Finfinnee: Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalota fedhii ummataa guutaniifi giddugala dingadee ta’uu danda’an hundeessuuf haala addaatiin hojjetaa jira. Dhiheenya kanas magaalota naannawa Finfinnee bifa haaraan gurmeessuun Magaalaa Shaggar hundeesseera.
Hundeeffamni magaalittis Caffeetti kan raggaasifame yoo ta’u, eebbisaa boru ammoo sagantaa bal’aadhaan kan adeemsifamu ta’a. Kaleessas Hoteela Sharaatanitti mariin paanaalii adeemsifameera; har’as dorgommiin fiigichaafi baazaariin Kutaa Magaalaa Koyyee Facceetti ni adeemsifama.
Waltajjii paanaalii kaleessa taasifamerratti argamuun haasawa kan taasisan Sadarkaa Pirezdaantii Ittaanaatti Kantiibaan Magaalaa Shaggar Doktar Tashoomaa Addunyaa Akka jedhanitti, guddinni magaalootaa guddina dingadee qofa osoo hintaane ce’umsa waa hundaa ta’uu qaba. Muuxannoon addunyaas kanuma kan mirkaneessu ta’ullee seenaan hundeeffama magaaloota biyyattii garuu magaaloota kan balleessu ture.
Magaalonni hundeeffaman gaaffii ummataa kan hindeebisne ta’uurra darbee rakkoolee siyaas dingadeef kan saaxilaman turuu eeranii, carraan madda dinagdee ta’uusaaniis xiqqaa turuu kaasu.
“Mootummaan Oromiyaas kana hubachuun magaalota cimoo gaaffii hawaasummaafi siyaas dinagdee deebisan hundeessuuf xiyyeeffannaan hojjetaa jira. Magaalaa Shaggar hundeessuunis mirga Oromoo magaalaa keessatti gaafachuu qofa osoo hintaane hundeessee agrsiiseera” jedhu.
Sadarkaa Pirezdaantii Ittaanaatti Qindeessaan Kilaastara Misooma Magaalaa Oromiyaa Obbo Masfin Malaakuu gamasaaniin, mootummaan naannichaa rakkoo walxaxaa magaaloota Oromiyaa keessaa furuuf aadaa, duudhaafi seenaa ummatichaa bu’ureeffachuun magaaloota haaraa hundeessuu, kanneen seenaqabeessa cimsuufi walitti makuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu ibsu. Magaalaan Shaggariis jireenyaaf mijooftuu, guddoofi badhaatuu Gaanfa Afrikaa akka taatuuf yaadamee hundeeffamuu himu.
Magaalaan Shaggar deebii gaaffii barootaa turuu eeranii, akka yaadame akka ta’uufis hojii uumtota babal’isuu, tajaajila si’ataa, qulqulluufi teknolojiin deeggarame kennuu, wabii nyaataa mirkaneessuufi ogummaan dagaagsuurratti haala addaan akka hojjetamu himu.
Pirezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa gamasaaniin, hundeeffamuun magaalaa Shaggar injifannoo ummanniifi mootummaan Oromoo argate keessaa isa guddicha ta’uu eeranii, boqonnaa aarsaan itti kanfalame asirra qaqqabe kana hunduu kununsuu akka qabus hubachiisaniiru. Miidhama kaleessaa yaaduu qofa osoo hintaane xiiqeffatanii seenaarraa barachuun hojjechuu akka barbaachisus ni himu
Mootummaan magaalaan hundeeffamte tun ergama addaatiin waan taateef haalaafi hoggansa addaatiin kan hogganamtu ta’uu eeranii, kan qonnaan bulaa ofirraa dhiibduufi nyaattu osoo hintaane, ofitti hammattu akka taatuuf kan hojjetamu ta’uu ibsu. Akkasumas, bakka ummanni Oromoo ittu kabajamu gochuuf akka hojjetamuufi siidaan Tufaa Munaa keessatti akka ijaaramus himaniiru.
Hirmaattota marichaa yaada Gaazexaa Bariisaaf kennan keessaa Obbo Taaddasaa Tarreessaa akka jedhanitti, Shaggar waggoota dheeraaf Oromoorraa fagaattee akka kan ormaatti ilaalamaa turte. Har’a akka haaraatti hundaa’uunshee deebii gaaffii siyaas dingdee Oromoo barootaa waan ta’eef gammachuu guddaadha.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 18 Bara 2015
4 Comments to “SHAGGAR: Deebii gaaffii ummataa barootaa”