Injifannoo Atileet Gudaaf Tsaggaayeefaa

Bayyanaa Ibraahimiin

Atileet Gudaaf Tsaggaayee dorgommii fiigichaa mana keessaa maayila tokkoo dheengadda Poolaandi, Magaalaa Tooranitti gaggeeffameen sa’aatii saffisaa 2ffaa galmeessisuun injifatte.

Atileet Gudaaf dorgommicha daqiiqaa 4fi sekondii 16fi maayikiroo sekondii 16n xumuruun Atileet Ganzabee Dibaabaatti aansuun sa’aatii saffisaa 2ffaa galmeessisuudhaan dorgommicha injifatteetti.

Bifuma walfakkaatuun dorgommii fiigicha mana keessaa Atileetiksii Waancaa Addunyaa Poolaandi Oorlaan Koopparniikasi fiigicha mana keessaa dubartootaa meetira kuma sadiin atileetonni Itoophiyaa 1ffaa hanga 4ffaa ba’uun xumuruun injifannoo cululuqaa galmeessisaniiru.

Dorgommichaan Atileet Fireewayinii Hayiluu daqiiqaa 8fi sekondii 46fi maayikiroo sekondii 92n 1ffaa yoo baatu, Atileet Ijjigaayyoo Taayyee 2ffaa, Lamlam Hayiluu 3ffaa akkasumas Warqiwuhaa Geetaachoo 4ffaa bahuun xumuraniiru.

Oduu Injifannoo walfakkaatuun dorgommii fiigicha mana keessaa dubaraa meetira kuma tokkoofi 500 Faransaay Da Moondeeviilitti gaggeeffameen atileetonni Itoophiyaa sadarkaa 1ffaa hanga 4ffaa ba’uun injifataniiru.

Dorgimmichaan Ayyaal Daanyaachoo 1ffaa, Tigisti Katamaa 2ffaa, Sinboo Alamaayyoo 3ffaafi Tigisti Girmaa 4ffaa bahuun xumuraniiru.

Dorgommii fiigicha meetira 3000 dhiirotaan Alii Abdulmannaan daqiiqaa 7, sekondii 50fi maayikiroo 48n galuun dorgommicha yoo injifattu, Abdiisaa Fayyisaa 3ffaa ba’uun xumuruu odeeffannoon Atileetiksii addunyaa irraa argame ni mul’isa.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 4 Bara 2015

Recommended For You