“Tulluu yoo darban biddeenni tulluudha” makmaaksi jedhu namoota baay’ee biyya keessatti hojjetanii ofirra darbanii biyyasaaniif abdii ta’uu danda’an biyyaa baasee mulluu godheera.
Hojjetanii dinagdeen of humneessuun tulluu diiguun osoo danda’amuu biyyaa ba’uu filannoo kan godhatan dargaggoonni hedduu kaan galaanaan nyaatamanii, kaan bu’aa ba’ii gammoojjii Arabaa keessatti dhidhimanii achi buuteensaanii dhabameera.
Biyya ofii keessatti kabajamanii hojjetanii of geeddaruun akka danda’amu kallattii taa’e hordofuun dargaggoonni hedduu fayyadamaa ta’aa kan jiran yoo ta’u warreen seeraan ala biyyaa ba’anis as deebi’anii of jijjiiruuf dhama’aa jiru.
Keessumaa imaammata mootummaan “hiyyummaa dhaloota hindhaalchisnu” jedhu qabatee ka’e hordofuun Itoophiyaan midhaan deggarsaa alarraa eeggachuu jalaa baatee ofii omishtee ofirra dabartee biyyoota biraaf haadha harmaa taatee akka tajaajiltu hojjetamaa tureera.
Adeemsa kanaan bara kana seenaan garagalee Itoophiyaan gargaarsa qamadii alarraa dhufu jalaa baatee gabaa alergiif oolchuunshee waan ajaa’ibaa ta’eera.
Mul’atni mootummaa Itoophiyaa badhaate, walqixxummaan sabaafi sablammootaa akkasumas kan amantii keessatti dhugoome ijaaruufi hiyyummaa seenaa gochuu waan ta’eef makaanaayizeeshinii qonnaa babal’isuun omishaafi omishtummaa dachaan dabaluuf kallattii ta’een milkaa’inni argame jajjabeessaadha.
Itoophiyaan bara kana seenaa addaa hojjettee eeggattummaa jalaa baatee qamadii gabaa alergiif oolchiteetti. Akka fakkeenyaatti yoo fudhanne Ejensiin Babal’ina waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa qamadii kuntaala miliyoona tokko ol bituun ergitootaaf kan dhiyeesse yoo ta’u, Itoophiyaa keessatti eeggattummaan midhan nyaataa hir’ataa dhufuusaaf agarsiistuu guddaadha.
Milkaa’ina imaammata alergii qamadii kanaaf ga’ee leencaa kan taphatan qonnaan bultoota yoo ta’an, isaaniin humneessuufis makanaayizeeshinii qonnaa babal’isuu, dhiyeessiilee qonnaa garagaraa waliin gahuufis sochiin karaa mootummaa hojjetamaa jiru kan nama onnachiisudha.
Imaammanni qamadii gabaa alergiif oolchuu taa’e kun har’a dhugoomee argamuunsaa miira nidandeenyaa mootummaan jijjiiramaa Itoophiyaa qabatee ka’e tarkaanfachiisaa ta’uu kan mirkaneessudha.
Itoophiyaan raafama siyaasaa bifasaa geggeeddarataa ishee qoraa ture dandamachuun ofirra dabartee qamadii gabaa alergiif oolchuunshee seenaa addaa yoomiyyuu hindagatamnedha.
Biyya ofii keessatti dinagdeen of ijaaranii caalanii argamuun tulluu hiyyumaa diiguun osoo danda’amuu ilaalcha boodatti hafaa tulluu yoo darban biddeenni tulluudha jedhuun dargaggoonni seeraan ala biyyaa ba’uuf yaalii taasisaniin gatii kaffalaniiru.
Biyya ofii keessatti hojjetanii dinagdeen, hawaasummaafi siyaasaan caalanii argamuun osoo jiruu godaansa seeraan alaan dargaggoonni miidhamaa jiran miira biyya ofii keessatti hojjetanii of danda’uu kana gonfachuun irra jiraata. Sochii alergii qamadii amma qabatamaan mirkanaa’aa jiru kana keessattis qoodni dargaggootaa olaanaa yoo ta’u dargaggoota biroof fakkeenya gaarii ta’un tajaajila.
Bara kana Itoophiyaan yeroo jalqabaaf qamadii kuntaala miliyoona sadii ol gabaa alergiif yemmuu oolchitu seenaa biyyattiin dura ittiin beekamtu kan jijjiiredha jechuun danda’ama. Eeggattummaa wabii midhaan nyaataa jalaa ba’uun miira nidandeenyaa mootummaa jijjiiramaan qabatamee ka’een injifannoofi jijjiiramni kun mul’achuunsaa waan addaati. Itoophiyaan biyya qamadii alaa dhufu eeggattu osoo hintaane alatti ergitu tatee arguu caalaa wanti nama gammachiisu hinjiru.
Keessumattuu qormaatilee ciccimoo kan akka weerara Koronaa, Waraana Itoophiyaa Kaabaa, dhiibbaa dippilomaasii biyyoota lixaa isheerratti aggaamame qolachuun qormaata keessatti injifannoon argamuu akka danda’u ifatti agarsiisteetti.
Injifannoon kun imala tulluu hiyyummaa diiguun badhaadhina mirkaneessuuf ka’ame qabatamaan kan mirkaneessu ta’ee argamuusaan seenaa biyyattii galmee eeggattummaa jala ture kan jijjiiredha.
Dargaggoonni keenya biyyaa ba’uun jireenya fooyya’aa barbaachaa seeraan ala gammoojjii Arabaa keessatti gatii hinmalle kaffaluurra darbanii lubbuusaanii dhabaa jiranis biyyasaanii keessatti kabajamanii hojjetanii of jijjiiruuf kaka’uun irraa eegama.
Biddeena tulluu ta’e nyaachuuf tulluu diiguudha malee biyyaa ba’uun furmaata waan hintaaneef asumatti hojjennee ofirra dabarree ollaaf dhaabachuun akka danda’amu qabatamaan agarsiisuun barbaachisaadha.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 11 Bara 2015