Aadaafi duudhaa sirna Gadaa ummata Geede’oo

Charinnat Hundeessaatiin

Gaafa dhalli namaa dachee kanarra jiraachuu eegale sirna wajjummaarraa kaasee akka har’aatti seeraafi danbii baasee bulaa akka hinturre ni beekama. Ta’us akka seeraa ta’ee kan tajaajileefi abboomaa ture aadaa hawaasaati.

Durii kaasee sirnoota biroo hordofsiisee har’a guddateefi cimee kanneen dhalli namaa “naaf ta’a” jedheen kanneen akka amantii, qaamolee haqaafi mootummaa wajjin walmaddii deemaa kan ture aadaan abbaa taateewwan hundaa, hangafa waantota maraa ta’uunsaa ifatti mul’atee barsiifatawwan ormaafi waantota kan hawaasaa hintaaneen maqaa “ammayyummaatiin” jijjiiraa dhufaa jira.

Dhalli namaa ibsama kuufama walittidhima beekumsaa, gochaa, amalaafi amantaa ta’uunsaa dhugaadha. Abbaa aangoo waa hunda raawwachuuti. Aadaansaa isa to’ata. Akkuma duudhaa aadaa hawaasichaatti huna raawwachuu, hojjechuu, nyaachuufi dhuguu kan danda’u sirna aadaasaatiini. Yoo kanaa ala ta’e hawaasa abbaa aadichaa ta’e keessaa bahe jechuudha.

Gama kanaan dhalli namaa aadaasaatiin bocameefi guddatee yoo bu’uura aadaasaatiin hinduunellee seeraafi danbiii aadaasaatiin kafanamee awwaalama. Aadaa keessatti haalli jireenya dhala namaa barsiifatoota, duudhaalee, yaadamawwan, amantaawwan, jaarmiyaalee, dhaabbilee, mi’oota tajaajilaa, sirnoota waaqeffannaa, seerotaafi aartii boca. Isaanis aadicha guddisaa tooftaa hawaasawwan kaanitti beeksisuufi hordoftoota horachuu ni uumu.

Waan ta’eefi, saboonniifi sablammoonni biyya keenyaa gaaddisa yaadrimee aadaasaanii jalatti walkabajanii, walittiqabamaniifi waliiyaadanii jiraachuudhaan aadaa guddaa aadaa uumuu kan danda’aniif.

Sabni hundi haala uffannaasaatiin, nyaataasaatiin, faayeffannaasaatiin, ijaarsa manaatiin, sirna da’umsaatiin, adeemsa gaa’elaatiin, bii’ichaatiin, sirna awwaalchaasaatiin, afaansaatiin, afoolawwansaatiin, shubbisaafi ragadaasaatiin, meeshaaleesaa muuziqaafi omishaatiin otoo hinhafne adda adda. Sagaleen /Retime/ meeshaa muuziqaa kamtu kan saba kamii akka ta’e hubatee wajjummaan sirba, ragada, ittigammada. Afaansaa qo’achuudhaan ittiin waliigala; dubbata. Dhama nyaataatiin gammada, ajaa’ibsiifata. Sirna aadaa waliigalteefi wal-utubuun uumeedha malee seerriifi sirni tumee miti.

Tokkummaafi walittihidhamni kun nu, lammiilee Itoophiyaatiif funcaa ta’ee bararraa gara baraatti fulla’ee baroota ittiin ce’eera. Aadaa isa tokkoo kan ofii qofaan otoo hintaane miira “Aadaa kooti” jedhuun oggaa gara fuulduraatti arreedu malee bade ykn quucare hinjiru.

Calaqqeen kun Naannoo Kibbaatti guddateefi ifee mul’achuu qofa miti; balaqqeessa ifasaatiin warri kaan akka ilaalaniif, mil’ataniifi diniifkatanii (ajaa’ibsiifataniif) waamee affeerra. Haala kana oggaa wajjummaafi qeenxeetti ilaalan kan miidhagninnisaa hincooligne, dhamnisaa hinhurkoofne ta’ee argina; aadaadha kaa.

 Saboonniifi sablamoonni biyya keenyaa yeroo aadaasaanii warra kaanitti agarsiisan kan ofiisaanii kan ta’e cidha jijjiirraa baraasaanii, boo’ichaafi kiristinnaarraa kaasee hanga bulchiinsa aadaatti aadaa jedhamee ramadama.

Sirni bulchiinsi aadaa haala waliigalaa sabichaa keessatti gararree ta’ee ummanni ittiin bula; oggaa balleesse ni adabamaan, kan miidhame beenyaa argataan; kan dogoggore ni barataan; kan gaarii hojjetes ni jajamaan. Sirnoota bulchiina aadaa keessaa tokko “Gadaadha”.

Saboota, sablammootaafi ummattoota sadan sirna Gadaaatiin bulan keessaa Oromoo, Sidaamaafi Geede’oon ummattootasaanii kan bulchan heera biyyattii wajjin walsimsiisuun sirna bulchiinsa aadaa, Gadaadhaani.

Sirna bulchiinsa aadaa, Gadaa Geede’oo duraa duubee hedduun aangoo hedduu qaba. Akka sadarkaa aangoosaatti abbaa Gadaa (dursaa Gadaarraa) kaasee hanga waltaasisaa (murraa)tti aangoowwan adda addaa qabatanii hawaasicha hogganu. Saba Geede’oo biratti Gadaan kan moggaafamu gosoota lamaan keessaa jechuunis kanneen Bilbaanaafi Daai’laanaa jedhaman keessaayi.

Gosoonni shanan gojiifi aangoo biraa kan qaban yoo ta’u, Bilbaanaafi Daai’laanaa otoo falmiifi hammeenyi wayiituu ittihinmakamiin waggoota saddeet saddeetiin walharkaa fuudhiinsa baallii (aangoo) raawwatu. Sirni baallii Geede’oo kun ce’umsa dimokraatawaa aangootiif agarsiistuudha.

Mootii hawaasichaati. Akka sirna Geede’ootti Waaqa (Maagenoon) kadhata malee hojii biraa hinqabu. Gadaan of jalatti hordoftoota ykn abbootii aangoo mataasaa qaba. Isaanis, Jaa’ilaabaa, Abbaa Rogaa, Jaalqaabaa, Hulattii Hayichaa, Baaxittii Hayichaa, Dabballeefi Muraa jedhamanii waamamu.

Kanneen irranatti ibsaman seera qaama oliitii darbu akkuma sirna Gadaatti hogganu. Yoo rakkoon jiraates kallattumaan gara Abbaa Gadaatti dabarsu. Waa’ee rakkinichaas ni mari’atu. Asirratti waanti ajaa’ibsiisaan tokko tokko jira. abbootiin aadaa rakkinicha kan furan galmatti ykn hoteelatti miti; ibsama aadichaa kan ta’e mana godoo (soongoo) irratti.

Kan taa’anis soofaa ykn barcumarra otoo hintaane baalli lafa hafamee akkuma sadarkaa aangoosaaniitti walduraa duubaan geengoo hojjetanii taa’uun rakkinicha bu’uurarraa kaasanii ilaaluun furmaata maddisiisu.

Akka sirna sabichaatti Gadaan kan dhugaa dubbatu, murtii sirrii kennu, soba jibbu, kan wallole araarsuufi nageenya ummataafi biyyaatiif kan kadhatu; oggaa beelliifi dhukkubni uumamu tarkaanfachiistota Gadaa walittiqabee Maagenon (Waaqa) kan kadhatu, ummataaf jaalalli, nagaan, fayyinni akka ta’u; bokkaan akka roobu, bunniifi midhaanonni kuun akka ija godhataniif Waaqa kadhata.

Abbaa Gadaan waanuma kamuurraayyuu of eega; warra kaaniif fakkeenya ta’a. Ummata hoggana; kanaanis fakkeenya ta’a. Akka saba Geede’ootti abbaan Gadaa sirna Gadaatiin hanga waggaa saddeetiifi isaa oliif ummata hogganuufi bulchuu danda’a.

Abbaan Gadaa mana boo’ichaa hindeemu; mana cidhaas akkasuma. Yoo maatiisaa keessaa namni du’e gadda hintaa’u; hinboo’u; mana dhugaatii seenee hindhugu; siree namaarra hinciisu; namni isa barbaadu gara abbaa Gadaa dhufa malee inni gara nama isa barbaadee hindhaqu. Yoo barbaachisaa ta’e Gadaa bakka bu’ee kan deemu Abbaa Rogaati.

Sirni Gadaa Geede’oo naannoo bulchiinsaa saditti kan qoodame waan ta’eef abbaa Gadaatti aananii kutaalee bulchiinsaa sadan kan hogganan Roogaawwan ni muudamu; rogaa jechuun aanaa jechuudha. Abbaa Roobaa: Akka saba Geede’ootti shuumii bulchiinsaa/aanaa waan ta’eef ittiwaamamnisaa abbaa Gadaatiifi. Kanaafi, kan isa bakka bu’ee deemuuf.

Jalqaabaa: Abbaa Gadaatti aanee kan jiru/ barreessaa/ bulchaa ittaanaadha. Kanaafuu, sirna Gadaa tarkaanfachiisa. Danbiiwwaniifi qajeelfamoota abbaa Gadaarraa fudhate hordoftootasaatiif dabarsa. Sirni Gadaa seeraafi danbii barreeffameef hinqabu. Hunduu ni fudhata. Nagaa argamsiisa; haqa mirkaneessa; kan balleesse ni adaba; kan dogoggore ittiin sirreeffama. Sirga Gadaatiin kanneen badii raawwatan abbaasaanii aadaa biratti dhiyaachuun dhiifamaafi araara gaafatu; badiisaaniif beenyaa baasanii araaramu.

Jaa’ilaabaa: Gargaaraa roogaati. Ittiwaamamnisaa Rogaadhaafi. Qondaaltota gara gadii jiran yoo hogganu; Hulatii Hayichaa ammoo gosoota torban Geede’oo jechuunis Darashaa Gorgorshaa; Haanumaa, Henbaa’aa Logodaafaa dabalatee ittigaafatamaa tokko qabu. Kunis Hulatii Haayichaa jedhamee wamama.

Baaxiitii Haayichaa: Durataa’aa naannawa ykn ganda tokkooti. Saadarkaa qoodiinsa aangootiin dhiyeenyaan ummata hoggana; qajeelfamoota gubbaadhaa darban hojiirra oolchuudhaan ittigaafatamummaasaa bahata.

Dabaloo: Qajeelfama Baaxiitii Hayichawuun kennamuun yoo hawaasa waltaasisu; Murraan ammoo Baaxii Hayichaafi gargaaraasaa jechuunis Dabaloorraa danbiiwwan, qajeelfamootaafi ajajawwan dabarfamaniif ummata biraan kan ga’u, oggaa rakkooleen uumaman, namni du’u ummanni wajjummaan bahee akka awwaaluuf; yeroo ayyaanotaa ummanni ayyaanicha (kan sirni Gadaa eeyyamu) akka kabaju waamicha dabarsa.

Sirni Gadaa Geede’oo sadarkaalee aangoo kanneeniifi hineeramne kaan qabatee aadaasaa dhalootaa dhalootatti ceessisuuf sirna Gadaa keessatti hojiilee danuun hojjetamaa jiru. Haala yeroon eeyyameen aangoo walharkaa fuudhuu dabalatee daddabarsa muudamaa adda addaa malee sirna Gadaa keessatti ayyaanni Daraaroo ummata Geede’oo biratti ulfinaafi iddoo guddaa qaba.

Keessumaa baatiin Amajjiin saba Geede’ootiif hiika addaa qaba. Ji’ichi sabicha biratti akka jijjiirraa baraattis lakkaa’ama. Kan facaafame, dhaabame ija godhateefi asheetee omishnisaa hammaaramuu kan eegalu ji’uma Amajjii kana keessa.

Akka moggaasa sabichaatti “Daraaroo” jechuun walakkeessa Amajjiitti Odaa Yaa’aatti (Ganda Agamsaa) haala ho’aadhaan waggaa waggaadhaan kan kabajamu yoo ta’u baranas haaluma kanaan kabajameera.

Sabichi waan omishe /biqilcherraa abbaa Gadaatiif ni fida. Buna, damma, garbuu, atara, baaqelaa walumaagalatti manduubeesaatti ilbiisota, ongeefi balaa uumamaa jalaa eegee akka ija godhatu kan taasise Mageenoodhaatii akka abbaan Gadaa galata dhiyeessuufiif abbaa Gadaatiif dhiyeessa.

Abbaa Gadaas waan dhiyaateef ykn walittiqabameef qofaasaa hin nyaatuutii Odaa Yaa’aa, bakka aadaatti kadhannaa gaggeessee Waaqa galateeffatee kan ummata nyaachisuufi komiifi rakkoolee ummataa hordoftootasaa wajjin dhaggeeffatee furmaata kan kennu; buttiin, xinqolaan, matatiin, dirqisiisanii gudeeduufi kittaadhaa ijoollee dubaraa walumaagalatti gochoota barsiifataa miidhoon akka hinbabal’anneef kan itti abaaruufi gorsi itti kennamu dirree aadaa bal’aadha.

Waliigalaan Daraaroon aadaa saba Geede’oo saboota kaan wajjin kan walitti hidhuufi haala waliigalaa sabichasaa kan calaqqisiisu ta’ee waggoota darbaniif kabajamaa jira. Ayyaanicharratti shubbisni aadaa, ragadni, haalli uffannaa, tolfannaan dabbasaa dubartootaa, faayeffannaan addaa kanirraa calaqqisuufi daaw’attoota daran hawwatuudha. Sabicha biratti abbootii guguddoo biratti uleefi eeboon faayawwaniin miidhagfamu.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 4 Bara 2015

Recommended For You