“Haalli qormaanni ittikennameefi bu’aan argame mataasaatiin qorannoo tokko” -Barsiistuu Meetii Taayyee

Firiin qormaata barattoota kutaa 12ffaa bara 2014 baranatti ce’ee haala addaatiin yunivarsitiiwwanitti kenname sadarkaa barnoonni biyya keenyaa irra jiru sirriitti kan agarsiise ta’uu ogeessonni barnootaa ragaa bahaa jiru.

Haalli kenniinsa qormaatichaa keessumaa tattaaffii barattoota qaxaleefi manneen barnootaa xiyyeeffannaan hojjetanii sirriitti agarsiiseera. Adeemsichi eessa eessatti bal’inaan hojjetamuu akka barbaachisu, dandeettii barsiisuu manneen barnootaas addaan baasee mul’iseera.

Hojmaata kanaan duraatiin yunivarsitii seenaa kan ture qaxalee qofa otoo hintaane kanneen beekumsa ga’aa hinqabaannellee akka galan taasiseera.

Sababiinsaas qabxiin seensaa walirraa garagalchuufi gochoota walfakkaatoo hinbarbaachisne birootiin akka miidhamu ta’eera.  Kanaafis inni dadhabaan carraa barataa cimaa cufaati kan ture. Firii baranaatiin haalli sun jijjiiramuu eegaleera.

Ittigaafatamtoonni manneen barnootaasaanii guutummaatti dabarsan dhimma kanarratti dubbisne waanuma irranatti kaasne cimsu.

Daarektarri Ittaantuu Mana Barnootaa Bultii Addaa WMO Adaamaatti argamuu, Barsiistuu Meetii Taayyee yaada Bariisaaf kennaniin, akeekni kenniinsa qormaata bara 2014 kan milkaa’eedha jedhan. Barattoonnisaanii baranas marsaa shanaffaaf qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2014n qabxii olaanaa galmeessisuus ibsan.

Akka ibsasaaniitti, barattoota 76 qormaaticha fudhatan keessaa barattoonni 21 (harki 27.6) qabxii 600fi isaa ol, barattootni 45 qabxii 500-599fi barattoonni lama immoo qabxii 400 keessa kan galmeessisan yoo ta’u, akaakuu barnoota Herregaas %100 galmeessisuun kan danda’ameefi qabxii olaanaan, 652 galmaa’eera.

Ijoolleen kudhan 500 gadi. Barattoonni mana barnootichaa hundi dhibbantaa barbaadamuufi sanaa ol fidaniiru. Baay’ina barattootaa eerame keessaas shamarran 30.

Dursanii xinsammuu barattootaarratti hojjechuun qabxii galmaa’e kanaaf daran gumaachuus eeran. “Haalli qormaanni ittikennameefi bu’aan argame mataasaatiin qorannoo tokkoodha” jechuunis  ibsan. Hojiin damee barnootaarratti hojjetamaa jiru milkaa’aa jiraachuu agarsiisas” jedhan. Adeemsichi sadarkaa barnoonni biyya keenyaa irra jiru kan akeeke ta’uus ni dubbatu.

Manni barnootaasaaniis akeeka qabatee hojjechaa jiru milkeeffachaa jiraachuu ibsanii, akeekichis barattoonni muraasni qofti qabxii gaarii akka fidan otoo hintaane hunduu dorgomoo ta’anii yunivarsitii akka galan gochuudha jedhan.

Daarektarri Mana Barnootaa Bultii Addaa Yaadannoo Yihunee Walduu Naannoo Amaaraa, Magaalaa Daseetti argamuu Obbo Ballaxaa Hayilee akka jedhanitti, manni barnootaasaanii barattoota kutaa 12ffaa kan qore yeroo jalqabaatiifi.

Qabxiin seensaa gadaanaan barattoota saayinsii uumamaa 350 ta’us, firii gadaanaan barattoonnisaanii galmeessisan 450. Qabxii 700 keessaa olaanaan akka biyyaatti galmaa’e 666. Firii kanaaf tattaaffiin barattootaa adda durummaan kan eeramu yoo ta’u, calalliin barsiisotaafi hojiinsaanii ittidabalamee milkaa’inni galmaa’eera.

