Oromoon walkabaja,Safuu qaba ,Seenaas qaba akkasumas Aadaa ergaa walii dabarsuus qaba. Mootummaan Naannoo Oromiyaas Biiroon aadaafi Turiizimii Oromiyaafi Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa wajjin ta’uun ummanni aadaa, duudhaafi safuusaa ganamaatti akka deebi’uuf halkanii guyyaa hojjechaa jira.

Kanaaf bu’aan amma argamaa jiru kun jalqabbiidha. Manneen murtii aadaa hirmaannaa ummata Oromoo baldhaafi abbootii Gadaatiin ala gonkumaa milkaa’uu hindanda’u.

Kanaaf hojicha cimsanii ittifufsiisuufi lafa qabsiisuuf mootummaan, abbootiin Gadaa, haawwan Siiqqee, jaarsoliin biyyaafi ummanni baldhaan dirqama irraa eegamu hunda bahachuu qabu.

Sirni mana murtii aadaa kun yoo lafa qabate imala badhaadhinaa biyyattiin jalqabde, akkasumas nagaafi tasgabbii naannoo keenyaa yeroo gabaabaa keessatti mirkaneessuun ni danda’ama. Waldhabdeen seeraan alaa nagayaafi tasgabbii hawaasichaa booressan akka hafuufi hir’atu ni taasisa.

Obbo Abdulhaakim akka jedhanitti, imalli manneen murtiii aadaa kun akka hingufanneefi duubatti hindeebineef abbootiin Gadaa akkaataa aadaafi duudhaa sirna Gadaa Oromoo ganamaatiin safuusaa eeggatee akka deemuuf gahee irraa eegamu bahachuu qabu.

Pirezidaantiin Mana Wurtii Waliigalaa Oromiyaa Obbo Gaazaalii Abbaa Simalis manni murtii aadaa hundaa’uun dhiibbaa manneen murtii idileerra ture akka hir’iseedha kan himan.

Akkuma beekamu yeroo dheeraadhaaf ummanni Oromoo baldhaafi abbootiin Gadaa manni murtii aadaa akkaataa aadaa, duudhaafi safuusaa kaleessaatti waldhabdeesaa furachuufi hiikkachuuf baroota dheeraaf gaaffii dhiheessaa turuun niyaadatama. Haata’uutii sirnootaafi mootummoonni dhufaa dabran gurra kennaniifi mana murtii aadaa kana hundeessuu hindandeenye.

Akkuma addunyaatti yoo fudhanne sirna hammayyaa qofaan waldhabdee hiikuun hindanda’amu. Kana gochuun waan hindanda’amneef biyyootumti qarooman jedhaman seeraafi heera amantiifi aadaatiif beekamtii kennuun heeraafi seera bulchiinsa mootummaasaanii keessa ni galchu.

Akka biyyaafi mootummaa keenyaattis yoo dhufnes, heerri federaalaas ta’e kan Oromiyaa mana murtii aadaa hundeeffachuuf akka danda ‘amu beekamtii kenneera.

Kun osoo kanaan jiruu waggoota 28fi sanaa oliif waa’een mana murtii aadaa dagatamee, waa’een abbootii Gadaafi ummanni Oromoo baldhaan gaafachaa turanii sirnoonni biyya bulchaa turan gurra kennuufiin hindandeenye ture.

Jijjiirama booda garuu gaaffiin kun gaaffii mirgaa ta’uu irraan kan ka’e mootummaan naannichaa Caffeen Oromiyaa manni murtii aadaa kun ummata keenyaaf hundaa’uu akka qabu murteesse.

Waggoota lamaan darbanitti hojiiwwan boonsaafi baldhaan hojjetamaniin manni murtii aadaa labsii lakkoofsa 240/2013 dhuma 2013tti hojiirra oolmaansaa akka labsamu ta’eera.

Ittaansuudhaan kallattii Caffeen kaa’een yeroo gabaabaa keessatti dambiifi qajeelfamni bahee hojiirra akka oolu ta’e. Kanaanis manni murtii waliigala Oromiyaa fudhatee dambiifi qajeelfama itti baasee hundaa’e. Erga manni murtii aadaa kun hundaa’ee yeroo gabaabaa keessatti bu’aawwan danuun galmaa’aniiru.

Sagantaa qorannaa walakkeesa waggaa kanas bakka abbootiin Gadaa, jaarsoleen biyyaafi bakka buutoonni mana murtii aadaa marti argamanitti bu’aawwwn hanga ammaatti galmaahan, hanqinaafi ciminoota jiran addaan baasuun danda’ameera.

Kun Seenaa keessatti bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa Mana Murtii Aadaa hundeessuudhaaf akka biyyaatti fakkeenyummaa addaa kan argamsiiseedhas.

Erga Oromiyaan Mana Murtii Aadaa labsiifi danbiidhaan hundeessee booda warri federaalaas itti deemuuf sosochoo’aa jiru. Naannoleen biroollee muuxannoo Oromiyaarraa fudhachuuf sochii garagaraa gaggeessaa jiru.

Oromiyaatti hundaa’uun mana murtii aadaa ba’aa guddaa mana murtii idileerraa hir’isuun ummanni qe’eesaafi araddumasaatti haqasaa mirkaneeffachuu akka danda’u taasiseera.

