“Hirmaannaa dubartootaa nageenya waaraaf”

Kutaa qophiitiin

Tibbana godinaaleefi bulchiinsota magaalaa adda addaatti konfaransiin nageenyaa dubartoota hirmaachise adeemsifameera. Konfaransicharratti yaadonni gara garaa ka’anii marii bal’aan nageenya biyyaa mirkaneessuurratti xiyyeeffatan ka’aa turaniiru. Konfaransichi dubartoonni haala qabatama biyyaa hubachuun ijaarsa biyyaa keessatti gaheesaanii akka bahataniif kan tumsu ta’uun ibsameera. Kan waltajjiilee muraasaa akka ittaanutti dhiyaateera.

Baale

Ittigaafatamtuun Waajjira Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Godinichaa Aadde Hindiyyaa Huseen konfaransichi dubartoonni haala qabatamaa biyyaarratti hubannoo qabaatanii, hojii nageenyaafi ijaarsa biyyaarratti karaa ijaarameen gahee irraa eegamu akka bahaniif ta’uu himan.

Dubartoonnis nageenyi waaraa akka mirkanaa’uuf manuma ofiirraa eegaluun tokkummaafi badhaadhina biyyaatiif tumsuu akka qaban dhaaman.

Paartii badhaadhina godinichaatti ittigaafatamaan siyaasaa Obbo Seeyfaddiin Hasan gamasaaniitiin nageenya biyyaa mirkaneessufi jijjiirama roga hundaan eegalame ittifufsiisuuf gaheen dubartootaa olaanaa ta’uu himan.

Dubartoonni utubaa nageenyaafi misoomaati kan jedhan Obbo Seeyfaddiin keessattuu, olola yeroo ammaa maqaa amantii daheeffachuun gaggeeffamaa jiru saaxiluu keessatti gaheesaanii akka bahan gaafatan.

Dhabamiinsi nageenyaa adda durummaan kan miidhu dubartootaafi daa’imman ta’uu kan dubbatan hirmaattonni konfaransichaa; hubannoo konfaransii kanaan argatanitti dhimma bahuun nageenyaafi tasgabbii biyyaatiif gahee keenya ni baana jedhan.

Wallagga Lixaa

Waajjira Dhimma Dubartootaafi Daa’imman Godina Wallagga Lixaatti Haati Adeemsa Hojii Jaarmiyaalee Dubartootaa Aadde Misiraachi Jabanaa sanada ka’umsa marii wayita dhiheessan akka jedhanitti, hirmaannaa dubartootaa malee nageenyi mirkanaa’uu waan hindandeenyeef miidhaa koorniyaa giddugaleessa godhatee ka’u hambisuun hirmaannaa qaamolee hundaa ta’uu akka qabus ibsaniiru.

Ittigaafatamtuun Waajjira Dhimma Dubartootaafi Daa’imman Godina Wallagga Lixaa Aadde Tsahaayinash Eebbisaa akka jedhanitti, rakkoon nageenyaa yeroo mudatu dursee adda durummaan kan saaxilamu Dubartoota, Daa’imman,Qaama miidhamtootaafi Maanguddoota waan ta’aniif kana hambisuuf dubartoonni qindoominaan ijaaramanii maatii isaaniirra eegaluun hanga naannoofi biyyasaanii miidhaa irraa walaba godhanitti adda durummaan dhaabbatanii nageenyaafi misooma godinichaa kabachiisuu keessatti gaheesaanii akka bahaniif hubachiisaniiru.

Ittigaafatamaan Siyaasa Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Wallagga Lixaa Obbo Gammachiis Dabalaa dubartoonni gurmaa’insasaanii sadarkaan jiru cimsanii qaamolee nageenyaa hunda waliin qindaa’uun rakkoowwan gama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa furachuu akka qaban himanii gara fuula duraattis dubartootni siyaasa keessatti hidhannoosaanii cimsanii geggeessitoota jijjiiramaatti makamuudhaan manii Badhaadhinaa milkeessuu akka qaban dhaamaniiru.

Horroo Guduruu Wallaggaa

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shaambuutti hirmaattootni waltajjichaa yaada kennaniin; rakkoo nageenyaa mudate keessatti miidhaa guddaan kan irra gahe dubartootaafi daa’imman ta’uu himuun nageenyi bu’uura waan hundaa ta’uu gaaga’ama qaqqaberraa hubannee nagaafi tasgabbiin akka dhufuuf qaamolee nageenyaa waliin qindaa’uun hojjechuun dhimma filannoo hinqabnedha jedhan.

Ittigaafatamtuun Waajjira Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Godinichaa Aadde Badiriyaa Huseen gamasaaniin kaayyoon konfiraansichaa walittidhufnee mari’achuun rakkoo adda baasnee fala kaa’uun nageenya amansiisaa fiduuf ta’uu himuun, dubartootni hirmaannaasaanii gama hundaan cimsuu akka qabanis itti dabaluun dubbataniiru.

 Hogganaan Waajjira Bulchiinsaafi Nageenyaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Obbo Abdiisaa Qana’aa akka jedhanitti, tokkummaan dubartootaa cimee daldala siyaasaa yeroo ammaa gaggeeffamaa jiru fashaleessuun nageenya amansiisaa fiduuf hojjetamuu qaba.

 Bulchaa ittaanaan godinichaa Obbo Darajjee Abarraa qoodni dubartootaa ijaarsa biyyaa keessatti qaban olaanaa ta’uu himuun, daa’imman keessan sirnaan qabdanii jaalala biyyaa barsiisuun dhaloota naamusaafi safuu qabu horachuu qabdu jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 4 Bara 2015

Recommended For You