Sababa naannawichi waraanarra tureef barattoonni ji’oota jahaaf barachuu hindandeenye ture.  Akkasumas sababa koronaatiin walakkaa semistaraa hinbaranne. Manni barnootichaa kanneen haleellaan irratti raawwatame keessaa tokko.

Ta’us kadhannee galteewwan guutuudhaan barattoota qorreerra. Dhimmi galteesaas akka mana barnootaa bultii addaa otoo hintaane akka sadarkaa 2ffaati. Garuu hunda danda’uudhaan kanaaf qaqqabaniiru jedhu daarektarichi.

Piriinsipaaliin kaampaasii Minilik Qadamaawwii Saayinsi Sheerdi kan Yunivarsitii Barnootaa Kotobee jalatti buluu Obbo Abeel Caalaas, manni barnootichaa sirna kenniinsa qormaataa kanaan duraatiin otoo barattootasaa yunivarsitii hingalchiin hafee hinbeeku. Wagguma waggaan barataa fooyya’aa malee kan dandeettii gadaanaa qabu hinhoratu.

Sababiin kanaa ammoo hojii baruu barsiisuu sirriitti raawwachuu waan danda’eefi. Kana malees barattoonni qabxiidhaaf otoo hintaane beekumsaaf waan hojjetaniif; waan akeeka qabaniifi kana milkeeffachuuf waan tattaafataniif bu’aaqabeeyyii ta’aniiru jedhu.

Barsiisonni hamma fedhe filatamoofi kan digirii lammaffaa qaban ta’anillee yoo barataan cimaa hintaane carraa itti hojjechiisan hinargamuutii kunis carraa gaarii kenneera.

Otoo barattoota keenya hinqoriin dura yeroo hunda hojiin muuxannoo walii qooduu ni hojjetama. Keessumaa qormaataan walqabatee akka tasgabbaa’anii qoraman gochuuf tattaaffii olaanaatu taasifama.

Keessumaa barana hordoffiifii qophii addaa gochuuni kan gara qormaataatti seenan.  Sababiinsaas sirni qormaataa haaraan waan uumameef yoo qaxalee ta’anillee dhiibbaan xiinsammuu isaan mudachuu danda’a.  

Kanaafis yunivarsitichi karaa pirezidaantiisaa Doktar Birhaanamasqal Xannaatiin muuxannoo qoodutti dabalee leenjii qophii xiinsammuu qormaataa akka fudhatan taasiseera. Kanaanis hanguma abdataman hojjetanii akka agarsiisan ta’eera.

Kaampaasiin Minilik Qadamaawwii Saayinsi Sheerdi Yunivarsitii Barnootaa Kotobee waggaa waggaadhaan barattoota 90 kan simatu yoo ta’u, yeroo koviid qofa baay’ina barattoota daree keessatti baratanii hir’isuuf 75 taasisee ture. Haalli simannaasaas oggaa Biiroon Bornootaa Finfinnee firii qormaata kutaa 8ffaa gadilakkisu firii olaanaarratti hundaa’uuni.

Haalli simannaa kutaalee barnootaa 12 caalaa kan aguugu waan hintaaneef  barattoonni mana barumsichaarraa daran fagaatanii argaman sababa geejibaatiin ijoolleen maatii sooressa jedhamanirraa dhufan mana barumsichaa filachuu dhiisuu waan danda’aniif dorgommiiif barattoonni hanga kuma shanii tilmaama keessa galfamee galmeessi adeemsifama.  

Oggaa qormaanni seensa mana barnootichaa kennamu firiin qormaata biyyaalessaa kutaa 8ffaa dhibbantaa 15 hincaalu. Sababiinsaas firiin walirraa garagalchuufi karaawwan walfakkaatoodhaan dhufuu waan danda’uuf.  Kanaafuu  barattoota ga’umsa qaban addaan baasuuf qormaanni keemistirii, baayolojii, herrega, fiiziiksiifi aptiitiyudii qabate sadarkaa qulqullinaasaa eeggatee qophaa’a.

Barsiisonnis akka qormaaticha soroorsan kan taasifamu lakkoofsa iccitii ykn koodiidhaani. Kanaafuu, tokko tokkoon akaakuuwwan barnootaa qabxii dhibbantaa 15 akka qabaatan taasifamee firii qormaata biyyaalessaa (ministirii) wajjin walitti ida’uudhaan waliigalaan dhibbantaa 90 qaqqaba.  

Harki 10 hafe ammoo gaafileen hojii uummee, fedhii saayiinsiifi teknolojii wajjin walqabataniif iddoon kennamee doktaroonniifi pirofeesaroonni yunivarsiticharraa babahan akka afgaaffii taasisaniif gochuun qoramu.

Kun kan ta’u  mana barnootichaa seenuuf dorgommii ga’aan taasifamuu waan qabuufi. Hojiilee uummeesaaniitiin yeroo yeroodhaan waantota fooyya’oo gumaachuun waan irraa eegamuufi. 

Kana malees yunivarsitiifi sadarkaa addunyaatti dorgomoo akka ta’aniif carraa barnoota alaa akka argataniif yaadamee hojjetamaa jira. Kana milkeessuufis barataa sirnaan calalame galchuu waan barbaachisuuf adeemsisaa haala eerame kana fakkaata jedhu piriinsipaalichi. 

Hojichi kan eegalame Biiroo Barnootaa Finfinneefi Kutaa Magaalaa Araadaa wajjin ta’us Yunivarsitiin Barnootaa Kotobee baasii mana barnootichaa bajatasaarraa guutummaatti hir’isee kan haguuge waan ta’eef manni barnootichaa kan qaama tokkoo qofa otoo hintaane kan mootummaati.

Haala kanaan cimee barattoota bu’aaf qaqqabsiisuun karuma kamiinuu ta’u tattaaffiin taasifamu qaama barattoota Itoophiyaa fayyaduu danda’an horachuuti. Manni barnootichaa qajeelfama barattoota hunda saayintistii  gochuu jedhuun hojjechaa jira.

Manni barnootichaa oggaa barattootasaa yeroo afraffaaf qormaataaf teessisu kanuma yaadaa akka ta’es ittigaafatamtichi ni eeru. Akka biyyaatti waggoota walitti aananiif firii olaanaa galmeessisuun danda’ameera.

Garuu barattoonni maaliif qabxii olaanaa hinfidne kan jedhu dhimma ijoodha. Sababiinsaas barattoonni keenya kan as galan qulqullina olaanaa keessa darbaniiti.  Madaalliin kanaas kanuma waan ta’eef guutummaatti darbuunsaanii nama hindinqu.

Kun gocha kutaa 12ffaa qofatti mul’atu otoo hintaane kan kutaa 10ffaattis mul’atuudha. Gama biraatiin barattoonni kunniin darbee darbee qormaata idiladdunyaa akka fudhatan taasifamee sadarkaa akkamiirra akka jiran ni ilaalu. Kanaanis bu’aaqabeeyyii ta’uusaanii mirkaneeffataniiru.

Kanaafis barana qofa otoo qormaata kutaa 12ffaa (maatrikii) hinfudhatiin carraa barnoota alaatiin barattoota 12 yunivarsitiiwwan Ameerikaa galan horachuu dandeenyeerra. Kanumarraa kan ka’e barattoota 69tu qarmaata maatrikii fudhate jechuudha.

Barattoota kanneen keessaa 16 qabxii 600 ol, 32 qabxii 500 ol, 20 qabxii 400 ol, barataan tokko qabxii  375 fiduu danda’eera. Milkaa’ina qabxii  kanaatiif qooda jalqabaa kan fudhatu ka’umsa barattoonni barachuuf qaban yoo ta’u, kanaanis waan ta’uu barbaadan beekanii waan hojjetaniif milkaa’inasaatiifi kan hojjetaniidha.

Kanumaan walqabatee sadarkaan qophii barsiisotaa; hoggansi yunivarsitichaa mana barumsichaatiif xiyyeeffannaa addaa kennuufi tattaaffiinsaanii itti dabalamuun firii barattootaa iddoo barbaadamuun ga’eera.

Iftoominni mootummaa amma eegalame fuulduratti waantota danuu kan hir’isu ta’uu kan eeran Obbo Abeel, yaaddoon barattoota qaxalee qormaanni hatamaa laata jedhu karaa hedduun ittiseera. Bu’aa hojii barattootaas agarsiiseera.

Haaluma walfakkaatuun firiin kun kan barattoota kutaa 12ffaa qofa otoo hintaane dadhabina daka ture akka ta’es agarsiiseera. kanaafuu, dhaabbileen akka keenyaa barattootasaanii guutummaatti dabarsaniyyuu dhimmi barattoota kaaniis waan nama yaachisaatii isarrattis hojjechuun akka barbaachisu dubbatu.

Qormaata si’anaarratti baasii olaanaan baheera ta’a. Ta’us abdiin egeree gaarii ta’uu kan agarsiisuufi cabiinsa sirna barnootaa kan wal’aanu waan ta’uuf hunduu ittigammaduu qaba.

Sirni kenniinsa qormaataas hojii yeroo tokkoo waan hintaaneef hunduu irratti duuluu qaba. Sababiinsaas duulichi dhimma dhaloota uumuu waan ta’eef.  Kanaafuu, rakkoo furanii barataa fooyyee qabu uumuuf wajjummaan hojjechuu barbaachisa.

Keessumaa manneen barnootaa barataa tokkollee hindabarsinee sababasaanii ilaalaa utubuu barbaachisa. Kana malees akka mootummaatti ejjennoo amma jiru ittifufsiisuu; akka barattoonni ofiin hojjechuu muuxaneeffataniif gochuu qabna jechuun yaadasaanii guduunfaniiru.

Adeemsisaan hojii Mana barnootaa Bultii Addaa Walaayittaa Liiqaa Obbo Girmaa Dannaqaa gamasaaniitiin, kenniinsa barnootaafi firii qormaata kutaa 12ffaa karaalee adda addaatiin kaasuun ibsu.

Manni barnootaasaanii barattoota addaafi dandeettii qaban horachuufi dabarsuu kan eegale har’a otoo hintaane yeroo hundaa’e, bara 2000 irraa kaaseeti.

Haalli simannaasaaniis barattoota kutaa 5ffaa hanga 7ffaatti jiran yoo ta’u, barnoota duraanii hamma beekaniin hojmaata adda isaan taasisuudha; kutaa 8ffaa irrattis barattoota dabalataa qormaataan addaan baasanii simatu.

Barataan jiddugalaan harka 75 ol galmeessisaa ittifufuu hindandeenye akka mana barnootichaa keessa turu hintaasifamu. Kanaafis dorgommiin qaama alaa wajjin qofa otoo hintaane warra keessoo wajjinis ta’uu dubbatu.

Sababiinsaas dhimmi mana barumsicha keessa turuufi dhiisuu waan keessa jiruuf barattoota bu’aaqabeeyyii ta’uuf halkanii guyyaa qayyabatu.

Barrattoota barsiisotasaanii wajjin falmaniifi otoo hinbeekiin hindabarreedha. Dorgomummaansaanii sadarkaa biyyaa qofatti otoo hintaane sadarkaa idiladdunyaattis kan ta’eef sababuma kanaafi. Oggaa waanti haaraan uumamus kan hinkufneef ofumasaaniitiin hojjechuu shaakalaa waan deemaniifi.

Bara 2005 hanga 2014tti barattoota 721 kan qorsiisan yoo ta’u, hundisaaniituu yunivarsitiiwwan seenaniiru. Kanaaf yunivarsitii galchuun barana kan eegalame miti. waanti kan baranaa addaa taasisu Ministeerri Barnootaa haala kenniinsa qormaataa adda gochuusaa qofa.

Kun ammoo barattoonni hammam dandeettiisaaniitiin hojjetu  kan jedhu kan sakatta’e waan ta’eef barattoonni keenya kana darbanii guutummaatti yunivarsitii akka seenan ta’eera.

Dhugaatti baay’inni barattootaa qormaataaf dhiyeessine oggaa warra kaan wajjin ilaalamu xiqqoodha. Barana kan qoraman barattoota 75 qofa. Isaan keessaa 300 kan fidan barattoota lama qofa yoo ta’an; kanneen 400 hanga 499 fidan ammoo 28. Barattoonni 41 ammoo 500 isaa ol galmeessisan.

Daree tokko keessatti baay’inni barattootaa yoo guddate jedhame 38 yoo ta’u, kun ammoo barsiisonniifi barattoonni walitti dhiyaatanii akka hojjetan dandeessiseera.  

Waldaa Misoomaa Walaayittaatiin utubamuunsaafi waantonni barbaachisoon guutamuun akkasumas sirni hojmaataa dorgomsiisaa kan taasisu waan ta’eef qabxiin barattootaa akka ol ka’uuf gumaacheera.

Manni barnootichaa hojii bu’aaqabeessa akkanaa hojjetus dallaan mooraasaa sirriitti waan hinijaaramneef waantonni tokko tokko isa mudatu. Kanarratti yoo mootummaan utube caalaatti hojjechuu dandeessisa jedhan.

Firii barattootaa ol kaasuuf kaayyoo jalqabaa kan ta’u barataa uumuudha. Keessumaa yoo naamusaan qaruun danda’ame lammii ofumasaatii hojjetee darbuufi warra kaaniif dabarsu uumuun ni danda’ama.

Dhimmi qulqullina barnootaa amma jirus haaluma kanaan mirkanaa’aa akka deemuuf sarara qabsiisa. Kanaafuu, qaaccessa firiifi hunda darbuu barattootaa baranaarratti hunduu gammaduu qaba. sababiinsaas waan barataan kufeef otoo hintaane bu’uura biyyaaf abdii ta’u waan buuseef.

Hojii hanga ammaatti jiruun qulqullinni barnootaa akka biyyaatti balaa keessa galeera jedhama. Ta’us qaamni furmaata kennu hinargamne. Mootummaa dabalatee ittigaafatamummaa fudhachuu barbaadu ture. Manneen barnootaa keenyaafi nu fakkaatan dabalatee adeemsi kun balaa uumee ture.

Sababiinsaas, dhamaanee akka hindhamaane nu taasisaa tureera.  Barataa sa’aatii 24:00 dubbisaafi waan fooyya’aaf tattaafataa ture carraa dhorkeeras. Kun ammoo nama eebbifamee hojiirratti bobba’e dabalatee akka hintaane akka ta’u taasiseera.

Waanti hinqolanne akka biyyaatti kan nu mudateefis sababuma kanaani kan jedhan Obbo Girmaan, har’a dubbiin jijjiiramuu eeru. Warri dhaloota ajjeesuurratti waliigalan har’a haa ga’u jechuu jalqabaniiru.

Mootummaan of iftoomsuurraa eegalee rakkoolee jiran agarsiiseera. Furmaannis maal akka ta’e eereera jedhan.  

Walumaagalatti manneen barnootaa torba qofti hojjetanii biyya ittifufsiisuu hindanda’an. Firiin qormaata baranaa oggaa akka biyyaatti ilaalamu kasaaraansaa dameelee dinagdee, hawaasummaafi siyaasaatiin kan ibsamuudha.

Kanaafuu haalichi sadarkaa biyyaatti irratti duulamee qoricha barbaaduu feesisa. Manneen barnootaa barataa tokkollee hindabarsine ol kaasuurratti hojjetamuu qaba. Muuxannoo walii qooduurraa kaasee haalatti utubaman mijeessuunis dirqama.

Firiin qormaataa barana argame akka biyyaatti sadarkaa irra jirru nutti agarsiiseera. Akka walumaan walgargaaruurratti jabaannus nu taasisa. Kanaafuu manneen barnootaa barataa tokkollee hindabarsine abdii kutuu otoo hintaane rakkoosaaniirraa barachuufi furmaatasaatiif cichanii hojjechuu qabu.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 11 Bara 2015

Recommended For You