Kanamalees ummanni baasii hintaaneef akka hinsaaxilamne, seera ofiisaaf hinbeekne kan biyya hambaarraa garagalee dhufe mana murtii idileetti sirna eessaa dhufteensaa hinbeekneen dhimmi, ‘harka keessan achi qabaa-asqabaa’ jedhu hafee qe’umasaatti abbootii Gadaafi jaarsolii beekaniin haqa argachuun dhugaa dubbachuuf injifannoon kanaa olii hinjiru.

Biyya tokko keessatti injifannoon injifannoo caalu haqa ofii aadaa ofiitiin argachuun wanna guddaadha. Kanaaf har’a carraa kana argannee nutis abbaa carraa taanee hojiirra oolmaasaa qorachuuf haala kanaan walgahuun ummata Oromoo baldhaaf injifannoo guddaadha jedhan Obbo Gazaaliin.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 18 Bara 2015

Recommended For You

331 Comments to “Manneen murtii aadaafi gumaachasaanii”

  1. Pingback: faceless niches
  2. Pingback: sites
  3. world pharmacy india [url=https://indianpharmacyeasy.com/#]indianpharmacyeasy.com[/url] indianpharmacy com

  4. cheap plavix antiplatelet drug [url=https://plavixclo.com/#]plavix best price[/url] buy Clopidogrel over the counter

  5. minocycline 50 mg without doctor [url=http://iverfast.com/#]inverfast.com[/url] stromectol tablets for humans for sale

  6. lisinopril1st [url=http://lisinopril1st.com/#]lisinopril 20 mg buy[/url] buy Lisinopril online

  7. pinup-kazi.ru [url=http://pinup-kazi.ru/#]пин ап казино[/url] пин ап зеркало

  8. пин ап казино [url=https://pinup-kazi.kz/#]pinup kazi[/url] пин ап казино онлайн

  9. top 10 pharmacies in india [url=http://indianpharmstar.com/#]indian pharm[/url] best india pharmacy

  10. mexican mail order pharmacies [url=https://mexicanpharmeasy.com/#]Mexican Pharm[/url] medication from mexico pharmacy

  11. male enhancement products [url=https://canadianpharm1st.com/#]canadian pharm[/url] errectile dysfunction

  12. п»їlegitimate online pharmacies india [url=http://indianpharmstar.com/#]IndianPharmStar.com[/url] top online pharmacy india

  13. india online pharmacy [url=https://indianpharmstar.com/#]indian pharm star[/url] best india pharmacy

  14. top 10 pharmacies in india [url=http://indianpharmstar.com/#]indian pharmacy[/url] indian pharmacy paypal

  15. Ivermectin Pharm Store [url=https://ivermectinpharm.store/#]Ivermectin Pharm Store[/url] Ivermectin Pharm Store

  16. get generic clomid no prescription [url=https://clomid.store/#]cost of clomid without a prescription[/url] can you get clomid now

  17. how to get zithromax online [url=https://azithromycinus.com/#]where can i buy zithromax uk[/url] buy generic zithromax no prescription

  18. buy misoprostol over the counter [url=http://cytotec.top/#]п»їcytotec pills online[/url] buy cytotec

  19. lisinopril 10 mg price [url=https://lisinoprilus.com/#]lisinopril 1 mg tablet[/url] lisinopril 12.5 mg

  20. buy generic clomid pill [url=https://clomid.store/#]can you get cheap clomid without rx[/url] how to get generic clomid

  21. how to get clomid without prescription [url=https://clomid.store/#]where to get generic clomid[/url] cost generic clomid without insurance

  22. order zithromax without prescription [url=https://azithromycinus.com/#]order zithromax without prescription[/url] zithromax 500 without prescription

  23. can i order clomid pill [url=https://clomid.store/#]order cheap clomid for sale[/url] order clomid no prescription

  24. buy cytotec over the counter [url=https://cytotec.top/#]buy cytotec pills online cheap[/url] buy cytotec online fast delivery

  25. buy zithromax online fast shipping [url=https://azithromycinus.com/#]where can i purchase zithromax online[/url] buy zithromax without presc

  26. buy erectile dysfunction pills [url=https://edpills.men/#]ed pills[/url] where can i buy erectile dysfunction pills

  27. erectile dysfunction medication online [url=http://edpills.men/#]cheap ed medicine[/url] online ed pills

  28. pinup 2025 [url=https://gramster.ru/#]Gramster[/url] пин ап казино зеркало

  29. пин ап казино официальный сайт [url=http://gramster.ru/#]gramster[/url] пин ап казино

  30. пин ап [url=http://gramster.ru/#]gramster[/url] пин ап казино официальный сайт

  31. world pharmacy india [url=http://indianpharmacy.win/#]top online pharmacy india[/url] online shopping pharmacy india

  32. mexican online pharmacies prescription drugs [url=https://mexicanpharmacy.store/#]mexico pharmacies prescription drugs[/url] buying prescription drugs in mexico online

  33. indianpharmacy com [url=https://indianpharmacy.win/#]india pharmacy[/url] Online medicine order

  34. mexico pharmacies prescription drugs [url=http://mexicanpharmacy.store/#]mexican mail order pharmacies[/url] buying prescription drugs in mexico online

  35. п»їbest mexican online pharmacies [url=http://mexicanpharmacy.store/#]buying prescription drugs in mexico[/url] mexican mail order pharmacies

  36. canadian pharmacy service [url=https://canadianpharmacy.win/#]canadian pharmacy win[/url] canadian drugs pharmacy

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *