Adwaa ibsituu: Tokkummaan, gootummaafi birmadummaa

Finfinnee: Tokkummaa, gootummaafi birmadummaan bu’uura injifannoo ta’uusaatiif injifannoon lola Adwaa argarsiistuu guddaa ta’uun ibsame.

Mariin Gumii Balal marsaa 29ffaan mataduree, “Adwaa ibsituu Tokkummaa, Gootummaafi Birmadummaa” jedhuun bakka ministiroonni, bakka bu’oon qaamolee nageenyaafi qoodafudhattoonni adda addaa argamanitti Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kaleessa adeemsifameera.

Waltajjicharratti yaada marii kan dhiyeessan Yuunivarsiitii Finfinneetti barsiisaan saayinsii siyaasaafi hariiroo addunyaa Doktar Mulugeetaa Dabbabaa akka jedhanitti, ummattoonni biyyattii fageenya kiiloomeetira kuma tokkoo ol imaluun weerartoota Xaaliyaanii hanga funyaaniitti hidhatan tokkummaadhaan salphina gonfachiisuun injifannoo cululuqaa galmeessaniiru.

Dhalootni har’as garaagarumma jiru dhiphisuun tokkummaasaa cimsatee hojii irratti bobba’e hundatti gootummaasaa mul’isuun dabaree seenaa isa qaqqabe ta’uu dubbatanii, abbootii darban kabajaa, walis hubachaa jabaatanii hojjechuun hiyyummaarratti irreesaanii akka agarsiisan hubachiisaniiru.

Marii koloneeffattoonni Awurooppaa Afrikaa ciccirachuuf mari’ataniin guutamtee Itoophiyaatti kan fuula qajeelfatte Xaaliyaaniin irree tokkummaa ummattoota Itoophiyaan erga lola Ambaalaageefi Maqaleetti waqaramtee booda lola Adwaatti awwaallishee tolfame kan jedhan ammoo Ministira Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaati.

Injifannoon lola Adwaa injifannoo ummattoota gurraachaa hundaati kan jedhan ministirichi; addattuu Saboota, Sablammootaafi Ummattoonni Itoophiyaa lola sanarratti waliin kufanii wajjin ka’uun injifannoo boonsaa galmeessuunsaanii Itoophiyaaf hiika guddaa akka qabu ibsaniiru.

Akka Obbo Qajeelaan jedhanitti, abbootiin kaleessaa bilchinaan, obsaafi jabinaan tokkummaasaanii cimsanii injifannoo dhalootni dhufee darbu galmeessisuu danda’aniiru. Dhalootni har’aas duudhaa gaarii abbootasaaniirraa dhaalan hojiitti hiikuun seenaa caalu galmeessisuu qabu.

Hirmaattonni waltajjichaas seenaan Adwaa waraabamee kan dhumu waan hintaneef taateen dhugaa bara sanii dhalootaaf barumsa akka ta’utti funaanamee barreeffamuu akka qabus gaafataniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 18 Bara 2015

Recommended For You

5 Comments to “Adwaa ibsituu: Tokkummaan, gootummaafi birmadummaa”

  1. Pingback: university iraq
  2. Pingback: ไก่ตัน
  3. Pingback: lucabet
  4. Pingback: Jaxx Liberty

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *