Dorgommiin Piriimeerliigii kubbaa saaphanaa har’a xumurama

Bayyanaa Ibraahimiin

Finfinnee: Guraandhala 1 bara 2015 irraa eegalee Dirre Dhawaatti adeemsifamaa kan ture dorgommiin pirimeerliigii marsaa duraa kubbaa saaphanaa har’a xumurama.

Dorgommichi gareewwan kubbaa saaphanaa dhiiraa shaniifi gareewwan kubbaa saaphanaa dubartootaa afur gidduutti adeemsifamaa kan ture yemmuu ta’u, dorgommicha Federeeshiinii Kubbaa Saaphanaa Itoophiyaafi Federeeshiinii Kubbaa Saaphanaa Bulchiinsa Magaalaa Dirre Dhawaa walta’uun qopheesse.

Dorgommiin kunis Itoophiyarra darbee Afrikaa bahaa keessatti kilaboota ciccimoofi dorgomaa ta’an horachuuf kan gargaaru ta’uu federeeshiiniin kubbaa saaphanaa Itoophiyaa beeksiseera.

Dorgommichi magaalota biyyattii gara garaa shanitti kan adeemsifamu yemmuu ta’u, inni Dirre Dhawaatti adeemsifamaa turee har’a xumaramu kun kan jalqabaafi baniinsaa ta’uus federeeshinichi ibseera.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 4 Bara 2015

Recommended For You